Walakkaa Maaraatoonii Antrim Coast: Atileetiin Itoophiyaa Yaalamzarf Yehuwaalaaw riikardii addunyaa cabiste

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin Itoophiyaa Yaalamzarf Yehuwaalaaw dorgommii Kaaba Ayirlaand 'Antrim Coast' dorgomame irratti riikardii addunyaa walakkaa maaraatoonii cabsite.
Yaalamzarf, ganna 22, daqiiqaa 63 fi sakandii 43'n xumurte. Riikardii addunyaa waggaa baranaa atileeti Keeniyaa Ruut Chepingetichidhaan galmaa'e sakandii 19'n foyyeessite.
Atileetiin Itoophiyaa durumaa yeroo fiigdu haala riikardii addunyaa cabsuu dandeessu keessa turte.
Dorgommii dhiiraa dorgomameen immoo Jamaal Yimar 60:29'n xumure. Atileetiin Itoophiyaa biroo Tasfaahun Akaalnaw isatti aanee lammaffaa bahe.
Atileetiin Keeniyaa Shadrack Kimining sadaffaa bahuun atileetonni Afrikaa tokko hanga sadii xumuraniiru.
Yeroon atileetota dhiiraan galmaa'e riikardii bakkichaa waggaa darbe Moo Faarah yeroo injifate isa galmesseerraa sakandii lama duubatti hafa.
Yaalamzarf dorgommicha irratti atileetota dhiiraa fiiganii fiigsisan (pace makers) irraa fayyadamteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroon itti xumurte yeroo saffisaa ishee baranuma Istaanbulitti galmeessite irraa sakandii 57'n wayyaa'aadha.
Atileetiin Keeniyaa dorgommii Istaanbul irratti ture riikardii addunyaa kan galmeessite.
Yaalamzarf atileetii Keeniyaa lammaffaa baate Vane Nyamboke 69:44'n xumurte daqiiqaa jaha caalaa dursuuni kan injifatte.
Lammiin Gireet Biriteen Rooz Haarvey immoo atileetii Keeniyaa Niyaambokerraa sakandii 32'n hanqattee sadaffaa baate.













