Tamsaasa keenya kallattii asirratti xumurre!
Hordoftootaa tamsaasa kallattii har'aa asirratti goolabne.
Ganama walitti deebina. Nagaan bulaa.
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonniifi daa'imman haaluma ajjaja Israa'eliin naannicha gadi dhiisanii osoo deemaa jiranu konkolaataansaanii rukutamee ajjeeffamu xinxalaan BBC mirkanneesseera.
Hordoftootaa tamsaasa kallattii har'aa asirratti goolabne.
Ganama walitti deebina. Nagaan bulaa.
Ameerikaan waan Israa'el barbaaddu hundaa ni kennitiif jedhan Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinken.
Ministeerri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinken gara Israa'eliiti qajeelaniiru. Xiyyaara galuu isaaniin dura ''Israa'el deeggarsa keenya qabdi. Har'as, borus, yoomiyyuu taanaan waan barbaaddu ni kenninaaf,'' jedhan.
“Cimsinee shororkeesumaa dura ni dhaabbanna. Gochaa ibsamuu hin dandeenye Haamaas raawwate argineerra,'' jedhan. Haalichas ''waan onnee nama cabsu'' jechuun ibsan.
Israa'el yeroo gahanis MM Israa'el Beenjamin Neetanayuu fi pirezidaantii biyyattii Ayizaaq Heerzoog akkasumas qondaalota olaanoo biroo waliin mari'atu.
Misiteerri Dhimma Alaa US, yoo xiqqate lammiileen US, 22 tahan haleellaa Haamaas Sanbata darbeen Israa’el keessatti ajjeefamuu mirkaneeffanneerra jedhe.
"Miidhamtootaa fi maatii isaaniif gadda nutti dhagahame ibsna,’’ jedhe dubbii himaan Ministeerichaa.
Kaleessa pirezidaanti Baayiden lakkoofsi lammiilee Ameerikaa ajjeefamanii 14 jedhanii ture. Amma lakkoofsi kun dabaleera.
Lammiin Biriiten Jeek Maarloo Israa’elitti dhabamee tures ajjeefamuu mirkanaa’e.
Maatiin isaa UK irraa karaa Imbaasii Israa’el Landan jiruu akka mirkaneessanitti, Jeek haleellaa hidhattootni Haamaas Sanbata darbe, Kibba Israa’el bakka feestivaali muuziqaa gaggeeffamaa turetti raawwataniin ajjeefamee.
Bakkichatti namootni boroo 260 tahan ajjeefamaniiru.
Dabalataan qondaalli US olaanaan waanti naannoo daangaa Israa’elii fi Libaanusitti tahaa jiru nama yaaddessa jedhan.
Dubbii Himaan Mana Maree Nageenyaa US, Joon Kirbii, Waayit Haawus waan daangaa Israa’elii fi Libaanusitti tahaa jiru hordofaa jirti jedhan.
Erga gaafa Sambataa Hamaas Israa’el irratti samiifi lafoon haleellaa raawwatee kaasee muddamni cimaan naannichatti akkuma itti fufeetti jira.
Har’a taateewwan gurguddaa hanga ammaatti mudatan keessaa muraasni kunooti.
·Buufanni Gaazaa anniisaa kennu tokkichi, erga Israa’eel ibsaa, dhiyeessii boba’aa, meeshaaleefi bisaanii irraa dhaabdeen booda boba’aa malee dhaabbate.
·Waraanni Israa’el looltoota isaa daangaa Gaazaa biraatti walitti qabuudhaan, amma ‘‘ergama nutti kenname raawwachiisuudhaaf qophiidha’’ jedhe
·Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Beenjaamiin Neetaanyaahuu fi dureen mormiituu Beenii Gaantzi mootummaa Yeroo Muddamaafi ‘‘kaabiinee waraanaa’’ hundeessuuf walii galan.
·Baayyinni namoota Israa’el keessatti Hamaasiin ajjeeffaman 1,200 gahe.
·Haleellaa qilleensaa Israa’el gaazaa keessatti raawwattuun ammo namoonni 1,100 ol ajjeeffaman.
