Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ka’umsi wal dhabdee siyaasaa Somaaliyaafi Puntilaand maaliidha?
Bulchiinsi Somaaliiyaa hanga tokko ofiin of bulchaa turte Puntilaand beekamtii mootummaa federaalaa Somaaliyaatiif kennitu kaasuu beeksiisuun ishee ni yaadatama.
Kaabineen mootummaa Puntilaand Bitooteessa 30, 2024 ibsa baaseen, dhaabbiilee federaalaa irratti amantaa hin qabu, beekamtii mootummaa federeaalaatiif kennaa tures kaasuu ibse.
Murteen bulchiinsa Puntilaand kunis kan dhagahame erga paarlaamaan Somaaliyaa adeemsa falmisiisaa ta’en heerri biyyatti akka fooyya’u Sambata murtee dabarseen boodadha.
Manni maree bakka bu’ootaafi federeshinii Somaaliyaa Bitooteessa 30, 2024 fooyya’insa heera mootummaa biyyatti taasiseen pirezidantiin Ministirri mummee aangoorraa kaasuu dabalatee jijjiramawwan biraa taasisuuf murte dabareen boodadha.
Kaabineen mootummaa Puntilaand Sambata walgahii atattamaa taa’een Puntilaand mootummaa federaalaarraa amantee dhabuu ishee eeruun beekamtii duraan kenne dhaabuu murteesse.
Ofii fooyya’insi heera mootummaarratti taasifame maaliidha?
Miseensoonni manneen marii Somaaliyaa lamaanu boqannaawwan afur jalqabaa heera mootummaa biyyattii irratti fooyya’insi akka taasifamu murteesse.
Boqonnaawwan heera mootummaa Somaaliyaa fooyya’insi irratti taasifames, yaada bilisaan ibsachuu, hirmaannaa dubartootaa, baayyina paartiilee siyaasaa, sirna bulchiinsaa fi kan haala caasaa komishinii filannoo fi daangaa waliin wal qabataniidha.
Haata’u malee madda falmii cimaa kan ta’e jijjirama sirna bulchiinsaa ilaalatuufi kan muudama ministira mummeefi aangoorraa kaasuu ilaalatuudha.
Heerri mootummaa Somaaliyaa boqonnaa 49.1 jijjiramni irratti taasifame, kan pirezidantii kallattiidhaan filataman ministira mummee biyyattii muuduufi aangoorraa kaasuu akka danda’uuf aangoo kenna.
Kanaan dura pirezidantiin ministora mummee muuduu malee aangoorraa kaasuu hin danda’an ture. Ministira mummee aangoorraa kaasuu kan danda’u paarlaamaa qofa ture.
Aakkasumas heera mootummaa foyya’een garuu paartiileen siyaasaa biyyattii keessa socho’an sadii akka hin caalle daangeesseera.
Maddi garaagarummaa siyaasa Puntilaand fi Somaaliyaa maali?
Bulchiinsoota mootummaa federaalaa Somaaliyaa keessatti argaman gurguddoo keessaa tokkoo kan taatee Putilaand, sochii siyaasa waliigala biyyattii keessatti gahee olaanaa qabdi.
Haleellaa Al-shabaab kan raafamaa jirtu Somaaliyaa keessatti Putilaand bulchiinsa haleellaa gadaanaan keessatti mudatuudha.
Erga mootummaan Siiyaad Baarree kufeen booda gareewwan gosaa bulchiinsoota biyyattii keessatti waraanaa gaggeessaa turuudhaan, yeroo mootummaan ce’umsaa biyyattii kara sirna tasgabbaa’aatti ni deebbisa jedhame abdatame hundeeffameetti Putilaand gahee olaanaa qabaa turte.
Somaaliyaa biyyi sirni siyaasaashee irra caalaa karaa gosaatii gaggeeffamuutti, mootummaa jidduugaleessaa deebiisanii caaseechuuf yaaliin wayita taasifametti dureewwan gosa gurguddoonni gahee olaanaa akka qabaatan yaadamuun adeemsicha irratti dhiibbaa taasisaa turan.
Kanaafis namoonni siyaasaa Putilaandiitti argaman ni eeramu.
