Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Qaamooleen Israa'el bakka bu'uun mari'ataa turan Kaataarii akka deebii'aniif ajajaman

Qondaaltoonni tika Israa'el biyyattii bakka bu'uun dhukaasa dhaabuuf mari'ataa turan erga mariichi socha'u dideen booda Kaataarirraa gara biyyaatti akka deebii'aniif ajajamu ejansiin tika biyyattii Mosaad beeksiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US yeroo jalqabaaf dubartii ajajjuu Humna Galaanaa gochuun muudde

  2. Ejjansiin UN Gaazaa keessaa 'qabatamaan hojiin ala'

    Qondaalli UN Tomaas Waayit, gamoowwan dhaabbatichaa keessatti namoonni kuma 600 dahannaa kan barbaadan yoo ta'u, isaaniif nageenyi jiraachuu amansiisaa miti jedhan.

    Hanga ammaatti gamoowwan dhaabbaticha shan kan haleelaman yoo ta'u, waliigalaan kan 50 ol ta'an waraanichaan miidhamaniiru jedhan.

    Ejansiin UN kan baqattoota Filisxeem, UNRWAn, kanaan booda ''alaabaa dhaabatichaa jalatti nageenya eegsiisuu hin danda'u'' jedhe Waayit.

    Waayit haasaa karaa viiiyootiin Gaazaa irraa taasisaniin, namoonni 38 dhaabbilee UN keessatti ajjeeffaman jechuun garuu ajjeechaa kanaaf itti gaafatamaa eenyu kan jedhu hin eerre.

    Ejjansiin UN ''qabatamaadhaan Gaazaa keessatti hojiidhaan aladha'' jechuun ibsan.

  3. UN Gaazaa keessa 'bakki nagaa hin jiru' jedhe

    Qondalli UN ''Gaazaa keessa ammatti bakki nagaa hin jiru''jechuun yoo akeekkachiisan, gamoowwan UN namoota buqqa'an itti baqatanis waraanichaan miidhamaa jira jedhan.

    Ministirri Mummee Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuun, waamicha Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan dhukaasa namoomaaf yeroof akka dhaabaniif taasisaniif, hanga namoonni butaman gadhiifamanitti waraana akka hin dhaabne himuun didan.

    Bilinkan har'a Jordaan keessa kan jiran yoo ta'u, waa'ee ajjeechaa namoota nagaa waraanicha keessatti du'aa jiraniirratti dureewwan Arabaa waliin mari'atu jedhamee eegama.

    Imalli Bilinkan Jordaanitti taasisan kunis akkuma Israa'el rakkiisaa ta'uu akka hin oollee eegama.

  4. Hasan Nasrallaa dursaa olaanaan Hezbollaa eenyu turan?

  5. Dhukaasa dhaabuun Israa'el nageenyi akka itti dhaga'amu gochuurratti hundaa'a- Qondaala US

    Qondaalli olaanaa bulchiinsa US tokko dhukaasa dhaabuun Israa'eliifi Hamaas jidduutti kan ta'u yoo Israa'elitti nageenyi akka jiru itti dhagahamedha jedhan.

    Qondaalli Mana-maree Nageenya Biyyaaleessa Waayit Hawus kan maqaan hin eeramne kun BBCtti akka himanitti, Israa'el yoo haleellaan akka Onkololeessa 7 kan irra hin deebine ta'uu mirkanneeffatte qofaa dhukaasa dhaabuun ta'a jedhan.

    Dhimma namoota butamaniirrattis, qondaalli kun namoota butaman 200 baasuudhaaf yaaliiwwan cimaan gaggeeffamaa jiru jedhan.

    ''Abdiidhaan yaaliiwwan namoota butaman baasisuu danda'u hunda taasisaa jirra,' jedhan.

    Waa'ee lammilee Ameerikaa ammalleen Gaazaa keessa jiranii ilaalchisuunis, sababii Hamaas loltootasaa daangaa keessaa baasuuf yaalii taasisaa jiruutiif isaan baasuudhaaf harkifannaatu jira jedhan.

    Qondaalli kun, akkasumas Ameerikaan waa'ee murteewwan yeroo waraanaafi yoo kan milkaa'an ta'e irratti Israa'el waliin marii kallattii taasisuu kaasan.

  6. Tamsaasa kallattii keenya eegale

    Hordoftootaa tamsaasa kallattii keenya kan guyyaa Samabataa amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan waraana Israa'eliifi Hamsaa irratti Jidduugala bahaafi addunyaa mara irraa odeessaalee ijoo isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii qabaadha!

