Qondaalonni nageenyaa federaalaa sababa Tiraampitti dargaggoon kuni
dhukaase hin ibsine.
Ammoo ‘’yaalii ajjeechaati’’ jechuun ibsaniiru.
Gama kaaniin konkolaataa dargaggeessa kana keessaa meshaaleen dhodhootuu
argamuullee miidiyaaleen US gabaasaa jiru
Madda suuraa, CBS
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan nama Tiraampitti dhukaase, Tomaas Kiruukis, yeroo ganna 20 ta'e mana barumsaaf ka'e keessaa CBS argate baaseera
Amma nu gahe, 'Meeshaaleen shakkisiisoo' konkolaataa keessa argaman
US'tti michuu
BBC kan ta’e CBS humnoota nageenyaarraa mirkaneessetti ‘’meeshaaleen
shakkisiisoo’’ ta'an konkolaataa nama Tiraampitti dhukaase keessaa argameera.
''Waanti hin yaadamne akka hin taane kan hambise Waaqa jedhan. Waan sodaannu hin qabnu, hamaa fuulduratti amantiifi diddaa keenyatti cichina,'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti maxxansan.
Dureewwan biyyoota adda addaa haleellaa kana kan balaaleeffatan yoo ta'u poolisiin US nama eenyummaa nama Tiraampitti dhukaasuun shakkame adda baasuu beeksiseera.