Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Qaamooleen Israa'el bakka bu'uun mari'ataa turan Kaataarii akka deebii'aniif ajajaman

Qondaaltoonni tika Israa'el biyyattii bakka bu'uun dhukaasa dhaabuuf mari'ataa turan erga mariichi socha'u dideen booda Kaataarirraa gara biyyaatti akka deebii'aniif ajajamu ejansiin tika biyyattii Mosaad beeksiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namoonni paaspoortii biyya biraa qabaniifi miidhaman 400 ol Gaazaa keessaa bahan

    Daangan Raafaah banamuu hordofee, namoonni miidhamaniifi paaspoortii biyya biraa qaban waaree booda daangaa qaxamuruun Gaazaa keessaa gara Masriitti imaluu itti fufan.

    Yoo xinnaate namoonni paasportii biyya biraa qaban 335 karaa ulaa Raafaah bahuusaanii qondaaltota Masriifi humnoota nageenyaa eerudhaan madden oduu Rooyitarsii fi AFP gabaasan.

    Akkasumas namoonni miidhaman 76 gara Masriitti geeffamusaanii qondaaltoonni Masrii AFPtti himan.

  2. BBCn Gaazaatti tajajila raadiyoo yeroo muddamaa eegaluufi

    BBCn Gaazatti raadiyoo dambalii gabaabaa banuufi. Kunis Gaazatti namoonni odeeffannoo atattamaa argachuu kan isaan dandeessisuufi waraana kana keessatti maal gochuu akka qaban odeeffannoowwan murteessoo uummata biraan gahuufi.

    BBC World Service kana kana kan beeksise har'a yoo ta'u, namoonni yeroo haleellaan gaggeeffamu eessatti baqachuu akka qaban, bishaanifi nyaanni fa'aa eessatti akka argamu odeeffannoo yeroo atattamaa uummata biraan gahuuf kan ooludha.

    Raadiyoon damabalii giddu galeessaa kun "Daily Gaza" jedhamuunis mogga'e. Qophiin raadiyoo kun Kaayiroofi Landanitti qophaa'un guyyaatti sagantaan tokko kan tamsa'u yoo ta'u Sadaasa 3 irraa eegala.

    Gaazaatti bilbillis ta'ee intarneetin cituurraa kan ka'e qunnamtiin baay'ee rakkisaa ta'eera.

  3. Israa'el hanga ammaa Gaazaatti loltoonni 15 jalaa du'uun qormaanni cimaan akka ishee eeggatu agarsiiftudha

    Israa'el Gaazaatti haleellaa qilleensarraa qofa osoo hin taane loltoota lafoonis Gaazaatti duultee jirti.

    Gama biraan ammoo kaleessa haleellaa qilleensaa buufata baqattoota Jabaaliyaatti gaggeessiteen namoonni heddu du'aniiru.

    Hanga har'aa namoonni du'an jijjigaa gamoo jalaa barbaadamaa jiru. Gaazexeessaan BBC Jeremii Boowen daayireektara hospitaala naannoo kaampii baqattoota haleelameetti argamuu dubbisuun namoonni 400 haleellichaan madaa'anii hospitaalicha seenuu odeeffate.

    Namoota kanneen keessaa 120 yeroo hospitaalicha gahan du'aniiru ykn yeroo xiqqoo booda du'an.

    Gama biraan ammoo Israa'el Gaazaa keessatti hanga ammaa haleellaa qilleensarraa 11,000 gaggeessuu beeksisuun lola kana keessatti ammoo loltoonni 15 jalaa ajjeefamuu beeksifte.

    Humni lafoo Israa'el Gaazaatti bobbaafte ammayyuu guutummaa magaala Gaazaatti hin seenne. Yeroo gabaabaa kanatti loltoota hangana kan dhabde, gaafa waraana magaalaa keessaa eegaltu loltoota heddu dhabuunshee waan hin oolle agarsiiftudha jedha Jereemin.

    Hidhattoonni Hamaas kaleessa loltuu Israa'el tokko ajjeesufi taankii dabalatee konkolaattota waraanaa Israa'el haleeluu beeksisee ture.

    Loltuun kaleessa Hamaas Gaazaatti ajjeeffame har'a sirni awwaalchasaa magaalaa Jerusaalemitti raawwate.

  4. Ulaa Raafaarraan namoonni lammummaa biyya lamaa qaban 110 Masrii seenan

    Yoo xiqqaate namoonni sivilii madaa’an 20 Ulaa Gaazaa Raafaa jedhamurraan gara Masriitti qaxxaamuran.

