Somaaliyaatti xayyarri namoota 30 fe’ee deemu osoo bu’uuf jedhuu kufee caccabe

Xiyyaara kufee caccabe

Madda suuraa, ,ALI HASSAN AL

Maxxanfame

Xayyaarri buufata xayyaaraa magaala guddoo Somaaliyaa Mogadiishotti osoo bu’uuf jiru kufus balaan namarra gahe hin jiru jedhame.

Xayyaarichi yeroo kufu sana namoota 30 fe’ee ture jedhame. 

Bakka xayyaarrichi itti kufetti balaan abiddaa mudachuu irraa kan ka’e aarri guddaan samii gahee mul’ata. 

Hojjattoonni itti balaa abiddaa hatattamaan bakka buufata xayyaaraa balaan itti mudate qaqqabuun tattaaffii godhaniin abiddicha dhaamsuu danda’aniiru.

Xayyaarichi erga kufee booda garaan isaa ol garalee suura irraa mul’ata. 

Angawaan biyyattii tokko akka jedhetti, xayyaarichi kan Daandii Xiyyaara Jubaa yoo ta’u balalii biyya keessatiin magaala Baayidowaa irraa ka’e gara magaala guddoo Somaaliyaa Moqadiishoo deemaa ture. 

TVn biyyaalessaa Somaaliyaa aangawoota daandii xayyaara biyyattii waabeffachuun akka gabaasetti namoonni xayyaaricha keessa turan hundi baraaramaniru. 

Sababni balaa kanaa garuu hanga ammaatti waanti ifa ta’e hin jiru.