Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru ‘’saboota gidduu waldhibee uume’’ jechuun cufani. Miidiyaaleen biroo sadii Asraat Tv, Dimtsii Wayyaaneefi Tigraay Tv jedhaman immoo qoratamaa jiru jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Aministii Intarnaashinaal ajjeechaa Art.Haacaaluu Hundeessaa guutummaatti qoratamuu qabaa jedhe

    Aministii Intarnaashinaal ibsa Kibxata waaree booda baaseen aanga’ooonni Itoophiyaa ajjeechaa weellisaa beekamaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa haala gadi fageenya qabuun,oogummaan, al-loogummaafii hala walaba ta'een gaggeessuu qabuu jedheera.

    Hooggantuu Itti-aantuun dhaabbatichaa dame Baha Afrikaafi Gireet Leeks Saaraa Jaaksan‘‘Bara 2015 irraa eegalee mormii dargaaggoonni biyyattii godhan weelluu isaatiin jajjabeessaa riifoormii bara 2018 akka dhufuu deeggareera'' jette.

    Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaaf haqni kennamuu qaba’’ jetti.

    Hiriira balaaleffannaa kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti ajjeechaa Art. Haacaaluu hordofee dhalateen lakkoofsa namoota ajjeefamanii Intarneetni waan adda citeef qulqulleeffachuun rakkisaa akka ta’es dhaabbatichi ibsa isaa keessatti addeeseera.

    ‘’Aanga’oonni intarneeta guutuu biyyaatti cufan atattamaan kaasuu qabu uummatni odeeffanno argatee, du’a weellisaa kanaatti gadda itti dhagaahame bilisaan ibsachuu qabus’’ jedhan Saaraan.

    Humnoonni nageenyaa mootummaa hiriira balaaleffannaa adeemsifamaa jiru humna hangaa olii fayyadamuurraa of qusachuu akka qabaniis akeekkachiiseera Dhaabbatichi.

  2. Komishinii Poolisii Federaalaa ajjechaa Art. Haacaaluurratti ibsa kenne

    Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Indashaawu Xaasawu ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatame ilalchisee bu’aa qorannoo hanga ammaa jiruu Miidiyaa biyyaalessaa ETV irratti bahuun ibsa kennanii jiru.

    Ibsa qorannoo hanga ammaatiin kan adda baafannedha jedhe kanaan Artiist Hacaaluun, “Konkolaataa isaarraa bu’ee wayita deebi’utti balbala konkolaataa isaa bananii rasaasaan dhahanii miliqani” jedheera Poolisiin Federaalaa.

    Qorannoon saffisaan godhamaa jiraa kan jedhan Komishinarichi, kanneen shakkamanii to’atamanii fi kanneen hordofamaa jiran jirachuu himan.

    ‘‘Dargaggoonni ori’an Finfinneefi magaalota kaanitti qabeenya barbaadeessuu dhageenye jirra kuni dogoggora.’’

    ‘‘Ajjeechaan kun ergamni isaa biyya gara hokkoraa fi walitti bu’iinsa keessaa bahuu hin dandeenyeetti galchuudha.’’

    Hawaasni qaama nageenyaa fi mootummaa waliin akka hiriiru Komishinar Indashaaw gaafataniiru.

    Poolisootni fi qaamoleen nageenya uummata waliin ta’uun yakka akka ittisaniifi seera akka kabachiisan waamicha dhiyeessaniiru.

    Humnoonni alaa sababa hidha haaromsaan hokkora uumuuf socho’u malu yaaddoon jedhu jiraachuus dubbataniiru.

  3. Reeffii Art. Haacaaluu qe'ee maatii isaa Amboo gaheera

    Reeffi Artiist Hacaluu Hundeessaa Hilikooptaraan bakka dhaloota isa magaalaa Ambootti geeffamuu jiraattotniifi hoogganaan Kominikeeshinii magaalaa Amboo Obbo Milkeessaan BBC’tti himaniiru.

    Jiraataan magaalittii tokko reeffi qe’ee maatii gahuu nuu mirkaneessee jira.

    Reeffi Artiist Hacaaluu Hilikooptaraan gara dhiyeenya magaalaa Amboo bakka Hoomachoo jedhamutti geeffamuu namoota dubbifne lamaan kanarraa mirkaneeffanneerra.

    Naannoo Hoomachoorraa Ambulaansiin gara qe’ee maatiitti akka geeffamees beekameera.

    Pireezidantiin Mootummaa Nannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ammoo ibsa dhiyeenya kennaniin reeffi Artiist Haacaaluu gara Amboo kan geeffamee gaaffii maatirraa dhiyaateenii jedhaniiru.

