Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan

Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru ‘’saboota gidduu waldhibee uume’’ jechuun cufani. Miidiyaaleen biroo sadii Asraat Tv, Dimtsii Wayyaaneefi Tigraay Tv jedhaman immoo qoratamaa jiru jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp siidaawwan hokkora jumlaan akka hin badne eeggamuu qabu jedhan

    Pireezidaant Tiraamp ajaja mormitoonni siidaa jijjjigsan akka hidhaman jedhu mallatteessaniiru.

    Tarkaanfichi namni siidaa uummataa balleesse, ’seera jiru hunda fayyadamuun adabamuu qaba’ jedha.

    Ajajni pireezidantichaa kun qarshii federaalaa qaamolee nagaa naannoleef ramadamu akka qabamu ajaja, sababiinsaa immoo badii uumame dhaabuu dadhabuu isaaniiti jedha.

    Namni gurraachi Ameerikaa Joorji Filooyiid poolisiin erga ajjeefameen booda siidaawwan Ameerikaa danuu jijjigfamaniiru.

    Pireezidantichi Jimaata kaleessaa ajaja kana baasan.

    Goolf taphachuuf Niiw Jersiii deemuuf jedhanillee, hafaniitu qajeelfamaafi seerri hojiirra akka oolu nan taasisa jechuun Twitter isaanii irratti barreessaniiru.

  2. Gamtaan Afrikaa 'jechaafi gocha' marii dhimma Abbayyaa gufachiisan dhiisaa jedhe

  3. Ameerikaan viizaa qondaalota Chaayinaarratti qoqqobbii keesse

    Ministirri Haajaa Alaa Maayik Poompewoo Waashingitan dhorkaa kana qondaalota Paartii Komnistii Chaayinaa bilisummaa Hoong Kong daangessan irra keesse jedhan.

    Poompewoon qoqqobbiin kun qondaalota duraanii fi kan ammaa ilaallata jedhan.

    Tarkaanfii kana isa Donaald Tiraamp Beejiing seera haaraa baasuun walabummaa Hoong Koong molquuf jettuuf nan adaba jechuun waadaa seenan hojiirra oolchaa jirra jedhan.

    Chaayinaan murtoon Ameerikaa ‘dogoggora,’ dhiisuu qabdi jetti.

    Koreen Dhaabbataa Koongireesii Biyyaalessaa uummattootaa Chaayinaa guyyoota muraasa keessatti seera haaraa irratti mari’achuuf ni ta’a jetteetti.

    Seerri haaraa Chaayinaan dhiyeessite kun qondaaloti Beejing Hoong Koong keessatti seera qabeessa akka tahan kan eeyyamuufi Chaayinaan qaamota nageenyaa ishee naannoo daangaatti ramaduuf ni dandeessisa.

    Tarkaanfiin kun Hoong Koongitti mormii cimaa kaaseera.

  4. Ashamaa, akkam bultan?

    Gabaasni keenya kallatti kan Sanbataa jalqabee jira.

    Odeessaalee kan biyya alaa fi keessaa mirkana qaban isin akka qaqqaban taasifna. Nu hordofaa!

  5. Ka hardhaa ya fixne!

    Tamsaasa kallattii keenna kan guyyaa hardhaa asumarratti xumurra.

    Suuraaleen kunneen namoota yeroo Covid-19 fakkii kaasuu jalqaban kan mul'isuudha.

    Boru ganama walitti deebina. Nagaan bulaa!

  6. 'Jaalallee koon dhabe' - haadha warraa pireezidaantii Burundii duraanii

    Haati warraa pireezidaantii Burundii duraanii Deenis Nikuruunziizaa namoota sirna gaddaarratti argamiif abbaan warraasaanii “hojiilee gaarii” hojjateera akkasumas “nagaan haa boqatu” jedhaniiru.

    Aadde Deenis yeroo abbaan warraasaanii sababa dhukkuba onneetiin Waxabajjii 9 du’uunsaanii himamu Keeniyaa yaalarra turan.

