Koreen Hariiroo Alaa US dhimma Itoophiyaarratti mariyachuuf

Madda suuraa, House Foreign Affairs Committee Majority
Koreen dhaabbii Hariiroo Alaa Koongireesii US Kamisa dhuftu dhimma Itoophiyaarratti akka mariyatu beeksise.
Koreen Hariiroo Alaa Koongireesii US ibsa Wiixata baaseen kamisa dhuftu bakka dippiloomaatotni olaanoon US dhimma Itoophiyaa hordofan argamanitti dhimma biyyattiifi hariiroo alaa isaaniirratti akka mariyatan ibseera.
Dhimmi kun koree dhimma Afrikaa ilaalu jalatti mata duree ''Itoophiyaa: Abdifi balaa, haala yeroo imaammata US'' jedhu jalatti akka gaggeefamu ibsameera.
Mariin kun abdiifi balaan Itoophiyaa keesssa jiru maal akka ta'e hubachuufi dhiibbaa imaammata alaa US Itoophiyaafi naannichaatti qabdu irratti kan xiyyeefatu akka ta'e eegama.
Marii kanarratti ergamaan addaa US Gaanfa Afrikaatti muudde Maayik Hamar akka argaman ibsameera.
Maayik Hamar torbanoota darban lola mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti godhamu karaa nagaa furuuf marii Tanzaaniyaatti gaggeefamaa ture jaarsummaan qindeessaafi milkieessuuf hojjechaa turan.
Mariin lola waggoota afurii oliif kutaalee Oromiyaa adda addaa goolaa bahe ni xumura jedhameeabdiin eegamaa ture.
US kan karaa dippilomatiishee kanaan jaarsummaa kanarratti himaachaa turte adeemsa jaarsummaa akanafi milkii dhabuu marii kanarrtti ibsa kennite hin qabdu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maayik Hamariin cinaatti Ejensii Misommaa idila addunyaa US, waajira dhimmoota Afrikaatti hoggana itti aanaa kan ta'an Teeler Beekelmaanis akka argaman ibsi Koreen Hariiroo Alaa baase ni agarsiisa.
Mariin kun Kamisa dhuftu akka lakoofsa US ganama sa'aa afuritti eegala.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti dippiloomatummaan bara dheeraa kan hojjetan Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa marii nagaa WBO fi mootummaa Itoophiyaa bakka qondaalli olaanaa US argamanitti mariin itti aanu jiraachuu haala hin akeekneen xumuramuun mootummaa Ameerikaaf ergaa jabaa qaba jechuun BBC himanii ture.
''Ameerikaan addunyaarratti aangoo guddaa qabduu fi qaamolee lameen irratti iyyuu dhiibbaa uumuu dandeessu akkamiin walitti araarsuu dadhabde kan jedhu gaaffii guddaadha'' jedhan.
Mariin koreen Hariiroo Alaa US dhimma Itoophiyaarratti gaggeessu kun mariin nagaaTaanzaaniyaa goolabamee torban tokko keessatti, akkasumas naannoo Amaaraa keessatti lolli humnoota mootummaafi hidhattoota naannicha keessa jiran gidduutti gaggeefamu yeroo itti fufee jirutti dhagaahame.












