Hogganaan humna waraanaa Ameerikaa yaaliif hospitaala galuun yaaddoo uume

Hogganaa Humna Waraana US, Looyid Oostiin

Madda suuraa, Rooyitarsi

Maxxanfame

Hogganaan humna waraanaa Ameerikaa Looyid Oostiin dhibee kaanserii qaama saalaa dhiiraa keessatti bahuun [Prostate cancer] qabamuun yaalamaa jiru, jedhe Peentaagon.

Ibsa Peentaagon baaseen, Obbo Oostiin gar tokkeen hojii isaanii itti fufaniiru, ''hoggantoota gameeyyii isaan waliin hojjetanis qunnamaniiru'' jedhe.

Haa tahu malee, yoom mana yaalaatii baafamu kan jedhuuf guyyaan isaa hin ibsamne.

Obbo Oostiin yaalii baqaqsanii yaaluu ji'a Muddee keessa taasifameef hordofee dhukkubbii isaan mudateef Amajji 1 bara 2024, mana yaalaa galuun kutaa kunuunsa cimaan taasifamu [ICU] galfamuun yaalamaa turan.

Haa tahu malee, hamma guyyaa sadii darbutti qondaalonni waraanaa olaanoo fi Waayit Haawus akkas dhukkubsachuu isaa hin barre ture.

Ibsa Sanbata Peentaagon baaseen, barreessaa olaanaa Peentaagon Meejar Jeneraal Paat Raayider, ''Obbo Oostiin ''qunnamatii hojii eegamaa tahe guutuu argachuun waan guyyaa guyyaan adunyaa irratti tahaa jiru [Humna Ittisaa US] hordofaa jiru'' jedhan.

Haala keessa jiru irrattis guyyaa guyyaan odeeffannoo nuuf kennaa jira jedhan.

Ajajaan humna waraanaa Ameerikaa, ajaja humna waraanaa US keessatti pirezidaantii biyyattii gadi yoo tahu, miseensa kaabinee baay'ee murteessaa tahan keessaati.

Icciitiidhaan mana yaalaa galfamuun isaa ammoo yaaddoo nageenyaa fi iftoominaa biyyattii keessatti fideera.

Haala qabinsa fayyaa isaa irrattis qorannoo sadii Waayit Haawus keessatti akka gaggeeffamu taasiseera.

Ajajaan waliigalaa Peentaagon haalicha nan qoradha jedheera.

Qorannichi qorannoo guyyaa 30 waajjirri kaabinee isaa ajajee fi madaallii Waayit Haawus taasises ni hordofa.

Obbo Oostiin haala fayyaa isaanii qondaalota gameeyyii waliin hojjetanitti himuu dhabuu isaaniif akka malee qeeqamaniiru.

Uummanni akka barbaachisutti beekuu dhabuu isaafis dhiifama gaafataniiru.

Pirezidaanti Joo Baayiden jalqaba isa deeggaruun boodarra garuu haala dhukkubbii isaa kana beeksisuu dhabuun ''naamusaan ala'' jedhan.

Sana booda Waayit Haawus yeroo hojii itti fufuun hin danda'amnetti bulchiinsichaaf beeksisuu qabdu jechuun kaabinee isaaniitti beeksisan.