Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Gaazaatti ijoolleen bishaan waraabdu haleellaa xiyyaaraa Israa'elin ajjeefaman'

Haleellaa xiyyaaraa Israa’eliin ijoollee ja’a dabalatee walumaagalatti namoonni kudhan walakkeessa Gaazaatti Dilbata har'aa otoo bishaan waraabanii ajjeefamuu qondaalonni yeroo balaa himan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo Facebook, WhatsApp akkaumas YouTube gubbaa hordofaa
  • Karoorri Israa'el Filisxeemota Gaazaa gara kibbaatti geessuf qabdu falmii kaase
  • Haleellaa Galaana Diimaatti dooniirratti raawwateen lubbuun darbe
  • Tiraamp fi Netaaniyaahuun dhimma dhukaasa dhaabuu Gaazaarratti walga'ii lammaffaa geggeessan
  • Hoggantoonni gurguddooTaalibaan lama akka hidhaman ajajni bahe
  • Haleellaa Galaana Diimaarratti raawwateen lubbuun darbeera
  • Itoophiyaan Hidha Abbayyaa xumuruun Masriif maal jechuudha?
  • Qabsoo ummata Oromoo keessa qoodi Ertiraa akkami?
  • Jijjiirami sharafa alaa Itoophiyaa maal buuse?
  • Masiriin affeerraa eebba hidha haaromsaa irratti argamuu hin fudhanne jette

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mormii har'a Keeniyaatti mudateen namoonni lama du'an

    Mormii uummataa har'a Keeniyaatti gaggeeffameen dhukaasa poolisiin baneen namoonni lama du'uun gabaafame.

    Dr. Aroon Sikuukuu kilinika "Eagle Nursing Home" jedhamutti ogeessa fayyaa yoo ta'u, reeffi namoora lamaa gara kilinikichaa geeffamuu BBCtti hime.

    Namoonni heddus reeffa namoota du'anii fudhachuuf jecha achitti akka walitti qabaman hime.

    Mormii guddaa har'a guutuu biyyattiitti karoorfame hordofee, daandiwwan gurguddoon magaalaa Naayiroobii geessaniifi magalaattii keessaa bahan cufamaniiru.

    Sochiin daldalaas ta'ee geejjibaa magaalattii keessatti bakka heddutti adda citeera.

    Humnoonni nageenyaa lakkoofsan heddu ta'anis daandiwwan gurguddaa cufuun kanneen mormiif bahan gara giddu galeessa magaalattii akka hin seenne dhorkaa oolan.

  2. UKn xayyaara waraanaa ammayyaa F-35 torbanootaf Hindiitti jalaa danqame rakkoosaa baruuf expartoota ergite

    Xayyaarri waraanaa ammayyaa F-23B jedhamuun beekamu Hindiitti jalaa danqamnaan UKn injinarootashee gara Hindiitti ergite.

    Xayyaarri waraanaa ammayyaa kun balaliirra osoo jiruu haalli qilleensaa cimaan mudannaan Hindii, buufata xayyaaraa Thiruvananthapuram akka qubatu godhame. Ergasii rakkoo godhachuurraa kan ka'e torbee sadiif achuma Hindii jira.

    Xayyaarri waraanaa UK kun rakkoo teeknikaa mudate jedhameen torbee sadiif Hindii turuu hordofee, xayyaarri ammayyaa akkamiin biyya ormaa hanga kana tura kan jedhu biyya keessaa komii irratti kaasera.

    Komishinarri Olaanan Biriitish akka ibsetti, gareen injinarootaa miseensota 14 qabate, rakkoo xayyaara waraanaa kana adda baasufi suphuuf garas imalaniiru.

  3. Tiraamp Gaazaatti dhukaasni akka dhaabbatu dhiibbaa gochaa yeroo jirutti Netaaniyaahuun US dhaquun daawwachuuf

    Waraana ji'oota 21n booda, Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin Waashingitanitti yoo wal argan, labsii dhukaasa dhaabuu haaraan Gaazaatti akka labsamu abdiin guddachaa jira.

    Traamp kanaan dura waa'ee waldhabdee kana xumuruu irratti Netaaniyaahuu waliin ''baay'ee jabaataa'' akka jiranii fi torbee kana keessa ammoo ''waliigalteerra ni qagahama'' jedhanii akka yaadan gaazexeessitootatti himaniiru.

    ''Waliigaltee mari'atame kana haaluma haal-duree irratti waliigalameetiin galmaan ga'uuf hojjechaa jirra,'' jedhan MM Israa'el duraanii xiyyaara isaanii osoo hin yaabbatin dura.

