Itoophiyaan sa’aatii 24 darbe 65 qorattee hunduu COVID-19 irraa bilisa ta’an

Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa sa’aatii 24 darbe qorannoo laaboraatorii namoota 65 taasisuus nama koronaavaayirasiin qabame hin arganne jedhe. Lakkoofsi warra Koronaavaayirasiirraa bayyanatanii 3 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasni kallattii keenya har’aa asumarratti goolabama

    Dubartoota lama

    Madda suuraa, Getty Images

    Akkuma lakkoofsi namoota COVID-19’n du’aa jiran dabalaa jirutti Ispeenis uggura taasisaa jirtu ittuma fuftee jirti.

    Lammiileen Ispeen ogeeyyii fayyaa rakkoo COVID-19 fide qolachuuf hojjataa jiraniif kabaja qaban agarsiisanii jiru.

    Ispeen tatamsa’inna COVID-19 hir’isuuf hojjattoonni hojii murteessoo hin taane hojjatan, torbee lamaaf mana akka turaniif murteessiteetti.

    Ispeen keessatti haga ammaatti sababa weerara koronaavaayiras namoonni 6,000 ol du’aniiru.

    Tamsaasa kallattii kan birootiif boru walitti deebina!

    Fayyaan faaya | fayyaa ta’aa

    Waliirraa siiqaa | ofeegaa

  2. Mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota 1559'f dhiifama godhe

    Mootummaan Itoophiyaa tatamsa'inna koroonaavaayiras ittisuuf hidhamtoota dabalataa 1559f dhiifama gochuu Pireezidant Saahileworq Zawudee beeksisan.

    ''Walitti sissiquu manneen amala sirreessaa keessa jiru hir’isuufi rakkoo sababa koronaavaayirasiidhaan dhufuu danda’u dursinee tarkaanfiwwaan barbaachisu heera mootummaarratti hundaa’uun fudhachuudhaan hojiitti ni hiikna,'' jedhan Pireezidaant Saahileworq.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  3. Shenzen foon addurreefi saree nyaachuufi gurguruu dhorkuun magaalaa Chaayinaa jalqabaa taate

    Adurree

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Adurree

    Chaayinaa, magaalaa Shenzenitti foon addurreefi saree nyaachuufi gurguruun dhorkameera.

    Seerri kun kan ba’e weerarri koronaavaayirasii foon bineensa daggalaa waliin akka walqabatu yeroo barametti, angaa’onni Chaayinaa foon bineensota daggalaa nyaachuufi gurguruu erga dhorkanii booda.

    Shenzen ammo seerichatti foon sareefi adurrees dabaleera. Seerri haaraa kun Caamsaa 1rraa eegalee hojirra oola.

    Dhaabbattii Namummaa Idil Addunyaa HIS waggaa tokkotti Eshiyaa keessatt foon nyaataaf jechaa sarooti miiliyoona soddoma ta’an akka ajjeefaman hima.

    Haa ta’u malee aadaan foon saree nyaachuu Chaayinaa keessatti baramaa miti- lammileen Chaayinaa harki caalaan nyaatanii akka hin beekneefi nyaachuus akka hin barbaadne dubbatu. “Adurreefi sareen akka bineensa manaatti bineensota biraa caalaa namaa wajjiin hariiroo cimaa qabu.

    Sareefi adurree dabalatee foon bineensota manaa biroo nyaachuu dhorkuun Hong Koongifi Taayiwaan dabalatee, biyyoota guddatan biroo keessatti waan baramedha,” jechuu bulchiinsa magaalaa Shenzen, Reuters gabaaseera.

    “Dabalataanis barbaachisuummaa guddina dhala namaaf deebii ta’a,” jedhu. Dhaabbati mirga bineensotaaf falmu HIS murtee kana deeggareera.

    “Daldala Chaayinaatti waggaa tokko keessatti saroota miiliyoona 10 fi adurree 4 galaafatu dhaabuuf, murteen kun ba’uun isaa nama gammachisa,” jechun HIStti ogeessi seeraa Chaayina Dr Piitar Li dubbataniiru.

    Gama biraan garuu yerooma seerri kun ba’eetti, Chaayinaan namoota koronaavaayirasiin hubaman wal’aanuuf dhangala’aa tiruu bineensa beer jedhamu keessaa ba’ufi Bear bile jedhamu fayyadamuu eeyyamteetti.