  7. Waraanni Israa'el Gaazaatti ambulaansii haleeluu amane

    Waraanni Israa'el xayyaara waraanan Gaazaatti ambulaansii haleeluu beeksise.

    Akka ibsa waraana biyyattiitti ambulaansiin haleelame "caasaa shororkeessitoota Hamaastu dhimma itti bahaa ture" jedhe.

    Haleellaa kanaanis hidhattoonni Hamaas ajjeefamuu ibse.

    "Naannichi dirree waraanaa ta'uusaa himuu feena," jedha ibsi Humni Waraana Israa'el baase kun.

    "Namoonni nagaan naannicha jiraatan nageenyasaaniif jecha gara kibba Gaazatti akka baqataniif irra deddeebiin itti himaa turre," jedha.

    Taatee kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa akka kennus beeksise waraanni biyyattii.

    "Malli oppireeshinii Hamaas kanneen gochaa shororkaa gaggeessaniifi meeshaalee waraanaa ambulaansiin akka deddeebisu odeeffannoon qabnu ni agarsiisa," ibsi humna waraanichaa.

    Har'a waaree booda magaala Gaazaa keessatti kan argamu hospitaala al-Shifaa alatti dhohiinsi mudachuun gabaafamee ture.

    Suurawwan BBCn mirkaneeffate akka agarsiisutti, ambulaansiin miidhameefi namoonni hedduu miidhaan irra gahee hospitaalan ala jiru.

    Ibsi waraanni Israa'el baase waa'ee dhohiinsa kanaa ta'ee, dhiisee adda baasee hin ibsu.

  8. Waayit Haawusifi Israa'el haasaa duree Hezbaollaa Haasan Nasraallaa gurra qeensanii dhaggeeffachuu hin oolle

    Waraanni Israa'el-Hamaas erga eegaleeas gaggeessan Hezbollaa yeroo jalqabaaf waa'ee waraana kanaa dubbatan.

    Yeroo Haasan Nasraallaa haasaa taasisan deeggartoonniifi jaalattoonni isaanii kumaatamaan magaala Beerut keessatti bahuun hordofaa turan.

    Waayit Haawusiifi Teel Aviivis haasaa gaggessaa Hezbollaa xiyyeeffannoo guddaan hordofaa turan. Haasan Nasraallaa haleellaa Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti gaggeesse dinqisiifachuun haleellichi guutummaan Filisxeemotaan gageeffamuusaa dubbatan.

    Haasan Naasraalla haasan isaanii ofeeggannoon kan guutedha. “Gama keenyan waanti ta'aa jiru baay'ee barbaachisaa fi murteessadha. Kanneen Hezbollaan diina wajjin waraana guututti galuu qaba jedhan waanta daangarratti ta'aa jiru akka waan xiqqaatti ilaaluu qabu," jedhan.

    Kana jechuunsaanii walitti bu'iinsi cimaa deemunsaa akka hin oolle shakkiif balbala kan banuudha.

    "Kun kan dhumaa akka hin taane jala mureen amana, kun gahaa miti," jedhan waa'ee sochii waraanaa daangaa Israa'elifi Libaanos giduu jiruu yoo akeekan.

    Akka haasaa gaggeessaa Hezbollaarraa hubatamuun danda'amutti walitti bu'iinsi kun "yeroo kamittuu" hammaachuu danda'a.

    Hezbollaan hanga danda'e loltoota Israa'el irratti miidhaa gaggeessuf haleellaa gaggeessu waanuma itti fufu fakkaata. Ammaaf garuu, waraana Gaazaatti gaggeeffamu Hamaasumatti dhiisee jira.

  9. Neetaaniyaahuun waamicha dhukaasa yeroof dhaabuu didan

    Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netanaahuun waamicha yeroof dhukaasa dhaabuu taasifame didan.

    Haasaa TV irratti taasisaniin, hanga namoonni Hamaas tibba haleellaa Onkololeessa 7 Israa'el irratti raawwate butee fudhate gadhiifamanitti sochii akkasiin akka walii hin galle dubbatan.

    Netanaahuun kana kan jedhan erga Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Gaazaa keessati gargaarsi dabalataa akka seenu hayyamuuf ''dhukaasa dhaabuun deeggarsa namoomaa akka jiraatuuf'' irra deebiin waamicha taasisanii booda ture.

