'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp yaalii ajjeechaa halkan Sambataa hiriira Pensilvaaniyaa keessatti irratti gaggeeffame tureen silaa ''du'een turee'' jedhan.
Guduunfaa
- 'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp
- Namichi qophii Tiraamp irratti maatii oolchuuf ajjeeffame 'goota' jedhame
- Meeshaan Tiraampitti dhukaafame kan akkamiiti? Ajjeesuu ni danda'a?
- Aadde Melaaniyaan namicha Tiraampitti dhukaaseen 'bulguu' jedhan
- 'Meeshaaleen shakkisiisoo' konkolaataa keessa argaman
- Tiraamp Waaqa 'isa hin yaadamne' hambise galateeffatan
- Dargaggoon Tiraampitti dhukaase jedhame nama akkamiiti?
- Waa'ee nama Tiraampitti dhukaase jedhame maal beekna?
- MM Abiy yaalii ajjeechaa Tirampirratti raawwateen ''baay'ee rifatan'
- Pirezidantii duraanii US, Tiraamp, irratti yaaliin ajjeechaa raawwatame
- Haleellaa Israa'eliin namoonni 90 Gaazaatti ajjeefaman - Hamaas
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Pirezidaantiin Somaaliyaa daawwannaa hojiif Asmaraa galan

Madda suuraa, Yemane G. Meskel
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif magaala guddoo Ertiraa Asmaraa galan.
Ministiirri Infoormeeshinii Ertiraa Yamaana Gabramasqal fuula miidiyaa hawaa X isaanii gubbaatti akka barreessanitti, Pirezidaant Hasan Sheeek Mohaammad daawwannaa hojiif Asmaraatti imalan.
"Pirezidaantiin Federaala Riippaabilika Somaaliyaa kabajamoo Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif [har'a] gara guyyaa walakkaa Asmaaraa seenaniiru," jechuun Wiixata har'aa Adooleessa 8, 2024 barreessan.
Yeroo buufata xayyaara Asmaraa gahanittis pirezidaantii biyyattii Isaayas Afawarqiin simannaa hoo'aa akka godhaniifis barreessan Obbo Yamaanaa Gabramasqal.
Akka isaan jedhanitti, gaggeessitoonni lamaan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsan irratti ni mariyatu.
Dhuma torbee darbee ammoo Itoophiyaafi Somaaliyaan jaarsummaa Turkiitin muddama gidduu isaanii jiru furuuf fedhii akka qaban ibsa walootiin beeksisanii turan.
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad garuu "Itoophiyaan muddama jiru mariidhaan furuudhaaf qophii miti' jechuun himachuunsaanii ni yaadatama.
Haleellaa Raashiyaan magaalota Yukireen irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 31 du'aniiru

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Hojjettoonni hospitaala daa'immanii Okhmadyt haleellaa booda caccabaa baasaa turan. Raashiyaan magaalota guutuu Yukireen irratti haleellaa misaa’elaa guddaa erga banteen booda yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeefamaniiru jedha qondaaltonni.
Magaalaa guddoo Kiiv keessatti haleellaa gaggeffameen yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefamaniiru.
Akka kantiibaan magaalattii jedhutti, hospitaalli daa'immanii tokko misaa'elaan rukutamee daa’imman keessaa baafamaa jiran.
Hogganaan bulchiinsa waraanaa magaalaa Giddugaleessa Yukireen Kryvyi Rih yoo xiqqaate namoonni 10 achitti ajjeefamuu fi namoonni sadii baha magaalaa Pokrovsk keessatti ajjeefamuu hima.
Poolaandi daawwachuuf kan jiran Pirezidaantiin Yukireen Voloodimir Zeleniskiin, Raashiyaan misaa’ela gara 40 ta’u guutuu biyyattiitti dhukaasuu dubbatan.
Moskoon hanga ammaatti haleellaa kana ilaalchisee yaada kan hin kennine, ta’us, kanaan dura waraanni ishee bu’uuraalee misoomaa siiviilii irratti akka hin xiyyeeffanne cimsitee dubbatteetti.
Indiyaatti sagantaa amantiirratti namoonni heddu du'uu hordofee qindessan sagantichaa poolisiitti harka laate

Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin namoota balaa kanaan miidhamanii hospitaala Hathras, Uttar Pradesh keessatti argamuun alatti gaddan Qindeessaan olaanaa walga'ii amantii kaaba Indiyaatti lubbuu namoota 121 galaafatee poolisiitti harka kennachuu abukaatoon isaa dubbata.
Taatee torban darbe kutaa biyyaa Uttar Pradesh keessatti mudate balaa waggoota kurnan oliif biyyattii keessatti lubbuu namaa galaafate keessaa isa tokkodha.
Namoonni ajjeefaman irra caalan dubartootaa fi daa'imman walga'ii amantii Hinduu satsang jedhamtu irratti hirmaatan turan.
Xumura sagantichaa irratti namoonni hedduun eebba isaa barbaaduuf gara lallabaa fiigaa turan. Achiis jeequmsi uumame.
Kamisa darbe poolisiin namoota saganticha qopheessan keessaa tokko jaha to'annaa jala oolchuu isaanii ibseera.
Sagantichaaf hayyamni namoota kuma 80 kennamus, kanneen hirmaatan gara kuma 250 ta'uu dubbata poolisiin.
Shugguxiin Naappoliyoon caalbaasiidhaan Yuuroo mil. 1.69'n gurgurame

