Israa'el lola lafoo Gaazaatiin Hamaas waliin walitti 'dhukaasa cimaan' ta'e jette
Israa'el duula lafoo Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiruun waraanasheefii hidhattoota Hamaas gidduutti walitti dhukaasni 'cimaan' taasifamuu beeksiifte.
Dubbi-himaan, Humna Raayyaa Ittisaa Israa'el, Piitar Leernar, saganataa BBC Breakfast jedhamu irratti UK keessatti dhiyaatanii ture.
Qondaalli kun humnoota Israa'eliifi Hamaas jidduutti waraanni cimaan halkan keessa gaggeeffamuu himan.
Dubbi-himaan kun akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyattii, ''sadarkaa sadarkaan, akkasumas haleellaa haleelleedhaan'' Hamaas barbadeessaa jira jedhan.
Yaadni waraanichaatis Hamaas dura dhaabbachuun ''bu'uuraalee misoomaa isaanii barbadeessuudha'' jedhan.
Kana malees, Hamaas Masjiidootaafi gamoowan namoonni nagaa keessa jiraatan keessaa dhukaasa raawwata jechuun balaaleeffatan.