Itoophiyaa - namooti dabalataa jaha COVID19'n qabamuun mirkanaa'e

Sa'aatii 24 darban qorannoo namoota 74'f taasifamee keessaa namoonni jaha vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera jedhe Ministeerri Fayyaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mala ittisa tatamsa’ina koronaavaayirasii saalaan adda baafame

    Guyyaa dhiirri manaa bahu dubartoonni mana oolu

    Madda suuraa, Getty Images

    Peeruun tatamsa’ina koronaavaayirasii hirrisuuf jecha dhiirriifi dubartiin guyyaa garaagaraatti akka manaa bahaniif hayyamte.

    Akka seera kanaattis warreen dhiiraa guyyaa Wiixata, Roobiifi Jimaata mana bahuun kan hayyamamuuf yoo ta’u, kunis waan murteessaa ta’e bitachuuf qofaadha jedhan pirezidaantiin biyyattii.

    Pirezidaanti Maartiin Vizkaar akka ibsaniitti, dubartoonni ammoo Dilbata osoo hin dabalanne guyyoota warri dhiiraa manaa hin baaneetti bahuu danda’u jedhan.

    Tarkaanfiin kunis yoo xinnaate hanga Ebla 12’tti hojiirra kan oolu ta’a. Paanaamaanis labsiidhuma walfakkaataa saalaan adda baafame kana labsitee turte.

    Peeruunis biyyoota Kaaba Ameerikaa jalaqaba uggura sochii labsiteedha.

    Biyyattii keessattis namoonni 1,400 ol ta’an Covid-19n qabamuun mirkanaa’uu isaa Yunivarsitiin Joons Hopkiins ibseera.

  2. Chaayinaan ‘wareegamtoota’ osoo koronaavaayirasii ittisanii lubbuu dhaban yaadachuuf

    Chaayinaan wareegamtootaa kabajuuf

    Madda suuraa, Getty Images

    Chhaayinaan ‘wareegamtoota’ koronaavaayirasiirratti osoo qabsaa’anii lubbusaanii dhaban, boru guyyaa Sanbataa biyyattii guutuutti daqiiqaa sadiif callisuun gaddaafi kabaja isaanii mullisuuf jiru.

    Yadannoon kunis akka sa’aatii biyyattiitti 10: am irratti kan gaggeeffamu yoo ta’u, ittaansee sagalee ‘gaddaa’ qilleensaafi konkolaataadhaan akka dhageessifamu, midiyaa mootummaa Xinhua gabaase.

    Koronaavaayirasiin jalqaba Chaayinaa keessaa eegaluun baatii Amajjiifi Guraandhala keessa ka’uun amma waliigalatti namoota 3,300 du’aan dhabdee jirti biyyattiin.

    Namoota du’an keessaayis baayyeensaanii hojjattoota fayyaafi hakiimoota turan.

    Dhiheenya keessas tatamsa’inni vaayirasichaafi duutii baayyee gadi bu’eera.

    Anga’oonni caalaa namoota biyya alaatii gar biyyattii seenan vaayirasichi akka hin babal’anee yaada’aa jiru.

  3. US kapiteenii hojii ittisa koronaavaayirasii qeeqe ari'atte

    doonii USS Tiyedoor Roseveelt

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan kaapiteenii Humni Waraanaa Galaanarraa (Navy) biyyattii weerara koronaavaayirasii dhabuuf hojii ga’aan hin hojjetamne jechuun qeeqe hojirra ari'atte.

    Kaapiteeniin doonii Humna Galaanaa USS Tiyedoor Roseveelt jedhamtuu Bireet Kiroziyeer loltoonni US yeroo waraanaan alatti akka hin duneef tarkaanfii akka fudhataniif hoggantoota isaaf wamicha dhiyeessee ture.

    Xalaya fuula afurii Bitootessa 30 barreefame kanaratti “ waaranarra hin jirru. Loltoonni du’uu hin qabani” jedheera.

    Xalayaan kun boodarra gaazexaa 'San Francisco Chronicle' jedhamurratti kan maxxanfame yoo ta'u, kaapiteenichi xalayaa san miidiyaaf dhoksee dabarsuu isaan ari'ame jedhan hogganaan yeroo Humna Waraanaa Galaanarraa Ameerikaa Toomaas Moodlii.

    “Akka waan Navy’n hojiissa hojjeechaa hin jirree, mootummaan hojiisaa hojechaa hin jirres fakkeesse. Kun ammoo tasuma dhugaa miti,” jedhan.

    Doonii kanarratti yoo xiqqaatte namootni 100 vaayirasichaan qabamuun isaanii gabaafameera.

    Doonichi hojjettoota 4,000 ol kan qabu yoo ta'u, kanneen vaayirasichaan hin qabamne adda baafamanii jiru.

    Hanga ammatti hojjattoonni kun buufata doonii human waraanaa keessaa ba’uu hin dandeenye.

  4. Biyyoota Afrikaa fi Koronaavaayirasii - eessa jirra?

    Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii addunyaa weerare dhibee COVID19 fiduun qabaman 7,032 gaheera.

