Tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa: Moriinoon hojiisaa Totanhaam mo'ichaan jalqabaa laata?

Madda suuraa, BBC Sport
Ogeessi kubbaa miilaa tilmaamuun beekamu Maark Laawuroo tapha Pirimeer Liigii torban kanaa taphatamuun eenyu akka mo'atu tilmaameera. Isinis tilmaamaa.
Amma Joozee Moriinoo leenjisaa Tootinhaam ta'uudhaan gara Piriimer Liigii Ingiliziitti deebiyeera.
Moriinoon miidiyaarratti qalbii hawwachuu dabalatee, dorgommiin kilaboota Piriimeer Liigii Ingiliizii kana keessatti akka cimu ni eegama.
Moriinoon turtii ji'oota 11n booda yeroo leenjisuutti deebi'u kana Tootinhaamiin qabatee kilaba Landan keessaa masaanuu isaa ta'an keessaa tokko kan ta'e West Haam waliin Sanbata dhufu waldorgomuuf jiura.
Tilmaama Laawuroo
SANBATA

Madda suuraa, BBC Sport
West Haam v Tootinhaam(12:30 GMT)
Laawuroon Tootinhaam Moriinootiin leenjisaa godhachuun yeroo fidatu leenjisaa cimaa Maarsiyoo Pochetiinootiin ar'eeti.
Kun ammoo hedduu kan nama gammachiisu miti, sababiin isaas Moriinoon erga Maanchester Yunaayitid irraa ai'amee booda bu'aa gaarii duraan ittiin beekamu deebisee agarsiisuu hin dandeenye.
Tapha Tootinhaam xabatan arguun gaarii ta'a jedha Laawuroon. Tapha jalqabaa Moriinootiif West Haam dorgomaa salphaa hin ta'u.
Tilmaama Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Arsenaal v Saawuuzhampteen
Taphani kun leenjisaa Aresenaal Unaa'ee Emireetiif murteessaadha.
Laawuroon Arsenaal ni mo'ata jedhee yaada sababiin isaas qeequmsi guddaan Arsenaalirra jiraachuufi ciminni Saawuuzhampiteen baayyee gadi bu'aa ta'uu isaati.
Garuu jedha ogeessi kubbaa miilaa kun tadha Sanabataa kanaan mo'atus Arsenaal keessa rakkoon jiru fala argata jechuu miti.
Tilmaama Laawuroo: 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Boornimaawuuz v Wolviis
Wolviis ciminni isaa dabalaa dhufee sadarkaa saddetteffaarra jira.
Haata'u malee, dandeettiin warra Saawuuzhampiteenis ajaa'iba ta'aa jira jedha Laawuroon.
Tilmaama Laawuroo: 2-1

Madda suuraa, BBC Sport
Biraayiteen v Leester
Biraayiteen yeroo ammaa tapha ittisuurra gara haleelluutti guddachaa jiru. Kun garuu Leester waliin hojjetaafii kan jedhu gaaffiidha.
Leester warra Biraayiteen kanaaf waan gadi jedhu hin ta'u.
Torbanii rraa gara torbnaniitti haala PiriimerLiigii tilmamuun ni cima, sababiin isaas yeroo heddduu waan hin eeegamnetu ta'a.
Tilmaama Laawuroo: 2-1

Madda suuraa, BBC Sport
Kiristaal Palaas v Liiverpuul
Kiristaal Palaas leenjisaa ammaa isaa kana jalatti taphoota taphatan irratti humna kuufatanii ka'anii haleeluu barachaa jiru. Ta'us garuu Liiverpuuliin naasisuu danda'uu kan jedhu gaafiidha.
Tilmaama Laawuroo: 0-2

Madda suuraa, BBC Sport
Everten v Noorwiich
Warri Noorwiich sirriitti deemaa hin jiran. Taphoota torba darban keessaa qabxii tokko qofaa argatan.
Everteenillee erga torban dhiyoo kanaatii baayyee dadhaabaa dhureera.
Tilmaama Laawuroo: 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Waatfoord v Barnilee
Yeroo dheeraa osoo hin mo'atiin turee Waatfoord tapha yeroo darbeetiin mo'ateera kun ammoo hamilee guddaa ta'uuf mala jedha Laawuroon.
Barnileenis mo'amanii manattti deebiyuu hin barbaadan.
Tilmaama Laawuroo: 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Maanchester Siitii v Chelsii (17:30 GMT)
Chesliin Piriimer Liigii kana keessatti taphoota ja'an darban mara mo'achuun ga'umsa ajaa'ibaa agarsiisaa jiru.
Garuu jedha Laawuroon, "Ani yeroo hundaa Maanchester Siitiin deggera waan ta'eef yeroo dirree ofiirratti taphatan kilba guddaayyu ni adabu. Kanaaf, Chesliidhaaf qormaata ta'uun isaani hin oolu.
Tilmaamaa Laawuroo: 2-0
DILBATA

Madda suuraa, BBC Sport
Sheefiild Yunaayitid v Maanchester Yunaayitid (16:30 GMT)
Sheefiild Yunaayitid tapha Piriimer Liigii kanarratti baayyee cimaa jiru. garuu Maanchester Yunaayitidiif Antooniyoo Maarshaal waan deebiyeeruuf waan gammachuudha.
Taphattoonni Maachester Yunaayitid biroo akka Raashfoordiifi Daani'eel Jaamsillee baayyee si'aana gaariirra jiru.
Tilmaama Laawuroo: 0-2
WIXATA

Madda suuraa, BBC Sport
Aston Viilaa v Niiwuu Kasil (20:00 GMT)
Leenjisaan Aston Viilaa duraanii Isteev Biruus gara Viilaatti deebiyeera. Niiwuu Kasilillee taphoota sadii darba keessaa qabxii toorba argatee dorgomaa cimaa ta'ee itti fufee jira.
Viilaan tapha yeroo darbe Liiverpuul waliin taphatee mo'ameen booda qalbiitti hin deebine.
Tilmaama Laawuroo: 2-0