    Ganama reeffii isaa gara magaalaa Ambootti gaggeefamaa kan ture ta'uus, sirni awwaalchaa Finfinneetti raawwatamuu qaba yaada jedhuun Galmaa Aadaa Oromootti deebi'ee ture.

  4. 'Oromoon qabsoo keessatti ilmaan qaqqaalii dhabaa dhufe, kan Haacaaluu kun garuu bakka murteessituu kan geesse nutti fakkaata'

  5. Mormii ajjeefamuu Haacaaluun walqabtee uumameen Adaamaatti namoonni shan du'anii hedduun madaa'an

    Mormii ajjeefamuu Aartist Haacaaluu Hundeessaa waliin walqabatee magaalaawwan Oromiyaa gara garaa keessatti gaggeeffamaa jiruun magaalaa Adaamaattis lubbuun namoota shanii darbuu Hospitaalli Waliigalaa Addamaa BBC'tti hime.

    Hojii-gaggeessaan Koollejjii Fayyaafi Hospitaala Adaamaa Dr. Makonniin Fayyisaa akka jedhanitti namoonni 75 miidhaan irra gahee gara hospitaala dhufaniiru.

    Namoonni shanan du’an kunneen osoo hospitaala hingahiin kan du’an yoo ta’u, qaama isaaniirra rasaasaan akka rukkutaman ni mullisa.

    Kanaan alatti ammoo magaalaa Dheeraa irraa namoonni 19 miidhaan irra gahee gara Hospitaala Adaamaa akka dhufan dubbata Dr. Makonniin.

    Kanneen Dheeraa irraa gara Hospitaalichaa dhufan keessaa namoonni sadii miidhaan cimaa waan irra gaheef kutaa yaalii cimaa keessatti wallaanamaa jiru jedhan.

    Kanneen magaalaa Dheerarraa irraa dhufan kunneen baayyee akka miidhamaniifi kan akka gubatan agarsiisu waan jiruuf hubachuudhaafillee rakkisaadha jedhan Hojii-gageessaan hospitaalichaa.

    Namoonni miidhamanii gara hospitaalaa dhufaa jiran dabalaa jiraachuus himaniiru.

    Mormiin guyyaa guutuu tureefi dhukaasni hanga sa’aatii 7'tti dhaga’amaa ture amma waan tasgabbaa’e fakkaata.

    Mormii ture kanaan walqabatees gamoowwan mootummaa gubataniiru.

  6. Ajjechaa Hacaaluu keessaa qooda kan qaban ''seeccaanee seeratti dhiyeessina''

    Itti-aanaan Ministirri Muummee Obbo Dammaqaa Mokonniin ajjeechaa Artiist Hacaaluu Hundeessarratti rawwatame namoota qindeessaniifi raawwatan mootummaan seeratti dhiyeessa jedhan.

    Fuula feesbuukii isaanirratti barreefama maxxansaniin ''du'a tasaa artiist Hacaaluu Hundeessaan gaddii natti dhagaahame hedduu guddaadha,'' jedhan.

    ''Haalli lubbuun aartistii dargaggoo kanaa itti darbe hunda keenyayuu tasa miira gadda hadhaawaa keessa kan nu galche, taatee badiiti'' jedhan.

    Gama mootummaatiin kanneen gocha kana raawwatan, kan qindeessaniifi gurmeessan adda foyee seeraatti dhiyessuuf sochiin godhamu cimee itti fufas jedhan.

    Haallii gadda kana ittiin ibsannu badii biraa bifa hin hordofsiifneefi miira itti gaafatamummaan guutameen ta'uu qaba jechuun dhaaman.

    ''Tatee badii kana sabeeffachuun kanneen qabeenyaa dhuunfaafi mootummaa barbadeessafi uummata walitti buusuun tokkummaa biyyaa rakkoo keessa galchuuf kanneen hojjetan seeraan gaafannaa jedhaniiru'' obbo Dammaqaan.

    ''Ajandaa waloon hiriirreefiin, waliin akka ceenu adaraan isiniin jedhas'' jedhan.

    Maatii, firoottaniifi dinqisiifattoota isaaf jajjabina akka hawwaniis kataban.

  7. Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee wantota ta'an keessaa

  8. Ajjeechaa Haacaaluu hordofuun hokkora uumameen lubbuun namaa darbe

  9. OMN: ‘Poolisiin Federaalaa hojjettoota koo hidhe’

    OMN karaa Feesbuukii isaa ’yeroo ammaa humni federaalaa istuudiyoo OMN Finfinnee seenuun hojjattoota OMN hunda walitti qabee fuudhee jira’’ jedhee barreeseera.

    OMN erga duuti Hacaaluu Hundeessaa kaleessa galgala dhagahamee tamsaasa kallattii fi sagantaa garaagaraan gabaasaa ture.

