Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Gaazaatti ijoolleen bishaan waraabdu haleellaa xiyyaaraa Israa'elin ajjeefaman'

Haleellaa xiyyaaraa Israa’eliin ijoollee ja’a dabalatee walumaagalatti namoonni kudhan walakkeessa Gaazaatti Dilbata har'aa otoo bishaan waraabanii ajjeefamuu qondaalonni yeroo balaa himan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo Facebook, WhatsApp akkaumas YouTube gubbaa hordofaa
  • Karoorri Israa'el Filisxeemota Gaazaa gara kibbaatti geessuf qabdu falmii kaase
  • Haleellaa Galaana Diimaatti dooniirratti raawwateen lubbuun darbe
  • Tiraamp fi Netaaniyaahuun dhimma dhukaasa dhaabuu Gaazaarratti walga'ii lammaffaa geggeessan
  • Hoggantoonni gurguddooTaalibaan lama akka hidhaman ajajni bahe
  • Haleellaa Galaana Diimaarratti raawwateen lubbuun darbeera
  • Itoophiyaan Hidha Abbayyaa xumuruun Masriif maal jechuudha?
  • Qabsoo ummata Oromoo keessa qoodi Ertiraa akkami?
  • Jijjiirami sharafa alaa Itoophiyaa maal buuse?
  • Masiriin affeerraa eebba hidha haaromsaa irratti argamuu hin fudhanne jette

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraana diroonii Raashiyaan cimsaa jirtu sodaa babal’isaa jira

    Raashiyaan waraanni diroonii cimsaa jirtu sodaa babal’isaa fi hamilee Yukireen mancaasaa jira

    Kan hunduu irratti walii galu: Dubbiin hammaataa dhufeera.

    Ummanni Kiiv akkuma lammiilee magaalota Yukireen biroo waan baay'ee keessa darbeera.

    Waggoota sadiifi walakkaaf haala tilmaamuuf nama rakkisu keessa erga turanii booda, cimina horachaafi garmalee dandamachuu danda’aniiru.

    Garuu ji'oota dhiyoo asitti wanti haaraan isaan mudachaa jira: haleellaa bal'aa fi qindoomina qabu qilleensa irraa, kan diroonii fi misaa'eloota dhibbaan lakkaa'aman hirmaachisu, yeroo baayyee magaalaa tokko irratti kan xiyyeeffate.

    Viidiyoo haleellaa bal'aa Yukireen, Kiiv irratti gaggeeffame daawwadhaa.

  2. ASHAMA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Oduu karaa tamsaasa kallattii kanaatiin isin biraan geenyu kan Jimaataa amma jalqabneerra.

    Nu hordofaa!

    Oduu bal'inaan argachuuf karaa marsariitii keenyaa, ykn Facebook keenya, ykn viidiyoon ammoo YouTube keenya, akkasumas WhatsApp chaanaalii keenya dhiyaachuu hin dagatiinaa.

    Guyyaa gaarii!

  3. Hojjettoonni Sekireet Sarvis jaha yaalii ajjeechaa Tiraampi irratti dadhabina agarsiisaniin hojiirraa ari'aman

    Dhaabbanni Ameerikaa pirezidaantotaa fi maatii isaaniif eegumsa godhu Sekireet Sarvis hojjettoota isaa guyyaa yaalii ajjeechaa Tiraampi irratti godhame itti gaafatamummaa isaanii hin bahanne jedhe jaha hojiirraa dhorke.

    Namni tokko qawwee qabachuun Tiraampiin ajjeesuuf itti dhukaasee ture.

    Itti aanaan daariktera Sekireet Sarvis Maat Kuyiin, CBStti akka himanitti, namni Maatiw Kiruksi jedhamu hiriira deeggarsaa Tiraampi Peeniselvaaniyaatti bahame irratti Tiraampitti dhukaasuun nama biraa ajjeese irratti ''kufaatiin oppireshinii'' ture jedhan.

    Rasaasni Kiruuksi dhukaase tokko gurra Tiraampi haleeluun dhiiksee darbe.

