Aministii Intarnaashinaal ajjeechaa Art.Haacaaluu Hundeessaa guutummaatti qoratamuu qabaa jedhe
Aministii Intarnaashinaal ibsa Kibxata waaree booda baaseen aanga’ooonni Itoophiyaa ajjeechaa weellisaa beekamaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa haala gadi fageenya qabuun,oogummaan, al-loogummaafii hala walaba ta'een gaggeessuu qabuu jedheera.
Hooggantuu Itti-aantuun dhaabbatichaa dame Baha Afrikaafi Gireet Leeks Saaraa Jaaksan‘‘Bara 2015 irraa eegalee mormii dargaaggoonni biyyattii godhan weelluu isaatiin jajjabeessaa riifoormii bara 2018 akka dhufuu deeggareera'' jette.
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaaf haqni kennamuu qaba’’ jetti.
Hiriira balaaleffannaa kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti ajjeechaa Art. Haacaaluu hordofee dhalateen lakkoofsa namoota ajjeefamanii Intarneetni waan adda citeef qulqulleeffachuun rakkisaa akka ta’es dhaabbatichi ibsa isaa keessatti addeeseera.
‘’Aanga’oonni intarneeta guutuu biyyaatti cufan atattamaan kaasuu qabu uummatni odeeffanno argatee, du’a weellisaa kanaatti gadda itti dhagaahame bilisaan ibsachuu qabus’’ jedhan Saaraan.
Humnoonni nageenyaa mootummaa hiriira balaaleffannaa adeemsifamaa jiru humna hangaa olii fayyadamuurraa of qusachuu akka qabaniis akeekkachiiseera Dhaabbatichi.