Maanchistar Siitiin garaagartee qabxii 10’n Pirimiyeer Liigii Ingilizii dursuu eegale

Richaarlisan galchii Evartaniif erga galchee booda yoo gammachuu ibsu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maanchistar Siitiin dirreel ala Evartan morkate 3fi 1'n injifate
Maxxanfame

Erga kilabiin isaan leenjisan mo'ame booda Maanchistar Siitiin bara dorgommii afur keessa yeroo sadaffaaf waancaa pirimiyeer liigii kaasuuf qajeelaa jira jedhan leenjisaan Evartan Kaarlo Anchelootti.

Anchelottiin garee Gaardiyoolaa dorgomuun ''hin danda'amu'' jechuun dorgommii booda dubbatan.

Maan Siitiin eda kaleessaa Evartan dirreen ala morkatee 3fi 1'n injifachuun gargaaratee qabxii 10'n pirimiyeer liigicha dursuu eegaleera.

''Cimaa ture, kan hin danda'amne. Yeroo ammaa garee cimaadha, cimina, humna qabudha. Isaan waliin dorgomuun baay'ee cimaadha,'' jedhan leenjisaan Evartan Kaarlo Anchelotiin.

Imala gara waancaa

Taphni Siitiin Evartan waliin kaleessa taphatan silaa baatii Muddee keessa kan taphatamu tureefi asitti dabarfamedha. Kan as darbeefis gareen gaardiyoolaa tamsa'ina koronaavaayirasii erga gabaase boodadha.

Yeroos, Siitiin sadarkaa jahafaarra ture. Kan yeroos liigicha dursaa ture Liivarpuul irraa qabxii jahaan fagaatu ture. Ergasii walitti aansanii tapha 12 irratti milkaa'anii yeroo ammaa qabxii 10'n dursuu eegalaniiru.

Taphoota 24 booda gabatee pirimiyeer liigii

''Ammallee qabxiin 42 irratti wal morkachuu qabnu ni jira. Amma guyyoota muraasaaf boqonna, tapha baay'ee qabna.''

''Evertan garee sirriitti ijaaramedha, garuu nuti obsaan taphanne. Mo'uun nuuf mala,'' jedhan leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa.

Tapha itti aanuun gaafa Sambataa Evertan Liivarpuul morkata, Maanchistar Siitiin immoo Arsenaal morkata.