Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kallattiin: Haleellaan rookkeetiifi gidiraan Gaazaa wayita dabalaa jirutti Baayidan Israa'el daawwachuuf

Dubartoonniifi daa'imman haaluma ajjaja Israa'eliin naannicha gadi dhiisanii osoo deemaa jiranu konkolaataansaanii rukutamee ajjeeffamu xinxalaan BBC mirkanneesseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waa'ee Israa'el- Haamaas hanga ammaatti waan beeknu

    Haleellaan Sambata garee milishoota Hamaasiin eegalame wal gaarreeffannaaa barootaafi garee lamaan jidduu ture gara muddamaatti jijjire.

    Israa'el ammoo haaloo bahuuf jechan haleellaa qilleensaa raawwachuun daangaalee Israa'el keessatti waraanni gaggeeffamaa jira. Hanga ammaatti waan haaraan kunooti:

    • Haleellaa qilleensaa Israa'el gaggeessiteen Filisxeemoonni 370 ajjeeffamu Ministeerri Fayyaa Gaazaa hime. Akkasumas namoonni 2,200 ta'u madaa'ulleen dubbate.
    • Israa'el ammoo erga haleellaan Hamaasiin eegalamee namoonni ajjeeffaman 600 darbuu beeksiifte. Namoonni 1000 ta'an butamuufi 2,00 ol madaa'uuf ibsameera.
    • Dameen hidhattoota Hamaas tarree maqaa loltootaafi namoota nagaa Israa'eel butamanii ifan taasisa jedhee ture.
    • Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikan, lammiileen Ameerikaa Israa'eel keessatti ajjeeffaman jiraachu gabaasni qaqabu kaasan. Biyyoon akka Faransaay, Yukireen fi Taayilaandis lammiileen jalaa ajjaaffamu gabaasan.
    • Lammiileen Biritish lama (Jaak Maarlowee fi oggeessi kaameeraa Daan Daarlingtan) Israa'el keessatti bakka buteensaanii kan dhabame yoo ta'u, Darggaggoon waggaa 20 waraanaa Israa'eel keessa tajaajilaa ture Naataaneel Yaang ajjeeffameera.
    • Landan keessatti ammoo erga viidiyoon namoonni haleellaa raawwatameetti gammachusaanii ibsan mul'isuu agrameen booda eegumsi poolisii cimeera.
  2. Netaanyaahuun dureewwan Awuroppaa waliin dubbate

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun dureewwan biyyoota Awurooppaa garaa garaa waliin mari'atan.

    Neetaanyaahun har'a hooggahttoota biyyoota akka Yukireen Pirezidanti Volodmiir Zelenskii, Chaansilara JarmanOlaaf Sckoolz, Ministira Mummee Xaaliyaan Joorjiiyaa Meeloonii fi Ministira Mummee UK Riishi Suunaak waliin dubbatan.

    Neetaanyaahuun dureewwan waliin dubbatan hundi ''hanga barbaachuun'' Israa'eel akka of ittistuuf deeggarsa guutuu isaanii ibsan jedhan.

  3. Basaastonni Israa'eel attamiin haleellaa kana oolchuu dadhaban?

    ''Taateen kun attamiin mudachuu akka danda'e ammatti homaa hin beeknu,'' jedhan qondaaltoonni Israa'el.

    Qondaaltota Israa'eeltu gaazexessaa BBC kaleessa, ''basaastoonni biyyattii attamiin haleellaan akkanaa raawwachuuf akka jiru hin bariin hafan?'' jedhamuun wayita gaafatamanitti ture deebii kana kan kennan.

    Wayita rookkeettiiwwan kumaatamni Gaazaa irraa gara Israa'eeliitti dhukaafamaa tureettis, hidhattoonni Paalestiin hedduun daangaa Israa'eliifi Gaazaa jidduu qaxxaamuruu danda'anii ture.

  4. Dubartiin Jarman intalli ishee feesitivaal irraa butamte gargaarsa gaafatte

    Dubartiin Jarman kan intalli ishee milishoota Filisxeemiin bakka dhiheenya Suluula Gaazaatti argamutti festivaala irra osoo jirtuu jalaa butamte ilaalchisee odeeffannoo argachuuf gaaffatte.