    Har’a ganama yeroo reeffi Artisti Hacaaluu hospitaala Phaawuloosii bahee gara naannoo dhaloota isaa magaalaa Ambootti gaggeeffamaa tures tamsaasa kallattiin dabarsaa ture.

    Maaliif akka to’atamaniifi amma haala akkamii keessa akka jiran wanti ibsame hin jiru.

    Daarektarri Olaanaa OMN Obbo Girmaa Guutamaa dubbisuuf bilbillus bilbilli isaanii hin waamu.

    Gama biraan reeffi weellisaa Hacaaluu kan gara magaalaa Ambootti geeffamaa ture gara magaalaa Finfinneetti akka deebi'es gabaafameera.

    Har'a ganama naannoo sa'a 3:00 jalqabee Itoophiyaa magaalota akka Finfinnee, Maqalee fi Baahirdaar, fi Maqaleetti tajaajilli interneetii addaan citee ture deebi'uus gabaafameera.

  10. Mootiin Beeljiyeem gocha kolonii DR Koongoon ‘nan gaabba’ jedhan

    Yeroo koloniitti ‘miidhaafi yaakka uummata Koongoo irra ga’een akka ‘gaabban’ Mootiin Beeljiyeem Filippee ibsaniiru.

    Kana kan jedhan kolonii Beeljiyeem jalaa ba’uusheef kabaja guyyaa walabummaa waggaa 60ffaa DR Koongoon kabajju irratti xalayaa Pireezdaant Fiiliksi Tishisekediif barreessan irratti.

    Bara 1880’n keeessa mootiin yeroosii Beeljiyeem Li'oopaard II lafa DR Koongoo qabatee kan ture yoo ta’u bulchiinsa isaa jalatti namootni 10,000 ta’an ajjeefamaniiru jadhama.

    Xalaayaa isaa keessatti Mootii Filippeen miidhaa uummata koongoorra ga’een akka gaabbeeru ibsuu isaa miidiyaaleen Beeljiyeem gabaasaniiru.

    “Madaa bara durii, kan ammallee loogii hawaasaa keenyaatti keessatti agarruun dhukkubbiin isaa deebi’ee ka’aa jiruuf gabbiikoo isaa cimaa ibsuun fedha,”

    Maatii moototaa Beeljiyeem keessaa wanta bara koloniitti raawwatameef gaabbii ibsuun isa jalqabaati.

    Torban sadii dura siidaan mootii Lioopaard II magaalaa Antweerp keessa ture namoota jibba sanyummaa mormuun ba’aniin ibiddaan gubameera.

  11. 'Lubbuu qaalii, dargaggeessa dinqii dhabne' - MM Abiy Ahmad

  12. Daarektarri Olaanaa WHO ajjeechaa Hacaaluurratti raawwateen gadduu ibsan

    Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teewodiroos Adihaanom ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaan irratti raawwateen gadduu isaanii ibsan.

    Ergaa fuula fesbuukiifi tiwiitara isaanii gubbaa barreessaniin maatii akkasumas biyyaaf jajjabina hawwaniiru.

    Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa guyyaa kaleessaa (Wiixata) galgala magaalaa Finfinnee keessatti ajjeefamuu isaa poolisiin ibsuun ni yaadatama.

  13. Pirezidantiin Sudaan Kibbaa bulchitoota naannolee saddeet muudan

    Pirezidanti Sudaan kibbaa Saalvaa Kiir naannolee biyyattii 10 keessaa saddet kan tahaniif bulchitoota muudan.

    Kana dura morkataa isaanii Reek Machaar kan amma itti aanaa pirezidaantii tahan waliin bulchitoota naannolee muuduf addaan qooddatanii turan.

    Akkasumas bulchiinsa naannolee sadiif hoggantoota ol aanoo rmuudaniiru.

    Gaggeessitootni lameen Saalvaa Kiiriifi Machaar bulchiinsa naannolee irratti wal dhabaa turan erga hiikkatanii amma torban lamaa taheera.

    Kun mootummaa giddugaleessaa naga qabeessa hundeessuuf gufuu guddaa tahee ture.

    Kaampiin pirezidanti Saalvaa Kiir naannolee jaha magaalaa Juubaa keessa buufatee kan ture yoo tahu Kaampiin loltoota Maachar ammo bakka boba’aan badhaate Naayil gara olii dabalatee naannolee sadii keessa ture.

    Hoggantootni naannolee kanneenii bulchitoota filachuun pirezidanti Saalvaa Kiir ammo muudama kennaniiru.

    Naannoon Naayil gara Olii Upper Nile’ jedhamuu fi Jongilii jedhamu ammayyuu waan irratti walii hin galamneef bulchaa isaanii hin filanne.

    Kanneen muudaman saddet keessaa tokko dubartii yoo taatu dhalattuu Sudaan Kibbaa lammii Ameerikaaa taatedha.

