Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Gaazaatti ijoolleen bishaan waraabdu haleellaa xiyyaaraa Israa'elin ajjeefaman'

Haleellaa xiyyaaraa Israa’eliin ijoollee ja’a dabalatee walumaagalatti namoonni kudhan walakkeessa Gaazaatti Dilbata har'aa otoo bishaan waraabanii ajjeefamuu qondaalonni yeroo balaa himan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo Facebook, WhatsApp akkaumas YouTube gubbaa hordofaa
  • Karoorri Israa'el Filisxeemota Gaazaa gara kibbaatti geessuf qabdu falmii kaase
  • Haleellaa Galaana Diimaatti dooniirratti raawwateen lubbuun darbe
  • Tiraamp fi Netaaniyaahuun dhimma dhukaasa dhaabuu Gaazaarratti walga'ii lammaffaa geggeessan
  • Hoggantoonni gurguddooTaalibaan lama akka hidhaman ajajni bahe
  • Haleellaa Galaana Diimaarratti raawwateen lubbuun darbeera
  • Itoophiyaan Hidha Abbayyaa xumuruun Masriif maal jechuudha?
  • Qabsoo ummata Oromoo keessa qoodi Ertiraa akkami?
  • Jijjiirami sharafa alaa Itoophiyaa maal buuse?
  • Masiriin affeerraa eebba hidha haaromsaa irratti argamuu hin fudhanne jette

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daandiiwwan qilleensaa Ameerikaa sakkata'insa nageenyaatiif kophee baafachiisuu dhiisuuf

    Buufataaleen daandii qilleensaa Ameerikaatti Bulchiinsi Nageenya Geejibaa (TSA)n wayita sakata'insa nageenyaa taasisutti, seera akka imaltoonni kopheesaanii baafata dirqisiisuu fi waggaa 20 dura hojiirra oolchaa ture dhaabuudhaaf.

    Itti gaafatamaan nageenya biyya keessaa Kirstii Noowum, adeemsi sakatta'insa wal duraa duubaa akkuma jirutti kan turu ta'ulleen, jijjiramni kun buufataalee xiyyaaraa Ameerikaa guutuu keessatti battalamutti hojiirra oolfameera jedhan.

    Amma imaltoonni qabaattoosaaniifi kaaportaa baafachuun, akkasumas laaptooppiiwwan fi wantoota dhangala'aa ta'an boorsaa isaanii keessaa baasuu qabu jechuun, haata'u malee adeemsi kunis qoratamaa jiraachuu dubbatan itti gaafatamtuun tun.

    Imaltoonni daandiiwwan qilleensaa yeroo sakkata'insaatti kopheesaanii akka baasan gaafatamuun bara 2006 irraa kaasee kan hojiirra ooluu eegale yoo ta'u, kunis lammii Ingiliz tokko balaliinsa gara Maayaamiitti imalaa tureerratti kupheessaa tokko keessa erga bombii dhuksee tureen boodadha.

    Itti gaafatamtuun tun ibsa Kibxata kaleessaa kennaniin, ''teknooloojiin nageenya keenyaa haalaa olaanaadhaan jijjirameera, fooyya'eeras. Bulchiinsi nageenya geejibaas jijjirameera'' jedhan.

  2. Chaayinaatti namni olmaa daa'immaniitti soorata qopheessuu tokko daa'imman 233'f summii kennuun himame

    Kaaba Lixa Chaayinaatti, sheefiin mana barumsaa nyaata daa'immanii halluu hin nyaatamne fayyadamuun nyaata bareechuun dhiyeessuu hordofee daa'imman 200 ol ta'an summii nyaachuun hospitaalati yaalamaa jiru.

    Qorannoon saamuda nyaataa mana barumsaa olmaa daa'immanii bulchiinsa Gansuu kan magaalaa Tiyaanshii keessatti argamurraa fudhatame, sadarkaan nageenya daangaa nyaata biyyaalessaa dachaa 2,000 ol akka qabu agarsiiseen booda, namoonni saddeet to'annoo jala oolaniiru.

    Walumaagalatti, daa'imman 233 olmaa daa'immanii Peixin irraa dhufan keekii bifa diimaa fi nyaata biraa boqqolloorraa qophaa'e erga nyaatanii booda dhiiga isaanii keessatti liidii ol'aanaan argamuun ibsameera.

