Tapha Biraayitan fi Maanchistar Yunaayitid ‘seera dabseerraa’ maal baranne?

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Akka leenjisaan Yunaayitid Oli gana Solshaayer jedhetti, taphichi ‘‘seera kan jallisedha’’, ofii tapha diraamaan guutameefi Sambata darbe Biraayitanitti taasifamee injifannoo Yunaayitidiin xumurame kanarraa maal baranne?
Wanti ta’e kanadha: Yunaayitid galchii peenaalitii Biruunoo Fernaandeeziin injifatane. Peenaalitiin kan argame ammoo erga taphichi dhumeera jedhamee abbaan seeraa firiimbaa afuufanii booda murtee viidiyoodhaan- VAR- ilaaluun ture.
Galchii shanaffaa taphichaafi taphicharra peenaalitiin kan argamte yeroo lammaffaa yoo taatu, warri keessummeessan Biraayitan si’a jaha kubbaan goolii rukuttee irraa yoo deebitu, warri keessummaan ammoo si’a lama taphaan ala jedhamuun galchiin duraa haqame.
Yunaayitid qabxii sadii kan jaqabaa bara kanatti yoo argatan, Biraayitaniif garuu tapha sadii keessaa lama akka mo’aman isaan taasise.
Kadhibii maaltu ta’e?
Yunaayitid fooyya'aa jira, garuu ammallee isa hafa,
Kun ilaalcha Soolshaayer dha. Injifannoo dirree isaaniitti Kiriistaal Paalaasiin irratti gonfatameef leenjisaan kun weerarri koroonaavaayiras garee isaa waan miidheef akka ta’e ibse.
Tapha miidhagaa akkamii agarsiisuu akka danda’an dirree wal-fakkaataatti Biraayitaniin 3-0 injifachuun kan agarsiisan warri diddiimoo, Sambata darbe hangam taphni harkaa akka bade irraa mul’ate, kan Kiriistaal Paalaas waliin tasisanirrraa garuu hedduu fooyya’aadha.
Raashfoordillee galchii miidhagduu lakkoofsiseen ga’umsa isaatti deebi’aa jiraachuu agarsiiseera.
‘‘Deebii taphattoonnikoo kennaniin hedduun gammade, 2-2 wal-qixa ba’uuf salphumatti filachuu danda’u ture,’’ jechuun BBC’tti dubbate.
‘‘Taphoota haala gaariin eegaluu qabna, akkas hin taane, torbee darbes baay’ee boodatti hafnee turre. Garuu fooyya’aa jirra.
"Taphicha mo’annee qabxii sadii argachuu keenyaan gammachuun koo %100, sochiin agarsiisaa jirru garuu achittuu hin siqu, hundi keenyayyuu kana beekna."
Soolshaayer yaadasaa yoo itti fufu, ''waan ta’e amanuu qabna, isaantu carraa baay’ee uume, tarii qabxii tokko argachuun ga’aa ture, garuu carraadhaan injifachuu dandeenyeerra," jedhe.
Sararri ittisaa Yunaayitid taphoota kilabichi itti moo’ameef itti gaafatamaadha jedhamaas jira tibbana. Biruunoo Fernaandeez garuu kanaan walii hin galu. Taphattoota shan duubarra jiran qofa miti kan galchii eegan jedha.
"Akka malee iddoo isaaniif kennaa turre, kubbaas haalaan qabannee taphachaa hin turre, galchii lama numatu kenneefi, of-fooyyessuu qabna," jedhe BT Sport’f.