·Waraanni israa’el deebii Hezboollah raawwateef, xiyyaaroonni isaa Leebaan keessatti buufata to’annoo haleellaniiru jedhe.
·Ministirri Dhimma Alaa UK, Jeems Kileeverlii, ‘‘deeggarsa dhaabbataa’’ biyyasaanii agarsiisuuf Israa’el keessatti argamu.
·Akkasumas, Mootiin UK Chaarlis ‘‘gochaa shororkeessumma badaa’’ Israa’el keessatti raawwate balaaleeffachu madden beeksiisan.
Gamtaan Awurooppaa dhaabbata teknooloojii guddicha Meta kan duraan Feesbuukii jedhamuun beekamu maxxansawwan viidiyoo Hamaas irratti tarkaanfii akka fudhatuuf sa'aatii 24 kenneef.
EUn abbaa qabeenyaa Meta, Maark Zukarbargiin erga Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwateen booda miidiyaa hawaasaa isaa irratti odeeffannoon ''sirrii hintaanee'' tamsa'uutti akeekkachiseera.
Gamtichi Meta kan Feesbuukii fi Instaagraamii abbummaan bulchuun, tarkaanfii fudhatee seera Awuurooppaa kabajuuf ''sa'aatii 24 qofaa'' qabda jedheen.
Dhaabbileen miidiyaa hawaasaa, waa'ee walitti bu'insichaarratti suuraawwan gulaalamanii fi viidiyoowwan dogogoraa dabalatee, odeeffannoowwan sirrii hin taane hedduun argamaniiru.
Guyyaa Kibxataa Gamtaan Awuurooppaa X, kan duraan Tiwiitara jedhamu, qabiyyeewwan akkasii irratti akeekkachiiseera.
Itti gaafatamaan indastirii gamtichaa, Teerii Biretan, Meta'n ''tarkaanfii waqtaawaa, sirriifi walabaa'' fudhachuun mirkanneessuu qaba jedhan.
Xalayaa kaampaanichaaf barraa'e keessattis, dhaabbatichi tatamsa'ina odeeffannoo sobaa toora miidiyaa hawaasaa irra jiru dhaabsiisuudhaaf tarkaanfii ''sirriifi milkaa'aa'' beeksiisuuf sa'aatii 24 qaba jedhan.
Komishiiniin Awurooppaa gamasaatiin, kaampaaniiwwan miidiyaa hawaasaa hundi, tamsa'ina qabiyyee miidhaa qabataniifi garee Gamticha keessatti shororkeessaa jedheamuun farajame, hidhattoota Haamaas Filisxeem ittisuun seeraan akka irraa eegamu yaadachiiseera.
Magaala Israa'el Ashkeloon keessatti namoonni wayita rookkeettii Hamaasiin dhokaafame jalaa baqataa jiran suuraan kunooti.
Namoonni kunneenis magaalichatti Roobii har'aa akeekkachiiftuu wayita iyyateetti bakka dahuu barbaacha fiigaa kan turaniidha.
Xiyyaarri Daandii Qilleensa Biritish Landar irraa Teel Aviivitti balalii’aa ture erga Teel Aviiv qaqqabee booda gara Biriteeniitti deebiifame.
Dubbi Himaan daandii qilleensichaa, sababii nageenyaatiif jecha xiyyarichi gara buufata xiyyaara Heetrootti akka deebii’uuf murteessine jedhan.
Erga balaliinsichi deebiifameen booda Abbaan Taayitaa Buufataalee Xiyyaara Israa’el rookkeettiiwwan dhiheenya Teel Aviiv akka turan mirkanneessee garuu, ‘‘buufata xiyyaaraa hin turre’’ jedhe.
Itti dabalunis balaliinsi gara biraa deebiifame hin jiru jedhe.
Erga guyyaa Sambataa Hamaas Israa’elirratti haleellaa bane as daandiiwwan qilleensaa idil-addunyaa baayyeen balaliinsa isaanii gara Teel Aviiv haqaniiru.
