'Qormaanni sijabeessuu malee silaaffisuu hinqabu'-Dargaggoo Gaaddisaa Saanii

Gaaddisaa Saanii

Madda suuraa, Gaaddisaa Saanii

Maxxanfame

Maqaankoo Gaaddisaa Saanii Mahaammadin jedhama, dargaggeessa umrii waggaa 26’ti. Godina Harargee Lixaa aanaa Habroo magaalaa Balballeettii keessattin dhaladhee guddadhe.

Dheerinakoo dhiyeenyatti hinsafarre garuu meetira tokko akkan caalu nan beeka. Waggaa dheeraa dura dheerinnikoo meetira tokko fi seentimeetira 10 ture, san booda yoon dheeradhe hinbeeku malee.

Nama Fayisal Dheeraa Galamsoo jedhanintu jalqaba “dheeraa” naan jedhe. Isarraa dhagahanii namootni iddoo garagaraatti yemmuu na argan “dheeraa” naan jedhu. Anis kolfeetuman ‘tole’ jedhee qeebala.

Yeroo ijoollummaakoo magaaluma Balballettii keessattin dabarse. Barnoota sadarkaa lammaffaa immoo magaalaa Harar keessattin qara’e.

Haalli guddinakoo akkuma nama kamiiyyuu ta’us yeroo tokko tokko keessattuu iddoo tokkoo gara iddoo biraa yeroon deemu qormaatawwan namudatan jiru.

Yeroon ani magaalaa Balballeettiirraa gara iddoo biraa deemu namootni baay’ee na ilaalu. Namootni baay’ee na ilaluun isaanii ‘Maali?” kan jedhu yeroo tokko tokko gaaffii natti ta’a. Yeroon namootni akka si argan hinfeenes ni jira.

Haa ta’u malee saayiboonni nagargaaran waan jiraniif qormaata sana laaftumattin keessa kute.

Kalaqni fedhii yeroo ijoollummaakoo ture…

Kalaqni fedhii yeroo ijoollummaakootii kaasee qabudha. Kalaqa yeroon jedhu meeshaalee xixiqqoo kan akka DVD, CD, raadiyoo fi kkf suuphaan ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waa haaraa tokko argachuun miira guddaa nakeessatti uuma. Wanta xiqqoo takka dalagee bu’aashee yemmuun argu wanti hagas nagammachiisu hinjiru.

Fedhii keessakoo jiru kana milkeessuuf barnoonni dirqama waan ta’eefis fedhii keessakoo jiru gabbisuuf jecha barumsarratti cimuu danda’e.

Barnootakoo kutaa 12ffaa magaalaa Harar Mana Barumsaa Abubakar jedhamutti ergan xummuree boodas fedhiinkoo barnoota moosaajii fi tekinoloojiin walqabatu Saayinsii Kompiitaraa (Computer Science) barachuu ture.

Kanaafis ALA bara 2017 Yunivarsiitii Haramaayaatti mummee barnootaa ‘Software Engineering’ seenuun barachuu eegale.

Yunivarsiitii ergan seenee booda qormaata iddoon itti dhaladhe fi guddadhee adda ta’etu namudate. Namootni sin hubatan, kana malees haalli qilleensaa qorraa waan tureef turtiin seemisteera tokkoffaa baay’ee qormaata natti ta’ee ture.

Kana malees mooraan yunivarsiitii iddoo namootni itti baay’atan waan ta’eef namootni jireenya ofii qofarratti xiyyeeffatu. Booda garuu namootaan walbaruu fi walitti dhufuu eegale.

Ilma namaatiif qormaanni dirqama jedheen amana. Kanaafuu qormaanni sijabeessuu malee silaaffisuu hinqabu.

Gaaddisaa Saanii

Madda suuraa, Gaaddisaa Saanii

Kalaqawwankoo…

Yunivarsiitii keessatti yemmuun baradhutti hojiilee kalaqaa heddun dalagaa ture. Isaan keessaa roobootiiwwan xixiqqoo ni argamu.

Wantootni ani kalaquu barbaadu wantoota ilma namaa fayyadan, haala salphaadhaan waan takka dalaguu akka danda’an kan godhanidha.

Wayitan ani yunivarsiitii turettis roobootii ‘kids challenge mini robot’ jedhamtun hojjedhe. Roobootiin tun daa’imman qormaata isaan mudatanirraa ofbaraaruu akka danda’an kan barsiisudha.

Roobotichi yeroo ati itti deemtu duubatti sijalaa deema; yemmuu irraa fagaattu immoo sitti as deema.

Kalaqni inni biraan ani dalage immoo moosaajii marsariitiiwwan yunivarsiitiiwwan hunda iddoo tokkotti qabatedha.

Moosaajiin kun barattootni yeroo galmees ta’e odeeffannoowwan yunivarsiitiiwwaniin qoodaman salphaatti iddoo tokkotti akka argatan kan taasisudha.

Pirojektiin ani dalage inni biraan immoo meeshaa haalli qilleensaa mana keessaa yeroo hoo’e kan qabbaneessu fi yeroo qabbanaa’e hoo’isudha. Meeshaa kana wantootuma naannookoo jiran irraayin hojjedhe.

Gaaddisaa Saanii

Madda suuraa, Gaaddisaa Saanii

Maashina daabboo tolchu…

Bara faranjootaa 2021 barnootakoo xummuree ergan ebbifamee boodallee hojii kalaqaa itti fufe.

Ani daabboo nyaata hunda waliin yeroo heddu nan fayyadama. Haa ta’u malee magaalaa Balballeettii keessatti daabboon baay’inaan hin argamu.

Guyyaa tokko mucaa mana daabboo qabu tokkoon “daabboon jiraa?” jedhee gaafannaan “hinjiru” naan jedhe. Maalif akka ta’e gaafannaan sababa qaala’iinsa qoraaniin daabboo tolchuu dhiisuusaa natti hime. Anis ‘maashinii daabboo tolchu’ nan hojjedha jedheen.

Sana booda gara Finfinnee dhufee maashina daabboo tolchu ilaale, intarneeta irratti barbaaduunis qoradhe. Meeshaalee maashinicha hojjechuuf na barbaachisan bitees pirojeekticha eegale.

Maashina kana ‘torbee tokko keessattin hojjedha’ jedhee yaadeen ture, garuu waggaa tokko natti fudhate. Yeroo 28’f yaaleen al 29’ffaa irratti naaf milkaa’e.

Maashinni daabboo yeroo dhiyoo xummuree ebbisiise kun maashina daabboo awutomaatikii humna elektiriikaa xiqqaadhaan hojjetudha.

Maashinni kun mana lama fi paatraa jaha qaba, giddugaleessaanis sa’aatii shan keessatti daabboo xixiqqoo 5,000 tolchuu dandeessisa.

Kana malees, maashinni kun moosaajiin kan ajajamu fi itti fayyadama anniisaa elektiriikii dhibbeentaa 75’niin kan hir’isudha. Dabalataan salphaatti suuphamuu kan danda’udha.

Maashinni kun jireenyakoo ni jijjiira jedhee waan yaaduuf yeroo dheeraa itti fudhadhee hojjedhe. Karoorrikoo gara fulduraas maashina kana baay’inaan omishee hawaasaaf dhiyeessuudha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Gaaddisaa Saannii: Dargaggoo pirojektoota rakkoo hawaasaa furaniin milkaa'a ajiru