    Namoonni lammummaaa biyyaa laman qaban 110 ta’anis Gaazaarraa gara Masriitti qaxxaamuran.

    Ammaaf dhukkubsattoonni Filisxeem 80 fi lammileen biyyoota biroo, akkasuma kanneen lammuummaa biyyoota lamaa qaban walumatti 500 ta’an Gaazaa keessaa akka bahan eeyyamameera.

    Wayita ulaa daangaa kun banamu konkolaattoonni deeggarsa fe’an 20’n Gaazaa akka seenan eeyyamameera.

  5. Loltuu Israa’el kaleessaa Gaazaatti ajjeefame sirni awwaalchaasaa Yerusaalemitti raawwatame

    Loltuun Israa’el umrii ganna 20 Levii Lipshitiz jedhamu lola lafoo Gaazaarratt kaleessa du'e sirni awwaalcha isaa gaara Herzil, iddoo awwalcha loltootaa Yerusaalemitti argamutti raaawwatame.

    Ministirri Mummee Israa’el Beenjamiin Netanaahuun loltoonni Israa’el 11 ajjeefamuun ‘’wanta baayyee nama madeessuudha’’ jechuun hawaasa biyyattiif himan.

    ‘’ Loltoonni keenya biyyasaaniif jecha kufan’’ jedhan Netanaahuun.

  6. Gaazaatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii 8,796 qaqqabe- Ministeera Fayyaa Gaazaa

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa erga waraanni Gaazaatti eegalamee namoonni 8796 ajjeefamuu hime.

    Lakkoofsa namoota ajjeefamanii Kibxata himamee (8,525)irra 271'n dabale.

    Ministeerichi akka himetti, namoota ajjeefaman keessaa 3,648 daa’immaniidha.

    Haleellaa Hamaas Onkoloolessaa 7, 2023 Israa’elirratti raawwate hordofuun Israa'el haleellaa xiyyaaraa hamaa eegalte.

  7. Masiriin namoota madaa'an Gaazaarraa fudhachuun murtoo gaariidha- Dr. Tediroos Adihaanom

    Dursaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tediroos Adihaanom "waliigalteen namoota Gaazaa keessatti miidhaan cimaan mudate hanga tokko gara Masiriitti fiduu" murtoo gaariidha jedhan.

    Dr. Tediroos Adihaanom ergaa miidiyaa hawaasaarratti baasaniin, "Wallaansaaf namoota baasuu karoorsuurratti Ministeera Fayyaa Masirii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirra, gargaaruus itti fufna," jedhan.

    itti dabaluun, Gargaarsi fayyaa Gaazaa akka seenu hayyamames daddafee akka seenu ni barbaadna. Hospitaalonni haleelamuufi faayidaa waraanaaf ooluurraa eegamuu qabu."

  8. Ayatolaan Iraan biyyoonni Arabaa Israa'eliif nyaataaf boba'aa akka hin ergineef akeekkachiisan

    Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Hamiinii biyyoonni Arabaa Israa'eliif nyaataafi boba'aa erguurraa akka of qusataniif waamicha dhiyeesssan.

    Hogganaa Olaanaan dhiibbaa guddaa uumuu danda'an kun hanga haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu dhaabbatutti biyyoonni omisha isaanii erguurraa of qusachuu qabu jedhan.

    "Haleellaan Gaazaa keessatti raawwatamaa jiru atattamaan dhaabbachuu qaba... mootummaa abbaa irree warra Tsiyoonootaa kanaaf daandiin nyaataafi boba'aa geessu cufamuu qaba," jechuu isaanii TVn biyyaalessaa Iraan gabaaseera.

    Haleellaa tasaa Hamaas Onkololessa 7 raawwate hordofee, Israa'el Hamaasiin lafarraa balleessuuf jecha gaazaa qilleensaafi lafoon haleeluu itti fufteetti.

    Torban sadan darban keessa namoonni kuma 8 ol ta'an Gaazaa keessatti ajjeefamuun gabaafameera.

  9. 'Waraana rakkisaafi dheeratu keessa jirra' - MM Netaniyaahuu

    Loltoonni Israa'el 'waraana haqa-qabeessa ta'e' keessatti ajjeefamaniiru kan jedhan MM Benjaamin Netaniyaahuu, "Waraana rakkisaa ta'e keessa jirra" jedhan.

    "Waraana dheeratu ta'a. Milkaa'ina gaariis galmeessineerra. Haata'u malee, kasaaraan nama gaddisiisanis nu mudataniiru," jedhan.

