Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kallattiin: Haleellaan rookkeetiifi gidiraan Gaazaa wayita dabalaa jirutti Baayidan Israa'el daawwachuuf

Dubartoonniifi daa'imman haaluma ajjaja Israa'eliin naannicha gadi dhiisanii osoo deemaa jiranu konkolaataansaanii rukutamee ajjeeffamu xinxalaan BBC mirkanneesseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lolli lafoo Israa’el Gaazaatti gaggeessuuf jirtu attamiin deemuu danda’a?

    Israa’eel haleellaa lafoo Gaazaa keessatti raawwachuuf of qopheessaa jirti.

    Waraanni biyyattiis ummanni miilyoona 1.1 kaaba Gaazaatti argamu sa’aatii 24 keessatti gara kibba sululaatti akka baqatu itti himeera.

    Haaluma walfakkaatuun looltoota kuma kudhaniin lakkaa’aman, taankiiwwaniifi madfiiwwan qarqara daangaatti walitti qabaa jiru.

    Bal'ina odeessa kanaa dubbifachuuf: Lola lafoo Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessuuf jiru

  2. Gaazaa keessatti lakkoofsi namoota du'anii 1,900 gahe

    Baay'inni lakkoofsa namoota walitti bu'iinsa Israa'eeliifi Hamaas jidduutti mudateen haleellaa qileensaa Israa'elitiin Gaazaa keessatti ajjeeffamanii 1,900 gahu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksiise.

    Kana malees lakkoofsi namoota miidhaan irra gahee 7,696 akka gahe dubbii himaan ministeera Fayyaa Gaazaa hime.

    Akkasumas kanneen ajjeeffamaniifi miidhaan irra qaqabee keessaa %60 kan ta'an dubartootaafi daa'imman jedheera.

  3. Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa raawwachuu mirkanneessite

    Waraanni Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa naannoo muraasaa gaggeessuu hime. Sochiiwwan dhiheenyaarratti wantoonni beeknu kunooti:

    • Humni Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) ''seeliiwwan shororkeessitootaa fi bu'uuraalee misomaa isaanii barbadeessuuf'' daangaa Gaazaa keessatti haleellaa raawwadheera jedhe.
    • Akkasumas loltoonni odeeffannoowwan namoonni butaman bakka jiran agarsiisuu walitti qabataniiru jedhe.
    • Waraanichis waraabbii viidiyoo toora X kan duraan Tiwiter jedhamurratti maxxansaniin: ''Humni qilleensaa Israa'el qiyyeeffannaawwan daangaalee Hamaas fi eddoowwan misaa'eloonni farra taankii irraa Gaazaa keessaa dhokaafaman bataluma isaan Israa'el haleeluuf fayidaarra oolfamaniitti haleeluu itti fufeera'' jedhe.
    • Humni qileensichaas gamasaatiin raayyaan ittisaa ''yaaliiwwan naannicha shororkeessesitootaa fi meeshaa waraanaa irraa qulleessuuf taasifamu xumuuruuf'' fi ''namoota badan barbaachuuf'' taasifamu raawwachuuf Suluula Gaazaa keessatti haleellaa gaggeesseera jedhe.
  4. Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalle!

    Hordoftootaa keenya waraana israa'elii fi Gaazaa ilaalchisee tamsaasa keenya kallattii har'aatiin deebiinera.

    Taateewwan ijoo gama jigguugala bahaafi addunyaa mara irratti ta'u isin biraan geenya. Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  5. Tamsaasa kallattii keenya har'aa asirratti xumurra.

    Hordoftoota keenya tamsaasa kallattii keenya har'a asirratti xumurra.

    Boru odeessaalee haraa qabannee hanga walitti deebinuutti nagaan turaa!

  6. Kanneen butaman hanga deebiifnuutti hin dhaabbannu- Baayidan

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan har'a Ameerikaanoota miseensi maatii isaanii haleellaa Hamaas Sambata Israa'el keessatti raawwateen booda bakka buuteensaanii dhabame waliin dubbatan.

    Maatiin firoota isaanii maal akka murate hin barree ''dhiphina'' keessa darbaa jiraachu himan.

    Baayidan maatiiwwaniif ''lammiilee Ameerkaa bakka buuteensaanii dhabame biyyatti deebiisuuf kan danda'amuuf hunda raawwachuuf' kutannii dhuunfaasaanii itti himu dubbatan.

    ''Lammiilee Ameerkaa Hamaasiin butaman baraaruudhaaf halakanii guyyaa hojjataa jirra...hanga manatti isaan deebiifnuttis hin dhaabbannu'' jedhan.

