Itoophiyaa - namooti dabalataa jaha COVID19'n qabamuun mirkanaa'e

Sa'aatii 24 darban qorannoo namoota 74'f taasifamee keessaa namoonni jaha vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera jedhe Ministeerri Fayyaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa keenna kallattii har'aa asumarratti xumurra

    Dhukkubsattoota COVID-19

    Madda suuraa, Getty Images

    Weerarri COVID-19 Chaayinaarraa ka'ee yeroo ammaa kanatti yoo xiqqaate biyyoota 182 keessatti tatamsa'eera.

    Dhukkuba kanaan hamma ammaatti lubbuun namoota 55,000 ol yoo darbu, namoonni miiliyoona tokko ta'an dhukkubbichaan qabamaniiru.

    Suuraan argitan kun hospitaala yeroodhaaf dhukkubsattootta COVID-19 yaaluuf mootummaan Ispeen, Maadriid keessatti ijaaredha.

    Ispeen keessatti namoonni 10,000 ol sababa koronaavaayirasiin lubbuunsaanii darbeera.

    Tamsaasa kallattii keenna kan birootiin boru walitti deebina!

    Fayyaan faaya | fayyaa ta'aa

    Waliirraa siiqaa | ofeegaa

  2. Amma nu gahe, Niiw Yoork’tti lakkoofsi namoota du’anii dabalaa jira

    Bulchaan Niiw Yoork Andrew Cuomo ibsa kennaniin guyyaa tokkotti namoonni du’an 2,300 gara 2,900’tti ol guddateera jedhan.

    Akka isaan jedhanitti lakkoofsi kun dabalaa kan jiruu fi lakkoofsi namoota qorannoon taasifameef hanga har’aatti 21,000 ol jedheera.

    Gama biraatiin:

    ·Niiw Yoork erga kaleessaatii as namoonni 10,000 haaraan qabamaniiru

    ·Namoonni 102,000 ta’an qoratamanii vaayirasichaan qabamanuunsaanii mirkanaa’eera

    ·Namoonni 14,000 hospitaala kan jiran yoo ta’u, namoonni 3,700 haala hamaa keessa jiru

    ·Namoonni 8,800 ta’an hospitaalaa bahaniiru.

  3. Piriimeer Liigiin Ingliiz Ebla 30 hin jalqabamu

    Kubbaa fi Maaskii

    Madda suuraa, Getty Images

    Piriimeer Liigiin Ingliiz “hamma nagaa ta’uu fi dorgommicha jalqabuun barbaachisaa ta’utti,” hin jalqabamu jedhame.

    Eega dorgommiin liigichaa adda cite booda Ebla 30 jalqabama jedhamee ture.

    Kilaboonni gurguddoon liigichaa sababa taphatoonni mindaasaanii guutuu kaffalaa jiraniif qeeqamaniiru.

    Chaansilariin Rishsi Sunak kilaboonni Piriimeer Liigiis akkuma hojiilee daldalaa biroo “itti gaafatamummaan itti dhagahamuu qaba” jedhan.

    Kilaboonni ol’aanoon mindaa taphattootasaaniirraa %30muruuf taphattoota waliin walii galaniiru.

    Isaanis “NHS, hawaasa, maatii fi namoota saaxilamoo ta’an gargaaruuf Yuuroo miiliyoona 20 kennaniiru. Akkasumas Liigota gad aanaa gargaaruuf Yuuroo miiliyoona 123 kennaniiru.

    Dursitoota garee 20 ta’an waliin mari’ataa turan. Mariisaanii boodas NHS waliin ta’uun tola ooltummaadhaaf gargaarsa ni taasisu jedhamee eegama.

  4. Amma nu gahe, Lammiileen Keeniyaa hundi maaskii akka godhatan gorfaman

    MInistirri Indastirii wayita maaskii fuulaa agarsiisan

    Madda suuraa, Ministry of Health Kenya

    Ministeerri Fayyaa Keeniyaa fuula Twitter isaa gubbaa odeeffannoowwan walitti fufiinsaan maxxanseen, namoota vaayirasichi irratti argamu keessaa harki 20 haga 30 tatamsa'inna hawaasa keessaati jedheera.

    Jarri kun gara biyyoota alaatti kan hin imalleefi namoota imalan wajjin qunnamtii kanneen hin qabnedha jedhameera.

