Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Garee ONLF lamatti qoodamuun quba walitti qabaa jiran keessa tokko mootummaa himate
Bitootessa 02, 2025 (Dilbata) ibsi mootummaa Itoophiyaa komatu maqaa Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) jedhuun Keeniyaa magaalaa Naayiroobii irraa ba'ee ture.
Ibsa kana hordofee guyyaa har'aa (Bitootessa 03, 2025) ibsi kan biraan maqaadhuma dhaabbata kanaan ba'e ibsichi duraan Naayiroobiirraa ba'e akka dhaabbaticha hin ilaallanne eeruun ba'eera.
Ibsi kun Feesbuukii Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naammoo Somaaleetiin kan ba'e yoo ta'e miidiyaaleen mootummaa Itoophiyaa hedduun ibsa kana wal harkaa fuuchuun gabaasaniiru.
Waamicha mootummaan taasiseen Hagayya 2018 Finfinnee kan gale ONLF qabsoo karaa waraanaa dhaabuun qabsoo nagaa akka gaggeessuuf waliigalee ture.
Ibsi ONLF Naayiroobii jiru baase ''mootummaan waliigaltee nageenyaa bara 2018 irra ga'ame ganeera,'' jedha.
ONLF kan biyya keessa jiru ammoo ibsi kenname beekamtii dhaabichaatiin ala ta'uu fi inumaa kan waliigaltee cabse ''mootummaa osoo hin taane warra maqaa ONLF dhahachuun ibsa kana baasedha,'' jechuun ibsa baaseera.
ONLF kan mootummaa komachuun ibsa baasetti dubbi himaa kan ta'an Abdulqaadir Adaani Hirmoogee, ''waliigalteen Onkoloolessa 2018 mootummaa Itoophiyaa waliin mallatteessine sadarkaa naannoottis ta'e sadarkaa federaalaatti hojiirra ooluu hin dandeenye,'' jechuun sababa mootummaa komataniif BBCtti himan.
Qabsoo karaa nagaa gaggeessuun sirna dimokiraasii biyyattii keessatti ga'eesaanii gumaachuuf bara 2021 Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti galmaa'uun filannoorratti hirmaachuuf qophaa'anis mootummaan akka isaan gufachiise himatu.
Yeroo sana ONLF iyyattni rakkoolee galmee filattootaafi dhimmoota biroo ilaalchisee boodichaaf dhiyeesse furmaata argachuu dhabuusaatin filannoo keessaa of baasee ture.
Boordiin filannoos murteen filannoo keessaa bahuu ONLF "adeemsa filannicharratti jijjiirama bu'aas ta'e hojimaataa hin fidu" jedhee ture.
''Yeroo sanarraa eegallee aanga'oota mootummaa dhimmi ilaallatu hanga Ministira Muummee Abiy Ahmaditti dubbisuuf yaalleerra. Garuu fooyya'uu hin dandeenye,'' jedhan dubbi himaan kun.
''Inumaa sochii keenya ugguruu, miseensota keenya dararuu, waajjiraalee keenya weeraruu fi walga'ii keenyatti gufuu ta'aa turan,'' jechuun komii mootummaarratti dhiheessan.
Keessattuu ji'oota torba darban dhibdee mudate kana furuuf mootummaa waliin marii gaggeessuuf yaalanillee, ''mootummaan garuu marii furmaata nuuf fidu gaggeessuurra maloota garaagaraa fayyadamuun jaarmiyaa keenya keessatti qoqqoodiinsi akka uumamu taasise,'' jedhan dubbi himaan ONLF kun.
Gama kaaniin gareen ONLF kan biraan ammoo ''walii galtee nageenyaa Asmaraa irraa ka'uun nageenyiifi misoomni Naannoo Somaaleetti uumame jalqabbii gaariirra akka jiraniifi gaaffileen misoomaa, siyaasaa fi dinagdee ummataa deebii argachaa osoo jiraachuu,'' eere.