  7. Israa'el Hamaas haleelluuf mirga qabdi- Shaapsi

    Ministirri Raayyaa Ittisa UK Israa'el ''Hamaas waraanuuf'' mirga qabdi jedhan.

    Ministirichi guyyaa Jimaata har'a wayita akka mootummaan UK akeekkachiisa Israa'el ummanni miiliyoona 1.1 sa'aatii 24 keessatti Gaazaa akka bahuuf kennite kan deeggaru ta'u gaafatamaniitti, kana kan jedhan.

    Giraanti Shaapsi Sagantaa BBC's Today'tti akka himaniitti, Israa'el dursitee odeeffannoo kennuunshee barbaachisaadha jedhan.

    ''Dursanii odeeffannoo kennuunsaanii gaariidha. Hamaas osoo Israa'el seenee ummata hinajjeessiin dura kana hin goone'' jedhan.

    Itti dabalunis bal'inni karoora Israa'el hin baramne kan jedhan qondaalli kun, Israa'el seera addunyaa eeguub barbaachisaa ta'u pirezidanti Baayidan ifa taasisaniiru jedhan.

    Akkasumas dooniiwwan, hilikoopatarootaa fi xiyyaaroonni to'annoo, fi hordoffii aggeessuuf akkasumas akka ittisaatti akka socha'aniif ajaja kenneeras jedhan.

    ''Dhimmichi akka caalaa hin babal'anee mirkanneessuuf UKn gaheeshee bahuuf yaalaa jirti'' jedhan.

  8. 'Biyya abbaa keenyaaf akka leencaatti lolla'- MM Neetaanyahuu

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetanyahuun ''biyya abbaa keenyaaf lolaa jirra, kan lolluu ammoo akka leencaatti'' jedhan.

    MM Neetaanyahuun dhiheenya kana ibsa gabaabaa kennanii ture kana kan dubbatan.

    ''Har'a akka biyya abbaa keenyaatiif lolaa jirru hundi ni beeka'' jechuusaanii Taayimsi Israa'el gabaase.

    "Ajjeechaa Hamaas yoomuu hin dagannu. Haala kana dura hin baramneen diinoota keenya rukutaa jirra,'' jedhan.

    “Hamaas barbadeessine ni injifanna, garuu ammoo yeroo fudhachu mala'' kan jedhan MM Israa'el, haasaa isaanii Sambata Jiwuushiin booda taasisaniin

  9. Hiriirri deeggarsa Filisxeem addunyaa guutuutti bahame

    Erga gareen Hamaas guyyaa Sambataa Israa'el irratti haleellaa raawwatee kaasee addunyaa guututti hiriirri deeggarsa Filisxeem gaggeeffamu ittifufeera.

    Walitti qabamuunis biyyoota akka Iraaqi, Paakistaan, Indonezhiyaa, tarkii, Maaleeshiyaa fi Baangilaadish keessatti gaggeeffamu ittifufiin gabaafameera.

    Joordaan keessattis, mormitoota daangaa fi eddoowwan Israa'eliin qabaman dhaquudhaaf yaalaniifi humnoota nageenyaa jidduutti walitti bu'unsi umameera.

  10. Israa'el Gaazaa keessatti foosfarasii fayyadamu haalte

    Israa'el haleellaa waraanaa Gaazaa fi Libaanon keessatti raawwatteen fosfarasii adiitti fayyadamte jechuun dhaabbanni mirgaaf falmu Humaan Raayitsi Wooch (HRW) himateera.

    Waraanni Israa'el ibsa sa'aatiiwwan dura himannicharratti baaseen, ''himannaan tibbana waraanni Israa'el Gaazaa irratti fosfarasii adii fayyadameera jedhu dhara'' jedhe.

    Ibsi kenname kun himannaa haleellaa Libaanon irratti raawwatames kan hammatu haata'u kan jedhe hin jiru.

    Israa'el waraanaa bara 2008-2009 Gaazaa keessatti raawwatee turteen kanaan dura fosfarsii adii fayyadamu himuun, bara 2023 keessa garuu hojiin ala taasisuu himte.

    Rasaasni fosfarsi adii adda waraanaatti isikiriin aara umuuf, ibsaa maddisiisuuf, kallattiiwwan adda baasuuf, xiyyeeffanaa dahannoo ykn gamoowwan adda baasuuf fayyadamuun seeraan ni hayyamama,

    garuu miidhaa olaanaa qaqqabsiisuufi ibidda kaasuu danda'a.