    Rabbiin isaanii fi ijoolleesaaniif jajjabinna kennuusaatiif gammachuu qaban ibsaniiru.

    Pireezidaantii Burundii duraanii eega boqatanii torbee lama booda magaalaa Giteegaa keessatti awwaalamaniiru.

    Alaabaan biyyootaa Keeniyaa, Ruwaandaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaa gad siqee torban lamaaf mirmirfamaa tures irra deebiidhaan fannifama.

    Burundii keessatti mormitoonnii fi falmattoonni mirgootaa yeroo baay’ee mootummaa Obboo Nikuuruunziizaa sarba mirgootaa namummaatiin qeequ turan.

  7. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namoonni 250 Covid-19n yoo qabaman, 8 lubbuun dabre

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 5414'f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 250 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

    Kuniis lakkoofsa namoota hanga ammaatti qabamanii 5425 gaheera.

    Lakkoofsi har'a galmaawe kun amma dura lakkoofsota galmaa'an 399 fi 268tti aanee lakkoofsa olaanaa galmaawe isa sadaffaadha.

    Qorannoo kanaanis dhiirii 158 fi dhalaan 92 vaayirasichaan yoo qabaman namoota ganna ji’a 3 hamma 90’tti argamaniidha.

    Namoota 250 keessaa namoonni saddeet namoota naannoo Oromiyaati.

    Gabaasa har'a bahe kanaan namoonni saddeet sababuma vaayirasii kanaan lubbuun darbus ibsameera. Kanumaanis biyyattiitti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 89 gahee jira.

    Namoonni saddeet lubbuunsaanii darbe keessaa torba jiraattota Finfinnee kan turan yoo ta’an, namni tokkoo jiraataa magaalaa Dirree Dhawaati.

    Gama kaaniin oduun dansaa dhagahame ammoo, sa’aatii 24 darban keessatti namoonni haaraa 144 bayyanataniiru.

    Lakkoofsi waliigalaa namoota biyyattii keessatti Covid-19 irraa bayyanatan gara 1,688’tti ol guddiseera.

  8. 'Uffata poolisii uffachuun saamicha warra taasisan keessaa tokko rasaasa polisiin lubbuun dabarte'

    Finfinnee naannoo Bolee Ruwaandaatti namoonni saddeet mana lammiileen Chaayinaa jiraatan saamanii osoo baqachuuf yaalanii dhukaasa poolisii waliin walitti bananiin miidhaafi duuti mudachuun barame.

    Ibsa Komishiniin Poolisii Federaalaa baaseen, shakkamtoonni miseensoota basaasaatiin hordoffiin osoo irratti taasifamaa jiru, mana jireenyaa lammiilee Chaayinaatii saamanii osoo bahaa jiranuu to’annaa jala akka olaniif gaafatamanii turan.

    Haa ta’u malee jarri waan didaniif, dhukaasni banamee namoota baqachuuf turan lama keessaa tokko lubbuun darbuufi inni biraa miidhamee hospitaala geeffamuu ibsichi himeera.

    Jarri hafan jaha ammoo to’annoo jala oolfamaniiru jedhame.

    Shakkamtoonni kana duras uffannaa qaamolee nageenyaa garaagaraa uffachuufi meeshaa waraanaa hidhachuun akkasumas konkolaataawwan adda addaatti fayyadamuun eddoowwan garaa garaatti yakka raawwataa akka turan eeruun hawaasa irraa qaqqabuu poolisiin beeksiseera.

    Hawaasnis namoota uffata dambii humnoota nageenyaa uffachuun, meeshaa waraanaa hidhachuufi seera kabachiiftoota fakkaachuun gara mana saanii dhaqan kan shakku yoo ta’e, poolisii nannoosaaniitti ykn karaa bilbila 987 akka gabaasu waamicha taasiseera.

  9. US guyyaa tokkotti lakkoofsa ol'aanaa Covid-19 galmeessite

    Ameerikaan baay'inna namootaa guyyaa tokkotti Covid-19 qabaman kan yeroo kamuu caalu galmeessite.

