Chelsii v Arsenaal, Tootenahaam v Liiverpuul- Wantoota beekuu qabdan

Obaamiyaangi Arsenaaliif taphataa ture amma Chelsiif taphata

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Chelsii har’a qormaata jabaatu Darbii Landaniin eeggata. Arsenaal dursaa liigichaa waliin taphata. Giraam Pooter akkuma leenjisaa Chelsii tahaniin taphoota saddet hin mo’amne ture.

Torban darbe Biraayitaniin haala kufaatii fakkaatuun mo’aman.

Taphattootni isaanii jajjaboon akka Riis Jeemsi, Chiilwel, Ngolo Kaantee, karra eegaa isaanii Arizabalagaa, Wesilii Foofanaa fa’a miidhamaan hin taphatan.

Arsenaaliif Bukaayoo saakaan qophiidha. Oleksaander Ziinchenkoo malee Kiren Tiyeernii fa’as miidhama irraa fayyaniiru.

Arsenaal erga bara 1974 as yeroo jalqabaaf walitti aansuun yeroo sadii dirree isaan ala Chelsii mo’uuf taphata.

Ayemirik Obaamiyaangi leenjisaa Arsenaal Maayikil Artetaa waliin wal dhabuun kilabichaa bahee Baarseloonaa gale.

Bara kana gara Landanitti deebi’uun Chelsiif taphata. Har’a Arsenaal irratti kan lakkoofsisu yoo tahe Sees Fabirigaasitti aansuun taphataa duraanii Arsenaal Chelsiif taphachuun galchii lakkofsisu tahuu isaati.

Tootanahaam V Liiverpuul

Taphni jabaan gara biraa eegamu Tootenahaamii fi Liiverpuul gidduutti kan gaggeeffamudha.

Tootenaahmiif oduu gadhee kan tahe miidhama taphataa lammii Kooriyaa Kibbaa Son Haangi Miinidha.

Tapha Shaampiyoonsi Liigii Maarsee waliin taphatan irratti fuula isaa irra miidhamee bahe.

Waancaa Adunyaaf dhaqqabuun isaas shakkisiisa. Riicharlisan fi Kiristaan Roomeeroon miidhamaan hin taphatan.  Kuluseviskii fi Lukaas Mooraan ammo sa’a xumuraa kanarra barama.

Liiverpuul torban darbe erga Liidsi Yuunaayitidiin mo’amee qabxii argachuu falmii jabaa taasisa.

Lamaan isaanii morkattoota isaanii mo’achuun Shaampiyoonsi Liigiif marsaa itti aanuuf darbaniiru.