    Kanumaafis jecha lammiileen Keeniyaa hundi vaayirasicharraa ofeeguuf maaskii afaaniifi funyaan haguugu akka godhatan gorseera minsteerichi.

    Ministirri Indastirii biyyattii Beetii Maayinaa waan jedhan ''warshaan oomisha uffataa biyyattii, humna hagugduuwwan afaaniifi funyaan miiliyoona 60 oomishuuf humna qaba.

    Gatiin gurgurtaa maaskii tokkoos shiliingii Keeniyaa 20 (Birrii Itoophiyaa 7) hin caalu,'' jedhaniiru.

    Maaskonni oomisham kunis sadarkaa yookaan gulantaa sadii kan qabanidha - golgaawwan lama walirra kaa'aman/dabalamaniifi ginni sadaffaan ammoo kan qilleensa calaludha.

    Kana malees, mootummaan biyyattii veentileetaroota biyyuma keessatti oomishaman raggaasisuuf hojiirra jira jedhameera.

  5. Diroogbaafi Eetoon doktoroota 'talaalliin Covid19 Afrikaatti dura yaalamuu qaba' jedhan balaaleffatan

  6. Loltoonni manaa bahuun yeroo dhorkamee jirutti dubartoota gudeeduun himataman

    Dubartiin waa'ee qondaaltonni loltuu irraan gahan qorataatti yeroo himtutti

    Ruwaandaatti weerara koronaavaayirasii ittisuuf jecha loltoonni manaa bahuun yeroo dhorkamee jirutti seera kabachiisuutti jiran dubartoota gudeeduun himataman

    Biyya Ruwaandaa magaalaa Kigaalii keessatti loltoonni qajeelfama sochii dhorkuu hojiirra oolchuuf bobba'anii jiran dhiirota reebuufi manaa ar'iuun, akkasumas dubartoota dirqiin gudeeduun himataman.

    Jiraattonni magaalattii naannoo Niyaarutaramaa jedhamtuufi bakka namoonni harka-qalleeyyiin baayyinaa jiraatanidha loltoota kana kan himatan.

    Ruwaandaan weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf guutuummatti erga lammileesheetti mana cuftee torban lama guuteera.

    Himannaa jiraattonni magaalaa Kigaalii dhiyeessan kana irratti guyyaa har'aa qorannoon gaggeeffamuu jalqabameera.

    Qondaaltonni waraanaa jiraattota naannoo itti himannaan kun dhiyate deemuun mana barumsaa dhiyeenya sana jirutti jiraattota waamuun yaada himata isaanii fuudhaa jiru jedha rippoorterri BBC Kigaalii jiru.

    Guutuu gabaasichaa asii dubbisaa https://bbc.com.im/afaanoromoo/oduu-52148762%3C/a%3E%3C/p%3E%3C/div%3E%3C/div%3E%3C/article%3E%3C/li%3E%3Cli class="css-xxlek1">

    UK'n sa'aatii 24 darban keessatti lammiilee 684 koronaavaayirasiin dhabde

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  7. Hawaasni Maaleezhiyaa keessaa sodaa koronaavaayirasiitiin ‘gara bosonaatti galan’

    Namni dhaabatee

    Madda suuraa, Reuters

    Hawaasni Maalezhiyaa keessaa durii (saboota jalqabaa) sababa koronaavaayirasiitiif jecha gara bosonaa galaaru jedhuun Reuters gabaaseera.

    Kunis eega namni jalqabaa hawaasa Oraang Aslii keessaa vaayirasichaan torbee darbe qabamuunsaa mirkanaa’eedha.

    Jiraataa fi quuqamaa kan ta’e Bedul Chemai akkas jedhe: “Namootarraa adda of baasuu fi nyaata barbaaddachuuf gara bosonaatti deebinee galaarra.

    Bosona keessatti akkamitti nyaata argachuu akka dandeennu ni beekna.

    Akkasumas wantoonni nuti achitti biliqilchuu dandeennu jiru.”

    Oraang Aslii hortee durii naannoo qarqara Maaleezhiyaatti jiraatanii fi biyyatti keessatti hiyeeyyiidha jedhamanii beekamaniidha.

    Hiyyummaa fi hanqinni nyaataa dhukkubaaf akka saaxilaman isaan taasisa.