  3. Daawwadhaa: Balaa lolaa Niwu Meksiikootti mudatee yeroo manni fudhatamu

    Viidiyoon asiin gadii kun lolaa hamaa Ameerikaa Niwu Meksiikoo keessatti tibbana mudatee yeroo manni jireenyaa guutummaan lolaan fudhatamu kan agarsiisuudha.

  4. Lolaa Teksaasiin booda yoo xinnaate namoonni 161 ammallee achi buuteen isaanii dhabameera

    Torban darbe lolaa hamaa akka tasaa dhalatee lubbuu namaa galaafateen guyyoota afuriin booda yoo xiqqaate namoonni 161 ammallee achi buuteen isaanii dhabamuu bulchaan Kaawontichaa, Gireeg Aboot himaniiru.

    Kaawontii Keer kan balaa kanaan garmalee miidhame keessatti kanneen dhabaman keessaa, namoota kaampii deeman shanii fi gorsaa tokko Kaampii Maayitiik, kaampii Gannaa Kiristaanota shamarran hundaaf qophaa'ee fi qarqara laga Guwaadalupe irratti argamu irraa kan dabalatudha.

    Balaa kanaan, kan naannoo Kerrvillee keessatti qofaa du'an 94 dabalatee, yoo xiqqaate namoonni 109 du'uusaanii Abboot ibsa gaazexeessitootaaf Kibxata kaleessaa kennaniin himaniiru.

    Taateen kun Teksaas qofa hin mudanne. Niwu Meksiikoonis akkasumas balaa lolaa hamaan kan mudate yoo ta'u, Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa (NWS) Kibxata halkan lolaa cimaan akka uumamu akeekkachiisee ture.

    Teksaas keessatti, tattaaffiin barbaachaafi baraarsaa ariifachiisaa itti fufee kan jiru yoo ta'u, Aboot hojjettoonni balaa tasaa "hanga namni bade hundi argamutti hin dhaabbatan" jechuun dubbateera.

    Abboot itti dabaluun, guyyoota dhufan keessatti kanneen badan dhabamunsaanii akka hin oolle dubbachuun, namoonni naannoosaaniitti nama hin galmoofne qabu kamiyyuu akka gabaasu dhaamaniiru.

    Eegdota Biyyaalessaa Teksaas irraa Jeneraal Tomaas Suu'elzaar akka jedhanitti, helikooptaroota 'Chinook fi Black Hawk' kanneen meeshaalee baraarsaa ittiin kaasu qaban dabalatee, tattaaffiin barbaachaa taasifamaa jira.

    Helikooptaroota afur Arkansasirraa gara sana imalan dabalatee, 'Black Hawk' 13 tattaaffii barbaacha kana gargaaraa akka jiran himan. Itti dabaluunis, aanga'oonni diroonii 'reaper' jedhamanitti fayyadamaa akka turan himaniiru.

  5. Zohiraan Maamdaanii, Musliimni jalqabaa kantiibaa Niwu Yoork ta'uuf eegamu eenyuu?

    Zohraan Maamdaanii, miseensa mana maree kutaa biyyattii kan umuriin isaa ganna 33, kantiibaa magaalaa Niwu Yoork ta'uuf kaadhimamaa paartii Dimokiraatotaa ta'uun filataman. Kanaanis, kaadhimamaa Musliimaa isa jalqabaa ta'uun seenaa galmeessan.

    Zohraan bulchaa duraanii Niwu Yoork kan turan Andireew Kuumoo, kan bara 2021tti himannaa miidhaa saalaatiin booda aangoo gadhiisan sagalee ummataatiin dursuun taajjabdoota siyaasaa dinqisiisaniiru.

    Falmaa mirga Filisxeemotaa, ilma baqataafi Musliima kan ta'e Zohraan Maamdaanii, siyaasaa warra 'Right wing' jedhamaniirra aanee Andireew Kumoo kan muxannoo siyaasaa bara dheeraa fi deeggarsa sooreessoota hedduu qaban ni injifatu jedhamee hin eegamne ture.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiisuudhaaf asiin seenuu dandeessu.

  6. Qorichi busaa yeroo jalqabaaf daa'imman kichuuf oolu ragga'e

    Qorichi busaa daa'imman kichuuf oolu yeroo jalqabaaf qophaa'e akka hojiirra oolu ragga'e.