    Bear bile kun waggootii dheeraaf qorichaa aadaa Chaayinaa keessatti kan fayyadamamuu yoo ta’u dhangala’aan kun bineensi kun utuu lubbuun jiru kan keessaa cuunfamudha.

    Ta’us garuu qorichi aadaa kun koronaavaayirasii ittisuuf ni gargaara kan jedhuuf ragaan kamuu akka hin jirreefi adeemsi ittin dhangala’aa kana ittin argataniif bineensota kana hedduu kan miidhudha.

    Guraandhala keessa, angaa’oti Chaayinaa foon bineensota bosonaa nyaachuufi gurguuruu dhorkaniiru.

    Akka gabaasa Yunivarsitii Joohnsi Hopkinsitti ammatti addunyaa keessatti lakkoofsi namoota coronaavaayirasiin qabamanii gara miiliyoona tokkotti kan dhiyaate yoo ta’u namootni 50,000tti siqan ammoo du’aniiru.

    Chaayinaa qofaatti namootni 81,589 hubamanii 3,318 ammoo du’uu isaani Komishiiniin Fayyaa Biyyaleessa ibseera.

    Qorattoonniifi saayintistoonni madda vaayirasichaafi akkamiin namatti akka darbee addan baasuu hin dandeenye.

  4. Afriikaa Kibbaatti narsiin tokko COVID-19’n qabamnaan kiliinikni cufame

    Namoota

    Madda suuraa, Reuters

    Narsiin sunis ji’a darbe Batsakaana bulchiinsa biraa keessatti argamu waan deemteef koronaavaayirasiidhaan qabamuu hin ooltu jedhameera.

    Hojjattoonni hundi narsiin san waliin hojjattan hundi yeroo ammaa kanatti namoota biroorraa adda of baasanii jiru.

    Muraasni isaanis mallattoo koronaavaayiras waan agarsiisaniif qorannoodhaaf samuuda kennanii bu’aa qorannoosaanii eeggataa jiru.

    Namoonni hojjattoota kanneen waliin tuttuqqii godhaniiru jedhamanii shakkaman barbaadamaa jiru.

    Namoonni 60 yeroo sanitti Waldaa sanitti tajaajilaman koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

    Paastariin ga’eessi tokko dhukkubba COVID-19 waliin wal qabatee du’eera.

    Ministeerri Fayyaa biyyattii Ziweelii Mikhizee lakkoofsi namoota dhukkubbichaan qabaman dabaluusaatiin yaaddoo qaban ibsaniiru.

    Yaaddoo kanarraa kan ka’e biyyattiin guutuu biyyattii keessatti manneen irra deemaa namoota mallattoo qaban adda baasuu hojjataa jirti.

    Hojjattoonni fayyaa meeshaalee qorannoo qabanii socho'uun danda'amu qaban, guyyaatti qorannoo samuudaa 5,000 ta’u qorachuu danda’u itti kennamee, guutuu biyyattii keessatti hojii jalqabaniiru.

  5. Amma nu gahe, Keeniyaatti lakkoofsi namoota COVID19n qabamanii 110 gale

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Ministirri Fayyaa Keeniyaa ibsa harra midiyaaleef kenneen, qorannoo saamuda namoota 662 irratti sa’aatiiwwan 24 darban keessatti gaggeefameen namoota 29 irratti COVID-19 argamuun mirkanaa’e.

    Haaluma kanaanis, biyyattiitti lakkoofsi namoota waliigala COVID19n qabamanii 110 galeera.

    Kana malees namoota koronaavaayirasiin qabamanii wallaansarra turan keessaa lama guyyaadhuma kana du'unsaanii himame.

    Kunis lakkoofsa namoota biyyattiin koronaavaayirasiin dhabde sadii qaqqabsiisuun himame.

    Namoota harra vaayirasichi irratti argame 29 keessaayis tokko lammii Kongoo yoo ta’u, kan hafan 28n ammoo lammiileedhuma Keeniyaa ta’uu himame.

    Gama biraatiin ammoo, namoota COVID-19 irratti argamuun wallaanamaa turan keessaa afur gutummaan bayyanachusaaniis Ministirri Fayyaa biyyattii beeksiise.

  6. Paakistaan balaliinsa xiyyaaraa muraasa hojiitti deebisuuf

    Xiyyaara Paakistaan

    Wayita daandiiwwan qilleensaa hedduun hojii dhaaban kanatti, Daandiin Qilleensaa Idil-addunyaa Paakistaan (PIA) biyyoota hedduutti akka balalii’uuf hayyama kenne.

