Baankiin Ameerikaa dhala waggaa 16 keessatti isa olaanaa ta’e dabale

Nama doolaaraa lakkaa'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Baankiin Gidduugala Aeemrikaa dhalee waggoota 16 darban keessatti taasifame isa olaanaadha jedhame taasise.

Baankichi tarkaanfii kana kan fudhate qaala’insa gatii meeshaalee tasgabbeessuuf jedhameera.

Hangi dhala kuusaa Federaalaa kan dabale parsantaa 0.25n yoo ta'u kunis baatii afur keessatti yeroo 10ffaadhaaf jedhameera.

Dhalli amma dabalame kun qabeenyaa diinagdee addunyaa olaanaa irratti liiqeeffattoota irratti baasii kan dabaluudha.

Kana jechuunis namoonni baankiidhaa wayita maallaqa liqeeffatanitti dhalli olaanaa itti ta’a jechuudha.

Keessattuu, filannoon baankii irraa liqeeffachuun nama bitachuu sababii dhalli ol ka’eefuu baayyee rakkiisaa ta’a jedhameera.

Kunis tarii yeroo dhiyoo asitti baankiiwwan kufuudhaan walqabtee murtee dabarafame ta’uunsaa akka hin oollee oggeesoonni diinagdee ni dubbatu.

Rakkoolee kufaatii baankiitiif ka’an keessaa tokko namoota nama bitaniif wabii gahaa fi ofeeggannoo malee liiqaa kennuudha.

Dura taa’aan kuusaa maallaqa Federaalaa, Jeeroom Pool daballiin tibbanaa kun kan dhumaa ta’a jedhaniiru.

Baankiin gidduugala biyyattii dhalli dabalaa kan dhufe, keessattuu qaala’insa jireenyaa bara darbee irraa kaasuun mudateen wal qabateeti.

Dhala dabalaa kan jiranis baankii Ameerikaa qofa osooo hin taane, baankiiwwan UK fi Awurooppaas qaala’insa to’achuuf tarkaanfii wal fakkaataa fudhataniiru.

Dhalli olaanaan mana liiqaa baankiitii bituu rakkisaa taasisuu isaatiin alatti, daldala babal’ifachuufi gaaffiilee liiqaa kaanilleen hin jajajbeessu. Kunis diinagdee irratti dhiibbaa mataasaa qabaachuun hin oollee.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata’u malee, qaala’insa jireenyaa garmalee dabalaa jiru tasgabbeessuuf furmaata gaariidha jedhameera.

Kuusaan Maallaqa Federaalaa hamma dhalaa dabaluu hordofee Ameerikaatti gatiin meeshaalee gadi bu’uu agarsiiseera.

Baatii Bitooteessaa keessa sadarkaan qaalaa’insaa %5niin ture. Kunis waggoota lama keessatti baayyee gadaanaa jedhamuun galmeeffame.

Haata’u malee, kun Kuusaa Maallaqa Federaalaatiif gahaa kan jedhamu hin turre. Qaala’insi parsantaan shanii gara %2tti akka bu’u barbaada.

Daballii dhalaa kan liqaa hin jajjabeessineefi baballchuu bizinasii irratti dhiibbaa mataasaa kan qabu ta’us, diinagdeen Ameerikaa waggoota muraasa darban keessatti hojii umuudhaan bu’aa gaariidha jedhamu galmeessiseera.

Baatii Guraandhalaa darbee qofaa keessatti diinagdeen Ameerikaa carraa hojii kuma 311 uumeera. Ammattis baayyinni hojii dhabdummaa %3.6 qofadha.

Baatii Amajjiitti ammoo baay’inni hojii dhabdummaa %3.4 qofa kan ture yoo ta’u, kunis bara 1969 irraa kaasee waggoota 50 darbaniif isa gadaanaa jedhamuun galmaa’eera.