Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Dirooniin Yukireen dhukaafte kuusaa boba'aa keenya bobeesse - Raashiyaa

Kuusaan boba’aa Raashiyaa naannawa Sochii jiru boba’aa jira. Aangawoonni raashiyaa kan kana raawwate diroonii Yukireen ergitedha jechuun himataniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Galaanni Diimaa maaliif bakka ijoo daldalaafi siyaasaa addunyaa ta'e?

    Bara durii eegalee toorri Galaana Diimaa godaansa, daldalaafi duula waraanaaf ulaawwan ijoo ta'uun itti fufaniiru.

    Keessumaa boba'aafi wantoota bu'uuraa barbaachisan biroo baay'isanii doonii meeshaa guddaa baatuun geejibsiisuuf toora galaanaa barbaachisaadha.

    Akka ragaa Baankii Addunyaafi Dhaabbataa Biyyoota Gamtoomaniitti (UN) shaqaxooti addunyaa 80% ol galaanarra geejibsiifamu.

    Sababa kanaan geejibi galaanarraa daldala idil-addunyaaf, gabaatti erguuf, biyyatti galchuufi kaaniif ulaa barbaachisaadha.

    Addunyaarratti toorawwan sochii kanaaf mijatoo ta'an keessaa tokko Galaana Diimaadha.

    Galaanni Diimaa Afrikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa kan wal qunnamsiisu yoo ta'u daldala addunyaa keessatti toora ijoo akka ta'etti amanama.

  2. Daawwadhaa: Kirkira lafaa hordofee raafama galaanaa qarqara Jappaanitti uumame

    Kirkira lafaa seenaa keessatti isa baayyee guddaa ta'e Raashiyaatti uumame hordofee, dambaliin galaana darbatamuu qarqara galaanaa biyyoota baayyeetti yaaddoo uume.

    Kan qarqara Jappaan ture viidiyoon waraabame kunooti.

    Daawwdhaa.

  3. Biyyootni Lixaa Filisxeemiif beekamtii kennuu dura maal barbaadu?

    Torbanoota muraasa dura Faransaay Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennitu beeksifte. Kibxata darbe ammoo UKn faana Faransaay hordofuun Filisxeemiin akka biyya walabaatti akka fudhattu beeksifte.

    Ofii beekamtii biyyummaa kennuu jechuun maal jechuudha? Amma dura biyyoota meeqatu Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kenne?

    Addunyaarratti hanga ammaa biyyoonni 140 ifatti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennaniiru.

    Biyyootni Awurooppaa gariiniifi Yunaayitiid Isteets ammoo waraana barootaa Israa'el waliin jiru haala waaraa ta'een goolabuuf yoo gargaara ta'e qof beekamtii kana akka kennan ejjennoo qabatan.

    Ispeen, Ayerlaandiifi Noorweey bara darbe beekamtii biyyummaa Filisxeem mirkaneessaniiru. Kayyoon isaanii waraana Gaazaatti xumura gochuuf dhiibbaa dippiloomasii uuma kan jedhuudha.

  4. Kirkira lafaa Raashiyaatti mudate hordofee dambaliin galaanaa darbatamu qarqara US rukute

    Kirkira lafaa cimaa 8.8 ta'e Raashiyaatti mudate hordofee dambaliin galaanaa darbatamu qarqara galaanaa US rukute. Balaan mudate kun guutummaa Paasfikiirratti biyyoonni akka akeekkachiisa dabarsan godheera.

    Kirkirri lafaa Galoo Kamchaatikaa irratti mudate, seenaa keessatti humna guddaa qabuun isa baayyisee guddaa ta'e jedhamee galmaa'eera.

    Jiraattonni yeroo kirkirri lafaa kun mudatetti wan itti dhaga'ame adda ta'uu ibsu. "Raafama guddaatu mudate, meeshaan mana keessaa ija keenya duratti urgufaman," jechuun BBCtti hime namni tokko waan mudate.

    Bakkeewwan akka Jappaan, Raashiyaa fi Hawaa'ii keessatti argamanitti akeekkachiifni darbeera.

    Jappaan qofa keessatti namoonni miliyoona lama ta'an akka baqatan itti himameera.