    Daandiin qilleensichaas Ebla 4- 11’tti balalliiwwan idil-addunyaa 17 taasisuuf.

    Balalliiwwan kunneen hedduunis kan jidduu Islaamaabaad fi Landan, Maanchistar, Barminghaam fi Toroontoo deddeebii’u akka ta’e dhaabbatichi BBC Paakistaaniif mirkanesseera.

    Biyyattiin kana dura wayita biyyattii sochii uggurtee turteetti torbaan lama dura beeksiisa yeroo gabaabaatiin balaliinsa dhaabdee turte.

    Maatiiwwan Biritish hedduun Paakistaan keessatti danqamanii kan turan yoo ta’u, mootummaan UK akka biyyatti isaan deebiisuuf waamicha taasisanii turan.

    Namni tokko kan NHS keessa hojjatuu BBC’tti akka himeetti, atattamaan gara biyyaa deebii’uun hiriyyotasaa Liivarpuulitti argaman gargaaruu barbaada jedhe.

    “Garee kiyya waliin akka hojjattoota baraarsaatti achitti argamuun, qabsoo koronaavaayirasiirratti gaggeefamu kana keessatti kanan danda’u hunda gummaachuun barbaada.’’

    Biyyi Paakistaan hanga ammaatti namoota vaayirasichaan qabaman 2,291 fi kan du’an 31 galmeessitee jirti.

  7. Lakkoofsi warra koronaavaayirasiirraa Itoophiyaatti bayyanatanii 3 gahe

    Dr Eebbaa Abaate

    Madda suuraa, bbc

    Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa sa’aatii 24 darbe qorannoo laaboraatorii namoota 65 taasisuus nama koronaavaayirasiin qabame hin arganne jedhe.

    Kana dura dhukkubsattoonni lama bayyanatuu kan ibsame ture yoo ta’u guyyaa har’aa dabalataan namni tokko bayyanachuu isaa dhaabbatichi ibseera.

    Kanaanis, lakkoofsi namoota dhukkuba kanarraa bayyanatanii 3 gaheera.

    Hanga yoonaa namoota 1148 irratti qorannoon koronaavaayirasii Itoophiyaa keessatti kan taasifame yoo ta’u 29 qabamuun isaanii mirkanaa’eera.

    Isaan keessaa 25 bakka kunuunsi taasifamuufi keessa kan jiran yoo ta’u kanneen keessaa immoo tokko hordoffiin addaa taasifamaafi jira.

    Kanneen qabaman keessaa lammiileen Jaappaan lama gara biyya isaanii ergamuun isaanii ni yaadatama.

  8. Abbaa qabeenyaa hoteela gara hospitaalaatti jijjiiruuf murteessan

    Obbo Abiy Abbabaa

    Hoteelakoo gara Hospitaala Riferaalaa Koronaavaayirasiin itti yaalamuutti jijjiireen uummatakoof tolaan akka tajaajilu godha jedhan hojiilee indastirii Hoteelotaa fi al-ergii irratti bobba'anii kan hojjetan Obbo Abiy Abbabaa.

    Hoteela abbaa darbii saddeetii 'Teatas' jedhamu magaalaa Adaamaatti argamu birrii guddaadhaan kan bitan ji'oota torba dura ture.

    Hoteela kana meeshaalee hoteelaa ammayyaa itti galchuudhaan daldala hojii hoteelaatiif oolchuuf ture, dhibeen haaraa addunyaa weerare kuni garuu yaadakoo na jijjiirsiseera jedhu.

    Hojii gaarii kanas maatii kiyya waliin mari'adhee lammiin keenya akka itti yaala argatuuf tolaan kennineerra jedhan.

    Gamoo qofa kennuu osoo hin taane "hoteela kana gara Hospitaala Rifaraalaatti kan jijjirru baasii keenyaani" jedhu.

  9. Dureen Fillippiin kanneen ajaja mana taahu cabsaniitti ‘‘dhukaasaa ajjeessaa’ jedhan’

    Pirezidaantii Filippiin

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin Filippiins Rodiriigoo Dutartuu ajaja motummaansaanii tatamsa’ina koronaavaayirasii dhaabuuf mana taa’aa jechuun baasee kanneencabsanii argamaniitti ‘’dhokaasuun ajjeesaa’’ jechuun ajajan.

    Pirezidaantiichi kana kan jedhan wayita tarkaanfiin namoota labsii bahee cabsan irratti fudhatamu kan keessa hindeebii’amne ta’u TV irratti ergaa dabarsaniitti ture.