    Kanaanis gaafa Kamisaa namoonni 40,000 koronaavaayisiidhaan qabamaniiru jedha gabasni Yuunivarsiitii Johns Hopkins.

    Sababa lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa jiruuf magaalonni muraasni karoora isaanii sochiilee adda addaa irra deebiidhaan banuu yeroo murtaa'eef akka hin banamne godhaa jiru.

    Lakkoofsi guddaan asiin dura Yuunivarsiitiin Johns Hopkins galmeessee Ebla 24 irratti 36,400 ture.

    US keessatti hamma ammaatti namoonni miiliyoona 2.4 ta'an vaayirasichaan yoo qabaman, 124,000 ol immoo du'aniiru.

    Kunis biyyoota addunyaa irratti lakkoofsa ol'aanaa qabaachuudhaan sadarkaa tokkoffaarratti akka argamtu taasiseera.

    Qondaaltonni fayyaa biyyattii lakkoofsi namoota qabamanii inni dhugaan isa gabaafame si'a 10'n caala jedhu.

  10. Tiraampi Manni Murtii Ol-aanaa Imaammata Fayyaa Obaamaa akka haqu gaafate

    Bulchiinsi Doonaaldi Tiraampi Imaammata Fayyaa Obaamaa 'Obamacare' akka tajaajilaan ala godhuuf mana murtii Olaanaa gaafatan.

    Abbootiin seeraa mootummaa adeemsichi sirrii miti jechuun balaaleffatanii ture. Gariin isaa yeroo miseensota mana maree Rippaabilikaanotaan guutameen haqamu balaaleffatameera.

    Adeemsa kana Kaadhimaamaan Pirezidaantii Joo Baayidan, Tiraampi yeroo weerara kanaatti lubbuu miliyoonotaa rakkoo keessa buuseera jechuun balaaleffatan

    Eegumsi fayyaa filannoo dhufu irrattis dubbii ijoo murteessaa akkas tahus himamaa jira.

    Lammiilen Ameerikaa miliyoona 20 tahan, yoo manni murtii tarkaanficha raggaasise tajaajila fayyaa madaalawaa argataa turan dhabu.

    Tiraampi imaammatni fayyaa kun baasii guddaa waan gaafatuuuf karoora haaraa biraatiinan bakka buusa jechaa jira.

    Imaammata fayyaa Obama keessaa muraasa jaallatamoo tahan hanbisuun kan dhuunfaa isaanii qopheessaniin bakka buusuu barbaadu.

    Lammiileen Ameerikaa miliyoonotni imaammata jedhame kana jalatti inshuraansii fayyaa bitachuu ykn gibira kaffaluu qabu.

  11. Lammiin Naayijeeriyaa Dubaayitti hanna doolaara miiliyoona 400'n shakkame to’atame

    Humni poolisii Dubaay lammii Naayijeeriyaa Instagram irratti beekamtii qabu Reeymandi Igbaaloodilii ‘Hushpuppi’ jedhamuun beekamu doolaara miiliyoona 435 ta’u waliin dha’uun to’annoo jala oolchuu hime.

    Opereeshinii poolisiin ‘‘Fox Hunt 2’’ jedhee waameen namoonni biroo 12’s duula kutaalee Dubaayi gargaraa 6’tti al-tokkoon taasifameen qabamanii jiru.

    Namoonni miiliyoona lama ta’an kutaalee addunyaa garagaraa irraa shira kanaan gowwomfamuu isaaniitu gabaafame.

    Namni miidiyaa hawaasaa irratti beekamu kun nama biiznasii milkaa’aa ta’uu himata.

    Anga’oonni naannichaas viidiyoowwan qorannoo ji’oota afur fudhateefi to’annoo kanaaf isaan ga’e mul’isu Tiwiitar irratti baasaniiru.

    Qorannoo kanaanis UAE qarshii seeraan ala daddabarsuu, yakka saaybarii, akkaawuntiiwwan namootaa ‘hack’ gochuu, yakka baankii gowwomsuu fi namoota biroon of-fakkeessuu dabalatee, yakkoota raawwataman biroo hidhataan dalagaa akka turan irra ga’eera jedha poolisiin.

