Dargaggoon ganna 21 iccitii mootummaa US baasuunn akkamiin shakkame?

Madda suuraa, intagram
Miseensa humna waraanaa kan ta’e dargaggoon umurii ganna 21 akkamiin iccitii cimaa mootummaa US akkamiin argachuu danda’ee shakkamaa ta’e?
Dokimantoota basasaa argachuun kan yaadamuun ol wanta baramaa ta’edha.
Jaak Teksiyeera, kan Jimaata mana murtiitti dhiyaate, hojjetaa eegumsa interneetaa Humna Waraana Qilleensaa US ture.
Akka marsariitiin Humna Waraana Qilleensaa US eerutti, ga’ee hojii isaa kanaan qacaramuuf ulaagaaleen barbaachisaan muraasa turani.
Kan akka barnoota sadarkaa lammaaffaa fi “qorannoo seenaa isaa”, kan akka ogeessoti jedhanitti qorannoo hanga tokko ga’umsa qabudha.
Qacaramuun dura qorannoon seenaa isaa irratti taasifamu seenaa barnootaa, diinagdee fi hariiroo inni namoota waliin qabu, akkasumas namoota inni beeku waliin gaaffii fi deebii taasisu of keessatti qabata.
Umurii ganna 21’tti odeeffannoo olaanoo baruuf eeyyama argachuunis, wanta haaraa miti.
“Namoota umurii isaa ta’aniif odeeffannoo dhokaataa akkanaa arguuf bakki kun baramaa kan ta’edha,” jedhu Wiirtuu Sagantaa Eegumsaa Biyyaleessa Teeknoolojii irraa Aleksaandariyaa Seeymuur.
Akka gabaasa Ministeera Ittisaatti, miseensota human waraanaa US keesaa walakkaa kan ta’an dargaggoota umurii 25 ykn isaa gadi ta’anidha.
Itti gaafatamummaan hojii Jaak Teksiyeera ammallee sirritti ifa taasifamuu baatus, Aadde Siimoor akka jettutti hojiin isaa tarii akka inni odeeffannoo basaasaa hedduu ilaaluuf kan isa gaafatu ta’uu danda’a.
“Yeroo hedduu namootni sadarkaa isaarra ta’an hoggantoota gargaaruun hojjetu, kanaaf yeroo hoggantootaaf gabaada qopheessutti ykn hojii walitti qabutti eeyyama odeeffanoo kunneen ilaaluu kennamuufi danda’a.”
Jijjiirraan 9/11 taasifame iccitiin hedduu akka ba’uu taasisuu mala
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yunivarsitii Biruunel’tti barsiisaa qorannoo basaasaa fi eegumsaa kan ta’e Daan Lomaas akka jedhutti, human waraanaa US fi dhaabbata basaasaa keessatti namootni kumaatamaan lakka’aman odeeffannoo kunneen arguu ni danda’u.
“Gulaaltonni odeeffannoo hanga danda’ame akka argataniif jecha hojiii taasifamu keessaa ia tokkodha,” jedha.
“Kana jechuun ammo hojiin kun odeeffannoo miliqanii ba’uu danda’anitti balbala banuu danda’a jechuudha.”
Hojiin kun kan eegale haleellaa Fulbaana 11 Niw Yoork fi Washingitan irratti gaggeefamee boodadha jedha, yeroo kanatti dhaabbilee mootummaa US giddutti odeeffannoo waliif qooduun dhibuun isaa rakkoo isa ijoo ta’uun isaa mootummaan adda baafamee ture.
Jaak Teksiyeera akkamiin odeeffannoo iccitii ta’an kunneen buufata waraanaa keessaa waraqaanis ta’e digitaalaan fudhatee akka ba’e ammallee ifa miti.
Obbo Lomaas akka jedhutti garuu kanaan duras eegumsa cabsanii darbuun - akka Edwaard Isnoowden fi Chelsii Maanniing icciti itti baasanitti – qajeelfamni hojii eegumsaa yeroo hunda sirritti akka hojiirra hin oolle kan agarsiisudha.
Abukaatoon eegumsa biyyaalessa, Maark Zaayud akka BBC’tti himetti, hojiin Jaak Teksiyeera Sirna Kominikeesinii Basaasa addunyaa Waliinii ykn JWICS, kan baasasa US’f akka “man kuusaa odeeffannoodha” jedhu, ilaaluu akka danda’u isa taasisa jedha.
Akka himata dhiyaatetti, hojiin Jaak Teksiyeera sirna odeeffannoo iccitii keessa yeroo muraasa akka isa galchee akka turee fi torban darbe yeroo odeeffannoon kun miidiyaalee irratti ba’uu eegalan , jecha “miliqsanii baasuu” jedhu interneeta irratti barbaadaa akka ture argameera.

Madda suuraa, DEFENSE INTELLIGENCE AGENCY
Qaawwaan sirna keessa jiru ifa ta’e
Gaafa Kamisaa Dubbi Himaan Humna Ittisaa US, Looyid Oostin, dhimmaa odeeffannoo basaasaa argachuu irratti jijjirraan taasifamu ibsee ture.
Ibsa miidiyaaleef kenne irratti, “miseensotni taajaajila US, lammileen sivilii fi kontiraaktaroonni Ministeera ittisa hundi, kana odeeffannoo iccitii ilaaluuf eeyyama qaban itti gaafatamummaa seeraa fi namuusaa odeeffannoo kunneen kunuunsuu fi amala ykn sochii shakkisiisuu ta’an kamuu gabaasuu qabu” jedheera.
Obbo Loomaas garuu akka jedhutti, haawaasni basaasaa US “yeroo cimaa” seenaa kan jiru fakkaata, akkasumas dhorkiin haaraan kaa’amu dhaabbilee gidduutti odeeffannoo walii qooduun akka hir’atu taasisu mala.
Nato’tti ambaasaaddara US kan ture, Kart Voolker, seera tumtoonni US odeeffannoon basaasaa akka qondaaltota olaanoo bira ga’u ni barbaadu jedha.
“Odeeffannoo raabsuu qabda, garuu karaa ogummaa qabuun gochuu qabda,” jechuun BBC’tti himeera.
Dhuma irratti jetti Adde Siiymoor, sirni basaasaa odeeffannoo akka eeganiif nama irratti hirkata.
“Akkamiin namoota kunneen akka odeeffannoo kunuunsaniif leenjisaa jirra kan jedhu irratti gaaffii kaasa,” jetti. “Qaawwaa sirna keessa jiru kan agarsiisaa jira… garuu amantaa ati namoota irra keessuus sadarkaa qaba, sadarkaan sun sababaa sirriif kaa’ameera.”
Odeeffannoon qondaala FBI kenname akka eerutti Jaak Teksiyeera hojii isaa eegaluu dura “waliigaltee jireenya isaa guutuuf akka iccitii hin bane jedhu mallatteeseera,” akkaumas, odeeffannoo kunneen gadhiisuun himata yakka irratti baniisuu akka malu beeku qana ture.
Jaak Teksiyeera amma himatni yakkaa irratti banameera.












