'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp yaalii ajjeechaa halkan Sambataa hiriira Pensilvaaniyaa keessatti irratti gaggeeffame tureen silaa ''du'een turee'' jedhan.

Guduunfaa

  • 'Carraan ykn eeyyama Waaqaanan du'arraa oole'- Tiraamp
  • Namichi qophii Tiraamp irratti maatii oolchuuf ajjeeffame 'goota' jedhame
  • Meeshaan Tiraampitti dhukaafame kan akkamiiti? Ajjeesuu ni danda'a?
  • Aadde Melaaniyaan namicha Tiraampitti dhukaaseen 'bulguu' jedhan
  • 'Meeshaaleen shakkisiisoo' konkolaataa keessa argaman
  • Tiraamp Waaqa 'isa hin yaadamne' hambise galateeffatan
  • Dargaggoon Tiraampitti dhukaase jedhame nama akkamiiti?
  • Waa'ee nama Tiraampitti dhukaase jedhame maal beekna?
  • MM Abiy yaalii ajjeechaa Tirampirratti raawwateen ''baay'ee rifatan'
  • Pirezidantii duraanii US, Tiraamp, irratti yaaliin ajjeechaa raawwatame
  • Haleellaa Israa'eliin namoonni 90 Gaazaatti ajjeefaman - Hamaas

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waa'ee nama Tiraampitti dhukaase jedhame maal beekna?

    Biiroon Qorannoo Poolisii US (FBI) jedhamuun waamamu akka jedheetti, namichi Tiraampitti dhukaasuun shakkame Tomaas Maatiw Kiruukis jedhama jechuun ifa godheera.

    Wanti hanga yoonaa waa'ee isaa beeknu kanadha:

    • Tomaas Maatiw Kiruukis ganna 20 dha
    • Achuma Peniselveniyaa bakka Beetel Paark jedhamuuti dhufe
    • Namichi qawwee baate kuni eegdota Tiraampiin ajjeefameera.

    FBI nama shakkame kana dafanii maqaa isaa ifa hin goone, hanga qorannoo qaccee sanyii taasisanitti eegan.

    Ibsi FBI baase qorannoon itti fufuu agarsiisa.

  2. Naayijeeriyaatti manni barnootaa jigee daa'imman 22 du'an

    Nammeen barnootaa jijjigee

    Madda suuraa, Getty Images

    Naayijeeriyaa kutaa giddugaleessaa bulchiinsa Pilaatuutti gamoon mana barumsaa jigee, daa’imman 22 yoo du’an, yoo xiqqaate 132 kan ta'an madaa’uu qondaaltonni naannichaa himan.

    Magaalaa guddoo kutaa naannichaa kan taate Jos keessatti kan argamu mana barnootaa Saint Academy'tti Jimaata ganama osoo barattoonni daree keessa jiranii ture kan irratti jige.

    Ijoollee hedduunis jijjigaa gamoo jalatti danqaman. Tola ooltonnis konkolaataa ittiin lafa qotan, burruusaafi harkasaanii qullaa fayyadamuun jijjigaa konkiriitii fi sibiilaa qaxxaamuree cabsanii namoota keessatti danqaman hedduu bira gahuun baraaran.

    Poolisiin gaazexeessitootaaf akka himeetti, taatee kanaan yoo xiqqaate daa’imman 22 kan du’an yoo ta’u, kanneen biroo hedduun hospitaalota naannoo sanaa keessatti yaalamaa jiru.

    Manni barumsichaas barattoota kuma tokkoo ol qaba jedhamee amanama.

    Jiraataan naannichaa, Abeel Fundaayi ilmi hiriyyaasaanii ajjeefamuu BBC'tti himuun, ''haalli balaa kanaa sodaachisaadha'' jechuun ibsan.

    Mootummaan naannichaas qorannoon gaggeeffamaa akka jiru ibsuun, manni barumsichaa ''caasaa dadhabaa fi kan bakka nageenya hin qabne naannoo qarqara lagaatti ijaarame'' ta'uu isaa kaasan.

    Itti dabaluunis, manneen barnootaa biroo ''yaaddoo caasaa qaban'' hatattamaan akka cufaman gorsa dabarsaniiru.

    Akkasumas hospitaalonni Joos keessatti argaman hundi ''sanada ykn kaffaltii osoo hin gaafatiin'' namoota miidhaman kanneen yaaluuf dursa akka kennan gaafataniiru.