    Gareen kun ergaawwan iimeelii dhaabbilee ‘hack’ gochuufi marsariitiiwwan wal-fakkaatan hojjechuun kaffaltiiwwan gara ofiisaaniitti akka dhufan taasisaa turan jedhame.

    Poolisiin Dubaayi jarri kun yoom himanni akka irratti banamu hin himne.

  12. Daa’imman hedduun dhukkubbii Covid-19 ‘xiqqoo qofaa' qabaatu

    Qorannoon Covid-19 daa’imman Awurooppaa irratti taasifame du’aatiin ijoollee mudatu baayyee xiqqaa ta’u mullise.

    Daa’imman 582 keessaa daa’ima afriitu du’a. Isaan keessaayuu lamaan isaanii kan rakkina fayyaa gara biraa qabaniidha jedhu qorattoonni Landan.

    Qorannoo kanaanis daa’imman umuriin isaanii guyyaa sadii hanga 18 jidduu jiraniifi kan biyyoota Awurooppaa 25 keessa jiraatan irratti gaggeeffameedha.

    Walumaagalatti kanneen mallattoo dhukkubbii xiqqoo kan agarsiisan yoo ta’u, kanneen covid-19 qaban mallattoo homaa hinqabaatan. Isaan keessaayis daa’iman 10 keessaa tokka qofaatu deeggarsa ventileetarii barbaachisa jedheera.

    Hakiimoonnis qorannichi ‘‘dhugaa jiru kan mirkanneesseedha’’ garuu haala wallaansa daa’imman dhukkuba cimaan mudatu irratti caalaa hojjatamuufi baramu qabaatan jedhu.

  13. Anga’oonni Yugaandaa ‘luba rasaasaan rukutamuun’ du’aniif dhiifama gaafatan

    Mootummaan Yugaandaa hogganaa mana kadhannaa naannoo Kaaseeseetti poolisidhaan ajjeefamuun booda maatii isanii dhiifama gaafachuu gaazexaan mootummaa Niiw Viizhin jedhamu gabaaseera.

    Komishinarri naannichaa Joo Waalusiimbii awwaalcha Luba Ordinaandi Beenan irratti argamuun Yoweerii Museeviinii dhiifama naaf gaafadhu jedhaniiru jechuun himani.

    ‘‘Dogoggorree jirra. Akka seera biyyattiifi ittiin bulmaata Humna Ittisaa Ummata Yugaandaatti loltuun sun qabannaa hin taaneen lubbuu dhabsiise’’ jedhaniiru jechuun Waalusuumbiin ergaa Museeviinii dabarsaniiru.

    Pirezidantichi Shilingii Yugaandaa miiliyoona shan ($1,300) ta’u haadha warraa jaarsi duraa du’eef akka kennamuuf ajajanii jiru.

    Hogganaan mana kadhannaa kun Robii darbe osoo haadha warraa isaanii waliin gara maasiitti doqdoqqeen deemanuu ture rasaasaan kan dha’amanii du’an. Haati warraa isaanis miidhamanii turan.

    Akka dubbi himaa poolisiitti, loltoonni balaa kana geessisan mana murtii waraanaatti himanni irratti kan banamu ta’a.

  14. MM Abiy oggeessoonni aartii ‘Ashaaraa Magariisaa’f viidiiyoo akka hojjetaniif waamicha taasisan

    MM Abiy Ahimad lammiileen aartii Itoophiyaa keessa jiran ‘Ashaaraa Magariisaa’ qopheessanii miidiyaalee hawaasaa irratti viidiyoon akka gadhiisaniif waamicha dhiyeessan.

    MM Abiy oggeessoota fiilmii, giraafiksii, suuraa, barreessitootni, fi kanneen hojii aartii garaagaraa keessatti hirmaatan viidiyoo ‘Ashaaraa Magariisaa’ nama daddammaqsu hojjechuun miidiyaalee hawwaasaa irratti akka qoodaniif waamicha taasisani.

