Waa'ee ajjeechaa Dr Israa'el hamma yoonaa maal beekna?

Madda suuraa, Komishinii poolisii Finfinnee
Tibba kana ogeessi fayyaa dargaggeessa ta’e Dr. Israa’el Xilaahun magaalaa Finfinnee naannoo Atilaas jedhamutti itti dhukaafamee ajjeefamuun miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta’eera.
A L I gaafa 28/3/2016 barii sa’aatii 11:00 irratti ajjeechaan kun Dr. Israa’el irratti raawwatamuu Komishiniin Poolisii Finfinnee kan mirkaneesse yoo ta’u, yakka kanaan walqabatees namni shakkame to’annoo jala oolfamuu ibseera.
Miseensa poolisii hojiirra ture Koonistaabil Maakbeel Roobaa, Dr Israa'el itti dhukaasee ajjeese jechuun Komishinii Poolisii Finfineetti Daarektara Sab-qunnamtii kan ta’an Komaandar Itti-aanaa Maarqosa Taaddasee akkaataa ajjeechaa Dr Israa'el BBCtti himaniiru.
''Kutaa magaalaa Finfinnee, aanaa afur iddoo addaa Hospitaala Addis Hiwoot jedhamutti ajjeechaan kuni raawwate,'' jedhan.
Yeroo sanatti Dr Israa'el konkolaataa koodii 3 lakkoofsa gabatee 36734 AA konkolaachisaa ture.
Namni biraa konkolaataa koodii 3 lakkoofsa gabatee 28177 Viitzii qabate ispookiyoo(fuullee cinaa konkolaataa) na jalaa dhahee miliqe jechuun sagalee guddaa dhageessisaa [konkolaataa] Dr Israa'el duubaan hordofaa ture jechuun ibsan Komaandar Maarqoos.
''Sa'atii 11:20 irratti bakka gurgurtaa konkolaataa Faasikaa jedhamu yoo gahan miseensonni ittisa yakkaa naannicha turan. Iyyaafi waci guddaan waan tureef nama miidhaa biraa qaqqabsiisee miliqaa jiru nutti fakkaatetu gommaasaa dhahee dhaabuufan yaale jedha miseensi poolisii qoratamaa jiru.
''Tahus rasaasni kara duubaan erga dhukaafameen booda konkolaataa miidhee lubbuun doktarichaa akka darbuuf sababa taheera,'' jedhan koomaandarichi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Nama ispookiyoon na jalaa rukutee miliqe jedhus qabannee qorchaa jirra.''
Koomaandar Maarqoos, ''miseensi poolisii tokko rakkoon yoo humnaa ol tahe gara samiitti ol dhukaasuu, humna dabalataa waamuu fa'itu irra jiraata ture; maaliif akka kana yaade waan bitaa nama galudha,'' jedhan.
''Dr Israa'el achuma bakka itti dhukaafametti lubbuun isaanii darbuu kutaan qoraanno natti himeera,'' jedhan Koomaandar Maarqoos.
Koomaandar Maarqoos miidiyaa hawaasaa irra odeeffannoon sirrii hin taane baayyeen akka adeemaa jiru himaniiru.
Yeroo tokko tokko poolisiin battalatti odeeffannoo kan hin kennineef adeemsa qorannoo waliin walqabsiisee wantonni gara darban waan jiraataniif akka ta’e Komaandarichi himaniiru.
Yeroo itti aanutti galmee qorannoo dhimma kanaa ilaallee uummataaf ni ibsinas jedhan.
Namoonni gara garaas Dr Israa’el osoo dirqama ogummaa isaa ba’achuuf gara hojiitti ariifatuu kun mudachuun akka guddaa isaan gaddisiise miidiyaa hawasaarratti barreessan ibsataa jiru.