    Jiraattonni akka jedhanitti, gamoon mana barnootaa kunis kan jige rooba cimaa guyyoota sadiif naannichatti roobeen boodadha.

  3. Keeniyaatti reeffi dubartootaa ciccitee qalqalloon gatame balfa keessaa baafame

  4. Baayidan yaalii ''dhukkubsataa'' Tiraamp irratti aggaamame balaaleeffatan

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidanti Joo Baayidan yaalii ajjeechaa Doolaand Tiraamp irratti raawwatame balaaleeffachuun, lammiileen Ameerikaa hundi hokkora ''dhukkubbii'' akkasii akka balaaleeffatan gaafatan.

    Pirezidantiin Ameerikaa hiriira Baatlar, Pensilvaaniyaa keessatti geggeeffame irratti, battala namni qawwee hidhate tokko Tiraampiin gurrasaaniirra rasaasaan rukutee, namoota walitti qabaman keessaa tokko ajjeesuun, erga namoota lama madeessee booda, sa’aatii muraasa keessatti tokkummaa ummataatiif waamicha dhiheessan.

    Namni qawwee hidhate kun eegdota pirezidantichaan rasaasaan rukutamee ajjeefame.

    Ibsa battala haleellaa raawwatameen booda sa'aatii tokko keessatti kennaniin, Baayiden "Ameerikaa keessatti waan akkanaatiif bakki hin jiru. Akka saba tokkootti tokkoomnee balaaleffachuu qabna. Kun dhukkubadha, dhukkubadha" jedhan.

    Haleellaan kun kan raawwatame yeroo dorgommiin filannoo ho'aa qaamolee lamaan gidduutti cimeettidha.

    Adda tokkummaa agarsiisuuf kan barbaadan Aab Baayiden, yaada karaa televijiinii manasaanii Delaware irraa kennaniin, taatee jeequmsaa Batilar keessatti mul'ate kana ''namni hundinuu balaaleeffachuu qaba'' jedhan.

    "Kun akka ta'u hayyamuu hin dandeenyu. Akkas ta'uu hin dandeenyus. Kanaaf dhiifama gochuu hin dandeenyu," jedhan itti dabalanii.

    "Nageenyaa fi haala gaariirra jiraachuu isaa dhaga'uu kootti gammadeera. Isaa fi maatii isaa fi namoota duula sana irratti hirmaatan hundaaf kadhachaa jira. Aniifi Jiil [Baayiden] eegdota bakka nageenyaa isa geessuutti galata guddaa qabna" jedheera. "

    Boodarra ammoo Aab Baayiden morkataa isaanii filannoo Rippabilikaanotaa erga hospitaala gadhiisanii booda bilbilaan kan dubbisusaanii Waayit Haawus kan beeksise yoo ta’u, hoggantoonni duula filannoo Baayidan ammoo yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti godhame hordofuun beeksisawwan televijiinii saffisaan kaasaa akka jiran himaniiru.

  5. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Yaalii ajjeechaa Pirezidantii US ta'uf kan dorgomaa jiran pirezidantii duraanii Tiraamp irratti gaheefi kaan jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  6. Prof. Birhaanuun waa’ee on laayiniin qoramuu maal jedhan?

    Birhaanuu Neggaa (Prof.)

    Barattoonni kutaa 12ffaa keessumaa muummee saayinsii hawaasaa guyyaa Roobii eegalee qormaata seensa yunivarsitii qoramaa jiru.

    Baranammoo yeroo jalqabaaf qormaata waraqaan kennamuun ala gama onlaayiniinis qormaanni kennamuu eegaleera. Gama onlaayinii qormaata kennuun bu’aa lama qaba jechuun himan Ministirri Barnootaa Pirof Birhaanu Naggaa.

    ‘’Tokkoffaa qabeenya qabnu sirnaan akka fayyadamnu, … ijoollee keenya sirriitti barsiisuuf, madaallii ga’umsa qabu kennuuf ni gargaara,’’ jedhan. ‘’Qormaata kana yunivarsitiilee keessa kennuun birrii biiliyoona tokko hanga lama ani baafna,’’ jechuun miidiyaa biyyaalessaa EBC’tti dubbatan.

    Fuula duratti barattoonni guutummaa guututti onlaayiniidhaan akka qoraman yaadameera. Kunis, ‘’hanna qormaataa hambisuun ala qulqullina barnootaaf gahee ofii gumaata,’’ jechuu isaanii Ministeerri Barnootaa ibseera.

