Dhaabbileen Siiviilii Itoophiyaa 35 'waamicha nagaa' gochuuf hayyama dhorkamne jedhan

Madda suuraa, CARD
Dhaabbileen Siiviilii Itoophiyaa keessa jiran 35 ta'an walitti dhufuun haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu hubachuun 'waamicha nagaa' bakka miidiyaaleen argamanitti gochuuf ganama walitti qabamanii hayyama dhorkamuu komatan.
Dhaabbileen kun Kaaba Itoophiyaatti waraana akka haaraatti deebi'ee hammaateefii kutaalee biyyattii biroottis walitti bu'iinsaa fi ajjeechaawwan soboota irratti raawwataman yaaddessaa ta'uu ibsa baasan keessatti himaniiru.
Dhaabbilee Siiviilii waamicha kan godhan keessaa tokko kan ta'e Gidduugala Misooma Dimookiraasiifi mirgootaa (CARD) jedhamu kan hoogganu roggeessi mirgaa Bafiqaaduu Haayiluu qabiyyeen ibsa isaanii ''walitti bu'iinsi nageenyaa fi jireenya biyyaa gaaffii keessa galchan karaa nagaa furamuu qabu kan jedhuudha'' jedha.
Waraana marsaa jalqabaa Kaaba Itoophiyaatti dhalatee tureen walqabatee dhaabbileen Siiviilii Itoophiyaa waraanichi akka dhaabatuufi nagaan akka jiraatu gumaacha irraa eegamu hin baane jedhamuun qeeqamaa turan.
Dhaabbileen Siivilii Itoophiyaa callisa filatanii turan kun amma yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaa deebi'ee hammaatee fi kutaalee biyyattii adda addaattis walitti bu'iinsi lubbuu namoota nagaa galaafachaa jirutti ibsa baasan.
Dhaabbileen kunniin Hoteela Inter luxury'tti ganama kana waamicha isaanii miidiyaalee waamanii dhaamuu barbaadaniis qaamolee nageenyaan dhorkamuu Bafiqaaduu Haayiluu BBC'tti himeera.
''Kutaa ibsichi itti kennamuuf ture namootni huccuu siiviilii uffatanii qaama nageenyaa akka hoogganan dubbatan, walgahiin kun gaggeefamuu hin qabu nuun jedhan'' jedha.
Qaama nageenyaa mootummaa isa kam irraa akka dhufaniifi maaliif akka dhorkamne sababa hin dhiyeessine jedha Bafiqaaduun.
''Dimshaashumatti dhoorkaa waamicha nagaa kana gochuu hin qabdan jedhu nutti himani'' jedha.
Miidiyaalee waamicha dhagaahanii argamanitti ibsi kun akka hin gaggeeffamne akka itti himan godhamuun sagantichi dhorkamuus ibsa.
Dhaabbileen siiviilii kun qaamoleen nageenyaa hayyama kan gaafataman hiriira nagaa bahuu malee ibsa miidiyaaleef laachuuf miti jechuun dhorkamuu isaanii balaaleffataniiru.
Dhimma kana ilaalchisee qaamni nageenyaa magaalaa Finfinnees ta'e kan mootummaa Federaalaa waan jedhe hin qabu.
'Waraanni atattamaan dhaabatee hunduu marii araaraatti galuu qaba'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbileen Siiviilii kun Kaaba Itoophiyaatti waraana naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti gaggeefamuu itti fufee fi kutaale biyyattii kaan keessatti walitti bu'iinsi adeemaa jiru atattamaan akka dhaabatu wamaicha godhan.
''Qaamoleen lolatti jiran hunduu marii araaraatti dhufuu qabus jedhan dhaabbileen kun'' jedhan.
Tigraayiifi naannolee kaan waraanni keessatti adeemaa jirutti jireenyi idilee itti fufee sochiin diinagdeefi dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka eegalus gaafatan.
Qaamolee nageenyaa mootummaa dabalatee qaamolee hidhataniin haleellaan koorniyaa bu'uureffatee godhamuufi sarbama mirgaa raawwatan irratti irra deebiin qorannoon akka godhamus gaafatan.
Dhaabbilee Siivilii kana keessa dhaabbileen mirga dubartootaaf dhaabatan akka Seetaawwit kan jiran yeroo ta'u dubartootni fi daa'imman waraana kanaan miidhaman tajaajila fayyaafi deeggarsa xiinsammuu akka argatan gaafataniiru.
Haleellaan sabummaarratti xiyyeefatee raawwatamu akka dhaabatuu fi ''gochaan qollifataadha'' ittiin jedheefi saboota lakkoofsaan xiqqaa naannolee biyyattii keessa jiraataniif wabiin nageenyaa akka jiraatus gaafataniiru.
Dhaabbileen kun qabxiilee saddeet tarreessuun waamicha nagaa kan godhan yeroo ta'u miidiyaaleefi dhaabbileen biyya alaa jiraniis dhimma nagaa irratti akka xiyyeefatan gaafataniiru.
Dhuma irrattis mariin biyyaalessaa gaaggeefamuuf eegalame ''hunda hammataa, ifaa, rakkoolee yeroo gabaabaafi dheeraa biyyattii furuuf adeemsa deeggarsa qaama hedduu kan argatee akka ta'u'' jechuunis gaafateera.












