Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Birhaanuu: ‘Gaangeen qe’eekootti dhalte biyya raajifachisaa jirti'
Obbo Birhaanuu Tamtimee Godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbee ganda Koortuu Caancoo jiraatu.
Maatii isaanii nama shan jiraachisuuf hojii qonnaa cinaatti madda galii dabaluu biraa yaadanii bara 2014 hojii gaarii jalqabuuf gaangee bitatan.
Gaangee kanaan waggaa tokko darbe keessa ganda baadiyyaa kanaa fi Baakkoo gidduu namaa fi meeshaa deddeebisanii jireenya waliin wal’aansoo qabaa turan.
“Hojii gaarii kanaaf jalqabumaa gaangee kanin itti filadheef, gaangeen lafa gaaras, lafa dirrees humna waan qabduuf gaarii kana akka gaariitti harkisti jedheen. Gaangee tana akka maleen kunuunsa. Biftishii yeroo hunda cululuqxuudha,” jechuun attamiin akka gaangee tana filachu dhaqan himu.
Ji’a muraasaa asitti garuu mallattoolee gaangee irratti hin baramne arguu akka jalqabanis dubbatu Obbo Birhaanuun.
“Gaangeen tuni garaanshii guddachaa deemee bifaanis tolaa dhufte. Harmishees gurguddachuu jalqabe. Namootni ilaalanii na gaafachu eegalan. Animmoo maaltu beeka Gaangeen tun dhaltee biyya raajii jechisiisti taha jedheetuman deebisaafii ture,” jedhan.
Obbo Birhaanuun gaaffii namootaa fi bifa gaangee isaanii kana ilaalanii gaangeen tun rimaa ta’uu shakkanis hojii idilee irraa garuu boqonnaaa hin kennineef.
“ALI gaafa Caamsaa 14 guyyaa hojii gaarii harkisuu kana ittiin hojjechaatuman oole. Gaafa Caamsaa 15, bara 2015 naannoo sa’aatii 5:30 gaangeen tun ni dhalte. Taateen kunis raajii nutti ta’e. Waan takkaa dhageenyee fi arginee hin beekne,” jedhu.
Gaangeen isaanii tun erga Ilmoo dhaltee booda garuu amala kana dura hin qabne akka mul’isaa jirtus himan.
“Namaa fi beellada ofitti hin siksitu. Halaalatti ofirraa ariitee ilmooshii kana kunuunsaa jirti. Amma ilmoon ishees burraaquu jalqabde,” jechuun jijjirama amalaa irratti argan himu.
Ta’ii haaraa qe’ee isaaniitti ta’e kana namoonni ollaa fi lafa fagoorraa dhufanii daawwachaa fi raajeffachaa akka jiiranis himu.
Gaangeen Obbo Birhaanuun hojiif jedhanii bitan tunis dhaluudhaan seenaa raajii ta’e qe’ee isaaaniitti fiduutti akka gammadaniifi hojiin isaanii garuu akka jalaa dhaabbates himu qonnaan bulaan kun.
“Gaangeen tun dhaltee seenaa kana dura dhaghamee hin beekne qe’ee kiyyatti ta’uu baayyeen gammade. Garuu maddi galii maatii keenya ittiin jiraachisnu qonnaa maddiitti humna ishiitini ture. Amma erga dhalteen booda hojicha dhaabeera,” jedhu Obbo Birhaanuun Gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin.
Ilmoo gaangee haaraa qe’ee isaaniitti dhalatte kunis erga jabaatteen booda gara hojii idilee isaaniitti deebi’uuf akka yaadanii fi ammatti gaangee dhalte kanaa fi Ilmooshee kunuunsaa jiraachuus himan.
Ammaan duralleen darbee darbee oduun ‘gaangeen dhalte’ jedhu kan dhagahamu ta’ulleen ta’iin qe’ee Obbo Birhaanutti ta’e kun naannichatti mula’tee waan hin beekneef hawaasa kan ajab jechisiise ta’eera.
Ofii gaangeen dhaltee beektii?
Kanaan dura biyya Morookkoo keessatti gaangeen dhaluun ishee hakiimoota beeladaatiin mirkanaa'u BBC bara 2002 keessa gabaasee ture.
Oggeessi beeladootaa akka jedhaniitti abbaan ilmoo dhalattee harree yoo ta'u haatii ishee ammoo gaangee dhugaa turte.
Taatee mudate kunis waan saayinsii jedhu kan faalleesseedha jedhee ture.
Gaangeen mataan ishee harreefi farda irraa kan dhalattuu waan ta'eef umamaan dhalu akka hin dandeenyee hima saayinsiin.
Sababii umamni jiinii gaangee dhala godhachuuf sababii hin dandeessineef jecha ni dhalti jedhamee hin eegamu, ykn gaangeen dhaluun waan barame miti.
Haata'u malee gaangaan umuriin ishee waggaa 14 taatee tokko biyya Morokkoo bulchiinsa Oulmees jedhamu kan magaalaa seena qabeettii Fezii irraa fageenya km 80 argamu keessatti dhaluun ishee oggeessaan mirkanaa'eera bara 2022 keessa.
Fardi umamaan kiromozomii 64 fi harreen ammoo kiromozoomii 62 kan qaban yoo ta'u, gaangeen kan jara lamaan irraa dhalattu ammoo kiromozoomii 63 qabdi.
Kanaafuu haalli lakkoofsi kiromozimii kopxii (guutuu hin taane) qabdi. Kanatu Gaangee dhala gochu dhorka jedha saayinsiin.
Taatee ammaa kun agruu waan saayinsiin jedhu kana kan faalleesseedha.