    Namni dhukaasa kana bane yerosuma ajjeefame. Hojjettoonni eegumsarra turan jaha kunneen yoomii jalqabuun akka hojiirraa dhorkaman garuu ifa hin taane.

    Hojjettoonni kunneen ammaas boqonnaa dirqamaa kaffaltii malee guyyaa 10 hanga 42 irratti darbuu himameera.

  4. Warsaan Simintoo Mosoboo erga hojii dhaabee ji’a lama guute

    Naannoo Tigraayitti kan argamu Warshaan Simintoo Mosooboo ji’a lamaan darbaniif hojii adda kutee akka jiru hoji gaggeessaan kubbaaniyichaa Obbo Kibra’ab Tawaldaa BBC Tigriffaatti himan.

    Namoonni naannoo warshichaa jiraatan bu’aa barbaadamu akka irraa hin arganneefi miidhan irra gahuu iyyachuurraa kan ka’e warshichi hojii dhaabuuf sababa akka ta’e himan.

    Mootummaan gaaffii uummanni kaasuf deebii kennuu dhabuun gaaffiin uummataa akka lafarra harkifatu godhuus kaasan.

    Gama biraan ammoo hojjattoonni warshichaa mindaan jalaa dhaabbachuu gaazexaan Reporter gabaasee ture. Hoji gaggeessaa warshichaa Obbo Kibra’ab garuu hojjataan mindaan jalaa dhaabbate akka hin jirre himan.

  5. Ameerikaan hojjettuu UN waraanaa Gaazaa qeeqxurra dhorkaa keesse

    Bulchiinsi Tiraamp raappoortara addaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Firaanseska Albaanes kan waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeeffamu ifatti qeequun beekamtu irra qoqqobbii kaa'e.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoon tarkaanfii kanas deeggarsa isheen Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) kan abbootiin murtii muraasni kanaan dura Ameerikaadhaan qoqqobbii irra kaa'amee wajjin walqabsiisaniiru.

    Ruubiyoon akka jedhanitti, Ameerikaan lammiilee Ameerikaa ykn Israa'el seeratti dhiyeessuuf tattaaffii ICC waliin kallattiin hirmaachuu isheetiin Albaanesirra qoqqobbiin kaa'ameera jedhan.

    Akkasumas akka Raappoortar Addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ta'uun tajaajilaaf kan gahumsa hin qabne jechuun himatan.

    Qoqqobbiin kun Tarii Albaanes akka gara UStti hin imalle dhorku yoo ta'u, qabeenya isheen biyyattii keessatti qabdu kamiyyuu kan ugguru ta'uu hin oolu.

    Barreeffama X irratti barreesseen, Albaanes qoqqobbii kana kallattiin hin dubbanne, haata'u malee akkas jechuun barreesse: "Guyyaa kana yeroo kamiyyuu caalaa: akkuma yeroo hunda godhu cimsee fi amansiisaa ta'een gama haqaa nan dhaabadha."

    Ergaan kun, gabaastuun addaa dhalattuu Xaaliyaanii taate kun, ICC'f deeggarsi irra deebitee maxxansite kun, biyya mana murtii kana hundeessite irraa akka dhufte, bakka abbootiin seeraa fi abbootiin murtii yeroo baayyee lubbuu ofii isaaniitiin ''gatii guddaa kaffaluun haqaaf dhaabbatanidha'' jetteetti.

    "Duudhaa sana kabajuuf nan yaada" jechuun barreeffama kana irratti dabaltee ibsitti.

  6. Leenjisaa Maadiriid kan turan Kaarloo Anchelootii hidhaan adabaman

    Leenjisaan garee biyyaalessaa kubbaa miillaa Biraaziil Kaarloo Anchelootii gibira waliin dhahuudhaan erga himatamanii booda hidhaan waggaa tokkoo itti murtaa'uu manni murtii Ispeen ibse.

    Garuu leenjisaa gameessi kun mana hidhaa hin seenan jedhameera.

