Lolli Israa'el-Hamaas gara biyyoota naannichaatti babal'achuu akka danda'u UAE ibsite
Ministirri itti-aanaa dhimma alaa Yunaayitid Arab Emiratis (UAE) lolli Israa'el-Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiru gara biyyoota naannicha keessa jiraniitti babal'achuu danda'a jechuun sodaa qaban ibsan.
Haalli naannicha keessa jiru "dho'uuf fiixeerra gaheera," jechuun ibsan ministirichi.
"Walitti bu'insi kun hammaachuufi babal'achuun isaa amanamaadha. Gareen shororkeessitootaa ammoo carraa kana fayyadamuun ayidooloojii isaanii babal'ifachuurra darbanii gara maraamartoo walitti bu'insaatti nu galchuu danda'u," jechuun Nuuraa al-Kaabii Konfaransii Imaammataa Abudaabiitti gaggeeffamerratti dubbataniiru.
Jaarsummaa Ameerikaatiin hariiroo dippilomaasii Israa'el waliin qabdu bara 2020 kan jaqabde UAE, dhukaasa dhaabuun namoomaa akka taasifamuuf "cimsitee" hojjechaa jiraachuu Al-Kaabiin ibsaniiru.
"Carraaqiin hundinuu namoota nagaaf eegumsa taasisuufi walitti bu'insa kana atattamaan dhaabsisuurratti xiyyeeffata," jedhan.