Yeroo adda addaatti Jibuutii fi Naayiroobiitti mootummaa waliin mari'achuuf karoorfamee akka ture kan himan Abdulqaadir Adaanii, bara kana Naayiroobiitti mariin gaggeeffamuuf tures gufachuutti mootummaa komatan.
''Mariin hiree murteeffannaa uummata Ogaadeen, egeree loltootaa fi beenyaa miidhamtoota waraanaa irratti fuulleffate akka gaggeeffamu feena turre. Kun hin taane. Dimokiraasii keessattis hirmaachuuf carraa hin arganne. Dhumarratti ejjennoo keenya ibsanne.''
Guraandhala 25, 2025 mootummaa waliin mari'achuuf beellamni qabamee akka ture kan eeran Abdulqaadir Adaanii, ''kanarratti isa dhumaaf ijibbaanne. Kana booda mootummaa marii karaa nagaa hin feene waliin dubbachuuf qophii miti,'' jedhan.
Bu'uura waliigaltee 2018n loltoonni isaa humna nageenyaa naannoo Somaaleetti makamuu akka qaban fi kaan ammoo hawaasatti makamanii jiruu mataasaanii akka gaggeeffatan ta'uu kan eeran qondaalli ONLF kun, yeroo ammaa loltoonni isaanii faffaca'anii akka jiran himan.
''Loltoonni keenya kuma 80 ta'an baayyeensaanii naannoo Somaalee keessa, gariin gara Somaaliyaa, Jibuutii, Yaman fi kaansaanii gara Sa'uudii Arabiyaatti baqatan. Haala hamaa keessa jiru. Dhaaba siyaasaa guddaa taanee osoo jirruu garuu bakki nuuf hin kennamne.''
Dubbi himaan ONLF kun waa'ee garee kan biraan, isaan komachuun ibsa baasee, wayita dubbatan ''garee bara 2020 uumamedha. Isa booda paartii biyya bulchaa jiru (PP)tti makaman. Gareen kun ONLF keessaa dhibbeentaa tokkollee bakka hin bu'u,'' jedhan.
''Bara ADWUI irraa eegalee haala kanaan ONLF qoqqooduun waanuma turedha. Ammas sanumatu itti fufe.''
Akka dubbi himaan ONLF Abdulqaadir Adaanii Hirmoogee jedhanitti dhimmi ONLF amma furmaata hin argatu taanaan, jaarmiyaan hidhattoota lolchiisu kan biraan uumamuunsaa waan hin oolle.
''Kun akka hin taaneef waan nurraa eegamu yaalleerra. Ministira Muummeettis himneerra. Wayita akkas goonu haalli kun akka jijjiiramu abdii qabna turre. Garuu Pirezidantiin Naannoo Somaalee miseensonni ONLF akka biyya keessatti nagaan socho'aa jiran fi akka fedhanitti walga'ii gaggeeffataa jiran dubbate. ONLF [kan isaanii] waliin mari'achuu akka hin feene dubbate. Kun abdii nu kutachiise.''
Kanaan booda mootummaa Itoophiyaa waliin osoo hin taane uummata Somaalee waliin mari'achuuf akka jiran kan ibsan qondaalli kun, marii gaggeessan booda adeemsa qabsoo isaanii kan murteessan ta'uu himan.
Ji'a kana keessa walga'ii uummataa erga gaggeessanii booda Ebla dhufu keessa kora koree giddugaleessaa gaggeeffachuun egereesaanii akka murteeffatan dubbatan.
Gareen ONLF inni biraan ammoo walii galtee nageenyaa Asmaraa kan deeggaruufi qabsoo siyaasaa karaa nagaa jalqabe cimsee akka itti fufu ibse.
Yeroo ammaa mootummaan naannoo Somaalee fi Federaalaa hojiirra oolmaa waliigaltee Asmaraaf gumaacha taasisaniif beekamtii akka kennus ibse.
Akkasumas akkaataa dambii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin dhiheenyatti yaa'ii kan adeemsisuu, murtoowwanii fi kallattiiwwan qabsoo karaa nagaa taasifamu cimsan akka kaa'u beeksiseera.