    Torban muraasa dhufanitti biyyoota Afrikaa keessa qoodama jedhameera.

    Hanga yoonaatti qorichi daa'imman kichuuf akka oolu ragga'e hin jiru ture.

    Sababa kanaaf qoricha daa'imman jajjaboof qophaa'e fayyadamaa turan.

    Kunimmoo hammi qoricha fudhatan itti baay'ata yaaddoo jedhu qaba ture.

  7. Tiraamp fi Netaaniyaahuun dhimma dhukaasa dhaabuu Gaazaarratti walga’ii lammaffaa geggeessan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Kibxata galgala yeroo lammataaf wal arganii dhimma waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru irratti mari'ataniiru.

    Walgahiin kun kan dhufe erga ergamaan Tiraamp Baha Giddu Galeessaa Isteev Wiitkoof, Israa'elii fi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 irratti waliigaluudhaaf dhimma tokkichi akka hafe yaada dhiyeessan boodadha.

    Netaaniyaahuun walgahii miseensota pireesiif banaa hin turre kanaaf Kibxata gara sa'aatii 17:00 EST (21:00 GMT) booda Waayit Haawus kan gahanii ture.

    Kibxata kaleessaa gara ganamaa Netaaniyaahuun itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa JD Vaansii waliin wal arganii turan.

    Akkasumas, Wiixata kaleessaa Waayit Haawusitti qophii irbaataa irratti namoota hedduufi Tiraampiin waliin wal arganiiru.

    Netaaniyaahuun imalasaanii kanaan Tiraamp erga marsaa lammataaf aangoo qabatanii booda daawwannaa mootummaa yeroo sadaffaa taasisaniiru.

    Walgahiin hoggantoota lamaan kunis kan naannoo sa'aatii lamaa itti fudhate ta'uu ibsameera.

    Netaaniyaahuun Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Rippabilikaanotaa Maayik Joonsan waliinis mari'ataniiru.

    Walgahiichaan booda Ministirri Mummee Israa'el duulli waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwate akka hin amanne, haata'u malee, mariisistoonni dhukaasa dhaabuu irratti ''hojjechaa akka jiran beekamaadha'' jedhan.

    ''Ammalleen hojii Gaazaa xumuruu, namoota booji'aman hunda gadhiisisuu, dandeettii waraanaa fi mootummaa Hamaas dhabamsiisuu fi balleessuu qabna," jedhan Netaaniyaahuun.

    Boodarra Witkoof akka jedhetti, Israa'elii fi Hamaas dhimmoota kanaan dura waliigaltee irra akka hin geenye isaan dhorkan irratti qaawwa jiru cufaa akka jiran ibsuun, torban kana keessa yeroodhaaf, guyyoota 60f dhukaasa dhaabuun akka waliigalamu abdii qaba jedhan.

  8. Hoggantoonni gurguddooTaalibaan lama akka hidhaman ajajni bahe

    Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa hoggantoota Taalibaan lama dubartootaafi shamarran dararan jedheerratti ajaja hidhaa baase.

    Manni murtii buufata isaa Heeg godhate kuni Hogganaan amantii olaanaa Haayibaatullaah Akunzaadaa fi hogganaan haqaa Abdul Hakiim Haqaanii yakka dhala namaarratti mirga raawwataniiru jedhe.

    Hoggantoonni kuni seerota mirga dubartootaa daangessan kan shamarran umrii 12 ol barnoota akka hin arganne dhorku dabalatee hojiirra oolchaniiru.

    Dubartoonnis carraa hojii baay'ee akka hin arganne taasifamaniiru.

    Taalibaan deebii kenneen Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaaf beekamtii hin kennu, ajajni hidhaas ''gocha jibbaati'' jechuun ''amantaa Muslimoota addunyaaf arrabsoodha,'' jedhe.

    'Dubbachuu hin dandeenyu taanaan maaf jiraanna?' - Dubartoota Taalibaan dhowwe

  9. Karoorri Israa'el Filisxeemota Gaazaa gara kibbaatti geessuf qabdu falmii kaase

    Namoomnii fi dhabbileen mirgaa namoomaa karoorri Israa'el jiraattota Gaazaa hunda kaampii tokkotti galchuuf qabdu yakka waraanaa kakaasuu irraa gara humnaan jumlaan buqqisuutti guddachuu agarsiisa jechuun mormii qaban ibsan.