    Dabalataan baasii to’annoofi maxxansa qormaataa, geejiba, nageenya tiksuufi kaaniif bahu akka xiqqeessuullee ibsan. Mootummaan Itoophiyaa adeemsi kuni qulqullina barnootaa irratti bu’aa ni buusa jechuun amana.

    Waggoota lama dura eegalee hanna qormaata hammaate hambisuuf barattoonni manneen barnootaa osoo hin taane yunivarsitii keessatti qoramuu eegalaniiru.

    Ta’us, hamma barattoota qoraman keessaa 3% qofatu darbe. Qabxiin gad-aanaa galmaa’es rifaatuu uumeera. Tarkaanfiin kuni ‚‘sadarkaa barataan irra jiru’ hubachuuf akka gargaare kan himan angawoonni, barattoota garuu dammaqsuu himu.

    Barattoonni qo’ataniifi maatiin ijoolleen isaanii akka qo’atan nama qacaran dabaleera jechuun Pirof. Birhanuu torban kana parlaamaatti dubbatan. ‘’Kuni jijjiirama guddaadha’’ jechuunis ibsan. Barana barattoonni 700,000 ol qormaata kutaa 12ffaa akka qoraman Ministeerri Barnootaa ibseera.

  7. Ajajaan waliigalaa Poolisii Keeniyaa aangoo gadhiisan

    Yaafet Koomee

    Madda suuraa, The Star

    Mormii dargaggootni biyyattii gaggeessan irratti namootni 40 ajjeefamuu hordofee ajajaa waliigalaa poolisii Keeniyaa kan ta'an Yaafet Koomee aangoo gadhiisuu beeksisan.

    Dhaabbileen mirga namoomaaf falman humnootni nageenyaa namoota hiriira mormiif bahanitti dhukaasaniiru jedhan.

    Kanneen seeraan ala butamanii fi hidhaman akka jiranis ibsaniiru. Mormicha irratti namoonni 40 ol ajjeefamanii kanneen madaa’anis akka jiran himan. Mormiin Keeniyaa kun kan jalqabe mootummaan wixinee daballii gibiraa raggaasisuuf yeroo dhiyyeessetti ture.

    Manni maree biyyichaa wixinicha dabarsus pirezidaanti Ruutoon garuu deebisanii kuffiisan. Kunis dargaggoota dheekkamuun daandiitti bahan garaa hin geenye.

    Malaammaltummaa fi qaala’insi jireenyaa dubbii ijoo biraati. Kaleessa ammoo ‘’uummata keenya dhaggeeffannee deebii kennuun dirqama waan taheef’’ tarkaanfii kana fudhanne jechuun Ruutoon kaabinoota isaanii hunda hojiirraa gaggeessan.

    Itti aanaa pirezidaantii fi ministira dhimma alaa qofatu hafe. Mootummaa ‘’hunda galeessan’ hundeessa jedhaniiru.

  8. Mana hidhaa guddaa Niijeer keessaa jihaadistoonni heddu miliqanii bahan

    Mana hidhaa

    Madda suuraa, AFP

    Mana hidhaa beekamaa Niijer miseensonni hidhattoota jihaadistootaa itti hidhaman keessaa hidhamtoonni heddu miliqanii bahan.

    Manni hidhaa kub bulchiinsa Tilaabeerii jedhamtu keessatti kan argamu yoo ta'u, hidhamtoonni heddu mana hidhaatii miliquu hordofee uggurri sa'aatii deemsaa naannichatti labsamee jira.

    Manni hidhaa kun Nijeer keessatti bakka eegumsi guddaan itti godhamuufi miseensonni hidhattoota jihaadistii ta'anii keessatti hidhamaniidha.

    Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Nijeer akka beeksisetti, hidhamtoonni kun mana hidhaatii kan miliqan Kamisa halkani.

    Kanaan duras bara 2016fi 2019tti hidhamtoonni miliquuf yaalii godhanii osoo hin milkaa'in hafan.

    Bara darbe Nijeer keessatti humni waraanaa fonqolcha gaggeessun aangoo kan qabate yoo ta'u, amma biyyattiin mootummaa waraanatiin bulti.

    Keessumaa lixa biyyattii keessatti hidhattoonni jihaadistii irra deddeebin haleellaa gaggeessun beekamu.

    Mootummaan biyyattii lakkoofsa hidhamtoota miliqanii ifa hin goone. Haa ta'u garuu, kanneen miliqan keessaa hidhattoonni jihaadistii al-Qaayidaafi garee ISIS waliin hidhata qaban keessatti argamuub akka hin oolletu himama.