    Aanga'oonni Raashiyaa ammoo lolaa galaanni daratamuu hordofee uumame jalaa jiraattota ulaa galaanaa Severoo Kurilsiik baqachiisaniiru.

    BBC Verify viidiyoowwan bakka sanaa argaman xiinxalaa jira.

  5. Ministirri Muummee UK Filisxeemiif beekamtii kennuun Hamaas badhaasuudha - Netaaniyaahu

    UK'n kaleessa Filisxeemiif beekamtii kennuuf murteessuun booda Beenjaamiin Netaaniyaahuun jechoota jajjabaa fayyadamuun ministira mummee Biriiteen miidiyaa hawaasaa irratti qeeqan.

    ''Istaamar shororkeessummaa hamaa Hamaas badhaasuun warreen isaan miidhaman adabu dha.

    ''Biyyi jihaadistii daangaa Israa'el HAR'A yaaddeesuu BORI Biriiteen yaaddeessaa,'' jedhan Ministirri Muummee Israa'el.

    ''Shororkeessaa jihaadistii wajjiin nagaa buusuun yoomiyyuu hin milkaa'u. Si gaddisiisa. Waan tahu miti,'' jedhan.

    Gabaasota kanatti dhihaatan:

  6. Phaaphaasiin Kaatolikii kabajni ilma namaa hubannoo nam-tolchee(AI) irraa eegamuu qaba jedhan

    Phaaphaasiin Kaatolikii Pooppi Liyoo 14ffaa kabajni ilma namaa hubannoo nam-tolchee(AI) irraa eegamuu qaba jedhan.

    Phaaphaasichi hordoftoota amantii kaatolikii miidiyaa hawaasaarra dhiibbaa uuman yeroo addunyaan hubannoo nam-tolcheerraa danqaan itti dhufaa jirutti kabajni namaa tikfamuu qaba jedhan.

    ''Waanti kalaqa ilmoo namaan uumame kabaja namoota kaanii gad xiqqeessuu hin qabu,'' jedhan haasaa Vaatikaanitti taasisaniin.

    Teeknolojiin guddachaa jiru ''namummaa kan fayyadu'' tahuu qaba jedhan. Vaatikaanitti korri dargaggootaa waggaa 25tti al tokko geggeeffamu taa'amaa jira.

    Caamsaa darbe filamuun booda phaaphaasichi waa'ee AI irratti dubbachuun kuni isa boodanaati.

  7. Pireezidantiin Ayivoorii Koost ganna 83tti filannoo marsaa arfaffaaf dorgomuufi

    Pirezidantiin Ayivoorii Koost Alaasaanee Otaaraan ganna 83tti filannoo marsaa arfaffaa Onkololeessa dhufu geggeeffamu irratti nan dorgoma jedhan.

    Pireezidantiin ganna 83 ibsa kennaniin fayyaan isaanii rakkoo akka hin taaneefi kaadhimamuu isaaniif sababiin ''danqaalee nageenyaafi diinagdee adeemaa jiru keessatti tasgabbii biyyaalessaa eegsisuudha,'' jedhan.

    Pirezidantichi heerri haaraa bara 2016 ragga'e marsaa arfaffaaf akka dorgoman akka isaaniif eeyyamu himan.

    Dorgomtoonni biroo baayyee filannoo kanarraa dhorkamuun filannicha akka isaan mo'atan gamanumaa tilmaamamaa jira.

    Pirezidantii biyyatti duraanii Looreent Gibaagboo dabala dorgommii filannoo irraa dhorkamaniiru, qondaalli duraan ministeera turan ammoo Alaasaaneen dorgomuuf murteessuu mormaniiru.

  8. Jaldeessi 12 ajjeefamuun dheekkamsa kaase

    Kibba Jarman magaalaa Nuureembarg, kunuunsa bineensotaa keessatti jaldeessi fayyaa 12 ajjeefamuun bineensoti biroon akka nyaatan godhamuun dheekkamsa kaase.

    Dhaabbatichi garuu sanyiin jaldeessaa Giinii baabuun jedhaman akka malee horraan hir'isuuf akka ajjeese himeera.