    Ministirri Ittisa Israa'el lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiran hunda gara kaampii kibba naannoo ulaa Raafaah itti geessuun qubachiisuuf karoora qopheessu waraanni Israa'el qajeelfama kennuu isaa miidiyaaleen Israa'el gabaasan.

    Israa'el Kaatiz, ''magaalaa deeggarsa namoomaa'' hundeessuu barbaanna jedhanis garuu karoorri kun ummata nagaa miseensota Hamaas irraa adda baasuuf kan akeekedha

    Marsaa jalqabaan uummanni 600,000 ta'an kan qubsiifaman yoo ta'u, waliigalaan yoo xumuramu ammoo uummata Gaazaa miliyoona 2.1 tahu kaampii tokkotti galchuuf kan karoorfameedha.

    Nammni magaalattii seenu kamiyyuu mala sakatta’iinsa nageenyaan kan to'atamu ta'uu fi jiraattonni erga seenaniin booda akka hin baane kan dhorkuudha.

    Xiinxalaa fi dippilomaatii olaanaa Israa’el duraanii tokko “⁠Karoorri kun kan hin danda’amneefi qabatamaa kan hin taane ta'uufi namoota miliyoonaan lakkaa’aman dirqiin kaampiitti hidhuun naamusaa namoomaa akka hin taane ibsan.

    Seerri idil-addunyaa namoota jumlaan buqqisuuf karoorfame kana akka dhorkullee deeggartootni Paalasataayin kan ibsaa jiran.

    Yaada kana dura pirezidaantii Ameerikaa Doonald Tiraamp Filisxeemota Gaazaa keessaa gara alaatti baasuu irratti mormii cimaan ka'uun kan yaadatamuudha.

  10. Haleellaa Galaana Diimaatti dooniirratti raawwateen lubbuun darbe

    Haleellaa Galaana Diimaarratti doonii fe'isaa alaabaa Laayibeeriyaa mirmirsaa turteerratti raawwateen hojjettoonni doonii lama ajjeefamuu Laayibeeriyaan beeksiste.

    Dhaabbata Maritaayimii Idil-addunyaatti bakka bu'aa Laayibeeriyaa kan ta'an dooniin 'Eternity C' jedhamtu ''hamaan haleelamtee ...hojjettoota lama galaafate,'' jedhan.

    Maddeen nageenya galaanaa Rooyitarsitti akka himanitti, dooniin haleelamte yeroo ammaa bololi'aa jirti.

    Doonii kana keessas hojjettoota lammii Filiippins 21 fi lammii Raashiyaa tokkotu ture jedhameera.

    Gareen anatu haleellaa raawwate jedhe ammatti jiraachuu baatuus taateen kuni erga hidhattooti Huutii Yaman keessaa haleellaa misaa'elaafi diroonii galaanaa doonii biraa alaabaa Laayibeeriyaa mirmirsaa jirtutti dhukaasne jedhan booda dhagahame.

    Embasiin Ameerikaa Yamanitti argamu badii kana hidhattoota Huutiitu raawwate jechuun balaaleeffateera.

    Haleellaa hanga ammaa dooniiwwan daldalaarratti raawwate keessaa ''isa hamaa'' ta'uu ibse.

  11. Tamsaasa kallattii har'aa eegalleerra

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Oduu toora tamsaasa kallattii kanaatiin gaggabaabsine isin biraan geenyu kan Roobii har'aa kunoo amma jalqabneerra.

    Isinis yoo nu hordoftan addunyaa mara irraa odeessaalee ijoo ni argattu.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo karaa marsariitii keenyaa, ykn Facebook keenya, ykn odeessaalee viidiyoon YouTube keenya akkasumas WhatsApp chaanaalii keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa!

  12. Masiriin affeerraa eebba hidha haaromsaa irratti argamuu hin fudhanne jette

    Itoophiyaan tibbana ijaarsi hidha haaromsaa xumuramuu ibsiteetti.

    Masiriin ammoo afeerraa Itoophiyaan eebba hidha haaromsaa irratti akka argamnuuf nuuf goote hin fudhanne jechuu ishee miidiyaa biyyattii 'Egypt Independent' jedhamu gabaase.

    Gabaansi miidiyaalee Masirii akka agarsiisanitti Itoophiyaan Masirii fi Sudaan sirna eebba hidhichaa irratti akka argamaniif afeerteetti.