    Shamarree Shaanii Luuk, turistiin Jarman yoo taatuu, yeroo milishoonni Haamaas naannicha irratti haleellaa bananiitti festivaala nagaa irra turte.

    Haatii ishee viidiyoo Shaaniin erga butamteen booda ‘‘konkolaataa keessatti of wallaaltee’’ argu himte.

    Lammiilee nagaa Israa’el fi loltoonni hedduun Haamaasiin butamusaanii, waraanni Israa’eel hime.

  5. Lammiileen Israa'el 600 ol ajjeefamanii 100 ol kan ta'an butaman

    Waraana hamaa Israa'el fi Filisxeem gidduutti bifa haaraan Sambata kaleessaa eegaleen hanga ammaatti lammiilee Israa'eel 600 ol ta'an ajjeeffamuufi 100 kan ta'an Hamaasiin butamu mootummaan Israa'eel beeksiise.

    Kana malees, akka maxxansa Facebook waajjira Pireesii mootummaa israa'eeliitti, namoonni 2,000 ol ta'an irra miidhaan qaqabeera.

    Namoota 600 ajjeeffaman kanneen keessattis namoonni nagaafi loltoonni ni argamu.

    Kanaan duras erga waliigalteen Osloo bara 1993 keessa mallattaa'e as, yoo xinnaate namoonni naga Israa'eel 1,329 ajjeefamaniiru. Kunis miseensoota loltootaafi poolisiin osoo hin daballe.

    Gama Kaaninis haleellaa qilleensaa Israa'el haaloo bahuu Gaazaa keessatti raawwatteen namoonni nagaa 370 ajjeeffamu Ministeerri Fayyaa Filisxeem himeera.

  6. Pireezidaantii Iraan hogganaa Hamaas waliin haasa'an

    Pireezidantiin Iraan garee hidhataa Filisxeem Hamaas fi Islamic Jihad waliindhimma adeemaa jiru irratti haasa'uu miidiyaan Iraan gabaaseera.

    Ibraahiim Ra'iisiin hogganoota waliin bal'inaan maal akka haasa'an ifa hin baane.

    Iraan Hamaasiin meeshaa waraanaafi leenjiidhaan ni deeggarti.

  7. , Lammiileen Israa'el 500 ajjeefamaniiru

    Erga hidhattoonni Filisxeeem gaafa Sanbata haleellaa raawwataniin booda lammiileen Isaraa'el 500 ajjeefamaniiru jedhe miidiyaan biyya keessaa.

    Lakkoosi namoota du'aniis sa'atii 24 keessatti akkaan dabale.

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa Filisxeemoonni 313 ajjeefamuufi kanneen 2000 ol tahan madaa'uu himeera.

  8. Hamaas Israa'eloota bute ifa gochuufi jedhe

    Gareen Hamaas kan kaleessa daangaa Israa'el cabsee seenuun lammiilee fi loltoota hedduu butee deemuun himame, har'a tarree maqaasaaniin ifa taasisa jedhe.

    Gareen damee hidhattoota Hamaas sa'aatiiwwan muraasaan booda lakkoofsa loltootaafi namoota nagaa Israa'el to'ataman ifan godha jedheera.

    Hamaas ibsa baasaa tureen, miidhaa Israa'eel irraan geessuuf haaloo bahuu akka itti fufu hime.

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa, kan Hamaasiin gaggeeffamu, haleellaa qilleensaa Israa'eliin namoonni 313 ajjeeffamaniiru jedhe.

    Namoota ajjeeffaman kanneen keessaayis wallakkaan ol namoota nagaa ta'u qondaalli tokko BBCtti himeera.

    Isaan keessaas ijoollee 20 fi dubartoonni jaha (tokko ulfa kan turte) akka argaman himan.

    Israa'eel garuu manneen ajajoota Hamaas irratti qiyyeeffachuufi kana keessa namoonni nagaa miidhamuu himte.

    Filisxeemotii gara hospitaalaa deemuun dhiiga akka arjoomaniif gaafatamaa turan. Sirni fayyaa Gaazaa yeroo dheeraaf rakkataa waan tureef, ammattis hospitaaloonnis namoota miidhaman wallaanuudhaaf rakkataa jiru.