    Pirezidaantichis dabaluun, ajaja mana keessa turuu cabsuufi oggeessooti fayyaa irraan miidhaa qaqabsiisuun yakka olaanaadha jedhaniiru.

    Filippiiniitti namoonni vaayirasiii koronaatiin qabaman 2,300 kan mirkanaa’an yoo ta’u, kanneen 96 ta’an du’uunsaanii himameera.

    ‘’Haalli jiru caalaa wal xaxaa dhufeera. Ammas irra deebiin yaachisummaa dhimmichaan isinitti hima na dhagahaa,’’ kan jedhan pirezidaantichi, ‘’rakkinni jireenya keessan balaarraan gahu yoo umamee, dhukaasaatii ajjeessaa,’’ jechuun poolisiifi raayyaa ittisaatiif ergaa dabarsaniiru.

    ''Isiiniif ifaa? Rakkina umuurra ni dutaa; ani ammoo isinin awwaala,’’ jedhaniiru.

    Pirezidaantichi osoo ergaa kan hindabarsiin sa'aatii muraasaan dura, magaalaa guddoo biyyattii Maaniilaa keessatti deeggarsi nyaataa motummaan taasisuu gahaa miti jechuun jiraattoonni jeequmsa kaasaanii akka turan dhagahameera.

    Akkasumas oggeessoonni fayyaas loogiifi qoodiinsi nurra gahaa jira jechuun akka himatan barameera.

  10. Giriikiin kaampii baqattoottaa sochiin akka hintaasifamneef uggurte

    Namoota dhaabbatanii jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Giriik erga koolu galtoonni 20 koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa’een booda kaampii baqattootaa uggura jala goote.

    Qondaaltoonni fayyaas erga dubartiin ulfaa kaampicha irraa hopsitaala Ateensiitti deesse tokko koronaavaayirasiin qabamunishee mirkanaa’een booda baqattoota qorachuu eegalan.

    Kaampii Ritsoonaa kan dhiheenya Ateensiitti argamu dandeettii baqattoota 2,500 kan qabu yoo ta’u, guyyoota ittaanan 14’f akka uggura jala ta’u qondaaltoonni harra himan.

    Giriikii baqattoota baqattoota Afriikaafi Jidduugala bhaa irraa gara biyyoota Awurooppaa galaniif seensa yoo taatu, yeroo baayyee kaampiiwwan namootaan kan guutameedha.

  11. Koongootti bakakkaan namoota 20 galaafate

    Koongoootti tamsa’ina Koroonaavaayiraasii to’achuuf namoonni wayita mana turan bakakkaan namoota 20 ajjeese.

    Balaan kun guyyaa jalqabaa namoonni akka mana turan wayita taasifame qaqqabe.

    Qondaltonni akka himanitti, magaalaa guddoo biyyatti Biraazaviilitti sarara ibsaa annisaa guddaa dabarsuu namootatti jigse lubbuu namoota galaafate.

    Namni yeroobalaan kun qaqqabu arge akka himetti, sararri ibsaa tokko jigeetu ibidda qabsiiseenamoota kana ajjeese.

    Sararri ibsaa kan hafemmoo bishaanirratti jigee warraa ollaasaanii turanis qabe miidhera jedhe.

    Bulchiinsa Kenteelee jedhamtu keessatti roobni yandoo/hamaan sa’aatii dheeraaf rooba turutu himame.

    Namoota miidhaman namoonni konkolaataa dhuunfaasaaniitiin muddamaan gara hoospitaalatti geessaa turan.

    Rippaabilka Koongoo keessatti namoonni 22vaayirasii Covid-19’n qabamuun kan mirkanaa’ee yoo ta’u, namoonni 2du’aniiru.

    Kaartaa Koongoo
  12. Xiyyaarri Raashiyaa meeshaalee wallaansaa qabate Ameerikaa gale

    Xiyyaarri Raashiyaa meeshaalee wallaansaa fe’e tokko Roobii kaleessaa Ameerikaa gale.

    Xiyyaarri waraanaa Raashiyaa Antonoov-124 Mooskoorraa ka’ee Niiw Yoork kan qubate ‘’meeshaalee wallaansaafi maaskii fa’i’’ qabateeti jedhame.

    ‘’COVID-19 mo’achuuf waliin hojjachuu qabna’’ jedhaniiru Barreessaan motummaa Ameerikaa Maayik Poompee ergaa tiwitaraatiin.