    Bara darbe ganda tokko keessatti namoonni 15 sababa gifiraa lubbuunsaanii darbeera.

    Maaleezhiyaan hamma ammaatti lammiileenshee 3,333 ta’an koronaavaayirasiidhaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni 53 immoo du’aniiru.

  8. Amma nu gahe, Keeniyaatti namoonni dabalataa 12 COVID19n qabaman argaman

    Kunis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 122tti ol guddiseera.

    Biyyattiin haga ammaa namoota 2201f qoranoo ka taaasiste yogguu tahu, namoonni sadii vaayirasii kanaan lubbuu dhabaniiru.

  9. Afrikaan Kibbaa namoota 47,000 ol COVID19f qoratte, Sadarkaa weerarri kun irra jiru sirritti beekuuf caalaa qorachuu barbaachisa jette

    Namoota bakkaa bakkatti sosocho'uun Covid-19 qoratan

    Madda suuraa, Getty Images

    Weerara koronaavaayirasii saffisaan biyyattii keessa tatamsa’aa jiru to’achuudhaaf deebii baayyee saffisaa ta’e barbaachisa jedhan Ministirri Fayyaa Afrikaa Kibbaa Ziweelii Mikhiizee.

    Ministirichi akka jedhanitti, Afrikaa Kibbaa namoota koronaan shakkaman 47,000 qorattullee, weerarri kun tatamsa’eera ykn hin tatamsa’iin jira kan jedhu maal akka fakkaatu isa sirrii isaa argachuudhaaf caalaa hojjechuutu isheerra jiraata jedhan.

    “Saffisaan yoo hojjechuu baatne nurra garagaluu danda’a,” jechuun akeekkachiisan.

    Odeeffannoo hanga ammaa jiruun biyyattii kessatti namoonni 1,462 vaayirasichaan qabamuun isaanii kan mirknaa’e yoo ta’u, biyyattiin guyyoota 21f sochii kamiyyuu dhorkuun waan mara cufaa taasifteetti.

    Keessumaa qufaa/utaalloo (infiluweenzaa) ji’a Waxabajjii keessa biyyattii keessatti ka’uun walqabatee dhukkubsattoonni baayyeen gara dhaabbilee fayyaatti baayyinaan dhufuu akka danda’an eeruun, kun ammoo tatamsa’ina koronaavaayiras waliin walqabate akka dabaluu danda’ullee sodaa qaban dubbatu Ministirichi.

    “Kana waliin fiigicha dorgomaa jirra. Biyyattiin tasgabbiirra kan jirtu ta’ulleen galaanni guddaan nu mudachuu danda’a,” jechuun dubbatan.

    Hanga ammaatti kan qoratamaa jiran namoota mallattoon dhibee kanaa irratti argame qofa yoo ta’u, yeroo itti aanutti ammoo gara mandaroota ummanni walitti tuccamee jiraatuu deemuun qorannoo akka gaggeessan eeraniiru.

    Afrikaan Kibbaa buufatawwan qorannoo 67 qabduun alatti qorannoowwan konkolaataan bakkaa bakkatti sosocha’uun qoratan ramaddeetti.

    Namoonni mallattoon irratti mul’atee ykn dhukkubsatanii gara hospitaalotaa osoo hin dhufiin dura naannoo isaaniitti qoratamuun waanta jiru hubachuutu barbaachisa jedhameera.

  10. Indiyaatti ijoolleen lakkuu dhalatan ‘Koronaa fi Koovid’ jedhaman

    Miilla daa'ima reefuu dhalattuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ijoolleen lakkuu dhiiraafi dubara ta’anii Indiyaa magaalaa Reepur jedhamutti reefu dhalatan maqaa adda ta’eetu moggaafameef.

    Daa'imman lamaan Koronaa fi Koovid jedhamanii moggaafaman.

    Daa’imman lakkuun kun wayita weerara koroonaavaayirasii to’achuuf Indiyaatti torban sadiif namoonni manaa akka hin baane dhorkametti dhalatan.

    Warri ijoollee horatanis, yeroo jiruun addunyaa weerara dhibichaan jeeqame kanatti dhalachuun isaanii rakkoo mudate furuuf tattaffii taasifamu nu yaadachisa jenneetu moggaasneef jedhan.