Madda suuraa, Osenat auction house
Shugguxiin lama kan mootii Faransaay Naapooliyoon Boonapaartiin yeroo tokko ittiin of ajjeesuu yaade caalbaasii irratti Yuuroo miiliyoona 1.69'n gurguramaniiru.
Meeshaaleen waraanaa Luwiis-Maariin Goseetiin hojjetame kun, Yuuroo miiliyoona 1.2 hanga Yuuroo miiliyoona 1.5 akka baasu eegamaa ture.
Dilbata mana caalbaasii masaraa Fontainebleau bakka Naappoliyoon bara 1814 aangoo gadhiisuu isaa hordofee of ajjeessuuf yaale cinatti gurguramaniiru.
Gurgurtaan shugguxiitii kanaa kan raawwatame erga ministeerri aadaa Faransaay qabeenya biyyaalessaatti ramadee alatti erguu dhorkee boodadha.
Qawween kun warqee fi meetii kan dibame yoo ta'u, fakkii Naappoliyoon kan bocame of keessaa qaba.
Naappoliyoon Ebla 12,1814 erga waraanni isaa humnoota biyya alaatiin mo’amuun aangoo dhiisuu qaba jedhame, isaanitti fayyadamee of ajjeesuu barbaade jedhan.
Haa ta'u malee, qondaalli isaa Armand de Caulaincourt rasaasa qawwee keessaa baasee, Naappoliyoon summii fudhatee garuu lubbuun hafe.
Boodarra shugguxiitii kana Caulaincourt'f kenne, innis mootii itti aanutti dabarseera.
Yaadannoowwan Naapooliyoon baay'ee barbaadamu. Baarmexaasaa tokko Sadaasa keessa Yuuroo miiliyoona 1.9n gurgurame.
Barattoonni kutaa 12ffaa qormaataaf gara yunivarsiitii seenaa jiru

Madda suuraa, FBC
Ibsa waa'ee suuraa, Qormaatni kutaa 12ffaa ALI Adoolessa 03, 2016 eegalee kennama Barattoonni qormaata kutaa 12ffaa qoraman yunivarsitiiwwan ramadamanitti seenaa jiru.
Yunivarsitiileenis barattoota simachuu eegaluu ibsaa jiru.
Barattoonni waraqaafi onlaayiniidhaan qormaata kan qoraman ta’a.
Hanna qormaataa ittisuuf jecha waggaa lama dura eegalee barattoonni yunivarsitiitti qoramaa jiru.
Qormaatni kutaa 12ffaa ALI Adoolessa 03, 2016 eegalee gaggeeffama.
Kana dura si'a lamaaf qabxiin qormaataa xiqqaachuun yaaddoo uumuun isaa ni yaadatama.
Miseensonni paartii Demokiraatikii egeree Baayidanirratti wal falman

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Baayidan osoo gaaffiin irratti ka'aa jiruus duula itti fufaniiru Pirezidantiin US Joo Baayidan marsaa biraaf paartii isaanii Demokiraatik bakka bu’uun Tiraamp morkachuuf yaaliin taasisan ammallee itti fufeera.
Baayidan torban darbe falmii kallattii adda kutuun isaanii ga’umsa qaamaafi sammuu isaaniirratti gaaffii jabaa kaaseera.
Osoo kuni ta’a jiruus Baayidan duula garagaraa lamarratti hirmaataniiru.
Dilbata kaleessaa miseensonni paartii isaanii Baayidan dorgommii pirezidantummaa US keessaa baasuun fufuun faayidaafi balaa inni qabuurratti falmii gaggeessaniiru.
Falmii kana paartii keessa hooggansa kan qaban Hakiim Jeeferiis miseensota paartii Demokiraatikii mana maree keessa teessuma qaban waliin taasifame.
Kanneen falmiicharra turan keessaa afur Baayidan dorgommii keessaa bahuu qabu jedhan, akka US’tti michuu BBC kan ta’e CBS gabaasetti.
Akka maddeen jedhanitti yoo xiqqaate sadii biroo immoo Baayidanirraa yaaddoo qabu.
Baayidan dorgommii keessa tursuun gaariimoo badaadha yaada jedhuurratti paartii Demookiraatik keessatti maqaa guddaa kan qaban yaada isaanii ibsaniiru.
Muraasni yoo Baayidan dorgommi itti fufan paartiin isaanii akka mo’amuuf deemu dubbatan, kaanimmoo nama kaan bakka buusun rakkoo biraas fiduu mala jedhan.
Ashamaa!
Attam jirtu?
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.
Dhimmoota biyya keessaafi alaa ijoo ta'an tamsaasa kallattii kanarraa argattu.
Waan nu hordoftaniif galatoomaa!
Lafa nagaa oolaa!