    Duraan leenjisaa Chelsii fi Evertan kan turan leenjisaan lammii Xaaliyaanii kun, bara 2013 hanga 2015 wayita leenjisaa Riyaal Maadiriid turanitti gibira miindaa isaanii kan yuuroo miiliyoona 1 ta'u osoo hin kaffalin hafuun himataman.

    Anchelootiin hidhamuu dhiisuu danda'u, garuu bakkasaa yuuroo kuma 386 fi 361.93 kaffaluu qabu.

    Leenjisaan umrii waggaa 66 kun bara 2021 hanga 2025 ammas gara Riyaal Maadiriid deebi'uun erga leenjisanii booda xumura bara darbeetti kialbicha gadhiisuun amma garee biyyaalessaa Biraaziil leenjisaa jiru.

    Akka seera Ispeenitti namni yakka hamaadhaan hin himatamne tokko yoo kanaan dura galmee yakkaa ofirraa hin qabu ta'e, adabbiinsaa waggaa lamaa gadi taanaan dirqama mana hidhaa seenuu hin qabu.

    Jalqaba bara kanaatti Anchelootiin wayita mana murtiitti dhihaatan ''an gonkumaa waa'ee gibira waliin dhahuu sammuu kiyya keessatti yaadee hin beeku,'' jechuun yaada kennan.

    Leenjisaan kun maallaqa irra jiru hundasaa Muddee 2021 kaffalan.

    Liyooneel Mesiinis yeroo Baarseloonaa ture haaluma walfakkaatuun adabbiin hidhaa irratti murtaa'ee ture.

    Garuu boodarra adabbiinsaa yuuroo kuma 252tti hir'ateef. Adabbiin hidhaa irraa haqame.

    Jifataan duraanii Riyaal Maadiriid Kiristiyaanoo Roonaaldoo bara 2019 adabbii yuuroo miiliyoona 18.8 itti murtaa'e fudhatee ture.

    Leenjisaa duraanii Chelsii kan turan Joosee Moriinoo bara 2011- 2012 wayita leenjisaa Riyaal Maadiriid turanitti himata gibiraan walqabatee irratti baname booda yuuroo miiliyoona 2.2 adabamaniiru.

  7. Tiraamp Biraazil irra qaraxa %50 kaa'uuf dorsiisuun himannaan pirezidaantii biyyattii duraanii akka adda citu gaafatan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyya Kibba Ameerikaa kan taatee Biraazil waliin atakaaroo keessa galan haala cimsuun, oomishaalee biyyattiirra qaraxa %50 kaa'uuf karoorfachu ibsan.

    Tiraamp karoora qaraxa haaraa kaa'u kanas barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodaniin beeksisan.

    Barreeffama kana keessattis Tiraamp Biraazil dhaabbilee teeknooloojii Ameerikaa irratti ''haleellaa'' raawwachuu fi pirezidaantii Biraazil duraanii kan warra dudhaa durii leellisa (far-right) ta'an Jaayar Bolsonaaro irratti ''adamsa himannaa sobaa'' gaggeessuun himatan.

    Bolsonaaroon filannoo bara 2022tti kuffisuuf shira xaxame keessaa gahee qabu jedhamuun himannaan irratti baname.

    Pirezidantiin Biraazil Luwiiz Inasiyoo Luulaa da Siilvaan karaa barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti deebii kennaniin, qaraxa Biraazil irratti dabaluun deebii akka argatu ibsuudhaan, adeemsa sirna haqaa biyyattii keessa jidduu galummaan kamiyyuu akka hin taasifamneef akeekkachiisaniiru.

    Tiraamp jalqaba torban kanaarrattis waa’ee dhaddacha Bolsonaroo irratti Luulaa waliin wal dhabanii ture.

    Yeroo sanattis Luulaan, Biraazil ''giddu-galummaa'' nama kamirraayyuutuu akka hin fudhanne ibsuun, itti dabaluudhaanis: ''Eenyullee seeraa ol hin ta'u'' jedhan.