    Itti dabaluunis, ‘’Kanaafiidha Ameerikaan atattamaan meeshaalee ittiin ofi eegamuu kan Raashiyaarraa bituuf walii galtees,’’ jedhan.

    Dhiheessitiin meshaalee kanneenis kan raawwatame erga pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Wiixata tare Tiraampi waliin haasa’aniin booda.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  13. Ameerikaatti kornaan walqabatee bittaan qawwee garmalee guddachaa jira

    Nama qawwee filataa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Lammiileen Ameerikaatti sodaa koronaavaayirasiin wal qabatee nyaataafi sooftii qofa osoo hintaanee qawwees bituun kuufachaa jiru fakkaata jedhame.

    Ragaan haaraan Waajjira Qoannoo Yakkaa Federaalaa (FBI) irra argame tokko akka mull’isuutti, lammiileen biyyattii kan %32 ta’an meeshaalee waraanaa bitachuuf barbaadu.

    Baatii Bitooteessaa keessa qofa, namoonni 3,74,688 meeshaa waraanaa bitachuuf gaafataniiru. Kunis kan baatii isa duraa miliyoona 2.8 ture kan caaluudha.

    Lakkoofsi kunis erga bara 1998 as yoo namoonni baayyinaan meeshaa waraanaa bitachuuf gaafatan isa olaanaadha jedhameeras.

  14. Koronaavaayirasii to'achuuf Afrikaan Eshiyaarraa maal barachuu qabdi?

  15. Sochii uummataa ugguruun miidhaa hin yaadamne akka hin fidne Dr Tedroos akeekkachiisan

    ‘‘Ittisa Koronaavaayirasiif sochii dhorkuufi mana keessa akka turamu taasisuun dhiibbaa hin yaadamne qabaachuu mala’’ jechuun Direektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa WHO Dr Teedroos Adhaanoon akeekkachiisan.

    Ergaa karaa tiwitaraatiin dabarsan kanaan, tarkaanffiin kun keessattuu warra ‘hiyyeessaafi kanneen daranuu saaxilamtoota ta’an’’ balaa hin yaadamneef akka hin saaxillee jedhaniiru.

    Kanaafu biyyoonni lammileen isaanii nyaataafi waan jireenyaaf barbaachisu argachusaanii akka mirkaneessaniif waamicha taasisaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  16. Koriyaan Kibbaa COVID-19 jiraatulleen qophii filannoo ittuma jirti

    Koriyaa Kibbaatti filannoon yerodhuma saatti gaggeefama jedhame

    Madda suuraa, EPA

    Mootummaan Koriyaa Kibbaa burjaajinni koronaavaayirasii jiraatulleen yeroo duula na filadhaa torban lamaa hafanii cimsuun eegaleera.

    Kaadhimamtoonnis filattoota waliin wal arguuf malawwan haaraa barbaaduun fayyadamu qabaatu jedhame.

    Kanaafuu, kaadhimamtoonni ummata isaan filatuun nagaa walgaafachuurra hojii biifuu qoricha farra vaayirasii wayita raawwatan daandiiwwan Seewul irratti mul'ataniiru.

    Duraan paartiileen siyaasaa ummata walitti qabuun duula na filadhaa kan gaggeessan yoo ta’u, amma garuu konkolaataaf sagalee guddiftuutti fayyadamuun naannoo keessatti dorgomaniitti ergaasanii dabarfataa jiru.

    Filannoon miseensoota mana maree biyyaaleessaa 300 qabuuf yaasifamu darbuun akka hin oolle odeeffamaa jira.

    Haa ta’u malee mootummaan biyyattii filannoon haaluma qabameetti Ebla 15 akka gaggeeffamu himeera.

    Namoonni filatan hundi maaskii godhachu, meetira lama walirraa fagaachuun dhaabbachuu, harka saanitaayizariin haxaawwachu fi osoo korojoo keessa hin galchiin dura harkatti gilaavii/guwaantii kaawwachu qabu jedhameera.

    Namoonni koronaavaayirasiin qabamanii wallaanamaa jiran 4,000 ammoo poostaan sagalee saanii akka kennaniif ni hayyamamaaf jedhameera.

  17. Saayintiistonni talaallii koronaavaayirasii lama yaalii eegalan

    Saayitiistonni filannoof akka ta'u talaallii gosa lama yaalaa jiru

    Madda suuraa, CSIRO

    Ibsa waa'ee suuraa, Saayitiistonni filannoof akka ta'u talaallii gosa lama yaalaa jiru

    Saayintiistoonni Awustiraaliyaa talaallii koronaavaayirasiif oolu gosa lama yaalii gaggeessuu jalqaban.