    Haatii daa’imman deesse 'ciniinsuu jabduu keessan ture, anas ta’ee abbaa warraakoo rakkoo baay'eetu nu mudate, guyyaa kana guyyaa yaadatamu gochuu barbaanne’ jette.

    Itti dabaluudhaanis, vaayirasichi hamaa ta’us, namoonni qulqullina dhuunfaa akka eeggatan barsiifata gaariis nama barsiisaa jettee ibsite.

    Hojjattoonni hoospitaala ijoollee lakkuun kun keessatti dhalataniis battaluma sana ‘Koronaa fi Kooviid’ jedhanii waamu eegalaniiru.

  11. Paakistaanitti namoonni seera cabsuun sirna awwaalchaa maatii irratti argaman poolisiin to'ataman

    Namoonni labsii Paakistaan akka lammileen biyyattii manaa hin baane labsite cabsuun sirna awwaalcha fira isaaniirratti argaman to'annoo jala oolfaman.

    Qajeelfama weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf Paakistaan dabarsite kana cabsuun namoota to'annoo poolisii oolfaman keessaatti maatiin Dr. Hanjuum Mahaammud keessatti argamu.

    Doktoricha jalaa haati sababa dhibee Covid-19 kan duute yoo ta'u maatiin isaa haadha ogeessa fayyaa kana awwaaluu deeman to'atamaniiru.

    Firoonni isaa kaan ammoo manaan ala bakka biraatti karri itti cufamee poolisiin eegamaa akka jiran BBCtti himeera.

    Aanga'oonni naannoo sanaas miseensonni maatii doktorichaa 20 ta'an bakka qofaatti adda baafamanii tursiifaman keessa akka jiran ibsaniiru.

    Maatii isaas ta'e inni kan jiraatan biyya Ingiliiz yoo ta'u gara Paakistaan kan deeman ammo cidha isaatiif meeshaaleen barbaachisan bitachuuf ture.

    Osoo weerarri koronaavaayirasii kun hin uumamne ta'ee guyyaan cidha isaa kan qabame ji'a Bitootessaa keessa ture.

    Yeroo Paakistaan keessa turan kana keessatti haati isaa vaayirasichaan du'anii booda gaafa guyyaa lamaffaa ammoo maatiin isaa awwaalcha haadha isaatiif bahan poolisiin to'ataman.

    Dubartii Paakistaanitti Covid-19n duute

    Madda suuraa, Anjum Mahmood

  12. Baankiin Addunyaa ittisa koronaaf doolaara mil. 82.6 Itoophiyaaf kennuufi

    Itoophiyaan dhiibbaa weerarri koronaavaayirasi irraan gahu akka dandamattu Baankiin Addunyaa doolaaraa miliyoona 82.6 deggarsaa fi liqaan kennuuf murteesse.

    Doolaarri miliyoonni 41.3 deeggarsa yoo ta'u walakkaan hafe ammoo liqaan kan kennamudha.

    Baankii Addunyaatti direektarri Itoophiyaa Kaarooliin Tark, 'Itoophiyaan gama fayyaan fooyyee agarsiisaa jirtullee, weerarri COVID19 fayyaa hawaasaa fi diinagdeebiyyattii irratti dhiibbaa qaba jedhan.

    Maallaqni kun bittaa meeshaalee fi dhiyeessii qorichaa, ijaarsa jiddugalawwan qorannoo akkasumas iddoo namoonni tursiifamanii, dandeetti sakatta'iinsaa cimsuufi hubannoo hawaasaa guddisuu irratti hojilee hojjetamaniif oola jedha Baankichi.

    Baankiin Addunyaa biyyoota guddataa jiran deeggaruuf walumaagalatti maallaqa doolaara biliyoona 14 ramadeera jedhe.

    MInistirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa deggarsa maallaqaa taasifameef Baankii Addunyaa galateeffatanii, 'sirnaan itti fayyadamne, lola kana injifachuuf' baankii addunyaa dabalatee qooda fudhattoota waliin hojjenna jedhan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  13. Itoophiyaa - lakkoofsi namoota qabamanii 35 gahe

    Habtaamuu Kehali, leenjisaa afuursituu ykn ventileetarii, Finfinnee 2020

    Madda suuraa, Getty Images

    Itoophiyaatti namooti dabalataa jaha koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e jira.