    Jaarmiyaaleen mirga bineeldotaaf falman Kibxata kaleessaa kunuunsa bineensotaa Tiergarten Nürnberg jedhamu seenuun murtoo jaldeessota kunneen ajjeesuu morman.

    Dubartiin tokko galma moorichaa duratti harkaan lafa qabattee mormii agarsiisaa turte.

    Akka malee baay'achuun jaldeessota kanaa akka ''wal-lolan'' godheera, iddoo biraa isaan geessuunis hin danda'amne jedhe dhaabbati kunuunsa bineeldotaa kuni.

    Hogganaan Waldaa Eegumsa Bineeldotaa Kirisroof Maayisaak bilisaan akka wal horan gochuun booda ''isaan ajjeesuun'' hir'isuun sababa tahuu akka hin dandeenye himan.

    Dhaabbanni kunuunsa bineeldotaa Nuurembargitti argamu kuni jaldeessota kunneen ajjeesuuf akka karoorse beeksisee akka ture hime.

    Kunis sanyiin jaldeessa kanaa 40 gahuun iddoo kunuunsa jaldeessaa 25f akka tahuuf bara 2009tti ijaarame caalee argame jennaani jedheera.

    Iddoowwan kunuunsaa biroo guutuufi tarkaanfiin to'annoo ulfaa lakkoofsa jaldeessa daalaa jiru to'achuu hin dandeenye jedhe.

  9. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Roobii ganamaa eegale.

    Oduu biyya keessaa fi addunyaa mararraa jala jalaan isin biraan geenya.

    Oduufi xiinxala keenya Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya mil'adhaa, nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  10. Tiraamp US dhimma biyyummaa Filisxeem irratti 'yaada hin qabdu' jedhan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yaada MM UK Kiir Israarmar ibsan irratti deebii kennuun dhagahameera.

    Yeroo ammaa gara UStti imalaa kan jiran Tiraamp, yaada gabaabaa gaaffii fi deebii lamaan isaanii Wiixata kaleessaa al idileen dubbataniin alatti yeroo Istaarmar waliin turanitti dhimma biyyummaa Filisxeem irratti ''gonkumaa hin mari'anne'' jedhan.

    ''Nuti [USn] kana irratti yaada hin qabnu,'' jedhan Tiraamp. "Maallaqa guddaa naannoo sanaaf geessuuf jirra waan ta'eef nyaata ni argatu."

    "Inni [Istaarmar]'s akkasuma," jechuun itti fufan. "Gamtaan Awurooppaa nyaataaf maallaqa ramaduuf jira jedheen yaada. Sirnaan akka raabsamus," abdiin guddaan qaba jedhan.

    Pirezidantiin Ameerikaa biyyummaan Filisxeemiif beekamtii kennuunis ''Hamaas badhaasuu'' wajjin wal fakkaata jedhee amana jedhu. "Akkasumas badhaafamuu qabu natti hin fakkaatu," jechuun dubbatan dabalataan.

  11. Amma nu gahe, Israa'el UKn dhukaasa dhaabuu Gaazaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu miidhaa jiraachuu himatte

    Yaada MM UK Kiir Istaarmar Fulbaana dhufaa keessa haaldureewwan waliin Filisxeem akka biyyatti beekamtii kennuuf dhiyeessan irratti gama Israa'el, addatti Ministira Dhimma Alaa biyyattii irraa deebiin dhagahameera.

    Ibsi gabaabaan Ministirri dhimma alaa Israa'el baasee akkas jedha:

    "Israa'el ibsa Ministirri Mummee Yunaayitid Kingidam kenne ni mormiti."

    "Jijjiiramni ejjennoo mootummaan Ingilizii yeroo ammaa kun, kan sochii Faransaay fi dhiibbaa siyaasaa keessoo hordofuun, gochaa Hamaasiif badhaasa kan ta'eefi tattaaffii dhukaasa dhaabuu Gaazaa galmaan ga'uuf godhamuu fi sochii namoota booji'aman gadhiisuuf taasifamu kan miidhudha."

