Jijjiirraa taphattootaa kilaboota Awurooppaa: Eenyu garamitti, Jijjiirraa taphattootaa har'a cufamuun

Maanchister Yuunaayitid Osmaan Dembelee Baarseloonaa irraa mallattesisuuf ammayyuu abdii hin kutanne. Garuu sa’aatii hafan keessatti dhumaa laata? Miidiyaaleen garuu waan milkaa’u hin fakkaatu jechaa jiru.
Dembeleen waggaa sadii dura Borisiyaa Doortimoondi irraa £135.5m ture Baarseloonaa kan gale. Yuunaayitid Dembeelee ergisaan ture kan barbaade. Taphatichi garuu dhaabbiidhaan Baarseloonaa keessaa bahuu barbaada.
Miidhama isa mudataa tureen gahumsa irraa eegamu Baarseloonaa keessatti agarsiisuu hin dandeenye.
Edisan Kaavaaniin bilisaan erga PSG irraa bahee Maanchister Yuunaayitid waliin waliigaleera jedhame.
Kaavaaniin taphatta ganna 33 yoo tahu galchii lakkoofsisuun rikardii kilaba PSG qaba.
Yadon Saanchoon taphataa Maanchister barbaadu tahus kileba isaa Doortimondi waliin gatii waliif hin galle.
Dabalataan ittisa bitaan lammii Biraazil Aleksi Teles Poortoo irraa fudhachuuf waliigalaniiru.
Tootenaam
Tootenaam barana jijjiirraa taphattootaa irratti haalaan hirmaachuun dorgomaa tahuuf hojjechaa jira.
Kan kilebicha galan Gaariz Beel, Piire-Imilii Hoyibergi, Joy Harti, Maat Dohertii, Serjiyoo Reguliin, fi Vinishiyes Kaarlos.
Taphattootni bahan Jan Vertogen, Tirooy Paarot, Kaayil Wookersi Piitersi, Oliver Iskiippi, Yuhaan Fiyooz kanneen gadhiisanii bahu jedhamani.
Dabalataan Riyaal Sesenyon ergisaan gara kilaba Jarman Hoofeniyaam deemeera.
Kilabni Landan biraa Cheelsiin bara kana taphattoota ciccimoo jedhe mallatteesiisera.
Hakim Ziyech, Kaayi Haavertiz, Tiimoo Werner isaan gurguddoo eeraman yoo tahu, baasii guddaa hanga ammaatti kanneen baasan keessatti eerameera.
Gama biraan taphataan internaashinaalaa Ingilaandi Ruben Looftas Chiik kilabicha gadhiisuu danda’a jedhamaa jira.
Firaanki Laampaardi taphattoota haaraan kilaba isaanii cimsaa waan jiraaniif yeroo taphaa dhabuu danda’a.
Arsenaal
Arsenaal taphataa sarara gidduu fi lammii Xaaliyaanii Joorjiniyoo mallatteessisuu barbaada.
Taphattootni akka Matiyuu Gunduuzii fi Lukaas Toreeraa kilebicha gadhiisu jedhame.
Gunduuziin ammoo gara Hertaa Berliinitti deema jedhame. Lukaas Atileetikoo Maadirid galuuf qorannoo medikaalaa taasisaa jira.
Joon Beenet Huusem Aworaar Arsenaal hin galu jedhe. Taphatichi Liyon waliin bara kana tura jedhe.
Mikeel Arteettaan waan haaraan jira jedhamee yoo gaafatamu ‘’eeyyeen keessan oduun jira garuu waanti xumurame hin jiru,’’ jedheera.
Taphataan Atileetikoo Maadirid Toomaas Paarteen Arsenaaliin hedduu barbaadamaa ture. Toreeraan gara kilebichaa deemuun Arsenaaliif carraa banuu danda’as jedhama.
Evertan
Bara kana Evertan dorgommicha haala gaariin jalqabe. Taphattoota kanneen akka Roodirigez, Abdullay Dokoree, Nukunku fi ittisa irraa Godfiriin mallatteessaniiruuf.
Baarseloonaan taphataa duraanii Maanchister Yuunaayitid Meemfis Depay Liyon irraa mallattessisuu danda’a jedhama.
Leenjisaa haaraan kilebichaa Roonaaldi Kooman taphataa biyyasaa kana waliin hojjechuu akka barbaadu himama.
Kilebootni akka Maanchister Siitii fi Liiverpuul jijjiirraa taphattootaa kana irratti bal’inaan hin hirmaanne.
Maan Siitiin Naataan Akkee ittisa irraa fi Feeran Toores fuuldura irratti garee isaatti yoo dabalu, Liiverpuul Tiyaagoo Alkaantaraa gidduurraan, Diyeegoo Jootaa fuuldura irratti garee isaatti makeera.
Sa’aa xumuramaa jiru kanatti ammoo odeeffannoo haaraan bahuu malu.
