    Namoonni 287 yoo du'an, 573 vaayirasicharraa dandamatanii jiru.

    Lakkoofsa namoota du'aniin biyyooti dursan shan:

    Aljeeriyaa - 86

    Masrii - 58

    Morokoo - 44

    Burkinaa Faasoo - 16

    Tuniiziyaa - 14

    Lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin biyyooti dursan shan:

    Afrikaa Kibbaa - 1,462

    Aljeeriyaa - 986

    Masrii - 865

    Morookoo - 708

    Tuniiziyaa - 455

    Maddi ragaa Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi.

  5. MM Awustiraaliyaan dawwattoonni biyyattii keessa jiran turuu dandeessu jedhan

    MM Awustiraaliyaa, dowwattoonni kanneen viizaa yerootiin biyya keessa jiran hundi turtanii viizaa naannoo baadiyaatti hojjachuuf isaan dandeessisu argachuu ni dandeessu jedhan.

    Kana gochuuf dursa garuu yeroo adda ofi baasanii turuu guyyoota 14 xumuruu qabduus jedhaniiru.

    Biyyattii keessattis lammiilee Ingiliiz dabalatee dowwattoonni kumaatamni balaliinsa dhabuun biyyattii keessatti ugguramanii argamu.

    Carraan amma ministirrii mummee biyyattii dhiyeessan kunis achi wayita turaniitti akka galii ittiin jiraatan argataniif isaan kan gargaaruudha jedhameera.

    Ministira Mummee Awustiraaliyaa
  6. Maalaawiin yeroo duraaf koronaavaayirasiin biyyashee keessatti argamuu gabaafte

    Maalaawiin koronaavayirasii gabaafte

    Madda suuraa, Getty Images

    Maalaawiin yeroo duraaf namootni sadi koronaavaayirasiin qabamuu isaanii beeksifte.

    Biyyi Kibba Afrikaa kun biyyoota Afrikaa haga ammaa vaayirasichi keessatti hin argamne muraasa keessaa tokko turte.

    Warri hafan Leseettoo, Komoroos, Sudaan Kibbaa fi Saa'oo Toomeef Piriinsiippeedha.

    Kamisa oduu kana lammilee Maalaawiitti kan himan pireezidantii biyyattii Piitar Mutaariikaa namooti sadi vaayirasichaan qabamauu mirkaneessanii jiru.

    Namni jalqabaa dubartii ganna 61 dhiyeenya gara Indiyaa imaltee turte yoo ta'u lamaan hafan hojjettuufi fira isheeti.

    Biyyattiin Adoolessa 02 filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf qophaa'aa jirti.

  7. COVID19 - namoota miliyoona tokko, eessaa kaanee as geenye?

    Hojjetoonni fayyaa biyyoota gara garaa irratti dhukkubsataan humna isaanii ol itti baayyateera

    Madda suuraa, Getty Images

    Addunyaarratti namoonni miliyoonni tokkoo ol koronaavaayirasiin qabamuun isaanii galmaa'eera akka Yunivarsiitiin Joons Hopkiinsitti.

    Kun ammoo yeroo addunyaan tatamsa'inni dhibee kanaa ittisuuf wal'aansoo qabaa jirtutti sadarkaa yaadassaa biraatti kan ceesise jedhameera.

    Akka lakkoofsa Yunivarsiitichi dhiyeessuutti addunyaarratti namoonni 53,000 ol dhibee kanaan du'anii 210,000 ol kan ta'an ammoo fayyaniiru.

    Biyya Chayinaatti ji'a Muddee gara dhumaa ogeessi fayyaa umuriin isaa ganna 34 ta'e Dr Li Wenliang jedhamu ogeessota fayyaa birootiif vaayirasiin haaraan tokko kutaa biyyaa Huubee, magaalaa Wuhaan keessatti akka mul'ate akeekkachiisee barreesseef.

    BBC'n waa'ee vaayirasii kanaa gabaasa jalqabaa "vayirasiin hin beekamne" Wuhaan keessatti mul'ate jechuun kan baase Amajjii 3 ture.

  8. US lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti du'anii olaanaa galmeessifte

    du'a koronaavaayirasii Ameerikaa

    Madda suuraa, EPA

    Sa'aatii 24 darbe Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii 1,169'n dabaluun 6000 gahuu ragaan Yuunivarsiitii Joons Hoopkiin mul'ise.

    Erga weerarri koronaavayirasii mudatee biyya kam keessattuu guyyaa tokkotti namni hagana baay'atu du'ee hin beeku.

    Amma walumaagalatti addunyaarratti namoonni 53,000 ol yoo du'an, namoonni 6000 Ameerikaa keessatti du'aniiru.

    Italii 13,915

    Ispeen 10,348

    Firaans 5,387

    Chaayinaa 3,322

    Iraan 3,160

    UK 2,926

    Nezarlaandis 1,341

    Jarmanii 1,107

    Beeljiyam 1,011

    Ragaan kan Yuunivarsiitii Joohns Hoopkiins.