    Masiriin ammoo Itoophiyaan dhimma hidhichaa irratti ''imaammata gam-tokkee'' ykn qaamota kaan hin hammanne hordofti jechuun himatti.

    Biyyoonni sadeen waliigaltee dhumaa irra osoo hin gahiin Itoophiyaan hidha guddicha baasii mataa isheen hojjechiisaaa turte bishaan guuttee xumuruu ibsite.

    Piroofeserri Ji'ooloojii fi Qabeenya Bishaanii Yuunvarsiitii Kaayiroo, Abbaas Sharaakii, Hidhi Guddicha Itoophiyaa, kuusaa bishaanii baay'ee guddaa qabaachuu fi teessuma isaa irraa kan ka'e Masirii fi Sudaaniif yaaddoo nageenyaati jedhan.

    Itoophiyaan ji'a Fulbaanaa darbe bishaan kuubik meetirii biliyoona 60 tahu hidhicha irratti guuteetti jedhan pirofeserri kun.

    Itoophiyaan hidhi kun balaa lolaa Sudaanii fi Masirii irraa ittisa malee balaa ykn yaaddoo hin tahu jetti.

    Pirofeserichi yeroo rooba ulfaataa keessa Itoophiyaan yeroo tarbaayinoota cuftu hidhichi akka malee guutuun balaa lolaa hamaa biyyoota lamaanitti fidha yaaddoo jedhu qaba.

    Yaaddoon Masirii tasa balaa tokko hidhicharra yoo gahe balaan lolaa uummata Sudaaniifi Masiriif yaaddoodha kan jedhudha.

    Ministirri Jallisii biyyattii Hanii Sewilaan, Masiriin afeerraa eebba hidhichaa ji'a Fulbaanaaf qabamee irratti hin argamtu jedhan.

  13. Kaannisni namoota hedduu hiddee namoonni sadii haala ''yaadessaa'' keessa jiru

    Faransaayitti kaannisni namoota daandiirra darbaa turan hidduun namoonni sadii ''haala yaaddessaa'' keessa jiru.

    Namoota 24 irras miidhaan dhaqabuu kantiibaan magaalaa Faransaay Oorilaak jedhamtuu himan.

    Dilbata ganama ture balaan hin eegamne kun kan isaanirra gahe. Namooni sadii hospitaala galuun yaaliirra jiru.

    Akka miidiyaaleen biyyattii gabaasanitti namoota akka malee miidhaman keessaa tokko dubartii waggaa 78titi. Yeroo 25 hiddamuun haala yaaddessaa keessa galuun hospitaalatti yaalamaa jirti jedhe.

    Dubartiin kun erga si'a 25 hiddamtee onnee isheerra miidhaan gahuun yaaliidhaan akka of bartu godhameera.

    Poolisiin birmachuun bakkicha irra namoonni akka hin darbine gochuun ogeessa horsiisa kannisaa kana irratti hojjetu waamuun akka itti aarsee gara gaagura isheetti galtu taasiseera.

  14. Israa'el jiraattota Gaazaa hunda kaampii tokkotti galchuuf karoorsera jette

    Ministirri Ittisaa Israa'el jiraattota Gaazaa hundaa kaampii tokkotti galchuuf akka karoora baasaniif humna waraanaa isaaniij ajaja kennuu miiidyaaleen Israa'el gabaasan.

    Israa'el Kaatiz, ''magaalaa deeggarsa namoomaa'' hundeessuu barbaanna jechuun gaazexeessitotatti himan.

    Kaampii uummata Gaazaa hunda bakka tokkotti qabatu ammoo Kibba biyyattii raafaa keessatti ijaaruuf akka jedhan himan.

    Marsaa jalqabaan uummata 600,000 kanq abatu waliigalaan yoo xumuramu ammoo uummata Gaazaa miliyoona 2.1 tahu kaampii tokkotti galchuuf karoora akka qaban himan.

    Galmi isaanii uummaticha calalanii Hamaas irraa adda baasuun kaampichatti galchuu tahuu himan. Garuu achi keessaa bahuun hin eeyyamamu.

    Yoo haalonni eeyyamanii fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 irra gahame ijaarsi kaampichaa ni jalqaba jedhan.