Daandiin Qilleensaa Biritish guyyaa Wiixataa haalasaa hordofaa jiraachuufu balaliinsawwan muraasa akka gaggeessu hime ture.
Mootiin UK, Mootii Chaarles haleellaa Israa’el irratti raawwate balaaleffachuu dubbii himaan Masaraa Baakingihaam himan.
Akka dubbii himaan masaraa Baakingihaam jedhanitti, ''haleellaa shororkeessummaa Israa’el keessatti raawwateen gaddaniiru, akkasumas balaaleffataniiru.’’
''Mootichi haala kanaan hedduu yaaddoo qabu. Yeroodhaan akka odeeffannoon isaan dhaqabus gaafataniiru.
''Kadhannaa fi yaadaan namoota miidhaman, keessumaa warra maatii isaanii dhabanii fi warra yeroo dubbannu kanatti haleellicha keessa jiran waliin jiru,’’ jedhan.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putiin, waanti Israa’el keessatti tahaa jiru ''hamaadha,’’ jechuun, gareen lamaanuu ajjeechaa namoota nagaa akka xiqqeessan gaafatan.
Putiin Mooskoo irraa ibsa miidiyaaleef kennaniin, muddama Israa’el keessatti uumameef US komatan.
Ofiiyyuu yakka waraanaan himatamanii Mana Murtii Yakkaa Idil-Adunyaan kan barbaadaman Putiin, ''US maaliif doonii xiyyaara waraanaa baatu akka ergite naaf hin galle,’’ jedhan.
Ameerikaan meeshaa waraanaa dabalataa Israa’eeliif ergaa jiraachuu eeraniiru.
Putiin haleellaa Hamaas duuba Iraan jiraachuu malti kan jedhu dubbii ''bu’uura hin qabne’’ jedhan.
Iraanii fi Raashiyaan michuu waliiti. Inumaayyuu Iraan Raashiyaaf meeshaa waraanaa dhiyeessuun beekamti.
Iraan haleellaa Haamaas raawwate kanaan hedduu gammaduu ibsiteetti.
Dura taa’aan isaanii haleellicha keessaa harka qabaachuu haalanis, Teehraan Haamaasiif deeggarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa gochaa turteetti.
Putiin walitti bu’insa Israa’el kanaan qabatee waa fayyadamuu barbaadeeti jedhan pirezidaantiin Poolaandi.
Kun xiyyeeffannoo waraana Yuukireeniif kenname jijjiira jedhee yaadeeti kan jedhan pirezidaanti Giraanti Shaapsi, UK’n ammoo waraana Yuukireen irraa ija hin buqqifannu jette.
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuufi dureen mormituu Beenii Gaantiz mootummaa yeroo muddamaa hundeessuuf waliigalan.
Akkasumas ''kaabinee waraanaa'' biyyattii MM Neetaanyaahuu, Gaantiizii fi Ministeera raayyaa biyyaa hammate hundeeffama.
Kana jechuunis tibba waraanichaatti, ''kaffaltiiwwan ykn murteewwan mootummaa haala waraanicha hin ilaallanne kamiyyuu hin murteeffaman.''
Akkasumas tibba waraanaatti muudamni qondaaltoota mootummaa hundi battalumaan ni dheerata jechuudha.
Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el Eelii Koohen, pirezidaantii Joo Baayidaniin Ameerikaa galateeffatan.
Suuraa daandii gubbaatti ka’uun X (Tiwiiterii) irratti maxxansaniin Ameerikaa galateeffataniiru.
Ameerikaan Israa’eliif deeggarsa meeshaa waraanaa taasisaa jirti. Xiyyaarri Ameerikaa meeshaa waraanaa baate kaleessa galgala Kibba Israa’el qubateera.
Humni waraanaa Israa’el ''meeshaan waraanaa ammayyaa’aan’’ buufata waraana qilleensarraa Neevatiim gaheera jedhe.
Kana jechuun ''haleellaa biraa gaggeessuu fi qophii taasisuuf kan oolu taha’’ jechuudha.