    Namoota jaha keessa lama gara biyya alaa imalanii kan turan yoo ta'u 4 garuu seenaa imalaa hin qabani.

    Sa'aatii 24 darban qorannoo namoota 74'f taasifamee keessaa namoonni jaha kunneen kan argamani jedhe Ministeerri Fayyaa.

    Walumaagalatti ammatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 35 gaheera.

    Namooti sadi yoo dandamatan, lama kutaa yaala cimaa (intensive care) keessa jiru.

    Namoota haaraa vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'e keessaa shan Finfinnee irraa yoo ta'u tokko Dirree Dhawaa irraati.

    Warra Finfinneerraa vaayirasichaan qabaman keessaa dhiironni lama, namni ganna 35 fi ganna 30 Bitootessa 19 fi 17 Dubaay irraa gara Itoophiyaa deebi'an.

    Lamaanuu osoo guyyoota 14 adda bahanii turuun durqama ta'ee hin labsamiin gara biyyaa seenan.

    Namooti hafan sadan, sadanuu dhiira, ganna 28, 56 fi 30 gara biyya alaatti kan hin imallee yoo ta'u kan ganna 28 nama amma dura vaayirasichaan qabame waliin qunnamtii qaba.

    Kan hafan lamaan akkamiin vaayirasichaan akka qabaman qoratamaa jira.

    Dirree Dhawaa irraa vaayirasichaan qabamuun ishee kan mirkanaa'e, dubartiin ganna 33 nama kana dura vaayirasicha qabaachuun mirkanaa'e waliin qunnamtii kan qabdudha jedhe Ministeerichi.

  14. Amma nu gahe, Itoophiyaa - namooti dabalataa jaha COVID19'n qabamuun mirkanaa'e

    Itoophiyaatti namooti dabalataa jaha koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e.

    Sa'aatii 24 darban qorannoo namoota 74'f taasifamee keessaa namoonni jaha vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera jedhe Ministeerri Fayyaa.

    bbc oduu ammee

    Madda suuraa, bbc

  15. 'Namoonni miliyoona 5 hanga 10 koronaan qabamuun hin oolu'

    Amma addunyaa irratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miiliyoona tokko darbee jira.

    Gorsaa olaanaan dhimma fayyaa mootummaa Awustiraliyaa garuu lakkoofsi isaa kanarra baayyee guddaadha jedhu.

    “Addunyaa irratti lakkoofsi namoota Covid-19 miliyoona tokko darbuun gabaafameera. Nuti gaaruu lakkoofsi inni dhugaa miliyoona shaniifi 10 gidduu ta’a jenne amana,” jedha Dr Bireendan Murfii.

    Awustiraliyaan “addunyaa irraa hamma namoota qoratamanii olaanaa waan qabduuf lakkoofsi biyyatti akka amanu himeera.

    Garuu biyyootiin baay'een dandeettii qorachuu gahaa waan hin qabneef lakkoofsi kun biyyooti hedduun “namoota qabaman hunda argachaa akka hin jirre” agarsiisa jedha.

    Awustiraaliyaa keessa ammattii lakkoofsi namoota koronaavayirasii qabanii 5,200 ga’eera.

  16. Ertiraan tatamsa’ina koronaavaayirasii hirrisuuf hidhamtoota akka gadhiiftuuf gaafatamte

    Namoota hiriira bahuun hidhamtoonni akka gadhiifaman gaafatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Eritiraan tatamsa’ina koronaavaayirasii ittisuuf hidhamtoota siyaasaafi kanneen yakka salphaan hidhamaniif dursa kennuun akka gadhiisuu qabdu Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti oggeessi mirga namootaa gaafatan.

    Kana malees, hidhamtoonni dhibee qabaniifi kannee umuriin jaaran haal duree tokko malee mana hidhaa namootaan guutame keessaa gadhiifamuu akka qabaatan gaafatan.

    Dhaabbata Motummoota Gamtomaniitti bakka bu'aa kan ta’an Daani’eelaa Kiraavetiz , waa’ee qabiinsa mirga namoomaa Eritiraa ilaalchisee akka dubbataniitti, fakkeenyaaf intalli ministira beeksiisa duraanii kan lammummaanshee Eritiraa-Ameerkaa taate mana hidhaa kan galte ganna mucaa waggaa 15 taatii jedhan. Waggoota torbaafis haqa tokko malee hidhaarra turtee jirti jedhan.