    Falmaan mirga namoomaa Israa'el tokko gochaan kun ''karoora oppireeshinii yakka namummaa'' irratti raawwachuuf yaadamedha jechuun qeeqe.

    Beenjamin Neetanyahuun ammoo Tiraampi waliin yoo mari'atan Tiraampi Gaazaaf mul'ata ifa tahe qabu jedhan.

    Namoonni fedha isaaniin bahuu barbaadan haa bahuu qbau, kan turuu barbaadan haa turan ejdhan.

    UN ammoo tarkaanfiin jiraattota humnaan qe'ee isaanii irraa buqqisuu seera idil-addunyaan dhorkaa tahuu hime.

  15. Balaa lolaa Teksaasitti mudateen namoonni du'an 100 caale

    Balaa lolaa Ameerikaa Teksaas keessatti Jimaata darbe mudateen namoonni du'an 100 ol yoo gahu, ammalleen namoonni bakka buuteensaanii hin baramne jiraachuu gabaafame.

    Gareen lubbu barbaartootaa fi barbaachaa qarqara lagaa dhoqqeedhaan tuulame keessa barbaadaa kan jiran yoo ta'u, roobaafi obomboleettiin dabalataa ammas naannicha balaadhaaf saaxilaa jira.

    Haata'u malee, amma erga balaan kun qaqqabee guyyoota afuriin booda namoota dabalataa lubbuun hafan argachuuf abdiin ture hir'ataa jira.

    Kaampii gannaa shamarran Kiristaanota hundaaf qophaa'e 'Camp Mystic' yoo xiqqaate shamarran fi hojjettoonni 27 namoota du'an keessaa akka ta'an mirkaneesse. Shamarran kudhanii fi gorsituu kaampii tokko ammallee achi buuteen isaanii dhabameera.

    Gama biraatiin, Waayit Haawus yaada baajanni Tajaajila Haala Qilleensaa Biyyaalessaa (NWS) osoo hir'achuu baatee silaa haala balaan kana durfamee hubatamuu mala ture jedhu kuffiseera.

    Naannoo laga Gudulaapee kan lolaadhaan uwwiifametti yoo xinnaate namoonni 84 lubbusaanii dhabaniiru.

    Poolisiin naannichaa eenyummaan gaheessoota 22 fi daa'imman 10 ammalleen adda hin baafamne jedheera.

    Kaampiin Miistiik jedhan ibsa Wiixata kaleessaa baaseen, ''maatiiwwan gadda yaadamu hin dandeenye waliin onnee keenya cabeera'' jedhe.

    Abbaan qabeenyaa kaamiichaa fi daarektara kan turan maanguddoon umuriin waggaa 70 Riichaard Istiilaand osoo daa'imman baraaruuf yaalanuu lubbuusaanii dhabaniiru.

  16. 'Ertiraan rasumaa Oromoon hireesaa akka murteeffatu hin barbaaddu' - Qabsaa'ota Oromoo Ertiraa turan

    Ertiraan walaba taatee Itoophiyaarraa adda bahuuf waggoota 30 ol mootummaa Hayilasillaasefi Dargii lolte. Afrikaa keessatti qabsoo hidhannoo waggoota dheeraa gaggeeffaman keessaa kan Ertiraa tokkoodha.

    Qabsoo hidhannoo dhaabileen akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi TPLF fa'aa gaggeessaa turaniif akka fakkeenyatti ilaalama.

    Mootummaa Dargii kuffisuu keessattis hidhattoonni adda dureen ka'an Adda Bilisa Baasaa Ertiraa (EPLF), Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi (TPLF)dha.

  17. Mormii Keeniyaatti kaleessa gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni 11 du'an

    Keeniyaatti mormii farra mootummaa Wiixata kaleessaa geggeeffameen yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamanii kanneen 567 to'annoo jala ooluu poolisiin biyyattii beeksiseera.

    Poolisiin hiriirtota irratti dhukaasa kan bane yoo ta'u, Dr Aroon Sikukuu, ogeessi fayyaa mana kunuunsa 'Eagle' kan qarqara magaalaa Naayiroobiitti argamu BBC'tti akka himanitti, reeffi namoota lamaa kanneen haleellaa qawweetiin du'anii gara dhaabbatichatti geeffamaniiru.