  9. Chaayinaan 'himannaa' Naton Raashiyaa deeggarti jedheef deebii kennite

    Mr Wang galmeerraa

    Madda suuraa, AFP

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa, Waang Yii, ''himata bu'uura hin qabne'' Nato'n Beejiing waraana Yukireen irratti Raashiyaa gargaaraa jirti jechuun dhiheesse irratti deebii kennan.

    Akkasumas gamtaan warra Lixaa kun waldhabdee akka hin kakaasne akeekkachiisaniiru.

    Chaayinaan Raashiyaadhaaf ''deeggarsa guddaa bu'uura industirii ittisa guddaa" taasiftiif jechuudhaan yaada ciccimoo hanga ammaatti waa'ee Beejiing irratti dubbatan tokko tokko keessatti himatan.

    Akkasumas Chaayinaan yaalii waraana keessatti ''deeggarsi meeshaa fi siyaasaa hunda'' akka dhaabduuf gaafatanii ture.

    Kanaan duras biyyoonni lixaa Beejiing teknooloojii diroonii fi misaa'elaa akkasumas suuraa saatalaayitii gara Moskootti dabarsuun himatanii ture.

    US meeshaaleen maashinii gara %70 fi maaykiroo elektirooniksii Raashiyaan amma galchaa jirtu keessaa garri %70 kan Chaayinaa irraa galfamu akka ta'e tilmaamti.

    Beejiing akkasumas ''odeeffannoo sobaa dabalatee hojiiwwan hamaa saayibarii fi wal dhawaa'' raawwachuu biyyoota Naatoo irratti himatamte.

  10. Mucaan waggaa tokkoo guyyootaaf barbaadamaa ture qarqara daandiitti argame

    Daandii guddaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerika bulchiinsa Luuwiiziiyaanaatti mucaan waggaa tokkoo badee guyyotaaf barbaadamaa ture qarqara daandii guuddattu osoo marga keessa osoo daa'imuu argamun ibsame.

    Daa'imti dhalattuun guyyoota lamaaf osoo nyaataafi bishan hin argatiin ture kunis, konkolaachisaa konkolaataa fe'umsaa tokkoon osoo marga keessa daa'imu argame.

    Qondaalli polisii Gaarii Giiloorii, ''daa'imni kun osoo nyaataafi bishaan hin dhugiin manaa bahee qofaasaa ala lubbuun turuunsaa kun dinqiidha'' jechuun BBCtti himan.

    Poolisiin daa'ima kana barbaacha kan eegale erga obbooleessi angafa daa'ima kanaa kan waggaa afur bakka bishaaniin guutame tokko keessatti du'ee argameen boodha.

    Mucaan waggaa afur du'uufi macaan waggaa tokkoo ammoo bakka buteensaa dhabamun lammiileen biyyattii hedduu naasisee ture.

    Daa'imman lamaan baduu hordofees haatii ijoollee Aliiyaah Jaak to'annoo jala oolfamtee jirti.

    Jaak yeroo ammaa kanattis mana hidhaa Miiniisiippii keessatti kan argamtu yoo ta'u, daa'immaan badan ilaalchisee gabaasa taasisuu dhiisuu isheetti Luwiiziiyaanaatti dabarfamte kennamuun dhimmishee akka ilaalamu eegataa jirti.

    Kana malees, galmeen himannaa irratti banamuu akka danda'u poolisiin beeksiiseera.

    Daa'imni osoo waan yaatuufi dhugu hin argatiin guyyaa lamaaf ture kunis erga hospitaalaatti geeffameen booda guyyaa Roobii tajaajila eegumsa daa'imaniitti akka makamu ta'eera.

    ''Mucaa ajaa'ibaa jennee isa waamna'' jedhan qondaalli poolisii.

    “Qaamasaa mara irratti ilbiisootaan ciniinamulleen, haala gaarii irratti argama'' jedhan. Haalli qilleensaa akka isaan gargaare poolisiin dubbataniiru.

  11. Barataa kutaa 12 si'a lama qorame amma gosa barnootaa 52n A+ fiduudhaan waancaa gonfate

  12. Tiktookarri Ugaandaa pirezidaantii biyyattii arrabsinaan hidhaan itti murame

    Pirezidaantii Yuweerii Museveenii

    Madda suuraa, AFP

    Manni murtii Yugaandaa dargaggoo ganna 24 Tiktooki irratti pirezidaant Yuwerii Museveenii arrabse hidhaa itti mure.

