Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kallattiin: Haleellaan rookkeetiifi gidiraan Gaazaa wayita dabalaa jirutti Baayidan Israa'el daawwachuuf

Dubartoonniifi daa'imman haaluma ajjaja Israa'eliin naannicha gadi dhiisanii osoo deemaa jiranu konkolaataansaanii rukutamee ajjeeffamu xinxalaan BBC mirkanneesseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Paaraashuutiin WW2 kan Hamaas ittisa Israa'el ittiin cabsee seenee maali?

    Hamaas Sambata darbe wayita Israa'el irratti haleellaa raawwatu loltoonni ittisa Israa'el cabsanii seenan paaraashuutii akkaan teeknooloojiin dabaalame fayyadaman.

    Kutaan waraanaa Hamaas "Izz al-Din al-Qassam Brigades" damee waraanaa oppireeshinii Hamaas raawwataa jiruudha.

    Dubbi himaan waraana Israa'el Richaard Hekt loltoonni Hamaas paaraashuutiidhaan (qilleensarraan), galaanarraa fi lafoodhaan irra dhangala'uu mirkaneessaniiru.

    Odeessa kanarratti ballinsaa dubbiifachuuf asiin galaa: Paaraashuutiin WW2 kan Hamaas ittisa Israa'el ittiin cabsee seenee maali?

  2. Israa'el eddoowwan Hamaas ittiin xiyyaara adda baasu barbadeessu himte

    Israa'el eddoowwan Hamaas xiyyaara ittiin adda baasuuf fayyadamu barbadeessuu beeksiifte.

    Haleellaa xiyyaaraa Gaazaa keessatti raawwatamuun itti fufeen, waraanni Israa'eel eddoowwan Hamaas xiyyaarrii wayita Sulula Gaazaa irra darbu ittiin adda baasu haleelluu hime.

    Humni qilleensaa biyyattiis karaa tiwiitaraatiin, jeettiiwwan waraanaa halkan keessa eddoowwan 80 Gaazaa - Beet Haanoonitti argaman haleelluu ibse.

    Haleellaan kunis, ''dameewwan baankii lama kan Hamaas Gaazaa keessatti gochaa shororkaa ittiin deeggaru, holqa lafa jalaa fi wiirtuuwwan ajaja oppareshinii lama sochii shororkeessaa Israa'el irratti raawwachuuf Hamaas itti fayyadamu'' dabalatee haleellaa irratti gaggeessuu beeksiise.

    Akkasumas eddoowwan dallaa itti leenjiin kennamuufi qawween keessa kuufamu lama kan biraas rukuteera jedhe humni qilleensaa biyyatti.

  3. Jiraattoonni Gaazaa kuma 260 ol haleellaa Israa'eliin qe'eerraa buqqa'an - UN

    Haleellaa qilleensaa waraanni Israa'el itti fufuun ollaa Filisxeem irratti raawwataa jiruun namoonni kuma 260 ol Gaazaa keessaa buqqaafamuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksiise.

    Jiraattoonni amma buqqaafaman kunneenis ''erga muddama guyyaa 50 bara 2014 as isa baayyeedha'' jedha dhaabbatichi ibsa Kibxata galgala kenneen.

    Akkasumas lakkoofsi namoota qe'eesaanii irraa buqqa'an kunneenis akka dabalu eegama jedhe.

    Sululli Gaazaa bakka jireenyaa uummata miiliyoona 2.3 yoo ta'u, addunyaarratti bakka jireenya namoonni akka malee baay'atanii jiraatan keessaas tokkodha.

    Haleellaan tibbana Israa'eliin raawwatamus manneen jireenyaa 1,000 ol barbadeessuu hime dhaabbatichi.

    Kana malees wantoota jireenyaaf murteessoo ta'an argachuun ''baayyee rakkiisaa ta'aa dhufeera'' jedha jedha dhaabbatichi.

  4. Israa'el haleellaa Siiriyaan irratti raawwatteef deebii keennite - Waraana

    Waraanni Israa'eel dhukaasa daangaa Gaarreen Goolaan kan bara 1967 irraa qabee Israa'el qabatte irratti haleellaa Siiriyaan raawwatteef meeshaa waraanaa guddaan deebii kenniteetti.