    Istaarmar murtee dhumaa osoo hin kennin dura qaamoleen lamaanuu tarkaanfiiwwan kana hangam akka guutan UNGA dursee madaaluudhaaf waadaa galuun, kunis qaamn tokko kamiyyuu sagalee olaantummaa akka hin qabaanne mirkaneessuudha jedhe ture ibsa baaseen.

  12. Amma nu gahe, UKn Fulbaana keessa UN irratti Filisxeem akka biyyaattii beekamtii ni kenniti: Istaarmar

    Ministirri Mummee UK Kiir Istaarmar, biyyisaanii Fulbaana dhufu keessa Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNGA) Filisxeem biyya ta'uuf beekamtii ni kenniti jedhan.

    Istaarmar akka barreeffamaan walgahii kaabinee dubbii kanaan dura gaggeesseetti, beekkamtii kennuun kun kan ta'u "yoo mootummaan Israa'el haala suukaneessaa Gaazaa keessaa xumuruuf tarkaanfii qabatamaa hin fudhanne, dhukaasa dhaabuu irraa yoo hin geenye, West Baank keessatti walitti makamuun akka hin jirre ifa yoo godhe, adeemsa nagaa yeroo dheeraa furmaata biyyoota lamaa fiduuf yoo waadaa seenedha" jedhan.

    Akkasumas, Israa'elii fi Hamaas gidduutti wal-qixxummaan akka hin jirree fi UKn Hamaas irratti gaaffii qabdu ammas akka hafu irra deebi'ee ibsuun, namoota booji'aman hunda gadhiisuuf, dhukaasa dhaabuuf mallatteessuu, mootummaa Gaazaa keessatti gahee omaa akka hin qabne fudhachuufi hidhannoo hiikkachuu qaba jedhaniiru.

    Istaarmar murtee dhumaa osoo hin kennin UNGA dura qaamoleen lamaanuu tarkaanfiiwwan kanneen hangam akka guutan akka madaalan waadaa galeera, kunis gama kamiyyuu sagalee sagaleen diiguu (veto) akka hin qabaanne mirkaneessuudha jedha ibsichi.

  13. Jimmatti oggeessi fayyaa reeffarraa warqii baafachuun birri 50,000tti gurgurate hidhaan adabaamee

    Himatamaan oggeessa fayyaa (narsiin) hojjataa Hospitaala Jimmaa ta’e, Yonaataan Damissee dubartii isa biratti yaalamaa turte erga duuteen booda warqii mormasheerraa fudhachuun hidhaan adabamuu Kominikeshiniin Qajeelcha Poolisii Magaala Jimmaa beeksiise.

    Kominikeshiniin Qajeelcha poolisii magaalchaa ibsa miidiyaa hawaasaa irratti har’a baaseen, himatamaan kun ALI gaafa 4/11/2017’tti, nama isa biratti wallaanamaa turte maqaanshee Amiinaa Daawud jedhamtu wayita duutetti nama gargaaruu fakkaachuun reeffarraa warqii fudhate jedheera.

    Oggeessi fayyaa kun warqiin morma reeffa dubartii dute kanarraa baafatees giraama saddet ta’uufi maatiin erga reeffi manatti galeen booda warqicha irraa akka dhabe ibseera.

    Kana hordofuunis maatiin taatee kana poolisiif eeruu kennuudhaan erga qorannoon iratti gaggeeffameen booda, himatamaan warqicha fudhachuufi qarshii 50,00tti gurgurachu amanuu qajeelchi poolisiin ibsa baaseen himeera.

    Galmeen himatamaa qulqullaa’ee mana murtii Magaalaa Jimmaatti dhiyaachuun dhadacha gaafa 18/2017 ooleen ogeessa fayyaa kanatti hidhaan wagga tokkoofi baatii lamaa irratti murtaa’u Kominikeshiiniin Qajeelchi Poolisii Magaalaa Jibbaa ibsa baaseen beeksiiseera.

  14. Amma nu gahe, Gaazaatti namoonni ajjeeffaman 60,000 caalee-Ministeera fayyaa Gaazaa

    Ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu erga Onkololeessa 7 bara 2023 kaasee namoonni Gaazaa keessatti ajjeeffaman 60,034 gahuu beeksiise.