  11. Gaazixeessaan Rooyitars Kibba Libanoon keessatti ajjeefame

    Gaazixeessaan Rooyitars viidiyoo waraabu Kibba Libanoon keessatti otoo hojjatuu ajjeefame jedhe Tajaajilli Ejensii oduu Rooyitars.

    ‘’Gaazixeessaan keenya Issaam Abdallaa ajjeefamutti baayyee gaddineerra,’’ jedha ibsi dhaabbaticha.

    Issaam viidiyoo kallattii Kibba Libaanoon irraa Rooyitarsiif garee hojjatan keessa ture.

    Akkaataa du’a gaazixeessaa kana odeeffannoo dabalataa argachuuf qondaaltoota naannichaa waliin hojjachaa jiraachuu ibse.

    Gaazixeesitoonni Rooyitars Xaayir al-Sudaanii fi Maher Nazehi madaa’aniiru jedhe ibsi Tajaajila Ejensii oduu Rooyitars.

  12. Humni Ittisa Israa’el daangaa Gaazaa gale- Humna Qilleensaa Israa’el

    Humni Qilleensarraa Israa’el X kan duraan Tiwiiter jedhamee beekamu irratti, sa’a 24 darbe keessa humni waraanaa Israa’el Gaazaa keessa galuun ‘’sakkatta’insa gaggeessaniiru’’ jedhe.

    ‘’Oppireeshinii kana keessatti ‘’bakka namootni dhabaman jiran adda baasuuf yaalameera’’ jedhan.

    ‘’Loltootni lafoo fi humni waraanaa konkolaataan galuun bakka namootni butaman jiran adda baasuuf yaalaniiru, bu’uuraalee misoomaa fi seelii garee shororkeessaas barbaadeessaniiru,’’ jedhe.

  13. Hiriira mormii West Baankirratti walitti bu’iinsa dhalateen namoonni 11 ajjeefaman

    Ministirri Fayyaa Filisxeem akka ibsetti, namoonni 11 walitti bu’iinsa Weest Baankitti dhalateerratti loltootaan ajjefaman.

    Duuti namootaa kun kan dhagahame walitti bu’iinsa magaalota Rahmalaa, Nabluus, Hebroon fi Tulkarmitti mudate hordofeeti.

    Hiriira mormiikanarratti namoonni 100 ol madaa’aniiru.

    Namoonni kumatamaan lakkaa’aman jiraattonni Gaazaa qe’eesaaniirraa akka baqatan ajajaman deeggaruuf hiriira bahan.

    Bara 1967 Israa’el Weest Baank erga qabaatte Filisxeemoonni Weest Baank Israa’el jalatti bulaa jiru.

  14. Namoonni butamanii fudhataman saffisaan gadhiifamuu qabu-ICRC

    Koreen Waldaa Qaxxaamura Diimaa Addunyaa(ICRC) wayita Hamaas Israa’el haleele namoota butanii fudhachuu Koreen kun balaaleffateera.

    ‘’Namoota miseensa maatii isaanii dhaban ykn waa’eesanii yaadda’aa jiraniif gaddineerra,’’ jedha.

    ‘’Namoonni butaman saffisaan akka gadhiifamanii fi deeggarsa namoomaa kennuuf qophii ta’uu,’’ dhaabbanni Siwizerlaand Jenevaatti argamu kun beeksise.

    Jaarmiyaan kun jiraattoonni Gaazaa qe’ee isaanii dhiisanii saffisaan akka bahan ajajamuun nu yaaddeessa jedhe.

    ‘’Jiraattoonni soorata, ibsaa fi bishaan akka hin arganne ugguruun seera mirga namoomaa addunyaa kan sarbu,’’ ta’uu ibseera.

    Koreen Qaxxaamura Diimaa Addunyaa(ICRC) lolli yoo addaan cite malee deeggarsa namoomaa erguuf akka rakkisu akeekkachise.

    Koreen kun Kamisa kaleessaa akka ibsetti, namoota butamanii Gaazaa geeffaman akka gara Israa’elitti deebifamaniif Hamaasii fi Israa’el dubbisuu hime.

    Garuu mariin gaggeeffame akka hin jirre eeruun, namoota butanii haala kanan fudhachuun seera idil-addunyaa kan sarbu ta’uu dhaabbatichi akeeke.

  15. Hamaas Israa’el erga haleelee Landanitti muddamni dabale

    Ittaanaan Komishinera Poolisii Loorensi Teeyilar haala muddama Landan keessaa irratti ibsa kennan.

    Haleellaa Hamaasiin booda muddamni Landan keessaa akkaan dabaleera jedhan.

    Hawaasa magaalichaaf deeggarsa akka kennaniif ‘’humna pooisii gahaa]] ramadneerra jedhan.

