Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru ‘’saboota gidduu waldhibee uume’’ jechuun cufani. Miidiyaaleen biroo sadii Asraat Tv, Dimtsii Wayyaaneefi Tigraay Tv jedhaman immoo qoratamaa jiru jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Liiverpuul Shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingiliz bara 2019/2020 tahe

    Waggoota 30 waancaa PL mo’achuu kan hin dandeenye Liiverpuul waggoota dheeraa kanaan booda kaleessa galagala yeroo Cheelsiin 2fi 1’n Maanchister Siitii mo’atu shaampiyoonaa tahuu isaa mirkaneeffate.

    Liiverpuul leenjisaa duraanii Sir Keenii Daagilish jalatti ture bara 1990 isa xumuraaf shaampiyoonaa tahuu kan danda’e.

    Ergasii liiverpuul waancaa Piriimerliigii injifachuuf waggoota 30 eege.Leenjisaa Jurgen Kilopi jalatti abjuu isaa yeroo dheeraa dhugoomseera.

    Bara darbe qabxii tokkoof jecha Maanchister Siitiidhaan caalame waanchicha kan dhabe Liiverpuul bara kana ammo tapha tokko qofa mo’amee waanchicha harka galfate.

    Kana malees bara kana rikeerdii garaagaraa cabsaniiru. Osoo hin mo’amiin waggaa tokkooo oliif taphoota hedduu mo’ataaa turan.

    Mohaammad Saalaa, Sadiyoo Maanee, Rooberto Firmiinoo, Virjil Vaan Daayik, Aleksaandar Arnooldi fi karra eegaa Alisan Beeker taphatoota adda durummaan shaampiyonaa akka tahan gargaraan jedhamu.

    Sababa Covid-19'n namuu manumatti akka gammachuu ibsatu gorfamuus deeggartootni Liivarpuul Anfiilditti Maaskii uffachuun gammachuu ibsachaa jiru.

  2. Tamsaasa keenya kallattii eegalleera

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo tamsaasa keenya kallattii kunoo isin biraan gahuu eegalleera.

    Odeessaalee biyya keessaafi alaa gaggabaaboo ulaa kanaan argattu waan ta'eef nu hordofaa.

    Guyyaa nagaa isiniif hawwiina!