    Baayyiinni namoota miidhaan qaamaa irra gahe ammoo 145,870 gahuu dabaluun himeera.

    Kana malees, sa'aatii darban 24 keessatti qofa namoonni 112 ajjeeffamnii 637 irra ammoo miidhaan qaqabu ministeerichi himuun, akkasumas namoonni dabalataa hedduun jijjiga gamoo jala jiraachuu fi daandii irraa fagee bakka hin dhaqqabamne jedhamee jiraachuu yaadama jedheera.

  15. 'Raashina nurraa kutuu itti fufnaan baqataan walfixuuf deema'- Kakumaatti maaltu mudate?

    Mooraa baqattootaa guddicha kaaba baha Keeniyaatti argamu Kakumaa keessatti sababa gargaarsi adda citeef walitti bu'iinsa uumameen namoonni hedduun miidhamaniiru.

    Walitti bu'iinsa mudate keessa poolisii fi hojjetaan gargaarsa namoomaa miidhamaniiru.

    Mooraa baqattootaa Kakumaatti dura taa'aa hawaasa Oromoo kan ta'an Obbo Haaruun Ibraahim''rakkoon kan uumame baqattoota qoqqooduun kaan gargaaranii kaan ammoo gargaarsa irraa kutuurraati,'' jedhan.

    Qondaalli Damee Tajaajila Baqattootaa BBCtti akka himanitti ''dawoowwan dunkaanaan marfamanii turan,'' kan qabeenya Dhaabbata Nyaataa Addunyaa ta'an sadi abiddaan gubataniiru.

    Dhaabbati Nyaataa Addunyaas ''man-kuusaan isaa kaaba Keeniyaa qubsuma Kalobeeyee keessatti argamu Wiixata (Adoolessa 28, 2025) gubachuu'' mirkaneesseera. Dabalata odeessa kanaa asiin argachuu dandeessu.

  16. Raashiyaan mana hidhaa Yukireen haleeluun namoota 17 ajjeeste

    Haleellaan qilleensaa Raashiyaa kibba baha Yukireeniti mana hidhaa irratti geggeeffame lubbuu namoota 17 galaafatee, kanneen 42 taha ammoo madeessee jedhan qondaaloti Yukireen

    Haleellaan naannoo Zaaporizhizhiyaa raawwate manneen jiran miidheera jedhan hogganaan naannoo Ivaan Feedooroov.

    Humnooti Raashiyaa boombiiwwan humna guddaan dhuka'aan saddeetiin haleellaa kana geggeessan.

    Pireezidantiin Yukiree, Voloodmiir Zeleeniskii haleellaan dhaabbata mana sirreessaa irratti taasifamu ''itti yaadamee, beekaa dha'' jedhan.

    Moskoon dhukaasa dhaabuuf ''waliigaltee gochuu otoo qabduu'' lammiilee Yukireen ajjeesaa jirti jedhan.

    Naannoon Zaaporizhizhiyaa jedhamu erga 2022 as Raashiyaan qabamtus irra caalaa daangaa kanaa garuu Yukireentu to'ata.

    Humnooti Raashiyaa bara 2022 erga Yukireen weerartee irra deddeebiin iddoo kanarra xiyyeeffachuun haleelaa jirti.

  17. Gaazaa keessa 'beela isa dhugaatu jira' - Tiraamp

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun beelli Gaazaa keessa jiraachuu haaluun booda Tiraamp ''beela isa sirriitu jira'' jedhan.

    Netaaniyaahuun isa Israa'el beela Gaazaa keessaa hammeessite jedhame ''soba adii'' jechuu irratti Tiraamp gaafatamnaan ''ani hin beeku...ijoolleen sun waan beela'an fakkaatu... sun beeluma dhugaa dha,'' jedhan.

    Iskootilaanditti Ministira Mummee UK, Keer Istaamar waliin yeroo marii geggeessanitti: ''qaamni kamiyyuu achitti homaa gochaa hin jiru. Iddoon sun babbadeera...Israa'el waan kana karaa biraan akka yaaltu itti himeera,'' jedhan.