    Dargaggoo Edaward Awebwa haasaa jibbiinsaafi waa'ee pirezidaanti haasaa dhugaarraa fagaate odeesse jechuuni himanni kan irratti baname.

    Pirezidaantii qofa osoo hin taane irratti haadha warraasaanif ilma pirezidaantii Muhoozi Kainerugaba arrabseera jedhameeti kan hidhame.

    Dargaggoon kun mana murtiitti dhiyaatee balleessa hojjachuu amanuun dhiifama gaafatee ture jedhame. Abbaan murtii garuu dargaggeessi kun dhiiifama gaafatus fuulasaarraa mallattoon gaabbii hin mul'atu, jechoonni inni ittiin pirezidaantii Yugaandaafi maatiisaani arrabse "fokkisaadha" jechuun hidhaa itti mure.

    "Namni himatame kun adabbiin ni malaaf; kunis dogoggorasaa darberraa baratee gara fuulduraatti pirezidaantii biyyaa akka kabaju barsiisa," jedhan abbaan murtii.

    Kanaanis hidhaan waggaa jahaa itti murtaa'ee jira. Kanneen biyyattii keessatti mirga namaaf falman ammoo murteen dargaggoo kanarratti darbe mirga yaada ofii ibsachuu kan sarbu akka ta'e komii qaban ibsan.

  13. Baadiyyaa ka'uun sooftiweer injiineringiin hanga gosa barnootaa 35 A+ galmeessuutti

  14. HRW Sudaanitti haalli baqattoonni Itoophiyaa keessa jiran isa yaaddessuu ibse

    Mooraa baqattootaa Baha Sudaan, Qadarif keessatti argamu- Umm Rakouba

    Madda suuraa, HRW

    Ibsa waa'ee suuraa, Mooraa baqattootaa Baha Sudaan, Qadarif keessatti argamu- Umm Rakouba keessa baqattoonni Itoophiyaa hedduun jiru

    Dhaabbati mirga namoomaaf falmu kun, keessattuu rakkoon Baha Sudaan keessatti baqattoota mudataa jiru yaaddessaa waan ta'eef jaarmiyaalee fi hawaasi idil-addunyaa akkaataa baqattoonni kunneen achii ba'uu danda'anirratti mala dhahuufii qabu jedhe.

    Wayita sababa waraanaan Sudaan keessatti ummanni dararamaa jiru kanatti, waa'een baqattoota yeroo waraanni Sudaan eegalu lakkoofsi isaanii miiliyoona tokkoo ol turee dagatameera jedhe HRW.

    Humni addaa Sudaan (RSF) haleellaa tibbana bulchiinsa Seenaar iddoowwan garaagaraatti raawwateen baqattoota yaaddoo guddaa keessa galcheera.

    Kutaan biyyaa haleellaan keessatti raawwatame kun ollaa Bulchiinsa Gadaarif. Bulchiinsa kana keessa baqattoonni Itoophiyaa kuma 40 caalan qubatanii jiru.

    Gara baha fagootti kan argamu bulchiinsa Kasalaa keessa ammoo kan baayyinaan jiraatan baqattoota Ertiraati.

    Kunis ollaa bulchiinsa haleellaan keessatti raawwateeti.

    Baqattoonni Itoophiyaa Sudaan jiran yaaddoosaanii ibsachuun birmannaa gaafachuu erga eegalanii bubbulaniiru.

    Keessattuu kanneen mooraa baqattootaa Gadaariif keessa jiran guyyaa waraanni Sudaan eegalerraa kaasuun rakkoo keessa akka jiran ibsaa jiru.

    Baqattoonni kunneen yaaddoo nageenyaa, hanqina deeggarsa namoomaa akkasumas karaa ittiin rakkoo kana keessaa miliqan irratti birmannaa gaafataa jiru.

    Kaan dhuunfaadhaan karaa isaanii danda'ameen miliqanii ba'an, kumaan kan lakkaa'aman ammallee achuma jiru.

    Garuu baqattoonni kunneen dhageettii hin arganne. Eegumsa hin qaban, karaan ittiin rakkoo kana keessaa miliqanis hin jiru.

    Kanaaf ammallee kanneen mooraa keessa jiran kamittuu loltoota walitti dhukaasaa jiraniin haleelamuu danda'u.

    Keessattuu baqattoonni kunneen lammiilee Itoophiyaa waan ta'aniif, wayita humni addaa- RSF loltoonni TPLF waraana Sudaan faana hiriiruun isaan lolaa jiraachuu himataa jiru kanatti carraan xiyyeeffannaa haleellaa ta'uu isaanii akkaan bal'aadha.