    Poolisoonni 1000 tahan hojii kanaaf bobbaafamani jedhan. Boru deeggarsa uummata Filisxeemiif magaalaa Landanitti kumaataman hiriirri nagaa ni bahama jedhamee eegama.

    Teeyilar uummanni akkuma ‘’hiriira mormii bahuuf mirga qabu, jeequmsa kaasuuf ammoo mirga hin qaban’’ jedhan.

    Alaabaaf fi barreeffamoota qabatanii bahan ilaalchisuun akka dubbatanitti, seerri jiru ifaadha. Namni kamiyyuu alaabaa ykn barreeffama Hamaas deeggaru qabatee bahe ni to’atama jedhan.

  16. 'Amma yerootti baabsuu dhiisnu miti'- Ministira Ittisaa US

    Ministirri Humna Ittisaa Ameerikaa Looyid Oostin Israa’el dhaqan. Gita isaanii Israa’el Yo’aav Gaalaanti waliin tahuun miidiyaaleef ibsa kennan.

    Uummanni Gaazaa nageenya isaaniif jecha gara Kibba Gaazaatti akka baqatu hubachiifna jedhan.

    ·Oostiin shororkeessummaaf sirriidha jechuuf ibsi dabalataa kennamu hin jiru.

    ''Amma yerootti gidduu dhaabbannu] miti, ykn waan dhiifama hin godhamneef dhiifama goonu, ykn waan wal bira hin qabamne wal madaalsifnu miti,’’ jedhan.

    ·Peentaagon meeshaalee waraanaa dabalataa erguuf qophiidha jedhan.

    ·Meeshaalee waraanaa,ittisa qilleensarraa fi meeshaaleen waraanaa biroo Israa’eliif ergamuuf qophaa’eera.

    ·Yeroo seera waraanaa kabajnu, Dimokiraasiin kan akka kan keenyaa cimaa fi naga-qabeessadha.’’ Shororkeesitootni kan akka Hamaas lammiilee nagaa jedhanii haleelan. Dimokiraasiin garuu akkas miti.’’

    ·Gallant ammoo humni waraanaa Israa’el itti yaadee namoota nagaa hin haleelu, kanumaaf akka magaalaa Gaazaatii gara Kibbaatti bahaniif kan gaafataa jirru jedhan.

    ·Iraan, Hezboollaa fi Hamaas ‘’garee hamoodha’’ jedhan.

    ·Itti dabaluun Hamaas ‘’uummata qaroome gidduu hin jiraatu’’ jedhan.

    ·Israa’el hidhattoota Hamaas Gaazaa fi lafarraa balleesiti jedhan.

  17. 'Gaazaan saffisaan hulaa Si'ol tahaa jirti'- Ejensii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishinarri Ejensii Baqattoota Filisxeem, Gaazaan saffisaan bakka garmalee hamaa fi diigamuuf qarreerra geesse ta'aa jirti,’ jedhan.

    ‘’Hammii fi saffisni rakkoo namoomaa Gaazaa keessatti mudataa jiruu garmalee rifaasisadha,’’ jedhan Fiilip Lazzarinii.

    Lazzarariniin gartuuwwan waaraansa kanatti hirmaataa jiran’’saffisaan, dhorkaa tokko malee deeggarsa namoomaa akka seenu akka eeyyaman gaafatan.

    Akkasuma namoota nagaa Gaazaa keessa jiraatan akka eeganii fi seera waraana akka kabajan gaafatan.

    Lazzarariniin Israa’el namoonni miliyoona 1.1 Kaaba Gaazaa keessaa akka bahan ajajuun ‘’waanta badaadha,’’ jedhan.

    ‘’Tarkaanfiin akkasii garmalee sadarkaa hin eegamne rakkoo guddoo kan fidu fi jiraattoota Gaazaa rakkoo hamtuutti kan geessu,’’ jedhan Lazzararinii.

  18. ‘Ilmikoo akka Israa’el haleeluun jajjabeesse’- Haadha hidhataa Libaanus

    Hiriirri deeggarsaa Gaazaa har’a Libaanusitti hidhattoota Hezboollaan qindaa’era.

    Hezboollaan gartuu waraanaa biyyattii keessatti humna waraana jabaa qabu. Hamaas biyyoota Araboota keessatti tumsa barbaadaa jira.

    Kaaampii baaqattootaa Filisxeem Burj al-Shemalii, Kibba Libaanusitti argamutti namoonni har’a waaree boodatti hiriira bahuuf qophaa’a jiru.

    Kaampicha hidhattoota Jihaadistoota Islaamik dabalatee hidhattoota Filisxeem danuutu hooggana.