    ''Loltoonni bakka Siiriyaa keessaa jalqaba nutti dhukaafameetti madiifii moortaara dhukaasaniiru'' jedhe ibsi Waraanni Israa'el baase.

    Waraanichis ''Siiriyaa irraa gara daangaa Israa'el al hedduu dhukaafamee'' jechuun himte.

    Dubbii Himaan waraanaa Israa'el AFP'tti akka himeetti, haleellaa moortaaraatu itti dhukaafame.

    Erga Hamaas guyyaa Sambataa Suluula Gaazaa irraa Israa'eli irratti haleellaa raawwate booda Israa'eliifi Siiriyaa jidduutti walitti dhukaasun yoo taasifamu kun kan jalqabaati.

    Guyyaa Kibxataa, Israa'el garee milishoota kibba Leebaananiitti argaman waliin walitti dhukaaftee turte.

  5. Akkam jirtu hordoftoota keenya, tamsaasa kallattii har'aa eegalle

    Odeeffannoo walitti bu'iinsa Israa'eliifi Gaazaa irratti har'as jala jalaan isinii dhiyeessuu itti fufna.

    Waa'ee walitti bu'iinsa kanaa waan hanga yoonaa beeknu:

    • Hamaas erga haleellaa tasaa Israa'el irratti raawwatee har'a guyyaa shanaffaa yoo tahu, Israa'el qondaalota Hamaas olaanoo qabachuun booda gama lamaaniinu lolli hammaatee jira.
    • Israa'elitti namoonni lubbuun darbe 1,200 yoo gahu, Gaazaattis namoonni 900 tahan ajjeefamaniiru.
    • Ministarrii Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalaanti, ''dhorkaa loltootasaa irra jiru hunda eeyyamuun'' Gaazaan bakka duriitti akka hin deebine hime.
    • Pireezidantiin Ameerikaa deeggarsa Israa'eliif kennan irra deebiin ibsaniiru, haleellaa Hamaasa raawwates ''gocha hammeenyaa,'' malee waan biraa miti jedhaniiru.
    • Haleellaan namoota nagaa Israa'el irratti raawwate mul'achaa jira. Jeneraalli Israa'el tokko, daa'imman siree isaanii irratti ajjeefamaniiru, daa'imman kaan ammoo gorra'amaniitu argaman jedhan.
    • Gaazaa keessatti humni aanniisaa inni dhumaa boba'aan yeroo dhihootti akka dhumuufi torbee keessatti sirni fayyaa akka dhaabbachuu danda'u akeekkachiifamaa jira.
  6. Tamsaasa kallattii keenya asirratti xumurreerra!

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo, gabaasa kallattii keenya har'aa asumarratti xumurreerra.

    Boru hanga walitti deebiinuutti halkan gaarii!

  7. Amma nu gahe, 'Haleellaan baayyeen Siiriiyaarraa nutti dhokaafameera- Waraana Israa'el

    Waraanni Israa'eel haleellaawwan hedduun Siiriyaa irraa Israa'el irratti qiyyeefachuun dhokaafaman jiraachuu adda baasneerra jedhe.

    ''Gareen haleellaawwan daangaa Israa'el keessatti dhokaafaman akka carraa ta'ee bakkeewwan banaatti kufan,'' jechuun tora tiwitara kan amma X jedhameerratti maxxanse.

    Haata'u malee ammatti himannaa kanarratti odeeffannoon dabalataa kenname biraa hin jiru.

  8. Dhiibbaa haleellaan qilleensa Israa'el Gaazaa irraan gahe suuraan

    Haleellaa Hamaas gaafa Sambataa hin yaadamne hordofuudhaan, Israa'el Suluula Gaazaa keessatti eeddoowwan Hamaas bakka jettte irratti haleellaa qilleensaa hedduu raawwataa jirti.

    Eejjansiiwwan oduus suuraalee miidhaa haleellaan waraanaa fudhatame kun bakkeewwan adda addaatti qaqabsiisee agarsiisan qoodaa jiru. Isaan keessaa muraasni kunooti.