    MM Netaniyaahuu kana kan jedhan, Kibxata lola Gaazaa keessatti gaggeeffameen loltoonni 11 du'uun isaanii erga mirkanaa'een booda.

    "Ni beekna, loltoonni keenya hundinuu baayyee barbaachisoodha."

    Miseensonni maatii uummanni Israa'el hundi isin waliin jira. Yeroo gadda guddaa kana keessa hundi keenya isin waliin jirra," jedhan.

    "Biyya keenyaaf jedhanii loltoonni waraana haqaaf kufaniiru. Isin lammilee Israa'eliif waadaa kanaan isiniif galu ergamicha hanga ba'anutti itti fufna. Hanga mo'anutti itti fufna," jechuun ibsan.

  10. Karri banamnaan namoonni ce'umsa daangaa Raafaah'tti walitti qabaman

    Ce'umsa daangaa Raafaah kan gama Gaazaan Masirii waliin waldaangessu banamnaan namoonni walitti qabamanii eeggachuutti jiru.

    Daangaa kanarraa ulaa banameen ba'uudhaaf namoonni baayyatanii eeggachaa wayita jiran suurri ni agarsiisa.

    Har'a ganama ammoo namoota madaa'an guuruuf ambulaansiin Masirii irraa Gaazaatti ce'aa turan, garuu deebiyuu isaanii hin beeknu.

    Wanti yaadatamuu qabu, erga Onkoloolessa 7 as namoonni sivilii Gaazaa keessaa ba'uu danda'an warra butamanii booda gadhiifaman qofaadha. Hanga ammaatti, karri ittiin bahani hunduu cufaa ture.

  11. Masiriin hospitaala dirree itti madoo simattu banuu hordofee Filisxeemonni 88 Gaazaatii ba'uuf

    Namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman daa'immaniifi maatiisaanii qabatanii, akkuma meeshaa qaban xaxataniin daangaa Raafaah irra jirutti dirreerratti walitti qabamanii taa'aa jiru. Garuu namni isaan waamaa jiru hin jiru.

    Wanti ta'e amma ni ta'a jennee abdanna - namoonni akka ce'aniif ni hayyamamaaf jennee eegaa jirra.

    Ambulaansii ykn namoota madaa'an Masirii seenan hin argine. Haata'u malee, namoota wallaansa fayyaa argachuuf geeffamuu qabaniif toofataa biraa qabaacuu danda'u.

    Aanga'oota naannawaarraa akka hubannetti, namoonni madaa'an 88 gara Masiriitti akka ce'aniif ni hayyamamaaf.

    Masiriin hospitaala banaa dirreerratti madoo itti wallaantu daangaarraa kiloomeetira 10 bakka fakaatutti ijaaraa jiraachuu quba qabna.

  12. Israa'el dooniiwwan misaa'elii gara Galaana Diimaatti erguuf

    Kaleessa gareen Huutii Yaman keessa jiru misaa'elootaafi diroonotaan Israa'eliin si'a sadii haleelleerra jedhe. Gareen kun ammas haleellaa Israa'el irratti raawwatu kana nan itti fufe jechuun dhaadate.

    Yaman bakka Huutiin keessa jiru kun Israa'el kibbaa irraa maayiloota dhibbaan lakkaa'amu fagaatee argama.

    Amma ammoo humni waraanaa Israa'el (IDF) akka himetti, "humna ittisaa bakka sana jiru cimsuudhaaf" dooniiwwan misaa'elii kaleessarraa eegalanii gara Galaana Diimaatti bobba'aniiru.

    Roobii gara ganamaa IDF, "diroonii dubbii barbaachaaf ergamte" Galaana Diimaa keessatti qolatee karaatti hambiseera jedhe.

  13. Erga waraanaatii as bakkawwan 11,000 ol haleelleera- IDF

    Humnootiin Waraana israa'el (IDF) erga waraanni Hamaas waliin gaggeeffamuu eegalee torbanoota sadan darban keessatti, Gaazaaa keessatti eddoowwan ''dhaabbata shororkeessaa'' ta'an 11,000 ol haleeluu beeksise.

    Humni waraanaa ollaa Jabaaliyaatti loltoonni Hamaas dhiheenya gamoowwan darbii baayyee, manneen barnootaa, wiirtuuwwan wallaansaafi waajjiraalee mootummaatti akka argaman adda baaseera. Loltoonnis hmni qilleensaa Israa'el haleellaa akka raawwatuuf qajeelfama kennaniiruuf jedhe,

    Isaan dura ammoo humni waraanichaa haleellaa Jabaaliyaatti raawwateen ajajaa olaanaa Hamaas ajjeessee bu'uuraalee ulaa lafa jalaa garichaa barbadeessuu beeksiisee ture.

