Nasa'n waggoota 10 dhufanitti namoonni addeessa irra jiraachuu ni eegalu abdii jedhu qaba

The Orion capsule looks back towards the Earth

Madda suuraa, NASA

Maxxanfame

Nasa'n waggoota 10 dhufan keessatti namoonni addeessa irra jiraachuu akka eegalanan eega jedhe.

Qondaalli Eejansii qorannoo hawaa guddichaa, Nasan, waggoota kurnan dhufan keessatti imalan namaa addeessa irra yeroo dheeraaf jiraachuu akka danda’an BBC’tti hime.

Eejjansichatti sagantaa xiyyaara hawaa Lunaar Oriyoon kan hogganan, Howaard Hu akka jedhaniitti, ergamawwan qorannoo saayinsii addeessa irratti gaggeeffamu deeggaruudhaaf manneen jiraanyaa ni barbaachisu.

Oggeessi kunis Dilbata sagantaa Laura Kuenssberg jedhamurratti akka dubbataniitti, rookeettiin Arteemiis kan xiyyaara Oriyoon baattu guyyaa Roobii furgugfamuun ishee ‘‘balaliinsa hawaatti ilmaan namaa taasisan keessatti seena qabeessaadha’’ jedhaniiru.

Oroyoon wayita ammaatti addeessa irraa km 134,000 kan ta’u fagaattee argamti.

Rookkeettiin dheerina meetira 100 qabu Artemiis, buufata hawaa Keeneedii irraa kan furgugfame, ergama qoratoota hawaa gara saatalaayitii lafaatti deebiisee dhufuu qabateeti.

Rookkeettiin kunis ergamasaa jalqabaatiin nama kan hin qabannee yoo ta’u, garuu ammoo roobootii nama fakkaatu keessa kaa’uun balaliinsichi dhiibbaa qaama namaa irratti qabaatu ni galmeessa.

Furguggiisuun rookkeettii guyyaa Roobiii raawwatame kan milkaa’e ta’ulleen, isaan dura baatiiwwan Adooleessaa fi Fulbaanaa irratti yaaliiwwan lama sababii rakkina teekinikaatiin adda cituunsaanii ni yaadatama.

Hawaardi Hu furgugfamuun Arteemiis miira hin amanamne akka itti uumee fi akka abjuusaanii dhugoomseef dubbatan.

Howard Hu is in charge of the Orion spacecraft

Madda suuraa, NASA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘‘Tarkaanfii jalqabaa qorannoo gadi fagoo hawaa gaggeessuuf yeroo dheeraa fudhatuuti. Kun Ameerikaa qofaaf osoo hin taanee, addunyaa guutuufidha’’ jedhan.

Itti dabalunis, ‘‘kun Nasa’f guyyaa seenaa qabeessaa ta’eedha jedheen yaada. Haata’u malee ilmaan namaa balaliinsa hawaa fi namoota qorannoo hawaa gadi fagoo jaalataniif hunda guyyaa seenaa qabeessaati,’’ jedhan.

Hawaard kan yoo himanis, ‘‘gara addeessaatti ol deebii’aa jirra. Sagantaan hojjataa jirruus waliitti fufiinsa kan qabuudha. Kunis xiyyaara hawaatu namoota baatee addeessa irraan gaha,’’ jedhan.

Balaliinsi Arteemiis kan amma taasifamee yoo milkaa’e, tarkaanfiin ittaanu hojjattoota qabatee kan furgugfamu ta’a. Dhummarrattis, qorattoonni hawaa Addeessa irra akka qubatu dubbatan.

Kunis yoo milkaa’ee, waggoota 50 booda kan Appooloo 17 kan Muddee bara 1972tti addeessarra qubateen booda kan yeroo jalqabaa akka ta’u ibsaniiru.

Ergamni amma jiru haala gaariidhaan raawwatamaa jiraachuu kan dubbatan Hawaard Hu, abdiin gara addeessaatti deebii’uu kunis gammachu olaanaa akka isaaniitti uumee himan.