  9. 'Kun gocha hammeenyaa cimaadha'- Baayidan

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haasaa har'a dhimma walitti bu'insa Israa'eliifi Hamaas irratti taasisaniin, haleellichaan ''gochaa hamaa cimaadha'' jedhan.

    Baayindan Hamaasiin kan dhiiga dhoobootedha jechuun, gochaan isaa kunis kan badii cimaa isis raawwatee ture nama yaadachiisuudha jedhan.

    Itti dabalunis, ''Gareen kun yoo xinnaate namoota nagaa 1,000 ajjeesseera, isaan keessaa 14 lammiilee Ameerikaati'' jedhan.

    ''Hamaas ummata Filisxeemiif hin dhaabbatu,'' kan jedhan Baayidan, ''Ummata Filisxeen akka dahootti itti fayyadamaa jira,'' jedhan.

    "Kan nama gaddisisuu kun ummata Jiwuush haaraa miti. Kunis yaaddannoo cimaa farra seemaamummaa barootaaf ture kan ifatti baaseedha,'' jedhan.

    Pirezidanti Baayidan seenaa fakkeenyawwan sukkaneessoo naannichaa bahaa jiran muraasas qoodaniiru.

    ''Maatiiwwan ijoolleesaanii oolchuuf qaamasaanii fayyadamuun qalamaniiru...Daa'imman ajjeeffamuu...Dubartoonni gudeedamuufi akka waancaatti itti hiriira bahamuu ilaalchisee gabaasaaleen bahaa jiru.''

    ''Nutis Israa'el waliin dhaabbanna,'' jedhan Baayidan. Haleellaa ofirraa qolachuuf waan ishee barbaachisu akka argattus mirkaneessan.

  10. Daangaa Libaanoonitti loltuun Israa'elii fi milishoonni ajjeefaman

    Qondaalli waraanaa olaanaa Israa'el waraana milishoota waliin Wixata daangaa Libanoonirratti gaggeeffameerratti ajjeeffamu Waraanni Israa'el mirkaneesse.

    Akka Waraanni Israa'el ibsetti, loltoonni Israa'el xiyyaara waraanaatiin deeggaramuun''shororkeessitoota daangaa Israa'el seenan'' jedhan lama ajjeesu ibse.

    Jihaadistoonni Islaamaa Filisxeem miseensota isaanii ta'uu himan.

    Boodarra hidhattoonni Hezboollaa Libaanon yoo xiqaate sadii ta'an haleellaa Waraanni Israa'el moortarii itti dhukaafameef deebii kennuuf dhukaasa baneen ajjeefaman.

    Guyyaa lammaffaa walitti aansuun Libaanos irraa haleellaan baname yoo ta’u, lola Israa’el hidhattoota Filisxeemota Gaazaa waliin geggeeffametti hidhata qaba.

    Hidhattoota Hizboollaa Libanoonitti humna waraanaa cimaa qabanii fi bara 2006 Israa'el waliin wal lolanii turan akka dirree waraanaa lammataa hin banne Ameerikaan akeekkachiftetti.

  11. Hidhattoonni ollaa daangaarratti maatii guutuu ajjeessan

    Hidhattoonni Hamaas ollaa daangaa irratti miseensoota maatii guutuu ajjeesuun dhagahame.

    Gaazexessitoonni har'a magaalaa daangaa Gaazaa irratti argamtu bakka miseensi hawaasaa itti ajjeeffame ollaa Kafaar Azaa daawwataniiru.

    Lolli hanga har'a ganamaatti Kibuuz keessatti gaggeeffamaa ture. Kanaaf ture loltoonni Israa'el reeffa namoota ajjeeffamanii amma kaasaa kan jiran.

    Loltoonni Gulaalaa Idil-addunyaa BBC, Jeermii Boweenniitti akka himaniitti, Hamaas haleellaa raawwachuun, manneen gubuun maatiiwwan ajjeesseera.

    Qondaalli Israa'el tokkoos namoonni ajjeeffaman muraasnis mormiisaanii muramuuniidha jedhan.

  12. Hawaasni keenya 400 ture, amma 160 hafe

    Maatiin lammiilee US, firoota isaanii dhabanii Teel Aviivitti ibsa kennaa jiru.

    Abbaan tokko hiriyootnii fi ollaan isaanii hedduun haleellaa Kibuuziin ajjeefaman jedhan.