    Akkasumas Roobii kaleessaa Tiraamp kopparii biyya alaarraa galfamu irratti qaraxa %50 kaa'uu, kan jalqaba torban kanaa beeksisan, Hagayya 1 irraa eegalee hojiirra oolas jedhan.

    Tiraamp murteen kunis sababii yaaddoo nageenya biyyaa irraa kan ka’e akka murtaa'e maxxansa miidiyaa hawaasaa irratti ibsaniiru.

  8. Gosa dhiigaa addunyaarratti namni tokko qofi qabu- Namni kun eenyu? eessatti argama?

    Qorannoo hanga ammaatti jiruun addunyaarratti gosa dhiigaa 48ffaa maqaan ''Gwada negative'' jedhamu kennameef kana kan qabdu dubartii tokko qofa.

    Gosi dhiigaa kun dubartii odoola Faransaay jalatti bultu- Guwadelowupe jedhamtu keessa jiraattu keessatti argame.

    Jiraattonni odoola kanaa wayita mararsiifatan Giwada jechuun waamu. Saayintistoonnis kanumarraa ka'uun maqaa gosa dhiigaa kanas 'Gwada negative' jechuun moggaasan.

    Jaarmiyaa dhimma dhiigaa biyyaalessaa Faransaay Française du Sang (EFS) jedhamutu gosa dhiigaa haaraa kana argachuu ibse.

    Argannoon kunis dhaabbata dhimma dhiigaa idiladdunyaa- International Society of Blood Transfusion (ISBT) jedhamurraa beekamtii argateera. Gabaasa kanarratti dabalata argachuuf asiin galaa.

  9. Tiraamp dureewwan Afriikaa shan Waayit Hawusiitti affeeruufi kaayoosaa

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Waashingtan DCtti dureewwan Afriikaa shan waliin yaa'ii guyyaa sadii kan eegalan yoo ta'u, kunis Waayiti Hawuusiif akka carraa daldalaa ''gaariitti'' ilaalameera.

    Keessummoonni Tiraamp dureewwan Gaaboon, Giinii Biisaawu, Laayibeeriyaa, Mooriitaaniyaa fi Seeneegaal yoo ta'an, biyyoota kanneen keessaa kan diinagdee cimaa qaban hin jiran.

    Walgahiin kunis kan imaammata ''deeggarsa osoo hin taane daldala'' irratti kan xiyyeeffateedha jedhameera.

    Biyyoonni shanan kunneen meeshaa gara Ameerikaatti erganirratti qaraxa parsantaa 10 kan irra kaa'ame yoo ta'u, waliigalteen kana hir'isuu dandeessisu taasisuuf abdi godhachu malu.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbifachuuf asiin seenaa.

  10. Mariin waraana dhaabuu wayita itti fufe jirutti Israa'el Gaazaatti namoota 24 ajjeeste

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yeroo torban kana ykn torban itti aanutti Gaazaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuuf “carraan baay’ee gaariin” jira jechaa jiran kanatti Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa raawwataa jirti.

    Hamaas gama isaatiin mata jabina Israa’el irraa kan ka’e mariin Kaataar keessatti taasifamu “rakkoo” ta’uu dubbateera.

    Humnoonni Israa’el haleellaa qilleensaa Gaazaa irratti raawwatan cimsuun, har'a erga bari'ee qofa yoo xiqqaate namoonni 24 ajjeefamuu isaanii fi hedduu irra ammoo miidhan qaqabuun gabafameera.

  11. Haleellaa diroonii haaraa Raashiyaan Kiiv irratti raawwatte lubbuu galaafachuun gabaafame

    Haleellaa diroonii Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni lama du’uu fi 13 madaa’uu, akkasumas ibiddi guutuu magaalattii keessatti mul’achuun gabaafame.

    Angawoonni Kiiv akka jedhanitti, caccabaan dirooniin gamoo mana jireenyaa giddugala kutaa Shevchenkivskyi rukuteera.

    Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaarrati gadhifaman ammatti BBCn hin mirkaneeffatiin jiru, halkan samiirratti dhoo’insi mul’achaa kan ture yoo ta’u, humni ittisaa qilleensaa yeroo qolatu argmeera.

    Humni waraanaa Yukireen haleellaan balastik misaa’elii jiraachuu akka malu akeekkachiiseera.

  12. Huutiin torban tokko keessatti doonii Galaana Diimaa isa lammaffaa haleelee, hojiin baraaruu itti fufeera

    Dooniin fe’umsaa tokko Huutii Yaman irratti xiyyeeffatee Galaana Diimaa keessatti liqimfamuun hojjettootn doonii jaha baraaramuu fi yoo xiqqaate namoota sadii du’uun gabaafameera

    Dooniin fe'umsaa alaabaa Laayibeeriyaa qabdu hojjettoota 25 fe’ee ture tokko guyyaa Wiixataa erga garee huutiin haleelamee booda Galaana Diimaa keessatti dhidhimeera.

    Haleellaan kun guyyaa Kibxata darbellee kan itti fufe yoo ta’u, hojiin sakatta’iinsa baraarsaa taasifamaa jiraa

    Miseensonni hojjettoota doonii lakkoofsi isaanii hin beekamne gara "naannoo nageenya qabutti" geeffaman.

    Huutiin ''miseensota hojjettoota doonii lubbuun hafan hedduu butanii jiru'' jedha Imbaasiin Ameerikaa Yaman jiru, hatattamaan akka hiikamanis gaafateera.

    Huutiin misaa'elaa fi diroonii erga gara dooniiwwaan kanneeniittu furguggisuun torban tokko keessatti isa lammaffaadha.

    Viidiyoon Huutiin Kibxata darbe gadhiise akka agarsiisutti namoonni hidhatan doonii kana yaabbatanii dhohinsa walduraa duubaan kaasuun dooniin akka liqimfamtu taasisan

    Hidhattoonni Hutii Yaman hanga ammaatti haleellaa kana raawwachuu isa ibsuu baatus, garuu kanaan duras gariichi dooniiwwan Galaanaa Diimaa keessaa irratti tooftaa walfakkaataa raawwataa turan.

  13. Tamsaasa kallattiiin keenyaa deebiineerra

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Oduu toora tamsaasa kallattii kanaatiin gaggabaabsine isin biraan geenyu kan Kamisa har'aa kunoo amma jalqabneerra.

    Isinis yoo nu hordoftan addunyaa mara irraa odeessaalee ijoo ni argattu.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo karaa marsariitii keenyaa, ykn Facebook keenya, ykn odeessaalee viidiyoon YouTube keenya akkasumas WhatsApp chaanaalii keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Guyyaa nagaa qabaadhaa!

  14. Chaayinaan himannaa Jarmaniin carrallaan xiyyaara waraanaarratti xiyyeeffatte jetteen haalte

    Amma yeroo waldhabdeen dippilomaasii biyyoota lamaan gidduutti gadi bu'aa dhufeetti, Chaayinaan himannaa Jarmaniin carrallaa dooniirraa dhukaafameen xiyyaara waraanaa irratti xiyyeeffatte jechuun mormite.

    Jarmaniin Chaayinaan jalqaba baatii kanaarratti xiyyaarashee tokko jeequuf yaaltee jirti jechuun himatteetti.

    Xiyyaarichi, hojii Gamtaa Awurooppaatiin durfamuun dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran misaa'ela garee finciltoota Huutii Yamanitiin furguggifamu irraa eeguuf kaayyeffate irratti hirmaachaa turte.

    Ministeerri dhimma alaa Jarmanii ambaasaaddara Chaayinaa waamuun taateen kun ''guutummaatti fudhatama kan hin qabne'' jechuun ibseera. Akkasumas Gamtaa Awurooppaatti ergamaan Chaayinaas gamtichaan waamamee jira.