    Haati tokko ilmishee Wixata darbe gara Israa’elitti erga ce’ee booda humna waraana Israa’eliin ajjeefame.

    Haati hidhataa kanaa Azaab Musaa kan jedhamtu yoo taatu nama ganna 45ti.

    Azaab ilmishee ganna 22 Hamzaan gara Israa‘elitti ce’utti nan boona jetti. ‘’Anatu akka Israa’el haleeluun jajjabeesse’ jette.

    ‘’Hamzaan maal raawwachuu akka barbadu natti hime, cinasaa goreen akka harka hin kennanne jajjabeesse,’' jette.

    ‘’Ilmaan 10 otoon qabaadhe, hundisaanii Israa’el akka haleelaniin jajjabeessa. Sababni isaa lafa keenya deebifachuu qabna,’’ jette.

    Maatiin kun Sooriyaarra gara Libaanusitti bara 2011, yeroo wal waraansi biyyattii keessatti eegalu baqatan. Sana dura Filisxeem dhaqaniis hin beekan ture.

    Obbooleessi Hamzaa dargaggoon ganna 20 Mohaammad jedhamu garee hidhattootaa kamiyyuu keessa akka hin jirre himuun, garuu waanta obboleessi isaa raaawwate lammeessuu akka barbaadu hime.

    ‘’Namni hundi as jiru Hamzaadhaan boona,’’ jedhe.

  19. Kaaba Israa’elitti addi Waraanaa haaraan jalqabuuf

    Kaaba Israa’elitti addi Waraanaa haaraan jalqabuuf- Hezboollaan garee Hamaasitti makamuuf qophiidha jedhe

    Daangaa Kaaba Israa’elirra muddama hamaatu jira. Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Hoseen Amiir Abdullaahii biyya ollaa isaanii taate Libaanoon daawwataniiru.

    Achittis hogganaa Hezboollaa Hasan Naasirallaa waliin mari’ataniiru.

    Akka jedhanitti, Gaazaa keessatti ‘’yakki waraanaa Filisxeem irratti gaggeeffamaa jiru’’ shakkii tokko malee garee diddaarra jiran irraa deebiin akka kennamuuf kakaasa jedhan.

    Hezboollaan garee Hamaas deeggaruuf jedhee kan Israa’el haleelu yoo tahe, addi waraanaa haaraan banamuu hin oolu sodaan jedhu jira.

    Amma itti aanaan hogganaa Hezboollaa waraana Hamaas Israa’el irratti gaggeesutti makamuuf ‘’guutummaatti qophoofneerra’’ jedhe.

    Hiriira qarqara Beerutitti gaggeefamaa jirurratti ‘’yeroo barbaachisaa tahetti’’ gidduugalla jechuun dubbatan.

    Akkuma Hamaas, gareen Hezboollaa UK, US fi biyyoota biroon shororkeesummaan galmaa’aniiru.

  20. Hojjataa imbaasii Israa'el Beejiingitti argamurratti haleellaan raawwatame

    Nama Imbaasii israa'el kan Beejiingi keessaa hojjatu tokko irratti haleellaan rawwatamu Ministeerri Dhimma Alaa Israa'el beeksiise.

    Waraabbiin viidiyoo nama jeequufi kan BBC addatti hin mirkanneeffane, namtichi wayita daandiirratti albeedhaan waraanamu miidiyaa hawaasaa agariiseera.

    Haleellaan guyyaa Jimaataa kunis dallaa imbaasii keessatti kan raawwate miti. Kaayyoon haleellaa kanaa qoratamaa jiraachuu waajjiirri miniteera dhimma alaa Israa'el hime.

    ''Hojjataan kunis hospitaalaatti yaalamaa kan jiru yoo ta'u haala tasgabbaa'aarratti argama'' jedheera.

    Dhiheenya kana keessa fayyadamtoonni miidyaa hawaasaa deeggarsa Filisxeemiif qaban agarsiisaa jiru. Akkasumas maxxansiwwan farra-Israa'el intarneetii irratti gadi dhiifamaa jira.

    Kaanis walitti dhufeenya Israa'el Taayiwaan waliin qabduuf wayita qeeqan dhagahamu.

    Chaayinaanis waraana Israa'eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamaa jiruurratti ''baayye yaadda'uu'' fi ''namoota nagaa walitti bu'insichaan ajjeefamaniitti gadduu'' himte jirti.

    Israa'el gama isheetiin haleellaa hamaas raawwate waan balaaleeffachu dideef ''Chaainaatti baayyee aaruu'' ibsiteeti.