    Ijoollee isaanii fi ijoolleen ijoollee isaanii waliin Kibuuz bakka Sanbata darbe haleelame keessa jiraachaa akka turan himan.

    Namni Jonaataan Dekel Cheen jedhamu,’’ Kibuuz Niir Ooz amma hin jirtu. Haleellaa akka malee hamaa fi suukaneessaan barbadoofte. Hiriyyootni koo fi ollaakoo hedduun achitti dhuman.

    ‘’Hedduun ammoo ykn ukkaamsamanii fudhatamaniiru ykn ammo dhabamaniiru.’’"

    Joonaataan ilmi isaa Saaguuy akka isaaf deebisaniifis kadhate. Ilmi isaa abbaa ijoollee lamaa tahuu fi sadaffaa haati warraa isaa garaatti baachaa akka jirtu hime.

    Ilmi isaa kun haleellaa Haamaas kana qolachuuf erga bahee cahumaan hafe.

    ‘’Saaguuyi ilma abbaan kamiyyuu qabaachuu hawwudha. Gaggeessaa, hiriyyaa gaarii fi nama jaalalaati,’’ jedhe.

  13. Yeroon akeekkachiisa haamaas dabarraan rookkeettiin dhokaafame

    Haamaas har'a gara ganamaa jirraattoonni magaala kibba Israa'el akka gadi dhiisaniin bahaniif akeekkachiise ture.

    Amma waaree booda ammoo erga sa'aatiin kaa'ame darbeen booda rookkeettiiwwan Hamaasiin gara magaalaa Ashkeelooniitti dhokaafamaa jiraachuu dhagahame.

    Akka biyyaatti hanga sa'aatii 17:00'tti akka bahamuuf akeekkachiifni kennameef dabarraan dhohiinsii jajjabaan dhagahamaa jiraachu himame.

    Gabaaftuun BBC kan wayita dhohiinsii kun raawwatamuutti jiraattoota waliin dahannoo keessa turtes, jiraattoonni hundi bilbila harkaasaanii ilaalaa maal akka isaan mudatu eeggataa akka jiran himti.

    Daqiiqaawwan muraasa keessattis dhoohinsawwan hedduu dhagahu himti.

  14. Israa'elitti lakkoofsi namoota ajjeefamanii 1000 darbe

    Sanbata asitti lammileen Israa'el 1008 ajjeefamuu Imbaasiin Israa'el Ameerikaatti argamu beeksise.

    Imbaasiin Israa'el miidiyaa hawaasarratti akka maxxansetti, namoonni 3,418 ammoo madaa'aniiru.

    Gama Filisxeemiin lakkoofsi namoota du'anii 765 gaheera. Lakkoofsi namoota mada'aanii 4,000 qaqqabeera akka Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksisetti.

    Israa'el keessa lammiileen faransaay afur du'uus gabaafameera.

    Haleellaa Israa'el gochaa jirtu akkuma itti fufetti jira.

    Lakkoofsi namoota ajjeefamanii gama lachuun dabaluu mala. Haamaas lammiilee Israa'el 100 hanga 150 tahanis ukkaamsee fudhateera jedhame.

  15. Hamaas jiraattoonni magaala Ashkeloon akka bahaniif akeekkachiise

    Hamaas jiraattoota magaalaa Kibba Israa'elitti argamtu Ashkeloon keessaa akka baqatan akeekkachiise.

    Hamaas Israa'el haleellaa Gaazaarratti raawwattee haaloo bahuuf Ashkeloon haleeluuf doorsise.

    Hamaas jiraattoonni jiraattoonni Ashkeloon, magaalaa Kaaba Gaazaatti argamtu sa'aatii murtaa'e keessatti akka qe'eerraa baqatan akeekkachise.

    Sanbataa asitti rokkeettiiwwan 4,500 ol Gaazaarraa gara Israa'elitti dhukaafamuu Waraanni Israa'el himeera.

  16. Masriin sababa haleellaa Israa'eliif karaa ce'umsa Raafaah cufte

    Masriin sababii haleellaa Israa'el qilleensaan raawwataa jiruun wal qabatee karaa ce'umsa Raafaah cufte.

