Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dorgommii Atileetiksii Addunyaan Itoophiyaan warqee lammataa argatte, medaaliyaan biroo eegaman kam fa'i?
Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Hangaarii, magaalaa Budaappeestitti gaggeeffamaa jiruun Itoophiyaan warqee lammataa argatte.
Dorgommii Maraatoonii Sambata gaggeeffameen Atileet Amaanee Bariisoo fageenya kanaan mo'achuun medaaliyaa warqee Itoophiyaaf argamsiifte.
Atileetiin Itoophiyaa biroo Gotayitoom Gabrasillaasee ammoo lammaffaa bahuun meetii argatte.
Atileetiin Morookoo Fatima Ezzahra Gardadi ammoo sadaffaa bahuun nahaasa ennaa argattu, atileetiin biroo Itoophiyaa Yaalamzarf Yahuwaalaw 5ffaa xumurte.
Atileet Amaanee Bariisoo dorgommii maraatoonii kana sa'aatii 2:24:23 fiiguuni kan mo'atte.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad injifannoo kanaan gammachuu itti dhagahame gama marsaalee hawaasaa isaaniin barreessaniiru.
Dabaluunis: "Tokkummaadhaan hojjennee injifannoo guddaa dabalataa hedduu galmaan gahuu ni dandeenya!" jedhan.
Itoophiyaan dorgommii Hangaarii, Budaappestitti gaggeeffama jiruun medaaliyaa warqeefi meetii maraatoonidhaan argatte dabalatee medaaliyaawwan saddeet sassaabbattee jirti.
Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatti leenjisaa fiigicha dheeraa kan ta'an Gargaaraa Komishinaraa Huseen Shiboo, dorgommii maraatoonii irraa medaaliyaa dabalataa akka eegan gaafa Jimaataa BBCtti himan.
"Dorgommii jahatu hafa. Jahaan keessaa shan irratti qabxiin olaanan ni galmaa'a, medaaliyaas ni arganna kan jedhu abdii qabna," jedhanii turan.
Akkuma isaan jedhan Sambata atileet Amaanee Badhaasofi atileet Gotayitom Gabrasillaasee dorgommii maraatoonii dubartootaa 1ffaafi 2ffaa ta'uun injifachuun Itoophiyaaf medaaliyaa dabalataa argamsiisaniiru.
Akka Huseen Shiboo jedhanitti Itoophiyaan kanaan booda dorgommiiwwan afur irraa medaaliyaa dabalataa ni eegdi.
Dorgommiiwwan medaaliyaan irraa eegaman kunneen: dorgommii fiigicha gufachiisaa meetira 3,000 kan dubartootaa, fiigicha meetira 5,000 kan dhiirotaafi dubartootaa akkasumas maraatoonii dhiirotaadha.
Fiigicha meetira 5,000 irratti Noorweey irraa morkiin cimaa Itoophiyaa akka eeggatu himan Huseen Shiboo.
"Kuma shan dhiiran Noorweey irraa mucaan Jaakob cimaadha. Mucaan tokkos kan Ispeen baay'ee cimaadha. Haa ta'uummoo, atileetonni keenyas isaan kanaaf haaluma salphaatti waan harka laatan natti hin fakkaanne.
"Gama dubartootaanis isheen rekardii cabsite Feez intalli Keeniyaa sun jirti. Isheen ammas cimtuudha, haala gaarirra jirti," jechuun Siifan Hasan irraas atileetota Itoophiyaa dorgommii cimaan akka eeggatu himan.
Fiigicha meetira 5,000 dubartootan atileetonni Itoophiyaa afur gulaallii kan darban yoo ta'an atileetonni Keeniyaa ciccimoon lamaafa Neezarlaandif kan fiigdu Siifan Hasan dorgommicha cimaa akka taasisaniifi kanarraa warqee akka eegan himan Gargaaraa Komishinaraa Huseen Shiboo.
Atileetin lammii Yugaandaa Cheptegaayi Shaampiyoonaa Addunyaa kanaan meetira 10,000 mo'ate dorgommii meetira 5,000 irrattis ni fiiga jedhamee osoo eegamuu miidhamaan akka hin hirmaanne beekamee jira.
Atileetin kun hirmaachuu dhabuunsaa ammoo atileetota Itoophiyaaf carraa gaaridha jedhama.
"Inni keessaa bahuunsaa atileetota keenyaf carraa xiqqoo ni uuma abdii jedhun qaba," jechuun walumaa galatti miirri atileetonni medaaliyaa argamsiisuf qaban cimaa ta'uu himan Huseen Shiboo.
Shaampiyoonan Atileetiksii Addunyaa Budaappestitti gaggeeffamu har'a guyya saddeettaffaa kan qabate yoo ta'u, bori Hagayya 27, 2023 xumurama jedhamee eegama.