Raashiyaan qilleensarraan magaalota Yukireen haleelte

Yuukireen

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Raashiyaan haleellaa misaa’elaa adda addaa Yukireen irratti raawwatteen, gamoolee jireenyaa fi biroo magaalaa Kaarkiiv fi Odesaa keessa jiran rukutuu ishee, angaa’otni Yuukireen beeksisan.

Haleellaan kun naannolee hedduutti tajaajila ibsaa addaan kutuu isaa, anga’ooti dabaluun himaniiru.

Akka bulchaan Maksiim, Marchenkoo jedhanitti haleellaan misaa’ela hedduu wiirtuu annisaa Odesaa rukute ibsaan akka addaan cituuf sababa ta’eera.

Dabaluunis, haleellaa kanaan naannolee manneen jireenyaa rukutamaniis lubbuun namaa darbe akka hin jirree himaniiru.

Hoogganaan bulchiinsa naannoo Kaarkiv, kan ta’an Oleeg Sineguboov magaalatti fi naannichaatti, “haleellaa 15“ ta’u gaggeeffameera jedheera.

Xiyyeeffannoon haleellaa kanaas “wiirtuulee diinagdee ijoo” fi gamoolee manneen jireenyaa ture jedhan.

Haleellaawwan dabalataa magaala Diniproo fi naannolee biroottis gaggeeffamuu gabaafamaniiru.

Haleellaan kun kan dhagahame yeroo lolli lafoo magaalaa Bakmuut, baha Yuukireen to’achuuf gaggeeffamu hammaachaa dhufettidha.

Humni waraanaa Yuukireen halleellaa Raashiyaan Bakmuut irratti gaggeessitu ofirraa ittisaa jiraachuu himus, humnootiin Raashiyaa ammoo walakkaa magaalatti to’achuu isaanii himu.

Raashiyaan magaalaa Baakmuut to’achuuf ji’ootaaf yaalaa turte.

Sababa lola kanaan gama lamaaniinuu namootni kumaatamaan kan lakkaa’aman lubbuu isaanii dhabaniiru.