    "Haasaan Pirezidaanti Tiraamp waliin taasifamuus bu'aa kana akka tarkaanfachiisu hin shakkisiisu jedheen amana, kunis hundi keenya waan abdannuudha."

    Mariin al-kallattiin Israa'elii fi Hamaas gidduutti yaada dhukaasa dhaabuufi namoota booji'amtoota hiikuu guyyoota 60'f dhiheessite irratti Dilbata galgala Kaataar keessatti deebi'ee eegaleera.

    Haata'u malee, garaagarummaa ijoo waliigaltee kana walii akka hin galamne taasisaa turan ifuramuun kan danda'ame ta'uu fi dhiisuu isaa ifa miti.

  4. Humnaan Iraan oomisha nikuleraa irraa dhorkuun hin danda'amu - Qondaala duraanii Mosaad

    Qondaalli olaanaa duraanii Mosaad tokko lola guyyoota 12f Israa'eliif Iraan wal irratti banan keessatti Israa'el hoggantoota waraana Iraan akkamiin haleeluu akka dandeessee fi furmaata waaraa ta'uu waan danda'u BBC tti himan.

    Itti aanaan hogganaa dhaabbata basaasa Israa'el duraanii Raamii Igraa gaaffii fi deebii addaatti BBC Pershiyaa waliin taasisaniin, ajjeechaa ajajoota olaanoo Garee Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) keessatti kalaqni, teknooloojii fi sirni basaasaa gahee olaanaa bahaniiru jedhan.

    Haleellaa jalqabaa Waxabajjii 13 raawwatameen Israa'el namoota waraana Iraan olaanoo kanneen akka Hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Hogganaa Olaanaa IRGC fi itti gaafatamaa kutaa misaa'elaa fi humna qilleensaa IRGC akkasumas saayintistoota niwukilaraa hedduu ajjeesuun ishee ni yaadatama.

    Odeessee kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin dubbiifachuu dandeessu.

  5. Tiraamp paartii Maask hundeessan ''kofalchiisaadha'' jechuun qeeqan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora biliyeenarri cimaafi michuusaa duraanii Elan Maaskii paartii siyaasaa haaraa hundeessuuf karoorsuu ilaalchisuun kofalchiisaadha jechuun qeeqan.

    Tiraamp Dilbata darbe osoo 'Air Force One' hin yaabbatiin dura gaazexeessitoota waliin haasaa taasisaniin, ''Paartii sadaffaa jalqabuun waan nama kofalchiisuu natti fakkaata,'' jedhan.

    "Yeroo hunda sirna paartii lamaa kan ture yoo ta'u, paartii sadaffaa jalqabuun burjaajii dabalataati jedheen yaada."

    Torban hedduudhaaf yaada kanaan erga qoosee booda, Mask dhuma torban darbeerratti toora X irratti maxxansuun, Paartii Ameerikaa paartii Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatotaa dura dhaabbachuuf hundeessuu paartii sabdaneess ("Uniparty") hundeessuu kan hime.

    Tiraampiifi Maaskiin duraan michuu baayyee walitti dhiyaatan kan turan yoo ta'u, hogganaan Teslaa Ministeera Gahumsa Mootummaa (Doge) kan baasii federaalaa hir'isuuf gargaaruuf itti gaafatamummaan kennameefii ture.

    Maaski imaammatawwan mootummaa liqaa biyyaaleessa Ameerikaa ni hir'isa jedhamee irra deddeebiin qeeqaa ture.

    Paartii haaraan kunis yeroo dhufuutti kaadhimummaa pirezidantii deeggaruuf danda'ulleen, ''xiyyeeffannaan baatiiwwan dhufan 12 garuu mana maree fi seeneetii irratti ta'a'' jechuun Maask guyyaa Dilbataa beeksiseera.

    Tiraamp itti dabaluudhaan ''Elan Maaskii daandiisaarraa maqee torban darbe haala akkasii keessa seenusaa arguukootti baayyeen gadde'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaanii Tiruuz Soshaal jedhamurratti barreessan.

  6. Itoophiyaan jijjiirama sharafa alaarratti taasifteen hanga ammaatti maal argatte? Maal dhabde?

    Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa ALI Adoolessa 22, 2016 sirna bulchiinsa sharafa alaa irratti fooyya'iinsa taasisuun bittaafi gurgurtaan sharafa alaa gabaadhaan akka murtaa'u taasisuunsaa ni yaadatama.

    Murteen Baankii Biyyaalessaa kunis diinagdee Itoophiyaarratti abdii fi yaaddoo cimaa uumee ture.