    Ministirri Muummee Abiy fuula Teleegiraamii isaanii irratti akka barreessanitti, sochiin biqiltuu dhaabuun bara kanaa baatiin dura jalqabamuunsaa ni yaadatama.

    Kanaaf namoota aartii hojji daddammaqinsaa ‘Ashaaraa Magariisaa’ hojjechuun uummataaf dhiyeessan keessaa warra filatamoof badhaasni qophaa’uus himaniiru.

  15. Buufati Xiyyaaraa Orlii Paaris baname- garuu balaliin hedduu hin jiru

    BufatNi xiyyaraa Orlii magaala gudditti Firaans, Paarisitti argamu,sababa koronaavaayirasiin Bitootessa 31 erga cufamee gara ji’oota sadii booda deebi’ee banameera.

    Balaliin inni jalqaba Jimaata ganama kan eegalee yoo ta’u, imala eegaluun dura hojjatoota ittisa ibbiddaan akka kabajaatti bishaan itti facaasameera

    Imaltoonni bakkeewwan 25tti imaluu danda’u. Kanaan dura guyyatti balaliiwwan 600 kan taasifaman ta’us Jimaata har'aa garuu balaliiwwaan 74 qofa akka taasifamu hogganaan Buufataalee Xiyyaaraa Paaris ADP, Ogustiin di Romaanet radiyoo biyyattitti himaniiru.

  16. Kibba-lixa Nijeeritti hojjattonni gargaarsaa 10 butaman

    Hojjattoonni gargaarsaa kudhan ganda kibba-lixa Nijeer keessatti utuu nyaata raabsaa jiranii butamaniiru.

    Dhaabatni isaan hojjataniif ‘Action and Impact Programme’ jedhamu Saheel jiru akka jedhutti namootni hidhatan doqdoqqee qabatnii gandichaa dhufanii hojjjatoota kana fudhatani. Konkolaattota lamas hataniiru.

    Nannoolee Maaliifi Burkiinaa Faasoo waliin wal daangessaan irratti sochiin gartulee Jihaadistoota dabalaa dhufeera.

    Halleella gaggeessan irratti hidhattoonni kun konkolaattota dhaabbilee gargaarsaa hedduu hataniiru.

    Waggaa darbe keessatti humnoota Islaamummaa akka malee leellisaniin namootni 4000 ol ajjeefamaniiru.

  17. Bulchiinsawwan US hedduu keessatti Covid-19 dabalaa jira

    Guyyaa Kamisa kaleessaa qofaatti US keessatti namoota kuma 37 olituu koronaavayirasiin qabame.

    Kunis kan yeroo weerari biyyattii keessatti sadarkaa olaanaarra gahee tureen baatii Eblaatiin kan walfakkaatudha jedhameera.

    Ragaan Niiw Yoork Taayimsi irraa argame akka mulliseetti, Kaaliforiyaa, Teeksaas fi Filooridaa dabalatee weerarrichi bulchiinsoota 29 keessatti hedduu dabalaa jira.

    Garuu ammo lakkoofsi namoota guyyaatti qabamanii dabalaa haa jiraatu malees, lakkoofsi namoota du’anii ammalleen gadi bu’aa jira. .

    Guyyaa Kamisa kaleessaatti Covid-19 wal qabatee namoonni 692 du’uutu gabaafame. Ebla keessa garuu namoonni guyyaan du’an kuma lama turan.

    Kanumaan walqabatees Teeksaas uggura kaasuuf ture akka turu murteessuun dhagahame.

    Kana malees manneen daldalaa banamanii turaniis deebiifamanii akka cufaman himamee.

    Bulchaan Teeksaas Greej Abot akka jedhaniitti, ‘‘Akka bulchiinsaatti wanti gochu dandeenyu tokkichi duubatti deebiinee daldaloota cufuudha.’’