    Bilikan garuu dhukaasa dhaabuun akkasii haala ''namoonni butaman ittiin gadhiisan mijeessuuf gargaara'' jedhan.

    Bilinkan bal'inni attamiin dhukaafni akka itti hojiirra oolfamu kan ''sirriitti kaa'amuu'' fi Israa'el ''gaaffiiwwan seera qabeessa'' akka qabdu dubbatan.

    Garuu ammoo Netanaahuun: ''Israa'el dhukaasa dhaabuu yeroo kan namoota keenya butaman deebiisuu hin hammannee diddee jirti'' jedhan.

  10. Dureen Hesbollaa, Hasan Nasraallaah haleellaa Hamaas Israa'elirratti gaggeesse jajuun nuti keessa hin qabnu jedhan

    Gaggeessaa garee Hesbollaa kan ta'an Hasan Naasrallaa erga waraanni Israa'el-Hamaas eegalee yeroo jalqabaaf dubbatan.

    Nasraallaan haasaa bakka hin beekamneerraa taasisaniin, haleellaa Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti gaggeesse jajan.

    Tarkaanfiin Hamaas fudhate "sirrii, haqaafi dhugaadhaaf" kan gaggeeffameedha jechuun jajan. Haata'u garuu haleellaa Hamaas gaggeesse harka dhibbaa kan Filisxeemotaan qindaa'ee hojiitti hiikameedha jechuun Hezbollaan akka harka keessaa hin qabne kaasan.

    Dubbii taasisan kana namoonni kumaatamni addababahii magaala guddoo Libaanos Beerutitti yaa'un kan hordofan yoo ta'u, waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf Ameerikaa itti gaafatamtuu taasisan.

    Hidhattoonni Iraanin deeggaraman kan Iraanifi Sooriyaa keessa socho'an galateeffataniiru. Hidhattoonni Huutii Yeman misaa'elaafi diroonii Israa'elitti dhukaasaa kan turan yoo ta'u, milishoonni Shiyaa Iraaq ammoo loltoota Ameerikaa Iraaqifi sooriyaa keessa buufatan irratti haleellaa gaggeessaa turan.

    Iraan garee Adda Wal-ta'iinsaa (Axis of Resistance) jedhamu- Hezbollaa, milishoota Iraaqa keessa jiran, pirezidaantii Sooriyaa Bashiir al-Asaad, Huutifi Hamaas- hammatu deeggarti.

    Gareen Hezbollaa Hasan Naasrallaadhaan hogganamu Libanoos keessatti humna siyaasafi waraanaa cimaa kan qabuudha.

    Hezbollaan garee Hamaas irra goruun karaa kaaba Israa'el irratti dhukaasuu erga eegalee bubbuleera. Israa'elis ibsa har'a kenniiteen, haleellaa karaa Libaanos itti dhufu qolachuuf qophii xumuruu beeksifte.

  11. Gara Hamaas goree Israa’elitti misaa'ela dhukaasaa kan jiru Hezbollaan eenyu?

    Hezbollaan dhaabbata siyaasaa, waraanaa fi hawaasummaa Islaamaa Shi'aa Libaanos keessatti aangoo guddaa qabuudha. Gareen kun Israa'el akka diinaatti ilaala.

    Garee Hezbollaa Israa'el lafa Musliimaa dhuunfattee jechuun ''lafarraa balleessuuf'' waamicha dhiyeessee ture.

    Tibbanas hidhattoota Hamaas tumsuuf rokkeettii gara Israa'elitti dhukaasaa jira.

    Ofii Hezbollaan garee akkamiiti?

    Gartuun hidhattoota Hezbollaa jalqaba bara 1980 keessa yeroo Israa’el Libaanos qabatte tumsa Iraaniin hundaa’e.

    Waa'ee Hezbollaa dabalataan dubbisuuf: Ofii Hezbollaan garee akkamiiti?

  12. Haleellaa gaggeessuu dura uummanni kaaba Gaazaa akka bahuuf ergaa miiliyoona jaha itti ergineera- Pirezidaantii Israa'el

    Pirezidaantin Israa'el Ayizaak Herzog akka ibsanitti Israa'el Gaazaatti haleellaa gaggeessuusheen dura namoonni kaaba Gaazaatii gara kibbaatti akka baqataniif ergaa miiliyoona jaha ta'u uummmata Gaazaaf erguu beeksisan.