    Beejiing ragaan Jarmanii ''dhugaa gama Chaayinaatiin beeku waliin guutummaatti kan wal hin simnedha'' jechuun ofiirraa dhiibdee jirti.

  15. Dooniin lammataa Galaana Diimaa keessatti haleellaa Huutiin dhidhimte

    Dooniin fe'umsaa alaabaa Laayibeeriyaa qabdu tokko guyyaa Wiixataa haleellamteen booda Galaana Diimaa keessatti dhidhimuushee dhaabbanni balaa galaanaa fi ogeessi daataa doonii Lloyd's List Intelligence, Vaangaard Teek ibseera.

    Dooniin kun Dilbata ganama buufata doonii Barbaraa irraa gara kaabaatti qajeeluun imalashee isa dhumaa eegalte. Bakkisheen yeroo dhumaaf qaqabuun galmaa'e, akka marsariitiin hordoffii Tiraafiika Galaanaa jedhutti, Wiixata kaleessaa naannoo buufata doonii Yaman Hudeydah, kan garee finciltoota Huutiin to'atamutti turte.

    Dhaabbanni Vaangaard akka jedhutti, dooniin hedduu fe'umsaa 'Eternity C's stern' osoo guutummaatti hin dhidhimiin dura wallakkaansaa bishaan keessa lixamee ture.

    Haleellaa kanaan hojjettoonni dooniichaa afur kan du'an yoo ta'u, shan ammoo bishaan keessaa baraaramaniiru. Hojiin barbaarsaa fi barbaacha hojjettoota doonichaa hafa16 ammas gaggeeffamaa jira. Dooniin kun wayita dhidhiimtuutti namni tokko keessa hin turre.

    Dooniin kun yeroo adda addaa afuritti Adooleessa 7 fi 8 gidduutti bidiruuwwan xixiqqoo hanga saddeetitti ta'aniin rookkeettii dhukaasan, meeshaa waraanaa xixiqqoo fi xiyyaara nama maleessaan haleelamuu ishee Vaangaard Teek ibseera.

    Hidhattoonni Hutii Yaman garuu hanga ammaatti haleellaa kana raawwachuu kan hin dubbannee yoo ta'u, garuu kanaan duras gariichi dooniiwwan Galaanaa Diimaa keessaa irratti tooftaa walfakkaataa raawwataa turan.

  16. Itoophiyaan eddoowwan waraanni Ertiraa to'atteetti sarbama raawwatamaa jira jechuun UNtti himatte

    Itoophiyaan waraanni Ertiraa ammalleen naannawwan daangaa Itoophiyaa to'atee akka jiruufi sabamoota sukkanneessoo raawwataa jiraachuu ilaalchisee gabaasaaleen bahaa jiraachu Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN)tti himatte.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoamniitti bakka bu'aan Itoophiyaa Amabaasaadar Tsaga'aab Kiibabawu ''sarbamoonni mirga namoommaa sukkanneessoon naannawa daangaatti akka raawwataman gabaasaaleen bahuu'' itti fufuu dubbatan.

    Ambaasaadar Tsaga'aab kana kan dubbatan mana maree mirga namoomaa UN, aangoo ogeessa addaa haala qabiinsa mirga namoomaa Ertiraa irratti hundeesse dheerreessuu ilaalchisuun sagalee kennuun dura ture.

    Amabaasaadar Tsagaa'ab tarkaanfii Ertiraan fudhataa jirtu kan walitti dhufeenya biyyoota lamaanii balleessu qofaa osoo hin taane ''kallattiidhaan kan Itoophiyaarratti haleellaa kaasuudha'' jedhan.

    Odeessa kanarratti dubbiifachuuf asiin galaa.

  17. Tiraamp UK daawwachuufi

    Tiraamp dhuma ji'a kanaatti UK daawwachuuf tahuu himame.

    Poolisiin daawwannaa Tiraamp kanaaf qophii taasisaa jiraachuu hime.

    Daawwannaa isaa kanaan riizoortii golfii haaraa bane Aberdeenshaayir jiru daawwata jedhamee eegama.