    Mormitoonni dhibbaan lakkaa'aman hospitaala isaaniitiin alatti walitti qabamanii reeffi namoota ajjeeffamanii akka kennamuuf gaafataa turan jedhaniiru.

    Hiriirri kaleessa gaggeeffame kunis waggaa 35ffaa mormii seena qabeessa 'Saba Saba' jechuunis "torba-torba" jedhamuu, kan Adeooleessa 7 bara 1990tti, lammiileen Keeniyaan paartii dimokiraasii sabdaneessaa ta'ef dhiibbaa itti jalqaban yaaddachuuf ture.

    Gabaasa kanarratti kan kaleessa gabaafame argachuuf asiin galuu dandeessu.

  18. Ministirri Raashiyaa dhiheenya Puutin hojiirraa ari'e du'ee argame

    Koreen Qorannoo Raashiyaa, ministirri geejjibaa Raashiyaa duraanii Roomaan Istaaroovoot, madaa waan qawwee ofitti dhukaase fakkaatuun du'ee argame jedheera.

    Aanga'aan kun guyyaa Wiixataa kaleessaa pirezidaantii Vilaadmiir Puutin hojiirraa ari'amanii ture.

    Sababni aanga'aan kun itti hojii irraa ari'aman kan hin kennamne yoo ta'u, yeroo muraasa booda ittaanaan ministeera geejjibaa Andree Nikitin bakka isaa akka bu'u ibsameera.

    Koreen Qorannoo biyyattii haala taatee kanaa adda baasuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Staarovoot Caamsaa bara 2024 ministeera geejjibaa ta'uun muudaman.

    Sana dura ammoo Staarovoot bulchaa naannoo Kursk ta'uudhaan gara waggoota jahaatiif, hanga Caamsaa 2024tti tajaajilaa ture.

    Naannichi gartokkoonsaa hanga Hagayya 2024tti loltoota Yukireen haleellaa tasaatiin qabame. Moskoo humnoota Yukireen kanneen baasuu kan dandeesse dhiheenya kana yoo ta'u, dhuma baatii Waxabajjii keessas Kiiv ammallee naannoo muraasa Raashiyaa qabattee akka jirtu ibsiteetti.

    Bakka bu'aan Staarovoot kan ta'e Aleksee Smirnoav yeroo gabaabaaf qofa bakkicharra ture. Boodarra ji'a Eblaa keessa ammoo ta'atamuudhaan maallaqa daangaa Yukireen waliin ijaarsa dallaa ijaaruuf ramadame saamuun himatame.

    Akka miidiyaan Raashiyaa 'Kommersant' jedhutti, Starovoot dhimma walfakkaatuun himatamuuf turan. Haata'u malee, Staavorooti yoom akka du'e sirriitti ifa miti.

  19. Ragaa Obbo Taayyeen lakkaawwatan keessaa MM Abiy fi Kantiibaa Adaanech hafanis kaan lama dhiyaataniiru

    Deetaan Ministira Nagaa duraanii Obbbo Taayyee Danda'aa ragaa ittisaa lakkaawwatan keessaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi Kantiibaa Adaanech Abeebee dhiyaachuu baatanis, namoonni lama Adoolessa 7, mana murtiitti dhiyaatanii ragaa bahaniiruuf.

    Abukaatoo Obbo Taayyee kan ta'an Obbo Abarraa Nigus BBCtti akka himanitti, Obbo Taayyeen Mana Murtii Federaalaa dhaddacha Lidataa dhimma shorokeessummaafi heera biyyaa ilaalutti dhiyaatan.

    Obboo Taayyeen mana murtiitti dhiyaachuunsaanii ragaa sarbama mirgaa amma dura wayita mana hidhaa turan isaaniifi maatii isaaniirra gahe, akkasumas haala qabiinsa isaanii ammaarrattis komii dhageessisuu Obbo Abarraan himaniiru.

    Odeessa kan guutummaa argachuuf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  20. Tamsaasa kallattiin deebiineera!

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti. Oduu toora tamsaasa kallattii kanaatiin gaggabaabsine isin biraan geenyu kan Kibxata har'aa kunoo amma jalqabneerra.

    Isinis yoo nu hordoftan addunyaa mara irraa odeessaalee ijoo ni hargattu.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo karaa marsariitii keenyaa, ykn Facebook keenya, ykn odeessaalee viidiyoon YouTube keenya akkasumas WhatsApp chaanaalii keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!