Itoophiyaatti hiriirri guddaan gidduugaltummaa biyyoota Lixaa fi TPLF balaaleffatu gaggeeffame

Madda suuraa, EBC
Hiriira guddaan ’gidduugaltummaa biyyoota Lixaa hin barbaachifnee’ fi TPLF balaaleffatu Itoophiyaa magaala Finfinnee dabalatee magaalota adda addaatti gaggeeffamaa jira.
Hiriirri kun raayyaa ittisa biyyaa deeggaruu fi dhiibbaa biyyootni Lixaa dhimma Itoophiyaa keessa galuun TPLF deeggaran jedhu balaaleffachuuf bahame.
Hiriirri baleeleffannaa kun yeroo mootummaa fi TPLF Onkoloolessa 24, 2022 Afrikaa Kibbaatti marii nagaaf taa’u jedhamee eegamutti gaggeeffame.
Namootni hiriira bahan ‘’TPLF gara aangootti hin deebi’u, TPLF diina biyyaatti,’’ jechuun sagalee dhageesisaa turan.
Biyyootni Lixaa TPLF fiixee du’aarra gahe baraaruuf jecha Itoophiyaa irratti dhiibbaa geessisaa jiru waan taheef kun dhaabbachuu qaba jechuun miidiyaalee biyya keessaatti yeroo dubbatan argameera.
mootummaan osoo marii nagaaf waamicha godhuu TPLF marsaa sadaffaaf waraana eegalan jechuun TPLF’n balaaleffatan.
Magaalaa Finfinnee, Jimmaa, Hawaasaa fi bakkeewan kaanittis hiriirri kun gaggeeffameera.
‘’Biyya abbootii keenya irraa fudhanne dabarsinee diinatti hin kenninu’’ jechuun namootni adda addaa dubbataa turan.
Hiriirri wal fakkaataan Siwiizerlaandi magaalaa Biraasilsitti kaleessa gaggeeffameera.
Tibbana Itoophiyaan waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun walqabsiisee birmadummaa biyya koo irratti 'shira xaxaa' jirti jechuun Ayerlaand himatte.
Ministirri Dhimmaa Alaa Obbo Damaqaan akka jedhanitti, Ayerlaand teessoo Mana-Maree Nageenyaa UN keessaa qabduun deeggarsa humnootii Tigraayiif dhiyeessuufi Itoophiyaarratti dhibbaa taasisuuf fayyadamti.
Guyyoota muraasa dura MM Abiy Ahimed “Haalli Kaaba Itoophiyaa jiru xumura ni argata, nagaanis ni bu’a. Bara baraan wal waraana itti hin fufnu. Yeroo gabaabaa keessatti obboloota keenya Tigraay waliin nagaa fi misoomaaf akka waliin dhaabannu abdiin qaba,” jedhan.
Itti dabalunis MM Abiy lammiilen Itoophiyaa amantii fi sanyiin wal-qoqqooduu dhiisanii guddina biyyaaf akka wal-ta’uun hojjataniif waamichas dhiyeessaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa 2020 jalqabe waggoota lama guutuuf jedha. Ergasii dhiyeenya ji’oota shan tahaniif dhukaasa dhaabuun namomaa gaggeeffamuun deebi’ee jalqabe.
Mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessaa buufataalee xiyyaaraa fi dhaabbiee federaalaa’’walabummaa biyyaaf’’ jecha nan to’adha jechuun waraanichatti akka jiru himeera.
Humnootni TPLF ammoo waraana bifa haaraan jalqabe kana keessa waraanni Eertiraas jiraachuu himu.
Ameerikaa dabalatee biyyootni Lixaa waraanni Eertiraa daangaa Itoophiyaa keessaa akka bahuufi haalicha hammeesuu akka hin qabne gaafataa turan.
Dhiibbaa biyyootni Lixaa Itoophiyaa irratti gaggeessan ifatti beekamuu baatus mootummaan Itoophiyaa gochaa TPLF hin balaaleffatan jechuun irra deddeebiin komachaa ture.
Ameerikaan ergamaa addaa Gaanfa Afrikaatti ramaduun waraanni Kaaba Itoophiyaa karaa nagaan akka hiikamuuf hojjechaa turte.
Mariin nageenyaa kana dura Afrikaa Kibbaati gaggeeffama jedhamee sababa hanqina loojistkiin dabarfame Onkoloolessa 24 bara 2022 akka gaggeeffamu ibsameera.
Mootummaan Itoophiyaa marii kana irratti hirmaachuuf fedha akka qabu ibsus gama TPLF waanti dhagahame hin jiru.












