Hospitaalli Ispeeshalaayizdii Xibaba Giyoon Bahiirdaaritti argamu sababa waraanan cufame

Madda suuraa, BAHIR DAR UNIVERSITY
Yuunivarsiitii Bahiirdaar Kolleejjii Waldhaansafi Sayinsii Fayyaa jalatti kan argamu Hospitaalli Ispeeshalaayizdii Xibaba Giyoon sababa walitti bu’iinsa naannoo Amaaran tajaajila dhaabuu maddeen BBCtti himan.
Hojjattoota yuunivarsiitichaafi gageessitoota Yuunivarsiitii Bahiirdaar irraa akka mirkaneeffatetti hospitaalichi yeroo ammaa idilee hojjataa ture dhaabera.
Maqaansaanii akka dhahamu kan hin feene ogeessi fayyaa hospitaalichaa tokko, Hospitaalli Xibaba Giyoon gaafa Roobii Fulbaana 11 irraa eegalee hojii addan kutuu dubbatan.
Pirezidaantin Yuunivarsitii Bahiirdaar Dr. Fireewu Tagany BBCtti akka himanitti hospitaalichi dhukkubsatoota alaa fudhataa akka hin jirreefi sababa wal-gahiirra jiraniif odeeffannoo bal’aa kennuu akka hin dandeenye himan.
Ogeessi fayyaa BBCn dubbise ammoo, “Miseensonni raayyaa ittisaa osoo naannoo sana socho’aa jiranii eessaa akka ta’e kan hin beekne dhukaasni irratti baname. Kanaaf deebii kennuuf jecha dhukaasaa gara hospitaalichatti seenan. Dhukaasni kallattii hospitaalaa irraa baname yaadanii natti fakkaata kan seenan."
“Sana booda gamoo irratti meeshaa camadanii kaa’an. Hojjattoonni hospitaalichaa kana gaafa argan yaaddon itti dhagahamee bahuu eegalan,” jechuun sababa hojiin hospitaalichaa itti addan cite ibsu.
Dabaluunis, raayyan ittisaa “namoota miidhamanii hospitaala seenaniifi Faannodha jedhanii yaadan fuudhanii gaafa bahan, haalli nageenyaa amansiisaa waan hin taanefi hojii hojjachuuf haalli mijataa waan hin turreef dhiisanii bahan. Sababa kanaan hospitaalli hojii dhaabe,” jechuun ibsan.
Rayyaan ittisaa gamoowwan hospitalichaarratti meeshaa camadanii kaa’anis dhukaasa hin banne, hospitaalicharras miidhan gahes akka hin jirre dubbatu ogeessi fayyaa kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barsiisaan Yunivarsitii Baahirdaar maqansaanii akka eeramu hin barbaadne kan biraas hospitaalichi hojii dhaabuu mirkanneessuun, ‘‘nannoo hospitaalichaatti lolli gaggeeffamaa hakiimoonni tasgabaa’uun tajaajila kennuu hin dandeenyee,’’ jedhan.
Hidhattoota Faannoo fi miseensoota raayyaa ittisaa jidduutti dhiheenya hospitaalaatti lolli gaggeeffamee akka ture himan.
‘‘Walitti bu’insatu ture, garuu hospitaala biraa kan gahe hin turre. Xiis Abbaayirratti walitti bu’insi ture. Walitti bu’insichis harkifamuun gara Sabaatti Amiiti dhufe. Hospitaalli kan ture kallattii kibbaan yoo ta’u, walitti bu’insichi kan ture kallattii kaabaatiin. Achiinis sababii garaa garaatiin namoota hospitaala seenan filanii haleelluu yoo eegalan, hakimoonni dhiisanii bahu eegalan‘‘ jedhan.
Oggeessi fayyaa kun gamasaanitiin, ‘‘oggeessoota fayyaa Faannoodha jedhanii yaadanis fudhataniiru. Oggeessi fayyaa tokkoos rasaasaan rukutame wallaansarratti argama‘‘ jedhan.
Maddii BBC kunis ammaan tanattis naannichi raayyaa ittisaatiin marfamu kann ibsan yoo ta’u, namoonni, lubbuusaaniif yaadda’uun naannicha gadi dhiisanii bahaniiru jedhu.
Oggeessi fayyaa hospitaalicha keessa hojjatan kunnis raayyaan ittisa biyyaa gara hospitaala ispeeshaalaayizid Giyoon Xibaba osoo hin seenin dura namoota nagaa irratti miidhaan qaqabu dubbataniiru.
‘‘Miidhamuun alattis kanneen ukkaanfamanii fudhatamanis jiru. Kanneen gudeedamanis turan. Jaha kan ta’anis hospitaala seenuun wallaansi taasifameefii ture," jedhan.
Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa Biiroo fayyaa naannichaa fi Komaandi Poostii yeoo Muddamaa naannichaa irraa argachuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.
Hospitaalli Ispeshaalaazid Giiyoon Xibab, Baahir Daari irraa kallattii Finfinneetiin fageenya kiloometira tobaarratti Magaala xiqqoo Sabaatti Amiiti jedhamu keessatti argama.












