Addunyaarratti namoonni koronaavaayirasiin
irratti argame miliyoona 10 qaaqabeera.
Namoota dhibeen kun irratti argame keessaa ammo miliyoona walakkaa kan
ta’an lubbuun darbeera.
Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin
qabamanii ammallee dabalaatuma jira.
Ragaan akka agarsiisutti kutaa addunyaa
akka Ameerikaa, Eeshiyaa Kibbaafi Afrikaa keessatti tatamsa’inni
koronaavaayirasii ol ka’aa jira.
Akka addunyaatti biyyi hunda caalaa
miidhaa hamaan irra USdha.Biraazil
keessattis gara malee dabalaa jira. Ogeessonni biyyattiis qorannoon xiqqaan
waan taasifamaa jiruuf malee lakkoofsi namoota Biraazilitti vaayirasichi
irratti argamu baayyee kan caaluu mala jedhu.
Indiyaa keessattis haala walfakkaatuti mul’ata.
Lakkoofsi namoota guyyaa guyyaan vaayirasichi irratti argamuu haalaan dablaa
jiraatus kutaa bulchiinsa biyyattii garii keessatti qorannoon gahaan taasifamaa
hin jiru.
Biyyoonni Afrikaa ammoo sadarkaa hamaa dhukkubni
kun irra gaha jedhamerra hin geenye. Haata’u malee, Afrikaa Kibbaa weerarri kun
daran hammaachuu mala jechuun akeekkachiisaa jirti.
Chaayinaan ammoo bakka dhiyeenya magaalaa
Beejiingitti argamtu tokkotti lakkoofsi amoota qabamanii dabaluu isaarraan kan
ka’e bakka sana uggurteetti.
Biyyoonni akka Niiwuu Ziilaand, Awustiraaliyaafi
Kooriyaa Kibbaa ammoo weeraricha to’achuudhaan haala gaariirra jiru.
Hunda
kan caalaa weeraricha irratti injifannoo boonsaa galmeesite ammoo
Veetinaamidha.Saffisaan tarkaanfii
sochuu dhorkiifi daangaawwan jiran to’achuun dhibeen kun akka hin tatamsaaneef
gargaareera.