Tilmaammii Pirimeer Liigii Ingiliz torbee kanaa
Torbee hamaan Maanchester Siitii, Sanbata galgala Weembileetti ittuu hammaataa laata?
Piriimeer Ligii torbee darbe xumuruu dadhabuufi Shampiyoon Liigii keessaa kan ba'an Peep Gardiyoolaa irratti Tootenaam dhiibbaa jabduu fiduuf niyaalu.
Tilmaaman keenya Maark Lowransan kanaafi taphoota piriimeerliigii torbee kanaa hafan tilmaameera.
SANBATA

Madda suuraa, BBC Sport
Saawuzihaampitan fi Cheelsii
Cheelsiin qabxii tokko tapha Weesti Haam waliini ture irratti gataniiru, haalli Sawuzhamton immoo kana irra badaadha.
Guyyooli muraasa booda gartuun lamman tapha FA CUP walakkaa xumuraaf wal argu, Cheelsiin akkamiin akka taphichatti dhiyaatan ilaaluun nama hawwata - taphattoonni isaanii tokko tokko Liigii kanarraatti humna ofhiri'saa jiru.
Garuu Saawuzihaampton (Seyintonni) kana goochuu hin danda'an, mo'achuun isaan barbaachisa. Mo'uu danda'uu isaani garuu sirritti hin beeku.
Tilmaammii Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Barnilee fi Leester
Barnilieen mo'icha waliitti aanaa afur irraa gara tapha kanaa dhufan, injifannoon kanbiraa tapha kanaa sadarkaa torbaffaa akkasumas kan Kubbaa Millaa Awuroppaa mirkaneessuu danda'a.
Barnileen nimo'atu jedheen yaada. Torbee darbee Leester yeroo Niiwkasteliin mo'aman rukkuttaa penaaliti argachu qabu turan, tapha Tarf Mooritti ta'u kana garuu Barniln akka mo'uutuun tilmaama.
Tilmaammii Laawuroo: 2-1

Madda suuraa, BBC Sport
Kiristaal Paalaas fi Biraayitan
Tapha isa kana Kiristaal Paalaas akka injifataniin eega
Paalaas lubbu isaaniif taphaatu, taphi kun carraa itti morkaattota isaani gara lola sadarkaa wal xiqqeessutti gad harkisaan isaani laata.
Seelharist Paarkitti waare booda wacaan guuteefi deggartoota Kiristaal Paalas immoo yeroo gammachuu ta'a jedheen yaada.
Tilmaammii Laawuroo: 2-1

Madda suuraa, BBC Sport
Haadarsifiild fi Waatford
Tapha arfan darban irraa erga qabxii tokko qofa argatanii, Waatford rakkoo jalaa hin baane.
Haadarsifiildis gahumsa dadhabaa qabaachuurra darbee tarreefama gadi aanaa kessattiis rakkoo cimaa keessa jiru
Waatford qabxiii tokkon olsiquu danda'a, garuu Haadarsfiildiin dadhabbiif saaxilamaa fakkeessa
Tilmammii Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Siwaansii fi Eevartan
Tapha Darbii, Meersiisaayiditti Liiverpuul waliin 0-0 xumurame irratti, taphi Eevartan mufachiisaa ture.
Siwaansiif tapha shan keessaa mo'ichi tokko rakkoo jalaa ba'uuf hojii cimaa godheera, sababa dhaabbii Eevartan dadhabaaf immoo tapha kana akka mo'atan niiyaadu.
Tilmaammii Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Liiverpuul fi Boornimaz
Liiverpuul dhaabbii ciimaa agarsiisa jiru. Shaanpiyoon Liigii irratti Maanchestar Siitii mo'achuufis milkoomaniiru, caarraa mo'ichaa akkasiis ofiif uummatu jedheen amana.
Tapha Boornimaz waliin ta'u irrattii rakkoon baayyee isaan hin mudatu. Boornimaz Aanfiilditti tapha banaa taphatu, kunimmo Liiverpuuliif mijataa ta'a jedheen yaada.
Tilmaammii Laawuroo: 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Tootanhaam fi Maan Siitii
Torbee dabarsanirraa kan ka'ee Siitiin walqixa ba'u jedheen yaada. Barfachuu danda'a malee Liigiicha mo'achuun isaani hin oolu,
Tilmaammii Laawuroo: 1-1
DILBATA

Madda suuraa, BBC Sport
Niiwkaasil fi Aarsenaal
Aarsenaal taphooli darban ja'an mo'ataniiru, garuu yeroo sadarkaa dhiibbaa hin qabne ga'an hundatti sochii walfakkataa agarsiisu.
Tapha sadii tooraan mo'achuun Niiwkaasilis dhaabbii cimaa qabu. Bara dorgommi gaari dabarsuu baataniyyu ,sadarkaa gadi jalaa hin buune qabatanii jiru.
Tilmaammii Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Maan Yuunayitid fi Weest Biroom
Oold Tiraafoolditti carraan Weest Biroom mo'amuudha, kanan baruu barbaadu garuu gartuu Maanchisteer Yuunayitid isa kam akka agarrudha - Istaadiyeemi Itihaaditti isa boqqonaa dura turemoo, isa boqonnaa boodaa.
Boqonnaa booda taphaa gaari ture, taphattonni akka Aleeksis Saancheeziifi Powul Pogbaa sochii cimaa agarsiisan, deeggartoonni Yuunayitidis sochii akkasii arguu barbaadu.
Tilmaammii Laawuroo: 3-0
WIIXATA

Madda suuraa, BBC Sport
Weest Haam fi Istook
Tapha Cheelsii waliin ture irratti qabxii argataniin booda Weest Haam haala gaarii irra jiru.
Injifannoon tapha kana dabarsinaan Weest Haam sadarkaa gaarii qabatu, Istook garuu rakkoo amma keessa jiran kan caalu galuu danda'u.
Tilmaammii Laawuroo: 2-0












