Hiriyoota sadan Yuunvarsiitii Ambootti daree tokko keessaa A+ tarreessan

Hiriyyoota sadan waliin A+ tarreessan

Madda suuraa, Eliyaas Hirphasaa

Maxxanfame

Waktiin kun yeroo itti yuunivarsiitiwwan Itoophiyaa keessa jiran heddu barattoota itti eebbisiisaniidha. Kanumaan walqabatee barattoonni Naannoo Oromiyaa irraa dhufan heddu haala kana dura hin baramneen qabxii guddaa A+ dhaan dabaalame galmeessuun eebbifamaa jiru.

Yuunivarsiitii Amboo kampaasii Haacaaluu Hundeessaa irraa oduun dhagahames dinqisiifannaa namoota hedduu argateera.

Hiriyoonni sadi gosa barnootaa 46 fudhatan keessaa A+ hanga 40 tarreessuun seenaa hojjatan. Hiriyoonni kunneenis Eeliyaas Hirphasaa, Baqqalaa Yaadasaa fi Zarubaabel Malaakuu jedhamu.

Barataa Raajii Ashannaafii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa (ASTU) irraa gosa barnootaa 60  barate hunda A+ fiduun raajii hojjatee eebbifamuun ajaa'ib nama jechisiise.

Kan Raajii Ashannaafii osoo raajeffannee hin fixin hiriyoonni Yuunivarsiitii Amboo sadi raajii biraa dalaganii kan baranaa adduma nama jechisiisan.

Barattoonni qabxii olaanaanaa galameessun Yuunivarsiitii Amboo irraa eebbifaman kun BBC Afaan Oromoo wajjin turtii taasisaniiru.

Eeliyaas, Baqqalaa fi Zarubaabel Yuunivarsiitii Amboo Mooraa Haacaaluu Hundeessatti gosa Barnootaa Saayinsii Kompiitaraa barachaa turuun Adoolessa 2,2022 qabxii walii galaa 4:00 fiduun eebbifamuu dubbatu.

Eeliyaas Hirphasaa gosa barnootaa 46 fudhate keessa A+ 40 fi isa hafe 6 A fiduun Yuunivarsiitii Amboo irraa qabxii olaanaa galmeessuun badhaasa waancaa mo’achuu hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baqqalaa Yaadasaa ammoo gosa barnootaa fudhate keessaa A+ 37 fiduun kaAN ammoo hunda A fidee qabxii walii gala 4:00 galmeessuun Eeliyaasitti aana.

Hiriyaan isaanii Zarubaabel Malaakuu ammoo A+ 33 fi kan hafe hunda A fiduun qabxii walii galaa 4:00 galmeessun eebbifame. Garaa garummaan isaanii qabxii walii galaa osoo hin taane baay’ina lakkoofsa A+ isaan argataniidha.

Sadan isaanituu mooraa tokko, muummee barnootaa tokko, daree tokkotti baratanii qabxii wal fakkaataa 4:00 fiduudhan eebbifaman.

Mooraa yuunivarsiitii keessatti yeroo heddu barattoonni walii walii isaanii morkatu, odeeffannoo wal dhoksu. Inni tokko isa kaan gatee darbuuf dorgoma. Kan hiriyoota kana sadanii garuu faalladha.

Anatu caaluu qabaadhaan wal goomataa, wal dorgomaa osoo hin taane hiriyummaadhan wal gargaaraa wal utubaa qabxii wal fakkataa argatanii milkiikaa'uu dubbatu.

“Nuti yeroo hundumaa gaarummaadhumaan wal gargaaraa waliin qo’achaa turre malee wal-goomachuun tokko gidduu keenya hin turre,” jedha Baqaalaan.

Hiriyyoota sadan waliin qabxii olaanaa galmeessa

Madda suuraa, Eliyaas Hirphasaa

Hiriyoonni kun akka jedhanitti hiriyummaan isaanii waggaa jalqabaa yuunivarsiitii eegalanii kaasee akka ta'e dubbatu.

“Waggaa jalqabaa seemisteera duraa irratti qabxii keenya barree hundi keenya hojjachuu akka dandeenyu erga hubannee booda wal gargaarree waliin hojjachuu akka qabnu murteessine,” jedha Eeliyaas.

Baqqalaa Yaadasaa gama isaatin, “Baay’ee walii gallee hojjanna turre. Waanan ani hin beekne Eeliyaas beeka, kan Eeliyaas hin beekne ammoo Zarubaabel beeka. Bifa kanaan wal gargaarree dubbisuun keenya ijoo milkaa’ina keenyati,” jechuun wal morkiin osoo hin taane wal gargaaruun akka milkaa’an dubbata.

Eeliyaas Godiina Wallagga Lixaa Aanaa Lataa Sibuu, Magaala Gooriitti akka dhalate duubata. Baruumsa isaa sadarkaa tokkoffaa achumatti barate. Baruumsa sadarkaa lammaffaa ammoo Godiina Beench Maajii magaala Mizaan Tafariitti barate.

Achii ammoo mana baruumsa qophaa’inaa bakka dhaloota isaatti deebi’uun xumuree bara 2011 A.L.I tti Yuunivarsiitii Amboo seene.

Baqqalaa Yaadasaa ammoo Godiina Addaa Naannawa Finfinnee Aanaa Sabbata Awaas magaala Awaash Malkaatti dhalatee akka guddate dubbata. Baruumsa sadarkaa tokkoffaa hanga qophaa’inaas achumatti barate. Baqqalaan obboloota dhiiraa lamaa fi dubaraa lama qaba.

Zarubaabel Godiina Wallaga Lixaa Mana aanaa Sibuu ganda Idooroo jedhamutti dhalatee guddate.

Zarubaabel baruumsa sadarkaa tokkoffa bakkuma dhaloota isaatti yoo baratu, sadarkaa lammaffaafi qophaa’ina ammoo magaalaa Mandiittii akka barate BBC tti hime.

Zarubaabel obboloota isaa arfan keessaa nama lammaffaa yoo ta’u, ijoollummaa isaatii kaasee barataa cimaa akka ture dubbata.

“Jalqabumaa kaasee barataa cimaa waanan tureef barattoota wajjin wal dorgomaa turre. Ergan mooraa seenee ammoo hiriyoota koo baruumsatti baay’ee ciccimoo ta’aniin wal baruun koo akkan caalmatti milkaa’u na taasise,” jechuun Eliyaas fi Baqqalaa wajjin turtii akkamii akka waliin dabarsan ibsa.

Itti dabaluunis, “Ani jireenya koo keessatti namnin fakkeenya Martin Luutar dha. Haasaa isaa keessaa ‘Ani Mul'atan Qaba’ kan jedhu anaaf bu’uura kooti,” jedha Zarubaabel.