    Yaaddoowwan ijoo ka'aa turan keessaa tokko ammoo murteen kun qaala'iinsa gatii gateettii lammiilee biyyattii dadhabse caalmaatti ni miidha kan jedhu ture.

    Keessattuu ammoo miidhaan kun lammiilee galii gadi aanaa qaban irratti akka cimu kan yaadda'anis heddu turan. Odeessa kana guutummaan asiin galuu dandeessu.

  7. Museeveenin aangoo waggaa 40n booda ammas kaadhimummaaf dhiyaatan

    Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii, maanguddoon waggaa 80, erga waggoota darban 40 aangoorra turaniin booda ammas kaadhimamaa pirezidantii ta'uun dhiyaatan.

    Pirezidantichi filannoo dhiheenya gaggeeffamurratti kaadhimamaa paartii biyya bulchuu ta'udhaan kan dhiyaatan.

    Pirezidant Museeveeniin erga kaadhimamaa ta'udhaan filatamanii booda haasaa taasisaniin, gaaffii akka filannoof dhiyaataniif taasifameef deebii kennuu ibsaniiru.

    Yoo filannichaan injifatanii filataman ammoo ergama biyasaanii Yugaandaa biyya ''galii jidduugalaa olaanaa akka taatu gochuu'' akka raawwatan himan.

    Qeeqxonni Museeveenii, pirezidantichi bara 1986tti dursaa fincilaa ta'udhaan erga aangoo biyyattii qabatanii kaasee, biyyattii abbaa hirrummaatiin bulchaa turuu kaasu.

    Museeveniin filannoowwan biyyaaleessaa erga aangoo qabatanii gaggeeffame hundaan injifataniiru.

    Museeveeniin aangoorra akka turan gochuuf daangaawwan umurii fi bara aangoo kaadhimamtoota pirezidantummaaf dorgomanirra kaa'amee ture kaasuuf yeroo lama heerri mootummaa biyyattii fooyyeeffameera.

    Filannoo Yugaandaa Amajjii dhufaa gaggeeffamurratti dorgomaa cimaa ta'uu danda'a jedhamee kan eegamu weellisaa muuziqaa gara nama siyaasaatti jijjirame Boobii Waayiniidha.

    Waayin paartiinsaa 'National Unity Platfom' jedhamu yoo kaadhimummaan kan isa filatu ta'e, Museevenii waliin akka dorgomu Ebla keessa BBCtti himee ture.

    Haata'u malee ''Yugaandaa keessatti mormiituu ta'uu jechuun shororkeessummaan farajamuu jechuudha'' jedheera.

  8. Qondaalli Hamaas Gaazaan garri caalu to'annoo isaanii ala ta'uu hime

    Qondaalli olaanaan Hamaas tokko BBC'tti akka himanitti, Gaazaa Istriip keessatti hanmga %80 to'annoo dhabaa jira jedhan.

    Leetanaant Koloneelichi, sababii haleellaa Israa'el ji'ootaaf geggeessaa turterraa kan ka'e hoggansi siyaasaa, waraanaa fi tikaa garee Filisxeem kanaa barbadeessuun sirni ajajaa fi to'annoo Hamaas akka kufe dubbataniiru.

    Qondaalli kun waraana torban jalqabaa, kan erga Hamaas Onkololeessaa 7, 2023 haleellaa raawwate hordofuun eegaleen kan madaa'e yoo ta'u, ergasii sababa fayyaatiin hojiisaarraa fagaateera.

    Namni kun maqaasaanii dhoksuun haala jiru irratti ergaawwan sagalee hedduu BBC'f qoodaniiru.

    Ergaawwan kanneen keessatti, qondaalli kun haala bittinnaa'uu keessoo Hamaasfi nageenyi guutuu Gaazaa, kan duraan waraanichaan dura garichaan bulaa ture keessatti haala guutmmaan jechuun danda'amuun kufuusaa himeera.

    "Asitti mee dhugaa haa dubbannu, caasaa nageenyaa wanti hafe baay'ee xiqqaadha. Hoggansi harki caalaan, kan gara %95 ta'u amma du'eera... hoggantoonni dammaqoo hundi ajjeefamaniiru," jedhan.

    "Egaa dhuguma, Israa'el waraana kana akka itti hin fufne maaltushee dhorkaa jira?"

    "Akka loojikii yoo ta'e hanga dhumaatti itti fufuu qaba. Haalli hundi walsimsiisaa jira: Israa'el harka ol'aanaa qabdi, addunyaan callisteetti, warri Arabaa callisaniiru wanbadoonni yakkamtootaa bakka hundatti argamu, hawaasni kufaa jira."