    Pirezidaantiin Israa'el kana kan dubbatan har'a Ministeera Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan waliin Israa'elitti yeroo walarganii mariyatanitti.

    Waraanni Israa'el ergaa gabaabaa miiliyoona 6 bilbila uummata Gaazaatti erguufi bilbila miiliyoona afur bilbilee akkasumas waraqaa miliyeena 1.2 raabsuu dubbatan.

    Antoonii Biliinkan walii ta'uun ibsa miidiyaaf yeroo kennan waraqaa waraanni Israa'el uummanni kaaba Gaazaa keessaa iddoo lolli hin jirretti akka baqatuuf raabse jedhan harkatti qabachuun agarsiisaa turan.

    Haleellaa osoo hin gaggeessin dura uummanni nagaan akka bahuuf dursa akeekkachiisa kennuun Israa'el duudhaa seera idil-addunyaaf bitamtuu akka taates himan.

    Akeekkachiisni namoota nagaaf kenname haleellaa kaampii baqattootaa Jabaaliyaatti gaggeeffame namoonni heddu du'anillee kan dabalatus akka ta'e himan.

    Waraqaan akeekkachiisaa uummanni kaaba Gaazaa keessaa akka baqatuuf raabsameera isaan jedhanis akkas jedha: "Iddoon Kaaba Gaazaa keessa jiru amansiisaa miti."

    "Hamaasiifi dhaabileen shororkeessitootaa iddoo baqaa, hospitaalotaafi manneen barnootaa akkasumas naannoo sana buufachuun haleellaa gaggeessu.

    ''Kanaaf as keessa turuun keessan amansiisaa miti! Hatattamaan gara Kibba Gaazatti baqadhaa," jedha.

    Biliinkan gamasaaniin Isra'el mirga of-ittisuu akka qabdu himuun, "garuu akkaatan itti of-ittistu murteessadha," jedhan.

  13. UN hanga deeggarsa Gaazaf barbaachisu irratti jijjiirama olaanaa taasise

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ganama kana hanaga dhuma bara kanaatti deeggarsa Uummata miiliyoona 2.7 ta'uuf kennuuf doolaara biiliyoona 1.2 na barbaachisa jedhe. Namoonni miiliyoona 2.7 kunis kannen Gaazaa keessa jiraatan miliyoona 2.2 fi kanneen Weest Baank keessa jiraatan 500,000 ta'u jechuudha.

    UN gaaffii deeggarsa dolaara miiliyoona 294 Onkololeessa 12 taasisee irratti dabalata olaanaa dhiyeesse. Kunis haala ''abdii kutachiisaa dabala adhufe'' jechuun ibse.

    Deeggarsa maallaqaa kana UN yoo argata ta'e, dhiyeessii nyaataa, bishaan, fayyaafi dahootiif kan oolu ta'a.

    ''Fedhii namoota miiliyooan 2.7 guutudhaaf doolaara biiliyoona 1.2tti tilmaamamutu barbaachisa'' jedhee ture OCHAn.

    Haata'u malee, har'a akka jedheetti dandeettiin deeggarsa taasisuu kan hundaa'u maallaqa qofaarratti osoo hin taane, ''kannen miidhaman bakka jiraniitti haala nageenyiisaanii eegamee fi walitti fufiinsa qabuun geessisuu, dhiyeessii deeggarsa namoomaa gahaaf barbaachisaa kan ta'e ''boba'aa'' '' irratti kan bu'uurreffatuudha jedhan.

    Israa'el sababii Hamaas boba'aatti fayyadama jettuuf hanga ammaatti dhiyeessitiin boba'aa gara Gaazaa akka seenuuf hin hayyamne.

  14. 'Uummanni Libaanos Hamaasif jettanii egeree keessan hin balleessinaa'- Israa'el

    Israa'el yaaddoo kara daangaa Libaanon irraa itti dhufu ilaalchisee ibsa kenniteen 'of-eeggannoo baayyee olaanaa' gochaa akka jirtuufi waraanashee garasitti bobbaasuu beeksifte.

    Dubbi himaan Humnoota Waraana Israa'el Daani'eel Hagaarii har'a ibsa kennaniin karaa Kaabaa Libanos irraa lola itti dhufu qolachuuf waraanni bobba'ee qophii xumuruu himan.

    Torbanoota dhiyoo as karaa Kaaba Israa'el hidhattoota Hezbollaafi hidhattoota biroofi waraana Israa'el gidduutti walitti dhukaasun jabaatera.