    Siihaam Alii Abduu, abbaan ishee biyya biraatti kolugaltummaa waan gaafataniif osoo karaa Sudaaniin baqachuuf jettuu turte to’annaa jala kan olfamte. Hanga ammaattis maatiinshee waa’ee isheerratti odeeffannoo omaa hin qaban.

    Anaga’oonnis irra dedeebiin akka gadhiisaniif gaafatamanilleen diduusaanii Daani’eelaan ibsaniiru.

    "Ergaan aanga’oota Eritiraatiif dabarsuu barbaadu, hidhamtoonni siyaasaafi kanneen seera bu’uuraa tokko malee hidhaman hundi haal duree tokko malee akka gadhiifamaniidha. Haala akkasiitiin tatamsa’ina dhukkubichaa mana hiidhaa keessatti mudachuu danda’u hirisuuf tarkaanfii fudhachuu qabaatu,’’ jedhaniiru.

    Eritiraatti hidhamtoonni siyaasaa hedduun erga mana hidhaa galfamanii waggoota 20 ol kan ta’e yoo ta’u, turtii keessas hir'ina nyaataafi qorichaatiin hedduun lubbunsaanii darbuu himama.

    Bara darbees namoonni 200 ol ta’an sababii amantaa isaanitiif mana hidhaatti darbatamaniiru.

    Eritiraa keessatti daa’ima waggaa 13 dabalatee namoonni 22 koronaavaayirasiin qabamunsaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, torban sadaniif lammiilee manaa akka hin baanees labsii baafte jirti.

  17. Qophiin weerara koronaavayirasii Oromiyaa maal fakkaata?

  18. Paartileen Oromoo lama murtee Boordii Filannoo qeeqan, mootummaa akeekkachiisan

  19. Biyyoota dhibeen Covid-19 keessatti hin argamiin 18

    Yeroo ji’a sadii hin caallee keessatti koronaavaayirasiin biyya Chaayinaatti mul’ate saffisaan addunyaa waliin gahaa jira.

    Lakkoofsi namoota qabamaniis addunyaarratti saffisaan dabalaa deemuun namoota miliyoona tokko ol qabe.

    Biyyoota 193 miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta’an keessaa amma Ebla 2 bara 2020tti biyyoota 19 keessatti namoonni qabamuun hin gabaafamne.

    Biyyootni kunis, Komoroos, Lesoottoo, Odola Maarshaal, Sudaan Kibbaa, Yaman, Saa’oo Toomeefi Piriinsippee, Tajaakistaan fa’aan biyyoota vaayirasicharraa bilisa jedhamanidha.

    Iddoo dhibeen kun akka hin qaqqabnee gabaafame keessaa 10 odola xixiqqoo namoonni daawwannafillee hin dhaqnedha.

    Biyyoonni xixiqqoon naannoo garba guddaa Paasfiik jiran kanneen akka Nahuuruu, Kiribaalii, Toongaafi kanneen biroos labsii yeroo muddamaa labsuun dhibichi biyya isaanii akka hin seennee to’achuuf dhama’aniiru.

    Ogeessii fayyaa hawaasaa duraanii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Kooliin Tukuyitoongaa, biyyoonni kunneen sirna eegumsa fayya cimaa hin qaban, afuursituu\ventilator illee taatu hin qaban jedhu.

    Namoonni odoloota kanarra jiraatan baay’een isaanii dursayyuu fayya buleeyyi miti, dhibee sukkkaaraafi dhiibbaa dhiigaafi rakkoo onneen walqabatu qabu jedhan.

    Biyyoota Afrikaa dhibeen kun keessatti hin mul’atiin turee har’a akka namni qabameeru jiru gabaaste Maalaawwiin labsii yeroo muddamaa labsitee manneen barnoota cufuun , Viizaa hunda haqxee uummata miliyoona 18 qabdutti dhibeen akka hin seenneef tarkaanfii fudhattee turte.

    Waggoota 30’n darbanitti garuu, weerrarri dhibee Sombaafi HIV-AIDS biyyoota itti hammaatuu keessaatti eeramti Maalaawwiin.

    Kooriyaa Kaabaa keessatti namni Covid-19n qabame hin gabaafamne, yaaliin nuukilara furguggisuu garuu gabaafamaa jira