Bulchiinsi Putilaand bara 1998tti Somaaliyaatti bulchiinsa Putilaand jedhamuun ifatti hundeeffamtes, qaama mootummaa federaalaa baha Kaaba biyyatiitti argamtudha.
Teessoo ishee magaala guddoo Gaarowaa kan taasifatan bulchiitoonni Putilaand, baruma sanatti qaama mootummaa federaalaa ta’un ofiin kan of bulchitu ta’u labsan.
Puntilaand siyaasaa Somaaliyaa keessatti
Bara aangoo Siiyaad Baarreetii kaasee ka’umsa sochii mormii cimaa ta’unshee kan himamuuf bulchiinsi Putilaand, sochiin farra Siiyaad Baarree mootummoota alaatiin deegaramus kan ka’e achumaa ture.
Naamoonni siyaasaa bulchiinsa kanaa biyyattii keessatti jijjiramni akka dhufuuf haala garaagaraatiin sochii taasisuudhaan kan beekaman yoo ta’u, erga bulchiinsi Siiyaad Baaree kufeen booda adeemsa Somaaliyaatti mootummaan tasgabbaa’aan akka hundeeffamuf taasifame keessatti gahee murteessaa qabu ture.
Namoonni siyaasaa kunneenis bulchiinsa Putilaand to’achuun alatti, motummaa jidduugalaa Somaaliyaa keessattis dhibbaansaanii kan mulatudha.
Namoonni tokko tokko akka jedhaniitti Putilaand ‘haadha mootummaa federaalaa’ Somaaliyaa jechuun cimina gahee isaanii ibsu.
Kanaanis hojiiwwan tokkoo tokkoo mootummaan jidduugalaa raawwatuufi murteewwan dabarsu irratti gaheen namoota siyaasa Putilaand barbaachisaa ta’e tureera.
Dureewwan Putilaand murteewwan morman ykn kan hin deeggarre fudhatamummaansaanii gadaanaa ta’un alatti, motummaarratti mormii cimaa kan hordofsiisaniidha.
Mudamniifi filannoowwan mootummaa federaalaa keessatti taasifaman baayyeenis kan karaa deeggarsa Putilaandiin taasifamuun dhiyaatan ykn kan karaa marii isaan waliin taasifamuutiin raawwatamaniidha. Kanaafu, mudamni motummaa federaalaa deeggarsa dureewwan Putilaand hin arganne dhumnisaa maala akka ta’e beekamaadha.
Amma sababii foyya’insa heera mootumaaatiin dureewwan Putilaand waliin osoo walii hin galiin kan hafan pirezidantiin Somaaliyaa gara aangootti kan dhufan deeggarsa Putilaandiin akka ta’e himama.
Pirezidantiin duraanis filannoodhaan kan injifataman dureewwan bulchiinsichaa waan fula dhoowwataniif akka ta’e ibsama.
Morkii aangoo
Puuntilaand murtoon fooyya’insa heeraa deeggarsa hin kennineef pireezidantiifi mana maree biyyattiin ragga’eera.
Kunimmoo Puuntilaand siyaasa Somaaliyaa keessatti dhiibbaa qabdu gaaffii keessa galchuufi gara fuulduraatti shoora qabdu kan xiqqeessu tahuu mala jechuun ifattii foyya’insa taasifame mormiteetti.
Kana malees beekamtii mootummaa federaalaaf kennitu kaasuun hariiroo biyyoota alaa wajjin qabdu kallattiin taasisuuf murteessiteetti.
Puuntilaandiifi mootummaa federaalaa Somaaliyaa gidduu rakkoon wal-fakkaataa mudatee kan beeku yoo tahu akka miilanaa jabaafi mootummaa federaalaaf kan beekamtii dhorku hin turre.
Hogganooti Puuntilaand deeggaruun gara aangootti kan fidan Hasan Sheek Mohaammuud fi namoota siyaasaa bulchiinsattii gidduu dorgommiin aangoo jiru fooyya’insa heeraa kanaan ifatti baheera.
Hogganooti Puuntilaand fooyya’uu heeraa irratti gaaffiin ykn mormiin ifatti kaasan jiraachuu baatus murtoo mootummaa federaalaa beekamtii dhorkuurra gahaniiru. Kunis Somaalilaanditti aansuun bulchiinsi mootummaa federaalaa irratti fincile akka uumamuuf sababa taheera.