  9. Finciltoonni Huutii Yaman Israa'el irratti dhukaasan eenyu?

    Huutiin garee hidhatee kan Iraanin deeggaramuu keessaa tokko fi qaama "garee Warraaqsa" Israa'el irratti geggeessu yoo ta'u, Hamaas Gaazaa fi Hezbollaa kan Libaanos waliin wal ta'uun wal deeggaru.

    Gareen kun dooniiwwan kudhanootaan lakkaa'aman Israa'el waliin hidhata qaba jedhee amanee irratti haleellaa raawwata.

  10. Huutiin meeshaalee waraanaa akkamiitiin dooniiwwan haleela?

    Yaman biyyoota hiyyeeyyii keessaa tokko yoo taatu, bara 2014, yeroo warraaqsi hidhattoota Muslimaa warra Shi'aa- Huutii, magaalaa guddoo Yaman Sana'aa dhuunfaterraa eegalee biyyattiin wal-waraansaa keessaa hin baane.

    Haleellaan xiyyaaraa yeroo dheeraaf gartuu waraanaa waloo Sa’udiin dursituun Huutiirratti raawwatamaa ture mancaatii fi hiyyummaa biyyattirratti ittuu dabale.

    Yaman biyya hiyyeettii taatus Huutiin garuu Sadaasa 2023 irraa eegalee geejjibaa galaanaa jeequuf doorsisaa jira.

    Lolli kun dinagdee addunyaarratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda’a jedhamee sodaatama. Maaliif?

  11. Lolaa Ameerikaa, Teksaasitti uumameen yoo xiqqaate namoonni 78 du'an

    Balaa lolaa rooba cimaa hordofee Ameerikaa, kutaa bulchiinsa Teksaas keessatti uumameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 78 darbee, kanneen 41 ta'an ammoo bakki isaan jiran wallaalameera.

    Lolaan tasa Jimaata mudate kun ammas itti fufa jedhamee sodaatamaa jira.

    Daa'imman 28 dabalatee namoota balaa lolaa kanaan lubbuu dhaban 68 kan ta'an Kaawontii Keerii jedhamu keessatti yoo ta'u, kaampii ijoollee durbaa Kiristaanaa qaqara lagaatti argamuttidha.

    Ijoolleen durbaa kudhaniifi gorsaan tokkos kaampiima kana keessaa bakki isaan bu'an dhabameera.

    Aanga'oonni akka jedhanitti, lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii akka dabalu ifaadha.

    Sa'aatii itti aanan 24 hanga 48 keessattis roobni hamaan bubbee makate mudachuu waan danda'uuf hojii lubbuu baraarruu daran danquu danda'a.

  12. Israa'el Yaman keessatti Huutiirratti haleellaa bante

    Israa’el Yaman keessa ulaa Hudaayidaah, Raas Isaa fi Sa’iif dabalatee ulaa galaanaa sadii bakka Huutiin jirudha jetturratti xiyyeeffachuun haleellaa banuu himte.

    Haleellaan kun humni waraanaa Israa’el ummanni nagaa naannawaa sana jiru haleellaan humna qilleensaa waan jiraatuuf akka gadhiisanii bahaniif akeekkachiisuu hordofeetu.

    Ministirri Ittisaa Isaa’el, Israa’el Kaatiz ergaa miidiyaa hawaasaarratti baasaniin akka mirkaneessanitti, haleellaan kun buufata humna ibsaafi doonii daldalaa Galaaksii Liidar dabalatee fuulleewwan huutiin to’atee jirurratti gaggeeffame.

    Dooniin daldalaa kun waggaa lama dura garee fincilaa kanaan kan butamte yoo ta’u, Israa’el qama bishaan idil-addunyaa ittiin hordofuudhaaf kan gargaaramtu turte.

    Miidiyaan Huutiin hooganamu Yaman keessa jiru haleellaan Israa’el gaggeessite kun Hudayidaa rukkutuu himeera, garuu sababa kanaan lubbuu darbeefi miidhaa qaqqabe bal'inaan hin ibsine.

  13. ASHAMAA!

    Akkam jirtu? Oduu toora tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Karaa kanaan: Israa'el Huutii Yaman keessa jirurratti haleellaa banuu; Ameerikaa, Teksaasitti namoonni balaa lolaan du'uu, mormii dargaggootaa Keeniyaa keessatti gaggeeffamuufi oduu kaan isin biraan geenya.

    Dabalataan odeessaalee keenya argachuuf ammoo karaa marsariitii keenyaa, ykn Facebook keenya, ykn odeessaalee viidiyoon YouTube keenya akkasumas WhatsApp chaanaalii keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Nu hordofaa.