    Hoggansi deeggarsa namoomaa UN beela hambisuudhaaf nyaatni ''hamma guddaa'' barbaachisa jechuun booda yaadni Tiraamp kuni dhagahame.

  18. Magaalaa guddoo Chaayinaa Beejingitti namoonni 30 ta'an balaa lolaan du'an

    Roobi hamaa fi balaan lolaa kaaba Chaayinaatti torbee kana keessa mudataa jiru magaalaa guddoo biyyattii Beejing keessatti lubbuu namoota 30 ta'anii galaafateera.

    Aanga'oonni magaalattii balaan lolaa hamaan akka mudatu akeekkachiisa kennaniiru.

    Erga balaan kun eegalee hanga ammaatti namoonni kuma 80 caalan qe'eesaanii keessaa baafamuun bakka biraa qubsiifamaniiru.

    Bara kana qofa Chaayinaan balaa uumamaan doolaara biiliyoona 7.5 dhabdeetti.

    Kana keessaa balaan lolaa dhibbeentaa 90 gumaacha jedha Ministeerri To'annoo Balaa Tasaa biyyattii.

    Barana waqtiin roobaa biyyattii keessatti dafee waan seeneef Waxabajjii gara jalqabaa balaan lolaa fi sigiga lafaa balaa guddaa uumeera.

    Isa dura Amajjii keessa kirkirri lafaa Tibeet keessatti mudate namoota 120 caalan galaafate.

    Bara kana lammiilee biyyattii balaa uumamaan miidhaman miiliyoona 23 keessaa kuma 600 fi kuma 20 kan ta'an bakka biraa qubsiifamaniiru.

    Balaan lolaa Beejiingi kan ammaa kunis rakkoo guddaa uumaa jira.

    Kutaalee Chaayinaa keessatti ammallee rooba guddaatu eegama.

  19. Wallagga Bahaatti barsiisaan hoolaa hatuun hidhaan adabamuun gabaafame

    Godina Wallagga Bahaa Aanaa Bonayyaa Bosheetti barsiisaan hoolaa hatuun shakkaman hidhaan adabaman.

    Namni maqaan isaanii Phaawuloos Mokonniin jedhaman ALI Waxabajjii 24, 2017 magaalaa Billoo bakka hoolonni dheedaa jirtuutii hatuun shakkaman.

    Akka Kominikeeshiniin magaalichaa gabaasetti, sababi hanna kanaa ''Badhaadhina isaaf hin mallee argachuuf jecha'' dha.

    Akka gabaafametti taanaan, shakkamaan hoolaa haadhoo obbo Usmaan Kadiroo birrii 6,000’tti tilmaamamtu birrii 4,500’ttii nama biraatti gurguran.

    Waa'ee himannaa kanaa waan himatamaan jedhe hin gabaafamne.

    Manni Murtii Aanaa Bonayyaa Boshee dhaddacha Adoolessa 18 ooleen himatamaa hidhaa waggaa 1 fi ji’a saddeet adabuu kominikeeshiniin magaalichaa gabaaseera.

  20. Tiyooriin 'madman' Tiraamp addunyaa ittiin gaggeessaa jiran maali?

    Ji'a darbe wayita Israa'elifi Iraan wal waraanan Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Israa'eliin deeggaranii Iraan yoo haleeluuf yaada qaban gaafataman.

    Tiraamp ''gochuu nan danda'a. Gochuu dhiisuus nan danda'a. Wantan gochuuf adeemu eenyuyyuu hin beeku'' jechuun deebisan.

    Ergasii Iraan marii US waliin eegalte akka itti fuftu yeroo torban lamaa kennuuf waliigaluu addunyaan gabaase. Sa'aatiiwwan gidduutti garuu Iraanirratti boombii roobsan.

    Waayee Tiraamp ilaalchisee yaadoota adeeman hedduu keessaa tokko waayee ejjennoo beekamu qabaachuu isaaniiti.

    Kan hedduun irratti waliigalan ammoo waayee Tiraamp wanti amantaa irraa qabaachuun danda'amu kan hin amanamne ta'uudha. Yaada isaanii jijjiiru, ejjennoo walfakkaataa hin tarkaanfachiisan.