    Isheen bulchituu naannoo Western Baahir El-Gaazii jedhamuu tahuun muudamte.

  14. Guyyaa J/ Taaddasaa Birruu Niilsan Maandellaa itti leenjise yeroo yaadatamu

  15. Namootni hedduu ajjeechaa Hacaaluu irratti raawwateef gadda isaanii ibsaa jiru

    Weellisaa beekamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Wiixata kaleessaa galgala sa’atii 3:30 irratti rasaasaan rukutamee lubbuun isaa darbeera.

    Ajjeechaa isaan booda namootni hedduu daandii magaalota akka Finfinnee, Adaamaafi Naqamteetti ba’uun gaddaa isaanii ibsaa jiru.

    Miidiyaalee hawaasummaa irrattis namootni bekkamtii qaban adda addaa suuraa isaa maxxansuun gadda itti dhaga’ameefi gariin ammo ajjeechaa isaa irratti dheekkamsa isaani dhageessisaa jiru.

    Kanneen akka Kantibaa Itti anaa magaalaa Finfinnee Takkalaa Uumaa fi gaazexeessaa Mohaammad Adamoo fuula Tiwitaraa isaani gubbaatti gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

  16. Magaalota Itoophiyaa gurguddoo keessa intarneetiin addaan cituun gabaafame

    Magaalota Itoophiyaa garaa garaatti tajaajilli intarneetii addaan citu BBC’n maddeen irraa mirkaneeffate.

    Intarneetin kan cufame ajjeechaan weellisaa beekamaa Oromoo Hacaaluu Hundeessaa erga dhagahame boodadha.

    Hanga yoonaa Magaalaa Finfinnee, Bahirdaar, Maqalee fi Naqamtee keessaa tajaajilichi addaan citu BBC’n odeeffateera.

    Haa ta’u malee, sababni ibsame hin jiru.

    Magaalaa naqamtee irraa namootni BBC’n dubbise akka jedhanitti ganama irraa eegaluun namootni daandiitti bahuun gadda ibsachaa turan.

    Tajaajilootni adda addaa kan akka Baankii fi hojiiwwan biroos yeroodhaaf bakka tokko tokkotti dhaabbatnii jiru jedhan.

    Intarneetiin kuni ganama kan jiru ta'us sa'aatii 3 booda adda cituutu himame.

    Yeroo intarneetiin ture gadda namoonni daanditti bahan miidiyaalee hawaasummaa gubbaa qoodamaa turan.

    Itoophiyaa keessa yeroon rakkoon nageenyaa mudatu intarneetiin kana dura cufamaa turuu ni yaadatama.

    Haa ta'u malee, ajjeechaa weellisaa Hacaaluun walqabate rakkoon nageenyaa uumamu wanti beekamu hin jiru.

  17. WHOn Covid-19n walqabatee 'waan hamtuu dhufuuf jira' jechuun akeekkachiise

  18. Indiyaan tola ooltotaaf qorichuma ofii qopheesiteen talaallii kennuuf

    Indiyaatti Tola ooltotaaf qoricha haaraa biyyichatti qophaa’een talaalliin kennamuufi

    Namootni tajaajila tola ooltummaa kennan lakkoofsi isaanii hin ibsamne ittisa koroonaavaayirasii keessatti hirmaatan talaallii qoricha dhaabbata Baharat Baayotek fudhatu jedhame.

    Kun akka yaalii qorichaa dhaabbatni kun hojjeteettis fudhatama jedhame.

    Qorichi kun bineensota irratti yaalamee akka miidhaa hin qabneef bu’aa gaarii agarsiise himameera.

    Yaaliin qorichaa kun akkuma qorichoota kaan biyyoota garaagaraatti kennamaa jiraniti kan fayyisuun yaalamuuf jiru.

    Adunyaa irra qorichootni 120 tahan yaalii keessa jiru. Talaalliin Indiyaatti kennamuuf jedhu kunis biyyichumatti kan hojjetame yoo tahu vaayirasii naannootti adda baafamee sana booda laabiratorii keessatti akka dadhabu taheen qophaa’e.

    Yaaliin godhamus marsaa lamaan yoo tahu miidhaa qabaachuu dhabuusaati malee guutummaan fayyisuu isaa ilaaluuf qofa miti.

    Dhaabbanii kun talaallii doozii biliyoona afur adunyaaf dhiyeessaa kan ture yoo tahu vaayirasii H1N1 fi Rootaavaayiras jedhamaniif talaallii oolus hojjetee ture.

  19. 'Ani saba kiyyaaf hanga wareegama lubbuuttin yaada' - Haacaaluu Hundeessaa

  20. "Hammuma na argan natti bu'uun anaaf waan haaraa miti"