    Karaa ce'umsaa Raafah kunis daangaamarfamaa ta'e keessatti daandii Gaazaadha gara Masriitti ittiin ce'amu qokicha ture.

    Ta'us amma Masriin sababii haleellaa Israa'el naannichatti raawwataa jirtuun wal qabatee karaa kana akka cufte aanga'oonni naannichaa himan.

    Daandii qaxxaamuraa kun duraan saaqaa tyrulleen, namoonni karaa sana darbuudhaaf dursanii maqaansaanii galmaa'u qaba ture. Kanaan kna ka'es yeroo dheeraadhaaf dabaree eegachuun dirqama ture.

  17. Hanga waraanichi xumuramuutti waa'ee namoota butamanii hin mari'annu- Hamaas

    Gareen hidhattoota Filisxeem Hamaas hanga waraanni xumuramuutti waa'ee hidhamtootaa hin mari'adhu jedhe.

    Hoogganaan Biiroo Siyaasa Hamaas Isimaa'iil Haaniyeeh, hanga waraanni xumuramuutti , waa'ee namoota hidhamanii Israa'eel waliin akka hin mari'annee himan.

    ''Waa'ee hidhamtoota diinaa diddaadhaan to'ataman ilaalchiisuun paartiilee nu quunnaman hundatti, hanga waraanni kun xumuramuutti galmeesaanii akka hin saaqamne himnneerra,'' jedhan.

    Itti dabalunis dhimmi kun kan ka'u, ''gatii diddaan kuni madaalu qofaadhaan'' jedhan.

    Israa'el lammiileen shee 100-150 ta'an kibba biyyattii keessaa gaafa Sambataa akka butaman tilmaamti.

  18. Yom Kippur: Waraana waggaa 50 dura gaggeeffamee, miidhaansaa ammallee mul'ataa jiru

    Waraana dhiiga dhangalaase, kan lubbuu Araboota hedduu galaafate, waraanni addunyaa jijjiire-Yom Kippurbara 1973 Onkoloolessa keessa gaggeeffame.

    Sambata darbe (Onkoloolessa 07, 2023) wayita rookeetiin Hamaas Gaazaa irraa gara Israa'elitti akka bokkaa roobu waraanni kun waggaa 50ffaasaati.

    Amma warri Israa'el fi Filisxeem waraana hamaa keessa jiru. Guyyaatti lubbuun namaa hagana ga'u wayita darbu waggoota kurna hedduu keessatti kun ta'ee hin beeku. Dabatalaaf asiin dhaqaa: Waraannii waggaa 50 duraa Yom Kippar maali?

  19. Dhimmoonni ijoon Filisxeem fi Israa'el walitti buusan maal fa'i?

    Haleellaan gareen hidhattoota Filisxeem- Hamaas Sambata darbe gaafa Onkoloolessa 07, 2023 Israa'el irratti raawwate akkaataa ulfaatina (scale) fi jeequmsa isaan yoo ilaalame kan kanaan dura turerraa baayyee adda.

    Haleellaa akeekkachiisa yookiin mallattoo tokko malee tasa dagachiisuun mudateedha.

    Garuu qoccolloo waggoota kurna hedduuf Israa'el fi Filisxeem gidduu turetu kana fide.

    Hamaas waan haleellaa kana raawwateef sababoota hedduu eera. Mee afran isaanii haa ilaallu.

    Dabalata isaatiif karaa kanaan dubbiifadhaa: Dhimmoonni ijoon Filisxeem fi Israa'el walitti buusan

  20. 'Haleellaa kana warra karoorse harkasaanii dhunganna'- Ayaatolaa Alii Hamenii

    Hoogganaa olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Hamenii himannaa Iraan haleellaa Hamaas eegale duuba jirti jedhu fudhatama dhabsiisanii warra haleellicha eegale galateeffataniiru.

    Rooyitars hiika ibsa Ayaatoolaa keessaa fudhatame ''bulchiinsa warra Zaayinistiirratti warra haleellaa kana karoorse harkasaanii dhunganna'' jedhu maxxanseeera.

    Iraan Hamaasiin maallaqaan, leenjiifi meeshaa waraanaan akka deeggartu ni beekama.