  9. Libaanoon keessatti muddamniifi yaaddoon cimeera

    Haleellaa misaa'eelaa ganama kana Heezboollaan eddoowwan Israa'el irratti raawwate hordofee, daangaa kibba Leebaanoon ammaaf tasgabaa'aa fakkaata.

    Haata'u malee walitti bu'iinsa Israa'eliifi Filisxeemiin Leebaanoon kibbaa fi guutuu biyyattii keessatti yaaddoo olaanaa uumuu xinxaltoonni siyaasaa himan.

    Gareen lammiilee Iraaniin deeggaramus eddoowwan qiyyeeffannaa sadii daangaa qonna Sheebaa keessatti filate. Garuu garichi kana caalaa raawwachuuf dandeettii qaba ture.

    Hiizboollaan kan akkuma Iraan badii Israa'eeliif hojjatu, haleellaa kaleessa Hamaas daangaa Israa'el keessatti raawwateef baga gammaddee erga jedheen booda, ''waan ta'e jiruu itti dhiheenyaan akka hordofu'' beeksiisee ture.

    Haleellaan har'aa Israa'el irratti raawwatte ammoo ''deeggarsa ummata Filisxeemiif'' ta'uu ibsa baaseen hime.

    Gareen milishaa kunis miisaa'eloota fageenya dheeraa imaluun daangaa Israa'el keessa galanii rukutuu danda'an qaba.

    Israa'eel ganama kana bakka irraa dhukaafamuufi eddoowwan biraa irratti haleellaa haaloo raawwattes, qaamooleen seera kabachiisan daangaashee kaabaatti ergite jirti.

    Haleellaan har'aa kunis haalaan xiqqaadha,gareewwan lamaanuu kan of eeggannoon taawwataniidha akka waraana cimaaf ka'umsa hin taaneetti.

    Garuu ammoo yaaddoon tarkaanfii Heezboollaah kunis yeroo hunda kan akkasiin hin deemnedha.

    Heezboollaah Leebaanoon miti sababii biyyattii keessatti kan garee kana morman hedduun jiraniif.

    Lebaana biyyii siyaasaan laamshoofteefi pirezidantii hin qabne, rakkoo cimaa diinagdee keessatti argamtu maddiitti rakkoo biraa keessa seenuuf jirti.

  10. Amma nu gahe, Turistoonni Israa'el lama Masrii keessatti ajjeeffaman

    Turistoonni lammii Israa'el lama Masrii keessatti ajjeeffamuu Ministeerri Dhimma Alaa Israa'el beeksiise.

    Lammiileen Israa'el lama kan dowwannaaf deemaniifi lammiin Masrii isaan dowwachiisaa ture magaala Masrii Aleeksaandaariyaa keessatti itti dhukaafamee ajjeeffamuu, ministeerichi kan beeksiise.

    Qondaalli poolisii tokko garee lammiilee Israa'el dowwannaaf dhaqan irratti dhukaas banuun ajjeechaa kana raawwachutu himame. Qondaalli poolisii kunis ammati to'annaa jala jira jedhameera.

    Chaanaaliin TV Extra News jedhamu ammoo qondaala nageenyaa maqaan hin dhahamne eeruudhaan, haleellaa raawwatameen namni biraas miidhamu gabaaseera.

    Haleellaan akkasii kuni lammiilee Israa'el irratti Masrii keessatti yoo raawwatamu kun waggoota hedduun as kan jalqabaati.

  11. Lammiileen Israa’el 300 fi hidhattoonni Filisxeem 400 ajjeefaman

    Erga kaleessa loltoonni Hamaas Israa’el irratti akka tasaatti lola eegalanii as yoo xinnaatee lammiileen Israa’el 300 ajjeefamuu Imbaasiin Israa’eel Tarkii keessaa yoo himan aanga’oon Filisxeem namoonni 400 ajjeefamu beeksisan.

    Imbaasiin Israa’el Tarkii keessaa Ministeera Fayyaa biyyattii waabeeffachuun, kanneen ajjeefaman 300 malee lammiileen biyyattii hedduun butamuu beeksisan.

    Namoonni gara 2,000 ta’an ammo hospitaaloota keessatti wallaanamaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaayis 19 haala cimaa keessatti argamu jedhe Imbaasichi.

    Haata’u malee baayyinni lakkoofsaa kun Israa’eel irraa kallattiin hin mirkannoofne.