    Baqattoonni Gadaarif jiran humnoota RSF jedhaman kunneeniin jumlaan hidhamuu danda'u, kanneen hidhamanis jiraachuu gabaasonni mul'isan jiru.

    Baqattoonni mooraa Gadaariif lamaa fi mooraa Kasalaa keessa jiran hedduun kanneen lixa Tigraay irraa godaananidha.

    Mootummaan Itoophiyaa koree baqattoota Sudaan irraa deebisu hundeessuun hojjetaa akka jiru hima. Garuu baqattoonni mooraa keessa jiran keessaa ba'uuf eeyyama mootummaa Sudaan isaan barbaachisa.

    Kanaaf jaarmiyaaleen UN fi mootummaan Itoophiyaa qindoominaan hojjechuun baqattoonni nagaan, kabaji isaanii eegamee akka biyyatti deebi'an gochuu qabu jedha HRW.

    Torban darbe baqqattooni Itoophiyaa Sudaan kaampii Tanaadibaa fi Umraaqbaa keessa jiran sababa waraanni Sudaaniitti gaggeeffamaa jiru gara iddoo qubsuma isaanitti dhiyaataa dhufeef yaaddoo qabaachuu gabaasnee turre.

  15. Gabaasni Ergamaan Addaa US Itoophiyaatti dubbatan jedhame 'soba' - US

    Ambaasaaddar Maayik Hamar miidiyaa eerame kanatti hin dubbanne jedheera embasiin US Moqadiishuu argamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ambaasaaddar Maayik Hamar miidiyaa eerame kanatti hin dubbanne jedheera embasiin US Moqadiishuu argamu

    Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US Maayik Haamar daawwannaa Itoophiyaatti taasisaniin sochii pirezidantii Somaalilaand deeggaru dubbatan jechuun gabaasa bahe Ameerikaan soba jette.

    Barruu miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa tureen namoonni yaada itti kennaa turan.

    Akka gabaasa qoodamaa turetti Waliigaltee Wal Hubannoo (MoU) Itoophiyaafi Somaalilaand gidduutti mallattaa’e dippilomatiin kuni deeggaruu isaanii hima.

    Dabaluunis, Somaaliyaafi Jibuutiin sochii Itoophiyaafi Somaalilaand akka kabajan waamicha taasisuu isaanii eera.

    Gabaasni deeggartoota mootummaa Somaaliyaa mufachiise kuni erga qoodamaa ture booda Embasiin US Somaaliyaatti argamu gabaasichi ‘’sobadha’’ jedheera.

    Ameerikaan kana dura waliigaltee Wal hubannoo kan mormite yoo ta’u Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama gidduu isaanii jiru mariin akka furanis gaafatteetti.

    Ammoo fedhii ulaa galaanaa Itoophiyaa akka hubattu dubbachuun ishee ni yaadatama.

    Itoophiyaan karra galaanaa argachuuf Somaalilaand waliin baatii jaha dura kan waliigalte yoo ta’u, kanaaf immoo Itoophiyaan beekamtii naaf kenniti jetteetti Somaalilaand.

    Bulchiinsa Somaalilaand akka qaama isheetti kan ilaaltu Somaaliyaan immoo adeemsa Itoophiyaa kana akka ‘’weeraraattin ilaala’’ jechuun ibsite.

    Somaalilaand beekamtii idil-addunyaa hin qabdu. Garuu mootummaa, maallaqaafi kaan kan ofii qabdi.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  16. UAE'n namoota 40 caalan 'shororkeessitoota' jechuun hidhaa umrii guutuun adabde

    Mana Murtii Ijibbaataa Abu Daabitu namoota 43 hidhaa umrii guutuun adabe

    Madda suuraa, UAE Ministry of Justice

    Ibsa waa'ee suuraa, Mana Murtii Ijibbaataa Abu Daabitu namoota 43 hidhaa umrii guutuun adabe

    Manni Murtii Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) rogeeyyii 43 ta'an yakka shororkeessummaan erga himatee booda hidhaa umriii guutuu itti murteesse.

    Akka gabaasa miidiyaa mootummaa biyyattiitti Manni Murtii Ijibbaataa Abu Daabii namoonni hidhaan adabaman kunneen ''jaarmiyaa shororkeessummaa hundeessan.''

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fi jaarmiyaaleen mirga namoomaa hedduun murtii jumlaan kennamu kana qeeqaniiru.