    Yaaliin kun walta'iinsa yuunivarsiitii Oksifoord fi kaampaanii Ameerikaa Inoviyaa Faarmaatikaal jedhamuun eegalame-bineeldotarratti yaaliin akka gaggeeffamuuf Dhaabbata Fayyaa Addunyaarra eeyyamameefi jira.

    Firiin yaalii talaallii bineeldotarratti gaggeeffamu kanaa jalqaba ji'a Adoleessatti kan ifoomaa jedhan saayintistoonni, yoo mikaa'e qorannoon isaa gara sadarkaa itti aanuutti ce'uuf akka jiru ogeeyyin kun himaniiru.

  18. Addunyaarratti namoonni koronaavaayirasiin du’an 50,000 ta’uf

    Hanga ganama kanaatti lakkoofsi namoon sababii koronaavaayirasitiin lubbuun isaanii darbee addunyaa guutuutti 50,000 ta’uuf jira.

    Haaluma kanaanis biyyoonni asiin gadii kanneen lammiilee isaanii hedduu koronaavaayirasiin dhabaniidha.

    ·Xaaliyaanii-namoota 13,135

    ·Ispeen- namoota 9,387

    ·Ameerikaan-namoota 5,116

    ·Faransaayi- namoota 4,043

    ·Chaayinaan-namoota 3,316

    ·Iraan n-namoota 3,036

    ·UK- namoota 2,357

    ·Nezarlaands-namoota 1,173

    ·Jarmanii-namoota 931

    Beelijeem –namoota 828

  19. Ruwaandaan dhorkaa manaa hin bahinaa torban sadiif dheeressite

    Ruwaandaan uggura kaa'uun biyya baha Afrikaa jalqabaati

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Ruwaandaa tatamsa’ina koronaavaayirasii ittisuuf lammiileen manaa akka hin baanee uggura labsee ture, ammas dabalataan torban sadiif dheeresseera.

    Labsiin lammiileen manaa akka hin baane jedhu kuni Bitooteessa 21 kan eegale ta’ulleen ammas torbanoota dhufan sadiif kan itti fufu ta’u mootummaan beeksiseera.

    Haaluma kanaanis yoo qoricha ykn nyaata bitachuuf ta’e malee manaa bahuun hin hayyamamu.

    Tibba uggura sochii kanattis daangaalee biyyatti hundi kan cufaman yoo ta’u, gara biyya keessaa galuun kan hayyamamu lammiilee biyyattii qofaadhaaf.

    Ruwaandaatti ammaan tana namoonni 82 koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee jira.

    Torbanoota sochiiin itti uggurame kanneenittis shaqaxi alaa galuun kan hayyamamee yoo ta'u, manneen barnootaafi manneen sagadaa akkuma cufamaniitti turu.

  20. COVID19 - Ameerikaatti namoonni 5000 ol du'an

    Ameerikaa koronaavaayirasiin kan dhibamte ogeeyyiin fayyaa wayita gargaaran, Bitootessa 2020

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaa keessatti weerara koronaavaayirasiin lakkoofsi namoota du’anii 5000 darbuu isaa yunivarsitiin Johns Hopkins ibseera.

    Rikoordii haaraan sa'aatii 24 keessatti namootni 884 du’uu isaani yunivarsitichi beeksiseera.

    Daa’imni umurii torban ja’a namoota du’an keessa tokkodha.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ammoo 216,000 darbeera.

    Manni kuusaa mootummaa feederalaa ammo meeshalee ittin oofirraa ittisaniifi meeshaleen meedikaalaa dhumaa akka jiru Washington Post gabaaseera.

    Bulchiinsi Tiraamp meeshalee ga’aa argachuu akka danda’auufi sanaafis doolara biiliyoona 16 akka qabu hima.

    Angaa’onni US namootni 240,000 ta’an dhibee kanaan du’uu akka danda’an akeekkachiisaniiru.

    Ameerikaatti aanuun biyyoonni lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman hedduu qaban Italiifi Ispeen yoo ta'an, Italii 110,500 ol, Ispeen ammoo 104,100 ol gahaniiru.

    Lakkoofsa namoota du'aniin Italii - 13,155, Ispeen - 9387, US - 5116, Firaans 4,043 fi Chaayinaan 3.316 biyyoota shan dursaa jiranidha.