Dabalataan bulchiinsoti qaama mootummaa federalaa tahan murtoo kana mormuun cinaa akka dhaabbatan gaafataa waan jirtuuf muddamni siyaasaa marsaan biraa biyyattii keessatti uumama yaaddoo jedhu fideera.
Wal-dhibdee namoota siyaasaa
Hogganaan Puuntilaand filannoo pireezidaatummaa bara darbe taasifameen mootummaa federaalaa keessatti shoora ijoo akka qabaatan yaaduun teessoo pireezidantii ykn ministira mummee akkaan barbaadanii turan.
Tahus marii cufaan taasifameen Hasan Sheek Mohaammudiif deeggarsa kennaniiru.
Haasaa marii kanarratti taasifameen Puuntilaand irraa namni dhiyeeffamu aangoo akka qabatu barbaadanillee, pireezidantichi murtoo ofiin gosoota Puntilaand keessaa tokko muuduun namoota siyaasaa kunneen hin gammachiifne. Wal-dhibdeen asitti eegale.
Hogganooti Puutilaand nama irratti waliigalanii filatan waan hin taaneef pireezadantii akka filataman taasisanirraa fuula garagalchaa jiru.
Mootummaa Hasan Sheekiin dadhabsuufi pireezidantiiwwan duraanii waliin garee uumuu waan barbaadan fakkaatu. Kanaafis torban darbe pireezidantiiwwan mariidhaaf Gaaraweetti argamuun ibsameera.
Heera fooyyessuu irratti shoora ijoo kan qabu aangoon ministira mummee pireezidantii jala ooluun warra Puuntilaand hin gammachiifne.
Kanaan dura ministirri mummee Somaaliyaa kan geggeefamu mana mareedhaan tahus heera fooyya’en garuu aangoon kuni gara pireezidantiitti darbeera.
Beekamtii mootummaa federaalaaf kennan kaasanillee hogganooti Puuntilaand waliigaltee faayidaafi fedhii isaanii kabajuurra yoo gahan murtoo isaanii duubatti deebisu jedhameetu eegaama.
Kanaan dura wal-dhibdeewwan mootummaa federaalaa waliin uumaman akkuma mariidhaan hiikaman ammas waanuma wal-fakkaataatu eegama.Kanaanis Puuntilaand mootummaa federaalaa keessatti fedhiifi dhiibbaa ishee kabachiisuu dandeessi tilmaamni jedhu jira.
Somaaliyaa irraa adda bahuun Puuntilaandiidhaaf hiika attamii qabaata?
Mootummaa federaalaa beekmatii dhorkuun biyyoota alaa wajjin kallattiin hariiroo uuma jechuun akka bilisummaatti ilaalamus Puuntilaand garuu, ‘’biyya walabaati,’’ jechuun of hin labsine.
Akka Somaalilaand walabummaa otoo labsattee garuu gama diinagdeen of deeggaruun rakkisaa itti tahuu mala.
Somaaliyaan baasii biyyaaf deeggarsa biyya alaarratti hirkattus bulchiinsota jala jiraniif garuu deeggarsa taasisuuf dirqama qabdi.
Horii deeggarsaan argamurraa hogganooti Puuntilaand kan nuuf malu argachaa hin jirru komii jedhu irra deddeebiin kaasnillee, Somaaliyaa irraa guutummaan foxxoqu taanaan garuu deeggarsa hamma tahellee argatan dhabuuf deemu.
Muddamni Somaaliyaa fi Puuntilaand gidduutti uumamu garee al-shabaab irratti duula adeemsifamaa jiru laaffisuu mala sodaan jedhus uumameera.
Pireezidantiin Somaaliyaa ammaa Hasan Sheek Mohaammuud gara aangootti yoo dhufan ajandawwan isaanii ijoo keessaa al-shebaabiin loluu akka tahe ibsanii turan.
Raawwii kanaafis kutaalee biyyattii garagaraa keessatti duulli waraanaa adeemsifamaa jira. Garaagarummaan siyaasaa Somaaliyaa fi Puuntilaand miilanaa kuni duula kana dadhabsuu mala tilmaamni jedhu jira.