    Dhaabbati mirga namoomaa - Humaan Raayitis Waach (HRW) falmitoonni mirga namoomaa fi namoonni siyaasaa 80 caalan, kan maqaa ''UAE 84'' jedhamuun beekaman, himatamaniiru jedhe.

    Namoota hidhaan umrii guutuu itti murtaa'e 43 irratti dabalataan namoota 10 irrattis hidhaan waggaa 10 hanga 15 murtaa'eera.

    Himati nama tokkoo yoo adda citu, himati namoota 24 irratti dhihaate ammoo sirrii miti jedhameera.

    Namoonni hedduun waggoota kudhanii oliif mana hidhaa akka jiranii fi kanneen maqaa ''UAE 94'' jedhamuun bara 2013 himataman ammallee hidhaa jiraachuu HRW fi Aminastii Intarnaashinaal ibsaniiru.

    Naannolee of bulchan torba irraa kan ijaaramte Yunaayitid Arab Emireetis, morkattoota of ijaaranii beekamtii argatanii socho'an hin qabdu.

    Paartilee siyaasaa morkattoota ta'anis dhorkiteetti.

    Bara 2013 namoonni 70 ta'an yaalii fonqolcha mootummaan hidhaan itti murtaa'e.

  17. Taphataan Liivarpuul Daarwin Nuuneez daawwattootaan walitti bu’e

    Daarwin Nuuneez wayita daawwattootaan wal-lolu

    Madda suuraa, EPA

    Daarwin tapha Waancaa Koppaa Ameerikaa xumuraaf darbuuf Roobii kaleessaa taphatameerratti wayita daawwattoota waliin wal-lolu suuraadhaan mul'ate.

    Walitti bu’iinsi kun iddoo maatii fi hiriyoonni taphattootaa taa’anitti mudate.

    Tapha dirree kubbaa miillaa - Baank of Ameerikaa jedhamu kan Kaaba kaaroolaayinaa magaalaa Chaarlot keessatti argamutti taphatame kana Kolombiyaan 1 fi 0 dhaan Yuraguwaay mo’attee xumuraaf darbite.

    Taphattoonni Yuraguwaay kaanis akkuma Daarwin Nuuneez walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaataniiru.

    Dursaan garee Yuraguwaay Jose Mariyaa Gimineez taphattoonni maatiisaanii baraaruuf yaalaa turan jedhe.

    ‘’Poolisiin hin turre, kanaaf maatii keenya oolchuu qabna. Taateen kun balleessaa nama lama yookiin sadiin mudate. Kanneen dhugaatii baayyee dhugan, itti gaafatamummaan hin dhugnetu kana uuman,’’ jechuun Rooyitarsitti hime.

    Walitti bu’iinsa sana booda Daarwin Nuuneez daa’imasaa baatee dirree keessatti mul’ate.

    Qaamni kubbaa miillaa Ameerikaa Kibbaa bulchu Conmebol jedhamu ‘’taateen mudate kubbaa miillaaf miidhaa guddaadha,’’ jechuun akka balaaleffatu ibseera.

    Tapha walakkaa xumuraa Kolombiyaa fi Yuraaguwaay gidduutti taphatame kanarratti jifataan Uraaguwaay Nuuneez kubbaa yeroo afur gara goolii faallaa isaatti yaale keessaa tokkollee galchuu hin dandeenye.

    Kolombiyaan goolii 1 fi 0 dhaan mo’achuun xumuraaf kan darbite yoo ta’u Wiixata dhufu Arjantiinaa waliin waancaaf morkatti.

    Taphattoonni Yuraguwaay kaanis walitti bu'iinsa kana keessatti hirmaataniiru

    Madda suuraa, Getty Images

  18. Israa'el jiraattonni 'magaalaa Gaazaa hundi' akka bahan itti himte

    Waraanni Israa'el dhimmi kuni ajaja osoo hin taane qajeelfamadha jedhe

    Madda suuraa, Anadolu

    Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Israa'el dhimmi kuni ajaja osoo hin taane qajeelfamadha jedhe

    Waraanni Israa’el jiraattonni magaalaa Gaazaa gara kibbaatti akka baqatan itti hime.

    Kuni osoo gama Kaaba Gaazaa lolli itti fufee jiru dhagahame.

    Waraqaawwan samiirraa qoodaman jiraattonni ‘’tokkoon tokko magaalaa Gaazaa hundi’’ akka bahan ibsa.