    Amma ammoo, waraabbii viidiyoo haleellaan qilleensaa konkolaataa irratti yoo raawwatamu agarsiisu gadhiise. Konkolaataan sunis misaa'ela farra taankii kan baatuufi gara humnoota Israa'el imalaa ture jedhe.

  14. Erga haleellaa Hamaasii farrummaan Semeetizim US'tti 'akkaan dabale'

  15. WHOn waa'ee namoota Hamaasiin butamanii 'haalaan na yaaddeesse' jedhe

    Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Tediroos Adihaanom, haalli namoota haleellaa Onkolooleessa 7 Israa'el irratti raawwatameen booda garee Hamaasiin butamanii fudhatamanii irratti ''yaaddoo cimaan'' itti dhagahamuu dubbattan.

    Dr Tediroos ergaa toora X kan duraan Tiwitar jedhamurratti maxxansaniin, keessattuu daa'imman, dubartoota, jaarrooleefi kanneen rakkoo fayyaa xiyyeeffannaa wallaansa ariifachiisaa barbaadan irratti yaaddoo qaban ibsan.

    ''Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ammas irra deebiidhaan, namoonni butaman hundi atattamaan akka gadhiifamaniif waamicha taasisa'' jechuun barreessa.

  16. Suuraaleen waraana Israa'el gamoowwan cacabaniifi jijjigaa agarsiisan

    Waraanni Israa'el suuraalee duula waraanaa kaabaa Gaazaa keessatti gaggeessu agarsiisuu haaraa qoode.

    Suuraalee hedduunis gamoowwan jijjiggaa tuulamee kan agarsiisan yoo ta'u, kunis haleellaan qilleensaafi duulli lafoo Israa'el gaggeessaa jirtu hangam akka ta'e kan agarsiisudha.

  17. US biyyoota Afrikaa afur dabalataan sagantaa AGOA keessaa haquuf

  18. Boliiviyaan haleellaa Israa'el raawwataa jiruun walqabatee hariiroo dippilomaasii biyyattii waliin qabdu adda kuttee

    Boliiviyaan Israa'el ''Gaazaa irratti haleellaa gita hin taaneefi cimaa raawwatti'' jechuun walitti dhufeenya dipplomaasii biyyattii waliin qabdu adda kutuu beeksiifte.

    Itaanaan Minisitira Dhimmaa Alaa, Freedii Maamaanii gaazexessitootatti akka himaniitti, murteen isaanii kunis ''haleellaa sukkanneessaafi kan walgitu hin taanee waraanni ISraa'el Sulula Gaazaa keessatti fudhataa jirtu mormuufi balaaleeffachuudhaaf'' jedhan.

    Gama biraatiinis, dureewwan Kolombiyaafi Chiiliis Israa'el mormuudhaaf jecha ambaasaaddaroota isaanii waaman.

    Pirezidantiin Chiilii Gaabri'el Booriik Foonts, toora X kan duraan tiwiitara jedhamurratti akka barreessanitti, biyyii isaanii ''gochaa seera idil-addunyaa cabsuu fudhatama hin qabne Israa'el raawwattu cimsitee balaaleeffatti'' jedhaniiru.

    Akkasumas, pirezidantiin Kolombiyaa Gastaavoo Pexiroosis, ''Israa'el ummata Filisxeem ajjeessuu kan hin dhaabne yoo ta'u, achitti argamu hin dandeenyu'' jechuun X gubbaatti barreessan.

  19. Chaayinaan waraana Israa'el-Hamaasirraa maal barbaaddi?

  20. Ministitti Dhimma Alaa US Jimaata Israa'elitti imaluuf

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan Jimaataa dhufu gara Israa'el akka imalan Dippaartimantiin Isteetii Ameerikaa beeksiise.

    Biliinkan imalasaanii kanaan miseensoota mootummaa Israa'el waliin walarguun naannicha keessatti daawwanna gara biraas akka taasisan eegamu.

    Biliinkan imalasaanii kanaan qoondaaltoota Filisxeem waliin walarguuf karoora qabaachuun isaanii ammatti ifa miti.

    Erga torbanoota sadan darbanii as imalli amma Biliinkan Baha Giddu-galeessaatti taasisan kun imala lammaffaadha.