    Akkasumas milishoonni Filisxeem 400 kibba Israa’el fi Sulula Gaazaa keessatti ajjeefamuu Raayyaan Ittisa Israa’el beeksise.Kana malees loltoonni Hamaas hedduun boji’amuu dubbi himaan waraana Israa’el Daani’eel Haagaarii Times of Israel’tti himan.

    Ministeerri Fayyaa Filisxeem gama isaatiin haleellaa haaloo bahuumsaa Israa’eel Gaazaa keessatti qilleensaan raawwatteen namoonni 313 ajjeeffamaniin, kan 2,000 ta’an madaa’uu beeksisee ture.

  12. Ittaanee maaltu tahuuf jira?

    Hamaas ''weerara Israa'el haxaa'uuf'' Filisxeemiin dablatee biyyoonni Arabaa akka itti dabalamaniif waamichaa dhiyeessaa jira.

    Gaaffiin inni guddaan lammiileen Filisxeem iddoowwan falmisiisoo West Baank, Baha Yeerusaalemii fi iddoo kaan jiran waamicha hamaasiif xiyyeeffannoo kennuu kan jedhu dha.

    Israa'el adda garaagaraan waraanni akka hin hafnetti ilaalaa jirti. Haalli hamaa jedhamu lolli kuni, garee hidhataa Libaanos Hiizboollaa dabalachuu danda'a.

    Waraanni Israa'el loltuun akka of jabeessu ajaja dabarseera. Gaazaatti immoo haleellaa qilleensarraa jabaa taasisuun, halleellaa lafoo raawwachuuf qophaa'aa jira.

  13. Hamaas Israa’eel keessatti ‘lola cimaatuu gaggeeffamaa jira' jedhe

    Ganama har’aa humni Israa’el eddoowwan saddeet irratti ammalleen ‘‘milishoota Hamaas ‘’ qulleessuu irrattin argama jechuun beeksiisee ture.

    Waraanni Israa’el Hamaas waliin wal waraanaa jiraachu himu baatulleen, Haamaas garuu Israa’el keessatti ‘‘waraana cimaatu’’ gaggeeffamaa jira jedhe.

    Hamaas kan jedhe malee ammatti wanti mirkanaa’e hin jiru. Akkasumas eddoowwan saddeet bakkeewwan Israa’eel hidhattoota Hamaas irraa bilisa gochuufan jette keessattis wanti ta’aa jiru ifatti hin beekamne.

    Eddoowwan Israa’eel loltoonni Hamaas keessatti argamu jettees: Sideerot, Yaakiinii, Kafaar Azaa, Suufaa, Bee’aarii, Kiibutiz, Kiisuufiim, fi Ajaja Homfronti kan dhiheenya Ziikiimiitti argamanidha.

  14. Israa’eel ‘waraanaa dheeraafi cimaatu’ mudate- MM Neetaanyaahuu

    Waraannni Israa’eeliif milishoonni Hamaas Gaazaa irraa ta’an waliin wal waraanaa jiraniitt, Ministirri Mummee Israa’el Beenjaamiin Neetaanyaahuu lammiilee Israa’eeliin ‘‘waraanaa dheeraafi cimaa’’ keessa seenaa jiraachu himan.

    Ergaa halkan dabarsaniin Aab Neetaanyaahuun ‘‘waaranichi haleellaa ajjeeftoota Haamaasiin kan nurra kaa’ameedha’’ jedhan.

    Itti dabalunis tarkaanfiin jalqabaa sa’aatiiwwan dhufan keessatti yeroo milishoonni daangaa Israa’el keessaa haxaa’aman xumurama jedhan.

    Milishoonni Hamaasaa Sambata darbee hawaasa Israa’eel kan kibbatti argamu keessa seenuudhaan ergasiin namoommi 250 ajjeeffamuun gabaafame.

    Israa’eliis haleellaa qilleensaa Gaazaa keessa, bakka qondaaltonni fayyaa Filisxeem namoonni 230 ta’an ajjeeffaman jedheetti, haaloo bahuumsaaf raawwatte.

    Mootummaan Israa’el ammoo ibsaa, boba’aa fi dhiyeessitii nyaataa gara Gaazaa akka hin seenne addaanan kuta jedhe.