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden, haleellaa Haamaas balaaleffachuun haleellaa ''hammeenyaati’’ jedhan. Akkasumas Ameerikaan doonii xiyyaara waraanaa baatuu fi xiyyaarota gara baha galaana Meditiraaniyaaniitti butaa jirti.
Jiraataan Gaazaa Kamaal Maashraawwii yeroo muraasa dura bakka lafa jalaa namoota 45 waliin dhokatee jiru keessaa haala naannichaa BBCtti dubbate.
''Hedduu ulfaata, bishaan, interneetii fi ibsaa homaa hin qabnu,'' jedhe.
Ijoolleen isaa madaa'aniiru. Inni ammoo sombi isaa miidhamuu hime.
Miseensa maatii isaa muraasas du'aan dhabeera.
Kaan ammoo sababa interneetiin hin jirreef qunnamuu hin dandeenye.
“Gara gidduugala gabaa nutti dhiyoo jiruu deemuuf yaallee ture. Garuu dhohinsi waan jiruuf balaa qaba jennee sodaannee taa'aa jirra,'' jedhe.
Kamaal bilbilaan yeroo BBCtti dubbataa ture, amma onneen koo akka malee dhahataa jira. ''Namni kanatti aanee ajjeefamu anadhaa? jedheen yaada,'' jedhe.
''Namootni nagaan ajjefamuu qabu jedhee hin yaadu. Naannoo walitti bu'insa kanaa ala tahuu qabu jedheen yaada,'' jedhe.
''Ani Haamaastu balleesse hin jedhu, Israa'eltu balleesses hin jedhu. Garuu gidduutti nuyi namoota nagaatu miidhame,'' jedhe.
“Nuyi namoota walitti bu'insicha keessaa homaa harka hin qabne, garuu aarsaa kaffalaa jirrudha,'' jechuun BCtti dubbate.
Ministirri Dhimma Alaa UK Jeemsi Kileverli Israa’el qaqqabu mootummaan biyyattii beeksise.
Dubbi-himaan mootummaa biyyattii "haleellaa shororkeessummaa Hamaas hordofuun UK’n ummata Israa’el cina dhaabbachuu mul'isuuf Ministirichi har’a Israa’el qaqqaban‘‘ jedhan.
Ministirichi namoota haleellaarra hafanii fi hoggantoota olaanoo Israa’el haasofsiisuun UK’n mirga biyyattiin haleellaa ofirraa ittisuuf qabdu ni tumsu jedhame.
Waraanni Hamaasifi Israa'el gidduutti gaggeeffamu daangaa kibbaan qofa osoo hin taane karaa kaabaa daangaa Liibaanos wajjinis xiqqaa ta'us jira.
Humni Waraanaa Israa'el haleellaa qilleensarraan qubsuma waraanaa hidhattoota Hizbollaa Libaanos keessa jiru haleeluu beeksise.
Israa'el akka jettetti haleellan kun rookkeettii Hizboollan garasheetti dhukaasef deebii kennuufi.
Akka kan Hamaas wajiinii lola hamaa ta'uu baatus, karaa kaaba Israa'el Hizboollaa wajjinis walitti bu'iinsi xixiqqaan erga eegalee guyyaa arfaffaadha.
Gama Gaazaan ammoo namoonni haleellaa Israa'elin du'an 1,055 gahuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibse.
Kanneen du'an keessaas %60 ijoolleefi dubartoota jedhe ministeerichi.
Humni Qilleensaa Israa'el Yunivarsiitii Islaamaa Gaazaa keessa jiru guyyaa kaleessaa haleeluu mirkaneesse.
Yunivarsiitiin kuni haleellaa raawwatameen kan barbadaa'e yoo tahu, humni qilleensaa biyyattis kana raawwachuu miidiyaa hawaasaa X, duraan Tiwiitara jedhamurratti himeera.
Humni Qilleensaa Israa'el yunivarsiiticha kan haleele, ''Hamaas injinaroota leenjisuuf waan itti fayyadamuufi akkasumas wiirtuu aangoo siyaasaafi waraanaasaa gatii taheefi,'' jedhe.
Kana malees Hamaas meeshaa waraanaa oomishuuf iddicha itti fayyadama jedhe.
