Namichi tokko Mootii Chaarles III'tti hanqaaquu darbachuu isaatiif adabame

Harii May

Madda suuraa, PA Media

Maxxanfame

Namichi Mooticha Chaarles III wayita bakkee keessa deemaa jiranitti hanqaaquu/buphaa itti darbatee yakkamaadha jedhame tokko adabbiin itti murtaa'e.

Namni maqaan isaa Harry May jedhamuufi umuriin isaa waggaa 21 ta'e, gaafa Mudde 06, wayita Mootichi safara Luuton jedhamu keessa deemaa jiranitti hanqaaquu itti dabachuun yakka raawwateera.

Manni-Murtii Westiminister akka dhimmicha dhaga'etti namni Luuton keessa Daandii Saawoz Moreeton ta'e May daawwannaan mootiin "safara iyyeessaa" daawwachuun "waan fokkuudha" jedhee akka yaadedha.

Himatamaan maqaan isaa guutuun Harry Spartacus May akka ta'e himate kun yakka raawwate kanaaf Paawondii 100 adabamuun Paawondii 85 ammoo baasii bahe akka kaffaluuf itti murtaa'eera.

Wayita taateen kun uumametti Mooticha tuuta Galma Magaalaa Luuton ture keessaa qondaaltota eegumsaan qofaatti baafamanii, isaan booda garuu yeroo gabaabaa keessatti gara daawwannaa isaaniitti deebiyaniiru.

Abbaa Alangaa Jaason Seetaal akka jedhetti, wayita Mootichi miseensota hawaasaa waliin dubbachaa jiranitti May waa itti furguugsuu isaa argee poolisiin qabe.

Maxxansa Facebook irra dabri
Qabiyyee Facebook hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Facebookimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa Facebook

May jechooota doorsisaa/arrabsoo rifaasisu ykn yaaddoo uumuu danda'u fayyadamuu isaatiifi amala badaa miidhaa qaqqabsiisuudanda'uun agarsiisuu isaatiin himatame.

Mr. Seetaal akka jedhetti, yeroo qondaaltoonni isa gaafatanitti May akkas jechuun iusaanitti dubbate: "inni kana kan godheef Mootichi magaalaa Luuton fakkaattu kan badduufi naannoo iyyeessaa taate daawwachuun waan hin malle akka ta'etti amanuuf kun akka beekamu gochuu barbaadeeti."

Yeroo dhimmi isaa mana-murtiirratti dubbifamu May kishaafa/ilaaltuu ijaafi jaakkettaa humna galaanaa uffatee bakka daangeffame keessa callisee taa'aa ture.

Abokaatoon himatamaa Aleeks Been mana-murtiitti akka himetti, maamilli isaa gocha isaa kanatti "baayyee kan gaabbeefi" kana gochuu isaatiif ammoo waan itti murtaa'u ni fudhata."

Abokaatonni isaa dabaluun "nama cimaafi ajaja maatii kan kabaju" kan "waa'een hawaasa naannoo isaaf dhimamudha" jechuun isa ibsan.

Dursaan abbootii seeraa Paawol Gooldispiriint May akka hubatuuf yeroo itti dubbatanitti akkas jedhan: "Nama kamiyyu waliin wal dhibdee kamiyyu qabaattu, karaan ittiin furtu waa isaanitti darbachuutiin miti."

Mooticha Chaarlees III hawaasa keessatti

Madda suuraa, PA Media

Mr Gooldispriing himannaa haati May akka inni wanta tokko gara kallattii namoonni beekamoon jiranitti darbachuu akka "sodaatan" taasisuu danda'u "dhugaatti hin hubanne ture" jedhu fudhachuu didee waan godhetti akka gaabbe ibsuu isaa ammoo fudhateera.