    ‘‘Tarkaanfii yeroof sochii ugguuruu kunis hanga deebiine sadarkaa itti aanuu seenuutti tatamsa’icha ni hirrisa.’’

    Bulchiinsa Teeksaas keessatti qofaa namoonni 2,300 ol ta’aniitu sababii Covid-19 kanaan lubbusaanii dhaban.

  18. Indiyaan lakkoofsa hubamtoota COvid-19 akka dabaleen geejjiba baaburaa dhaabde

    Indiyaatti lakkoofsi namoota koronaavayirasiin qabamanii akka dabalaa deemeen geejjiba babuuraa ummataa, kan xayyaaraa fi kaan hanga Hagayya 12tti dhabdeetti.

    Namootni dursanii tikeettii bitataniifis maallaqni isaanii akka deebifamu anga’oonni ibsaniiru.

    Ta’us Caamsaa keessa geejjibi baaburaa godaantota gara mana isaanitti deebisuuf qophaa’ee garuu hojii itti fufa.

    Bitootessa keessa yeroo Indiyaan sochii uggurtetti godaantonni hojiif jecha ba’an kumaatamaan lakka’aman magaloota adda addaa keessatti danqamanii turani.

    Biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii saffisaan dabalaa jira – lakkoofsi inni guddaan guyyaa tokko keessatti namoota 17,000 irratti argamuusaati.

    Akka gabaasa ministeera fayyaatti, hanga ammaatti namootni 490,000 ol vaayirasichaan qabamanii, namootni 15,301 ammoo lubbuun darbeera.

  19. Ameerikaatti namoonni mil.20 tahan Covid-19'n qabamuu hin hafne jedhame

    Ameerikaatti namootni miliyoona 20 tahan Covid-19’n faalamuu hin hafan jedhu qondaalonni fayyaa biyyattii.

    Gidduugalli To’annoo fi ittisa Dhukkubaa US(CDC) lakkoofsi dhugaan namoota vaayirasichaan qabamanii harka kudhan kan amma gabaafamee tahuu mala jedhe.

    Bulchiinsi Teksaas uggura kaasuuf kan jette deebistee dhiisuushee fi lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii akka malee dabaluu hordofee gabaasa kana baase.

    Namootni miliyoona 2.4 tahan vaayirasichaan qabamanii namootni 122,370 tahan ammoo dhibee kanaan du’uutu hanga ammaatti gabaafame.

    Kutaalee Bulchiinsa Ameerikaa gara kibbaa fi Lixaa jiran keessatti ammayyuu namootni baay’een vaayirasichaan qabamaa jiru.

    Sababni lakkoofsi namoota qabamanii miliyona 20 gahuu mala jedhameef ammoo qorannoon taasifamaa jiru namoota mallattoo agarsiisan irratti qofa waan taheef jedhan.

    Namoota mallattoo hin agarsiifne irratti garuu qorannoon gaggeeffamaa hin jiru. Kanaaf lakkoofsichi ol ka’uu mala jedhan.

  20. Meeksikootti namoonni Covid-19'n du’an 25,000 caalan

    Meeksikoo keessatti namoonni 25,000 ol ta’an Covid-19n kan du’an yoo ta’u, kanneen kuma 200 ol ta’an ammo vaayirasichaan qabamaniiru, akka motummaan Meeksikoo ibsetti.

    Biyyattiin hanga baatii Guraandhalaa 28tti nama vaayirasiin qabamee tokkolleen hingalmeessine ture.

    Dhukkubichi addunyaa mudatee torbaaniin booda ammo Eshiyaa fi Awurooppaa keessatti weerarichi babalatuulleen hanga Bitootteessaatti uggurri sochii dinagdee hintaasifamne ture

    Pirezideentiin biyyattii Andriis Maanuel Loopeez Obraador, tarkaanfii ugguraa fudhachuun baayyee waan harkifataniif qeeqamaa jiru. Akkasumas sardamaan deebiisanii uggura kaasuunis komataman.

    Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniifi du’anii dabalaa osuma jiru, daldalli baatii kana keessa deebiisee banamuuf jira.