    Garuu mooticha Chaarles waliin waan wal arguun mari'atan miti.Dhuma waggaa kanaatti ammoo daawwannaa guutuu tahe UKtti taasisu jedhamee eegama.Daawwannaa Tiraampi xumura ji'a kanaaf karoorfameef qophii jalqabnee jirra'' jedhe Poolisiin Iskootilaandi.

  18. Tiraamp Dilbata dhufu tapha xumura waancaa Kilab Woorlid Kaappi daawwachuuf

    Doonaald Tiraamp tapha xumura waancaa 'Club World Cup' Dilbata dhufu gaggeeffamu irratti argamuun akka daawwatan mirkanaa'e.

    Pirezidaantiin FIFA, Jiyaanii Infaantiinoo, waajjira FIFA magaalaa Niw Yoorkitti banuu ibsuu hordofee ibsi kun bahe.

    FIFA'n waajjira isaa gamoo qabeenyummaan isaa kan Tiraampi tahe, Trump Tower irratti bane.

    Ameerikaan, Meksiikoo fi Kanaadaa waliin tahuun Waancaa Addunyaa bara dhufu keessumeessiti.

    Kanaaf jecha dorgommiin kun bifa haaraan kileboota addunyaa hedduu hoirmaachise.

    Cheelsiin xumura waancaaf darbeera. Har'a ammoo PSG fi Riyaal Maadirid taphachuun kilebni mo'ate waancaaf darba.

    Tiraampi biyyoota 36 irraa daawwattoonni akka US hin galleef qoqoobbii kaa'uuf jehdu. Garuu FIFA'n Tiraampi daawwattootaaf ni eeyyamu amantaa jedhu qaba.

  19. Ameerikaan dheerina viizaa lammiilee Naayijeeriyaaf kennitu gabaabsuu beeksiifte

    Ameerikaan imaammata viizaa lammiilee Naayijeeriyaa osoo baqattoota hin taane sababbii adda addaatiif gara biyyattii seenaniif kennaa turte irratti jijjirama taasisuu beeksiifte.

    Haaluma murtee kanaatiin, yeroo fi haal-duree viizaa imaltoota Naayijeeriyaa gara Ameerikaa seenan irratti jijjirama taasifteetti.

    Wiixata dheengaddaa irraa kaasee Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa viizaa baqattootaa hin taanee fi dippilomaatii lammiilee Naayijeeriyaatiif kennu kan seensa yeroo tokkichaa qofaaf tajaajiluu if kan baatii sadii qofaaf turu akka ta'u ibseera.

    Ministeerichi kana kan murteesse kunis haala kenniinsa viizaa kanaan dura ture irraa adda ta'u kaasuudhaan, haaluma walitti dhufeenya biyyoota waliin jiru irratti hundaa'uun sirreefama idil-addunyaa taasifameedha jedheera.

    Kanaan dura viizaan lammiilee Naayijeeriyaatiif kennamaa ture waggaa lamaaf ykn isaan oliif kan tajaajilu ture.

  20. PSG fi Riyaal Maadriid: Falmii cimaa Awurooppaa gara Waancaa Addunyaatti ce'e

    Ameerikaa Niwu Jeerziitti kan argamu Isteediyemii guddichi MetLife galgala kana falmii kilaboota gurguddoon raafamuusaati.

    Har'a PSG fi Riyaal Maadiriid tapha xumuraaf darbuuf falmatu. Waancaa Kilabootaa Addunyaa (Club World Cup) keessatti taphi akkaan eegamu isa kana.

    Dorgommiin kun kilaboota gameeyyii shaampiyoonaa Awurooppaa ta'an walitti fida. Shaampiyoonaa bara darbee- PSG fi kan bara isa duraa- Riyaal Maadiriid.

    Piriimer Liigii Ingilaand keessaa kophaasaa dorgommii kana keessatti kan hafe Chelsiin dursee xumuraaf darbuusaa mirkaneeffateera.

    Dabalataan dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.