    Bara 2007 irraa kaasee naannoo sanas Masrii waliin dabalate sababii nageenyaatiif jechuun daanagaasaa cufte turte.

  15. Waraana Israa'el fi Filisxeem: Taateewwan hanga ammaatti beeknu maal fa’i?

    Haleellaa akka tasaatti milishoonni Filisxeem daangaa qaxxaamuuruun Israa’el irratti bananiin namoonni nagaafi loltoonni butamuu Israa’eel mirkanneessite.

    Dubbi Himaan Humna Ittisaa Israa’el akka mirkaneessetti, namoonni nagaafi loltoonni milishootaan butamaniiru.

    Haata’u malee lakkoofsa namoota butamanii meeqa akka ta’e hin himne.

    Humnootiin addaa Israa’el bakkeewwan namoonni butaman itti danqaman lama, Kibbutzes Ofakim fi Bee’erii keessatti hirmaataniiru.

    Kana malees waraanni biyyattii, loltoonni Israa’eel eddoowwan 22 irratti hidhattoota waliin wal waraanaa jiraachu beeksiise.

    ‘‘Kibba Israa’eel bakka nuti humna hin qabneetti hawaasni homtuu hin jiru’’ jedhan raayyaan ittisaa biyyatti.

    Taateen kunis erga hidhattoonni Filisxeem daangaa Israa’el cabsuudhaan haleellaa rookkeettii kuma lamaa ol Gaazaa irraa gara Israa’eeliitti dhokaafameen booda.

    Haleellaa hidhattoonni Paalesitiyaan Israa’el irratti raawwatan kanaanis namoota butamanii fudhatamaniin alatti, yoo xinnaate namoonni 150 ajjeeffamu qondaaltoonni biyyattii beeksiisan.

    Kana malees namoonni kuma tokkoo ol ta’an madaa’usaanii qondaaltoonni biyyattii miidiyaa naannoo eeruun himan.

    Israa’eeli ammo haleellaa irratti raawwatame kanaaf deebii kennuuf haleellaa qilleensaa Gaazaa irratti kan raawwattee yoo ta’u, gamoowwaan gurguddaan jijjiganii, namoonni 232 ta’an ajjeeffamuu qondaaltoonni Paalesitaaniyaan himan.

    Kana malees namoonni 1,790 ta’an miidhaanirra gahu Ministeerri Fayyaa Paalesitiyaan beeksiise.

    Haleellaa qilleensaa Israa’eel Gamoo abbaa darbii 11 kan magaala Gaazaa keessa irratti erga raawwatteen booda, Hamaas deebii kennuuf jecha haleellaa rookeettii 150 gara Israa’eeliitti dhokaasuu hime.

    Ministirri Mummee biyyattii, Beenjaamin Netaanyaahu gama isaaniittiin amma Israa’eel ‘‘waraanaarratti argamti’’ jedhaniiru.

    Kana malees MM biyyattii dureewwan paartiileen mormituun, Yaa’ir Laapiid fi Been Gaanziin, akka mootummaa yeroo muddamaa biyyaaleessaa hundeessaniif waamicha taasiseePaartiin Likuud beeksiise.

    Isaan duras Laapiid, Naataanyaahuu waliin mootummaa yeroo mudaammaa hundeessuuf fedhii qabaachuu miidiyaa biyya keessatti himanii ture.

  16. Israa'el meeshaa waraanaa gurguddaan Libaanos haleelte

    Humni waraanaa Israa'el meeshaalee waraanaa gurguddaa fayyadamuun Libaanos irratti haleellaa eegaluu ibseera.

    Tarkaanfiin kun haleellaa daangaa Israa'el irratti raawwatameef deebii kennameedha jedhe humni waraanaa kun.

    Haleellaan kun iddoo Israa'el, Libaanos fi Siiriyaa daangessu gaara Doov jedhamurraa akka dhufe dubbi himaan humna waraanaa Israa'el ibsaniiru.

    Israa'el hidhattoonni Libaanos garee Hizboollaa jedhaman lola kana keessa akka hin seenne akeekkachiifteetti.

    Hizboollaan garee Libaanos keessa maandheffatee kaayyoo amantii, siyaasaa fi loltummaa gaggeessuudha.

    Akkuma Hamaas, Hizboollaanis morkattuu Israa'el kan taate Iraan irraa deeggarsa jabaa qaba.

