Yeroo ji’a sadii hin caallee keessatti koronaavaayirasiin biyya Chaayinaatti mul’ate saffisaan addunyaa waliin gahaa jira.
Lakkoofsi namoota qabamaniis addunyaarratti saffisaan dabalaa deemuun namoota miliyoona tokko ol qabe.
Biyyoota 193 miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta’an keessaa amma Ebla 2 bara 2020tti biyyoota 19 keessatti namoonni qabamuun hin gabaafamne.
Biyyootni kunis, Komoroos, Lesoottoo, Odola Maarshaal, Sudaan Kibbaa, Yaman, Saa’oo Toomeefi Piriinsippee, Tajaakistaan fa’aan biyyoota vaayirasicharraa bilisa jedhamanidha.
Iddoo dhibeen kun akka hin qaqqabnee gabaafame keessaa 10 odola xixiqqoo namoonni daawwannafillee hin dhaqnedha.
Biyyoonni xixiqqoon naannoo garba guddaa Paasfiik jiran kanneen akka Nahuuruu, Kiribaalii, Toongaafi kanneen biroos labsii yeroo muddamaa labsuun dhibichi biyya isaanii akka hin seennee to’achuuf dhama’aniiru.
Ogeessii fayyaa hawaasaa duraanii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Kooliin Tukuyitoongaa, biyyoonni kunneen sirna eegumsa fayya cimaa hin qaban, afuursituu\ventilator illee taatu hin qaban jedhu.
Namoonni odoloota kanarra jiraatan baay’een isaanii dursayyuu fayya buleeyyi miti, dhibee sukkkaaraafi dhiibbaa dhiigaafi rakkoo onneen walqabatu qabu jedhan.
Biyyoota Afrikaa dhibeen kun keessatti hin mul’atiin turee har’a akka namni qabameeru jiru gabaaste Maalaawwiin labsii yeroo muddamaa labsitee manneen barnoota cufuun , Viizaa hunda haqxee uummata miliyoona 18 qabdutti dhibeen akka hin seenneef tarkaanfii fudhattee turte.
Waggoota 30’n darbanitti garuu, weerrarri dhibee Sombaafi HIV-AIDS biyyoota itti hammaatuu keessaatti eeramti Maalaawwiin.
Kooriyaa Kaabaa keessatti namni Covid-19n qabame hin gabaafamne, yaaliin nuukilara furguggisuu garuu gabaafamaa jira