Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Gaazaatti waraanni yeroo muraasaf dhaabbachuu qaba' - Joo Baayidan
Waraanni Israa'el-Hamaas [yeroo gabaabaf] akka dhaabbatu pirezidaantin US Joo Baayidan waamicha taasisan.
Joo Baayidan kana kan dubbatan Miniyaappolisitti haasaa duula na filadhaa yeroo gaggeessaa jiranitti.
Osoo isaan haasaa taasisaa jiranii namni gidduun itti iyyee dhaabsisuun waraanni akka dhaabatuuf gaafannaan Baayidan kana kan dubbatan.
"Yeroo gabaabaf waraanni dhaabbachuun nu barbaachisa natti fakkaata," jedhan Baayidan. Kunis namoonni butamanii harka Hamaas jiran akka bahaniif carraa akka uumuf kaasan.
Erga waraanni Israa'el-Hamaas eegalee as lammiilen Ameerikaa guyyaa kaleessaa, Sadaasa 1, karaa ulaa Raafatiin gara Masiriitti bahaniiru. Kanneen 400 ta'an ammoo Sadaasa 2 bahuuf eeggataa jiru.
Kanneen bahaniifi bahuuf jiran keessa lammiileen Kanaadaa hin jiran.
Ministiirri Dhimma Alaa Kanaadaa Melaanii Jooli akka jedhanitti lammiilen Kanaadaa, hedduunsaanii lammii Kanaadaafi biyya biraa ta'an, 400 Gaazaa keessatti danqamanii jiru.
Erga Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti haleellaa gaggeessee lammiilen Israa'el 1,400 du'aniiru.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka ibsetti, haleellaa Israa'el gaggeessituun hanga ammaa namoonni 9,000 ol du'aniiru.
Pirezidaanti US Joo Baayidan Sadaasa1 haasa duula filannoo gaggeessaa jiran irratti dubbataniin, waraana kana 'yeroo gabaabaf dhaabun' namoonni hidhamanii [ugguramanii] jiran bahuuf yeroo akka argatan gargaara jedhan.
Qondalonni mootummaa boodarra dubbiin Baayidan kun maal jechuu akka ta'e miidiyaaf ifa godhan.
Asooshiyeetid Pirees akka gabaasetti, Baayidan waraanni yeroo muraasaf haa dhaabbatu jechuunsaanii namoonni Hamaasin butaman akka bahaniifi kanneen deeggarsa namoomaa dhabanii gidiraa keessa jiran deeggarsa akka argataniif ta'uu qondaalota Waayit Haawus irraa odeeffate.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) Gaazatti waraanni akka dhaabbatu murteessuuf Israa'el hin fudhanne.
Sababa waraana kanaan Gaazatti namoonni miliyoona 1.4 qe'eesaanirraa buqqa'aniiru.
Biyyoonni akka US, UK, Kanaadaa, fi Gamtaan Awurooppaa waraanni yoo dhaabate Hamaas carraa of-ijaaruu argata jechuun murtee UN mormanii turan.
Baayidan haasa duula na filadhaa taasisan irratti namni haasaa isaanii dhaabsisuun waraanni akka dhaabatuuf gaafate bakkasanaa erga fuudhamee deemee booda Baayidan dhimmichi "walxaxaa" ta'uu kaasun miira kana kana akka hubatan ibsan.
"Kuni Israa'elotaaf dhimma baay'ee wal-xaxaadha. Biyyoota Musliimatiifis akkasumas dhimma wal-xaxaadha. Jalqabumarraa kaasee furmaata biyya lamaa (two-state solution) deeggareen ture," jedhan.