    Har'a ammoo gaggeessaan garee Hezboollaa Hasaan Naasrallaan erga waraanni Israa'el-Hamaas eegalee yeroo jalqabaaf haasaa taasisuu jedhamee eegamaaa jiru.

    Dubbi himaan waraana Israa'el Daani'eel Hagaarii ibsa har'a kennan kanaan: "Dhukaasa heddu gareen shororkeessaa Hizboollaa nurratti dhukaase hordofee kaleessarraa kaasee buufataalee Hezbollaa fi caasaa isaa heddurratti haleellaa gaggeessineerra," jechuun haleellan Hezboollan gaggeesse lammiilee nagaa miidhee akka ture dubbatan.

    "Lamiilee nagaa Israa'el irratti haleellaa kan gaggeessu irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuu itti fufna. Har'as ta'ee guyyoota fuuldura keenya jiranitti haala kamiifuu deebii gahaa kennuuf karaa daanga kaabaa qophaa'ina cimaarra jira," jedhan.

    Dubbi himaan Waraana Israa'el Letinant Koloneel Richaard Heech ibsa kennaniin, Humnoonni Waraana Isra'el "bobba'aniiru, qophiidhas" jechuun amma sadarkaa ofirraa ittisuurra akka jiran himan.

    Dabaluunis, "Uummata Libanoosin kan jennu- Hamaasif jettanii fuulduree keessan aarsaa hin godhinaa" jedhan.

  15. Namoonni lammummaa biyya lamaa qaban karaa ulaa Raafaatiin bahuuf eeggataa jiran suuraadhaan

    Namoommi lamummaa biyya lamaa qabaniifi paaspoortii biyya biraa qabatanii Gaazaa keessa turan gara kibba Gaazaatti imaluun maqaansaanii tarree namoota karaa ulaa Raafaah daangaa Masrii yoo seenuun hayyamamaafa ta'ee eeggataa jiru.

    Qajeelchi tarreewwan namoota bahuu danda'an mirkanneessuu sa'aatii ammaa kanatti namoota guyyaa Jimaata har'aa Gaazaa keessa bahuu danda'anii ni maxxansa.

  16. 'Itoophiyaatti namoota sababa amantaan baankiirraa fagaatanii turan tajaajiluun milkaa'aa jira'

  17. Jiraattonni Gaazaa Israa'el keessa hojjatan gara dhufanitti deebiifaman- gabaasaalee

    Hojjattoonnifi dafqaan bultoonni jiraatttota Gaazaa kumaatamni Israa'eliifi Weesti Baanki keessatti argaman Israa'eliin gara Gaazaatti deebiifamuun gabaafame.

    Mootummaan Israa'el hojjattoota Filisxeem Gaazaadhaa dhufan daangaashee keessa akka hin jiraanne dursitee beeksiiftee turte.

    Haleellaan Hamaas osoo hin raawwatamiin dura jiraattoonni Gaazaa kumaatamni Gaazaan ala akka hojjataniif aanga'oota Israa'eliin hayyama argatanii ture.

    Namoonni ijaan argan Rooyiitarsiitti akka himaniitti, jiraattoonni Gaazaa tokko tokko karaa ulaa qaxxaamura Keeram Shaaloom kan Israa'el waliin walitti fiduu fi meeshaa daldalaa ittiin darbuutiin Kibba Gaazatti akka deebi'an taasifamaniiru.

  18. Dursaan Hezboollaah waraana Israa’el-Hamaas irratti waan ejjennoosaanii akeeku dubbachuuf

  19. Bilinkan Teel Aviiv keessatti Netaniyaahuun wal argan

    Waajjirri Ministira Mummee Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuu suuraa walgahii MM Israa'eliifi Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikan maxxanseera.

    Waajirrichi akka toora X kan duraan Tiwitar jedhamurratti maxxansetti, ''Ministirri Mummee Benjaamiin Netaniyaahuun Teel Aviiv Kiryaa keessatti Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan waliin walgahii dhunfaa taasisaa jiru,'' jedhe.

    ''Akkasumas, miseensoota kaabinee waraana biyyattii waliinis wal argu.''

    Bilinkan imallisaanii ammaa kun erga waraanni Israa'eliifi Hamaas jidduutti Onkololeessa 7 eegalee as kan yeroo lammattaati.

  20. ‘Itoophiyaafi Ertiraan gocha dubbii walbarbaaduurraa of qusachuu qabu’ – Antonii Bilinkan