    Dirree waraanaa ta’u kan ibse waraanni Israa’el karaa nagaa qabu akka bahan teessoo eereera.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ajaja darbe kanaan akka yaadda’e ibse.

    Erga waraanni eegalee yeroo lammaffaafi jiraattonni Gaazaa hundi akka bahan kan ajajaman.

    Torban lamaan darban humnooti Israa’el aanota hedduu hidhattooti Hamaasiifi Islaamik Jihaad jedhaman of ijaaraa jiru jedhanitti deebi’anii seenaniiru.

    Hamaas gama isaan sochiin Israa’el taasisaa jirtu waliigaltee dhukaasa dhaabuufi kanneen ugguraman gadhiisuu kaayyeffate danquu mala jechuun yaaddoo ibseera.

    Yeroo ammaa ummati kuma dhibba lamaafi shantamaa ol magaalaa Gaazaa keessa akka jiraatan amanama.

    Qajeelfama waraanni Israa’el kenne kana kan morman akka magaalichaa hin baanes ibsaa jiru.

    ‘’Gaazaa keessaa hin bahu. …misaa’elli Israa’el kaabaafi kibba adda hin baasu,’’ jedhan ga’eessi ganna 47 Ibraahim al-barbari yeroo BBC’tti dubbatan.

    ‘’Yoo duuni hiree koofi ijoolleekoo ta’e, manuma keenya keessa kabajaan duuna.’’

  19. Akkam jirtu!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Dhimmoota biyya keessaa fi addunyaa irra jiran hordofuun ammarraa eegallee odeeffannoo isin biraan geenya.

    Dhihaadhaa!

  20. Yuukireen ganna kana xayyaara ammayyaa F-16 ni balaliisti - Waayit Haawus

    Xayyaara F-16

    Madda suuraa, Reuters

    Yuukireen ganna kana xayyaara ammayyaa Ameerikaan omishte, F-16, balaliisuu akka eegaltu Waayit Haawus beeksise.

    Akka ibsa Waayit Haawus kanatti, Deenmaarkifi Neezarlaandis xayyaara ammayyaa US omishte Yukireenif kennuuf jedhu.

    Biyyoonni kun xayyaarota waraanaa F-16 bifa arjooman Yukireenif kennuuf adeemsarra kan jiran yo ta'u, Yukireen ganna kana xayyarota kana akka balaliisuu eegaltutu ibsame.

    Akkasumas, Beeljiyeemifi Noorweey xayyarota dabalataa Yukireenif akka kennan ifoomse ibsi Waayit Haawus kun.

    Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee biyyoonni lixaa xayyaarota ammayyaa akka hidhachiisaniif Yukireen wawwaataa turte.

    Humna qilleensaa Yukireen jabeessuf jecha biyyooni Awurooppaa heddu paayileetonni Yukireen xayyaarota ammaayyaa kana balaliisuu akka shaakalan deeggarsa kennuu dabalatee xayyaarota F-16 Yukireenif dabarsanii kennuuf waadaa galanii ture.

    Oduun kun kan dhagahame miseensonni NATO yeroo UStti har'a walgahuu eegalanitti.

    Joo Baayidan ibsa kennaniin, wal-gahiin NATO kun waa'ee humna qilleensaa Yukireen cimsuufi bajata waraanaa NATO dabaluu ajandaa guddaa akka godhatu himan.

    Pirezidaantin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin US, Deenmaarkifi Zezarlandis xayyaarota ammayyaa kana arjoomuusaanif galateeffataniiru.

    Raashiyaan kana booda qilleensa Yukireen akka garaashee seentee lammiilee nagaa "shororkeessuu" akka hin daneenye ergaa fuula X gubbatti barreessaniin ibsan.

    Beeljiyeem ji'a Caamsaa keessa akka ibsitetti, hanga bara 2028tti xayyaarota 30 akka kennituufi kaan ammoo baruma kana erguu ni eegalti.

    Yikireen haleellaa misaa'eloota Raashiyaa faccisuuf xayyara ammayyaa F-16 US biyyoota arjoomuu barbaadaniif akka hayyamtu irra deddeebin gaafataa turte.

    Sodaan US qabaataa turte, xayyaaronni ammayyaa kun harka Yukireen yoo seenan, walitti dhufeenyi Raashiyaafi biyyoota lixaa garmalee hammaata kan jedhuudha.

    Boodarra garuu Joo Baayidan biyyoonni Yukireenif xayyaara F-16 kennuu barbaadan akka kennan hayyamte.