    Bara 2006 Israa'el waliin yeroo ji'a tokko ta'uuf walitti aansuun walwaraananii turan.

    Ji'oota muraasa dura misaa'elli farra taankii ta'e Libaanos irraa dhukaafamuu hordofee Israa'el meeshaalee waraanaa gurguddaan haleellaa hamaa raawwattee turte.

  17. Amma nu gahe, Israa'el ammallee ulaawwan saddeet irratti Hamaas lolaa jirti

    Israa'el iddoowwan gareen Hamaas keessa maandheffachuun haleellaa banan saddeet adda baasuun haleellaa raawwachaa jiraachuu ibsiteetti.

    Akka Israa'el jettutti iddoowwan saddeet kunneen kan adda baafaman erga haleellaan haala hin eegamneen garee Hamaasiin raawwatameeti.

    Dubbi Himaan waraana Israa'el Lt. Kol Richaard Hecht Dilbata har'aa ganama tarkaanfii fudhataa jiran irratti wayita ibsa kennan bakkeewwan 22 ta'an Hamaas harkaa walaboomsuun of harkatti deebisuu eeran.

    Garuu ammallee iddoowwan saddeet harka 'shororkesitootaa' jalaa baasuuf duula gaggeessaa jiraachuu himan.

    Aanga'oonni Israa'el lammiileesaanii suuta Gaazaa keessaa baasaa jiru.

    Garuu namoota meeqa akka baasaa jiran irratti odeessa bal'aa hin kennine.

    Kol Hect biyyisaanii haleellaa Libaanon irraa ishee mudateefis deebii kennuuf qophii ta'uu himan.

    Karoora isaanii garuu bal'inaan hin ibsine.

  18. Gaazaa keessatti kan mudale maal ture?

    Haleellaa akka tasaa Haamaas Israa'eel irratti raawwate hordofuun, Israa'eel ammoo haleellaa haaloo Suluula Gaazaa keessatti walitti aansuun qilleensaan raawwatte.

    Haleellaa kanaanis hanga ammaatti Gaazaa keessatti jiraattoonni 230 ta'an ajjeeffamuufi kumaa ol kan ta'an madaa'u qondaaltoonni dubbatan.

    Israa'elis Gaazaa yeroo dheeraadhaaf marfamte jirtu keessatti, jiraattoonni bakkeewwan torbaa manasaanii dhiisanii gara jidduu magaalatiitti akka baha ykn buufata keessatti akka dahataniif akeekkachiifte.

    Maatiiwwan Paalistiyaan hedduunis manasaanii dhiisanii bahuun manneen barnootaa UN bulchu keessatti dahatanii akka jiran namoonni ijaan argan himan.

    Jiraattoonni Gaazaa haleellaan qilleensaa Israa'eel raawwataa jiru kan waliitti fufeefi olaanaadha jechuun ibsan.

  19. Hamaas rokkeettiiwwan 2500 ol itti dhukaasuu hordofee Israa'eel waraanaaf qophaa'uu labsite

    Hidhattoonni Haamas har'a ganamarraa kaasee misaa'eloota heddu gara Israa'elitti dhukaasuu beeksisan.

    Gareen kun daqiiqaa 20 keessatti misaa'eloota 5000 gara Israa'elitti dhukaasuu beeksisus Israa'el gamasheen gareen Haamas misaa'ela 2,500 dhukaasuu mirkaneessite.

    Haleellaawwan kunniin hordofee Israa'eel waraanaaf qophaa'uu beeksifte.

    Ministeerri Muummee Israa'el Beenjamiin Nitaaniyaahuu ibsa kennaniin, "Diinni keenya bifa kana dura argee hin beeknen gatii ni baasa" jedhan.

    Itti dabaluunis "waraanatti gallee jirra" jechuun lammiilee biyyattiif ergaa dabarsan.

  20. Hordoftoota keenya tamsaasa kallattii eegalleerra.

    Erga kaleessa hiidhattoonni Hamaas akka tasaa kallattii hedduudhaan Israa'el irratti haleellaa rookkeettiifi kan lafoo bananii booda muddamni guddaan naannicha keessatti mudateera.

    Taatee gara sanaa jala bu'uudhaan isni biraan geenyaa nu hordofaa.