Gaazaatiin alatti, misaayeliin Libaanan irraa gara daangaa Israa'elitti dhukaafamaa jira jedhe waraanni Israa'el
Misaayeliin taankii barbadeessu ganda Arab Al-Araamishe jedhamutti kan dhukaafame yoo tahu iddoo Hamaas haleellaa itti raawwateen kara faallaarrati.
Daangaa Libaananitti haleellaa akkasii mudachuun yeroo dhihoo keessatti kan jalqabaa miti.
Gareen hidhattoota Hizboollaa - Iraaniin deeggaramu, Israa'el dabalatee biyyoota lixaa biroon ''shororkeessaa'' jedhamuun labsameera. Erga Hamaas haleellaa jalqabee rokeetiiwwan gara Israa'elitti dhukaasaa ture.
Gama biraan, Humni Qilleensaa Israa'el iddoowwan Gaazaa irratti qiyyaafatan 450 sa'atii 24 keessatti haleeluu ganama kana himeera.
Waraanni biyyattii laawuncheroota lafaa rokeetii dhukaasanis akka fayyadamaa jiran himeera.
Dubbii himaan waraanaa Israa'el Daani'el Hagaarii erga 2006 iddoowwan Gaazaa qiyyaafatan irratti laawunchara akkanaa fayyadamuun kan jalqabaati jedhan.
Erga lolli Israa'eliif Hamaas Sambata darbe eegalee booda gama lamaaniinuu walitti dhukaasuuni cimeera.
Keessattuu haleellaa rookkeettiifi lafoo loltoonni Hamaas irratti raawwataniin kan aarte Israa'el, walitti fufiinsaan haleellaa qilleensaa Gaazaa irratti raawwataa jirti.
Kanaanis hanga ammaatti namoonni 260,000 Gaazaa keessa buqqa'utu himame.
Eddoowwan kaampii baqattootaa Gaazaa keessatti itti argaman maappii asiin gadii irraa ilaaluu dandeessu.
Dubbii himaan Humna Waraana Israa'el Jonaataan Konrikas sochii waraanaa ilaalchisee ibsa kennaniiru. qabxiilen ijoon kunooti:
Meeshaan sirna farra haleellaa misaa'elii Israa’el ‘Iron Dome’, haleellaawwan rookKeettii Hamaas daangaa Gaazaa irraan dhukaasu ittisuuf hojjata. Sirna ittisa haleellaa ammayyaa addunyaa kanaa keessaa tokko ta’e kanarratti waan muraasni beekuu qabdan kunooti.
Sirni farra haleellaa qilleensaa Israa’el ‘Iron Dome’ jedhamun beekamu, haleellaa gareen milishoota Filisxeem Hamaas haleellaa raawwachuu erga eegalanii, yoo xinnaate haleellaa rookkeettii 2,500 ittisuuf faayyidaarra oolfameera.
Rookkeettiiwwan muraasnis waan hin fashaloofneef naannoolee namoonni jiraatan bu'aniiru.
Dabalata odeessa kanaa argachuuf geessituu kan hordofaa: Sirni ittisa haleellaa qilleensaa Israa'el 'Iron Dome' maali?
"Eessa dhaqna? Naannoo kana bakki duraan callisaafi miidhagaa ture amma iddoon itti baqachuuf hafe tokko hin jiru," jedhu jiraattonni mandara Rimaal kan Gaazaa keessaa.
Haleellan qilleensarraa Israa'el Gaazarratti raawwattu gamoowwaniifi manneen jireenyaa, biirowwan telekoomii akkasumas gamoo Yuunivarsiitii Islaamik Gaazaa dabalatee bu'uuraalen heddUu manca'aniiru.
Erga HamaAs haleellaa Israa'el irratti banee kaasee Israa'el haleellaa qilleensaa gaggeessuu hin dhaabne. Warra iddoo bulan qabaniif halkan akkatti rafan hin jiru.
Odeessi guutuu kunooti: 'Gaazaa keessatti bakki itti baqaniifi dhaqan tokko hin jiru'