Galaanni Diimaa maaliif bakka ijoo daldalaafi siyaasaa addunyaa ta'e?
Bara durii eegalee toorri Galaana Diimaa godaansa, daldalaafi duula waraanaaf ulaawwan ijoo ta'uun itti fufaniiru.
Keessumaa boba'aafi wantoota bu'uuraa barbaachisan biroo baay'isanii doonii meeshaa guddaa baatuun geejibsiisuuf toora galaanaa barbaachisaadha.
Akka ragaa Baankii Addunyaafi Dhaabbataa Biyyoota Gamtoomaniitti (UN) shaqaxooti addunyaa 80% ol galaanarra geejibsiifamu.
Sababa kanaan geejibi galaanarraa daldala idil-addunyaaf, gabaatti erguuf, biyyatti galchuufi kaaniif ulaa barbaachisaadha.
Addunyaarratti toorawwan sochii kanaaf mijatoo ta'an keessaa tokko Galaana Diimaadha.
Galaanni Diimaa Afrikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa kan wal qunnamsiisu yoo ta'u daldala addunyaa keessatti toora ijoo akka ta'etti amanama.