Poolisiin dambii hijaabaa kabachisaan kana booda dubartoota hin yaaddeessan- Pirezedantii Iraan

Madda suuraa, EPA
Poolisonni Iraan dambii dubartoonni hijaaba uffachuu kabachiisan kana booda dubartoota hin rakkisan jedhan Pirezedantiin haaraan biyyattii Masuud Pezeshkiyaan.
Pezeshkiyaan kana kan dubbatan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii poolisoonni ammayyuu dambii uffannaa cabsitan jedhanii dubartoota adabaa jiiraachuu erga akeekkachisee guyyoota muraasa booda ture.
Pezeshkiyaan yaada kana kan kennaan duuti shamarree ganna 22 Mahsaa Aminii dambii hijaabaa cabsuun poolisiin hidhe, mana hidhaatti duute waggaa lammaffaan yeroo yaadatamuuttidha.
Duuti Mahsaa Aminii guutummaa Iraanitti dheekkamsa kaasee ture.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii torban darbe akka ibsetti, mootummaan Iraan yeroo sanarraa kaasee ‘’tattaaffii mirga dubartootaa ukkaamsuu fi rogeeyyii dhabsiisuu cimsee ittifufe’’ jedhe.
Pirezedantiin duraanii Iraan balaa helikoptaraan du’uu hordofee aangoo kan qabatan Masuud Pezeshkiyaan, Wixata darbe kana poolisonni dambii kabachiisan dubartoota wajjin karaarratti kana booda wal hin dhaban jedhan.
Pezeshkiyaan Iraan keessatti akka hogganaa jijjirama fidu jedhamanii ilaalamu.
Pezeshkiyaan erga amantii kan leellisan Ibiraahim Ra‘isii bakka bu’anii yeroo jalqabaatiif tamsaaasa kallattiin ibsa kennaa turan.
Pirezedantii Iraan kun yeroo duula filannoo gaggeessan poolisiin dubartoonni hijaaba dirqamaan akka uffatan hordofuu mormaa turan.
Kana malees, to’annoo tajaajila interneetii biyyattiirratti yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture akka laaffisan waadaa seenanii turan.
Mormii guutummaa Iraan keessatti bara 2022 dhalate hordofee mootummaan biyyattii miidiyaalee hawaasa to'achuu cimseera.
Pezeshkiyaan, ibsa gaazexeessitootaaf Wixata yeroo kennan dambii uffannaa
laaffisuu yaadni ilaallatu kan dhiyaate yoo ta’u, gaazixeessitoonni muraasni mataatti baayyee hin haguugganne turan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti gartuun haala biyyattii keessa jiruturratti odeeffannoo sassaabu ammoo dubartoonni ''ammallee akka lammii lammaffaatti jiraatu'' jedha.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gabaasa torban darbe baaseen, “Aanga’oonni mootummaa Iraan tarkaanfiiwwan ukkaamsaa fi imaammata dubartootaa fi shamarran mirga bu’uuraa isaanii daran irraa mulqan caalatti cimsan” jedhe.












