Namni TV irratti sagantaa dhiyeesun beekamu mininsteera muummee Israa'el ta'e

Ministeera mummee Israa'el

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Namni kanaan dura sagantaa TV dhiyeessuun beekamu, Yaa'ir Laapid, ministira muummee Israa'el ta'an.

Ministirri muummee duraanii Naftaali Beenet turtii waggaa tokkoo booda erga aangoo irraa bu'een booda kan Yaa'ir Lappid yeroof ministeera muuummee haaraa ta'ee muudame.

Ministirri muummen haaran kun biyyattiin hanga biyyattiin Sadaasa dhufu filannoo gaggeessitutti tajaajila jedhame. Filannoon Israa'el dhufu kun waggaa afurii gaditi filannoo 5ffaa ta'uu isaati. Ministeerri muummee duranii Beenjaamin Nataaniyahoon ammoo filannoo dhufu irratti hirmaachuu akka baraadu ibsee jira.

Kuni ammoo Yaa'ir Lappidiif qormaata cimaadha jedhamee eegama.

Naftaalii Beenet aangoo ministeera muummee Yaa'ir Laapiditti kan dabarse kaleessa ture.

Beenet deebi'ee aangoo ministeera muummetiif akka hin dorgomne beeksisee ture. Isra'el erga bara 2019 kasee si'a hedduu filannoo gaggeessitus partileen biyyattii walta'uudhaan teessoo paarlaamaa biyyattii harka caalu argacuu hin dandeenye.

Walta'iinsi paartilee Beenet fi Laapid waliigaluu dadhabuu irraa kan ka'e yerodhaaf gargar bahaniiru.

Yaa'ir Laapid gaheessa umurii 58 TV irratti qophii dhiyeessuun beekamu ministeera muummee duraanii Nataniyaahoo mo'achuudhani kan yerodhaaf ministera muummee ta'e. Mootummaan Israa'el aangoo gadhiisaa jiru seenaa Isra'el keessatti mootummaa partilee saddeet irra walitti dhufuun yadota garaa garaa keessummeessedha.

Bara 1948 booda yeroo jalqabaatiif partii Arabaas of keessatti kan hammatu ture.

Beneet torbee darbe haasaa taasisaniin, "Anii fi Yaa'ir Laapid paartilee keenya tokkoomsudhaaf dhagaan nuti hin garagalchine hin jiru" jechuu akka hin milkaa'in dubbatan Beeniyamin Natanaahon, "lammiilee Israa'el miliyeenatti lakkaa'amaniif kuni oduu gaaridha" jechuun aangoo gadi lakkisuu Beenetitti gammadan. Ragaalen akka agarsiisanitti filannoo haaraa gaggeeffamuuf jedhuun paartin Natanaahoo teessuma heddu ni argata, garuu ammoo mootummaa waloo ijaruf qoramaata cimatu eeggata jedhame.